Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Iraan humnoota galaanaa Faransaay fi Biriteen Ulaa Hormuutti bobbaafaman akeekkachiifte

Iraan humnoonni galaanaa Faransaay ykn Biriteen Ulaa Hormuuzitti kan bobbaafaman taanaan "deebii murteessaafi hatattamaa" akka kennitu akeekkachiifte.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Abbaan ijoollee jaha haati warraa qaama saalaa irraa muran maal jedhu?

    Akeekkachiisa: Qabiyyeen odeessa kanaa miira keessan jeequu mala.

    Dhiyeenya kana Arsiitti haatii warraa abbaa warraarraa qaama saala guutummaatti muramuu gabaasne turre.

    Namni qaamni saalaa irraa murame kun abbaa ijoollee jahaa yoo ta'an, Obbo Aabbee Miidhagsoo jedhamu.

    Amma haala akkamii keessa jiru? Waan haaraa gaafanne kunooti.

  2. Daawwannaan Tiraamp Chaayinaatti taasisan waraana Iraanif furmaata ta'aa?

    Beejiing daawwannaa preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Chaayinaatti taasisan mirkaneessite.

    Prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp Caamsaa 13 hanga 15tti Chaayinaa akka daawwatan Beejiing kan mirkaneessite yoo ta’u, Pirezidaantii Chaayinaa Shii Jiinping waliin waa’ee waraana Iraan akkasumas dhimma daldalaa irratti ni mari’atu jedhamee eegama.

    Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa akka jedhanitti, “affeerraa Pirezidaanti Shii Jinpingiin Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp Caamsaa 13 hanga 15tti daawwannaa hojii Chaayinaa ni taasisa” jedhan.

    Dhiheenya kanas Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaa Araghchi daawwannaa Chaayinaa taasisaniiru.

    Kun erga gara waggoota sagaliitii daawwannaa pirezidaantiin Ameerikaa Chaayinaatti taasisan isa jalqabaa ta’a.

    Imalli Tiraamp jalqaba Amajjiitti beellamamee ture, garuu sababa waldhabdee Baha Giddu Galeessaa keessatti itti fufee jiruun yeroo biraatti darbe.

    Kanaan dura Chaayinaan Ulaa Hormuz daldala addunyaaf murteessaa ta'e cufuunis murtee sirrii akka hin taane ibsaa turte.

    Akkasumallee marii nagaa akka milkaa'uuf dhiibbaa gochaa turte.

    Odeeffannoowwan dabalataa asii dubbisuu dandeessu:

  3. Hireen namoota miliyoona kudhanii olii beelaaf saaxilamuu Iraan harka jira- UN

    Xaa’oon yeroo dhiyootti karaa ulaa Hormuz akka geejjibsiifamu yoo hin hayyamamne namoonni miliyoona kudhaniin lakkaa’aman beelaaf saaxilamuu akka danda'an Dhabbanni Biyyoota Gamtoomanii akeekkachiise.

    Qondaalli Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii tokko, yeroo gababaa keessatti xaa’oon ulaa Hormuuzin akka geejjibsiifamu Ameerikanis ta'ee Iraan oo hin hayyamne beelli cimaan muudachuuf deemaa jedhan.

    Sababa danqaa ulaa kanaan wal qabatee namoonni miliyoona kudhaniin lakkaa’aman beelli fi hongee isaan mudachuu akka danda’u akeekkachiiseera jechuun AFP kan gabaase.

    Daarektarri olaanaa Waajjira Tajaajila Pirojektii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Jorge Moreyira da Silva gaaffii fi deebii AFP waliin taasisaniin, ''waan gara rakkoo gargaarsa namoomaa guddaatti jijjiiramuu danda'u ittisuuf torban muraasa qofa qabna,'' jedhan.

    Itti dabaluudhaanis, "Rakkoo namoota dabalataa miiliyoona 45 gara beelaatti geessun dura furmaatni waaraan hatattamaan akka kennamu gaafataniiru.

  4. Deebiin Iraan Ameerikaaf deebiste maal of keessaa qaba?

    Ministeerri Dhimma Alaa Iraan yaadni Tehran waldhabdee amma jiru dhaabuu fi ulaa Hormuz banuuf dhiheessite kan ''ittigaafatamummaa fi nageenya'' fiduuti jedhe.

    Haa ta'uu malee Waashingitan gaaffii qabatamaa hin taane dhiheessuun akka hin milkoofne taasissaa jirti jechuun himate.

    Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Esmae'il Bagahi kana kan dubbatan Pirezidaanti Tiraamp yaada filannoo Iraan karoora Ameerikaan marii nagaa irratti dhiheessite erga kuffisanii booda.

    Dubbi himaan kuni gaaffiin Iraan qabeenya ishee biyya alaa keessatti dhorkame gadhiisuu dabalatee “mirga seera qabeessa” Tehran ta’uu cimsanii dubbataniiru.

    Nuti kan gaafannee waraanni guutuu naannichaa akka dhaabbatuu fi qabeenyi dhorkame biyya alaa akka gadhiifamudha. Wanti nuti gaafanne mirga seera qabeessa Iraan qofa'' jedhan

    Itti dabaluunis Gaaffiin Iraan “waraana naannichaa xumuruu,” uggura humna galaanaa Ameerikaa xumuruu, fi “qabeenya ummata Iraan kan waggootaaf haqa malee baankota biyya alaa keessatti qabamee ture gadhiisuu” kan dabalatu jedhan

    Waldhabdee haaraa Teehiraan fi Waashingitan gidduutti uumame hordofuun gatiin boba’aa ammas ol ka’eera.

    Kunis daangeffama doonii karaa Ulaa Hormuz irratti kaa’ame fi karooraa marii dhiyaatu biyyootni lammanuu udhachuu dhabuu isaanirraa kan ka'e gara warsaanatti deebi'uu danda'u yaaddoon jedheu guddachaa dhufuu isaatini

    Akkasumas gabaasawwaan dabalataa

  5. West Haam goolii haqamerratti ol iyyachuuf

    West Haam tapha Arsenaal waliin taphaterratti goolii haqame ilaalchisuun garee daanyotaa- Professional Game Match Officials (PGMO) jedhamitti iyyata akka galchu ibse.

    Gooliin Kaaluum Wilsan imala morkii waancaa Arsenaal kan gufachiisuu fi West Haamiif abdii kufaatii jalaa ooluu kan fidu ture.

    Garuu erga VAR taphataan West Haam morma gooli eegaa Arsenaal Deeviid Raayaa hudhuu mirkaneessee gooliin sun haqameera.

    Murtee kanarra ga'uun daqiiqaa afur caalaa fudhate.

    Murteen VAR kun tapha baranaa keessatti isa guddaa fi muddama cimaan guutame ture.

    West Haam murtee akkaan falmisiisaa kana booda erga gooliinsaa haqamee komii qabuu fi xalayaa ibsa dabalataa gaafatu qaama PGMO jedhamu kanaaf dhiheessuuf jira.

    ergaa sagalee daanyaa dirree irra ture Kiriis Kavanaag fi daanyaa VAR Daren Ingilaand gidduu tures gaafachuuf jedhu.

    Gooliin kun haqamuu Arsenaal qabxii shaniin Maanchistar Siitii caalee tokkoffaarra akka ture taasiseera.

    Sadarkaa 18ffaarra kan jiru West Haamitti ammoo abdii liigicha keessatti hafuu dukkanneesse.

    Jifataan duraanii Ingilaand fi Maanchistar Yunaayitid Waayin Roonii VAR goolii sana haquunsaa ''dhugaatti hojii akkaan gaarii ta'eedha,'' jedhe.

    ''Balleessaa ifatti mul'atu,'' jedhe.

  6. Waraanni Iraan waa'ee biyyattii waan haaraa maal addunyaa barsiise?

    Qoccolloon Iraan fi biyyoota lixaa, keessaahuu Ameerikaa, erga eegalee waggoota kurna hedduu lakkoofsiseera.

    Garuu biyyoonni kunneen yeroo dheeraaf osoo waraana kallattiin walirratti hin labsin turaniiru.

    US wayita biyyoota akka Iraaq, Afgaanistaan, Yaman, Liibiyaa keessatti tarkaanfii waraanaa fudhataa turtellee Iraan keessa humna waraanaashee galchitee hin beektu.

    Addunyaan humni waraanaa US biyyoota Baha Giddugaleessaa ykn Galoo Galaanaa keessa seenee argiteetti, kan Iraan garuu doorsisa irraa kan hafe [keessattuu sagantaa nukilaraa Iraan irratti] qabatamaan tarkaanfiin waraanaa fudhatame hin turre.

    Kanarraa ka'uun US fi Iraan kallattiin yoo wal waraanuutti seenan maaltu akka mudatu addunyaa maraaf yaaddoo guddaa ta'ee tureera.

    Waxabajjii 2025 wayita Israa'el haleellaa Iraan irratti eegaluun, boodarra US gara Israa'el gortee Iraan haleeluu eegaltu, iji addunyaa gara waraana Iraan deebi'e.

    Waraanni sun guyyoota 12f erga gaggeeffamee booda dhaabbatus, yeroo waggaa hin guunne keessatti US fi Israa'el walta'uun Iraan irratti waraana banan.

    Ergasii waan baayyeetu mudate. Waraanichi addunyaarratti dhiibbaa guddaa uume. Waa'ee Iraanis waan nuti beeknuu fi eegaa turreen ala waan haaraa baayyee nu barsiise.

  7. Iraan humnoota galaanaa Faransaay fi Biriteen Ulaa Hormuuzitti bobbaafaman akeekkachiifte

    Pirezidantiin Faransaay Imaanu'eel Maakiroon biyyisaa Ulaa Hormuuz irratti humna galaanaashee bobbaasuudhaaf “karoora akka hin qabne” ibsuun garuu “Iraan waliin ta’uun” waraana ergama nageenyaa kennu akka ta’u dubbateera.

    Sambata humni galaanaa Biriteen sochii dooniiwwan Ulaa Hormuuzirratti taasifamu eeguuf ergama idil-addunyaa taasifamurratti hirmaachuudhaaf doonii isaa gara Baha Giddugaleessatti erguuf akka jiru beeksiseera.

    Ministirri Muummee Yunaayitid Kingidam Kiir Istaarmaar fi pirezidantiin Faransaay waliin ta’uun ergama idil-addunyaa jedhame kana deeggaruu dubbataniiru.

    Wixata har’aa ministiroonni ittisaa biyyoota 40 ol ta’an adda durummaa UK’tiin gaggeeffamu karoora duula sochii doonii Ulaa Hormuuz irratti taasifamu eeguurratti walga’anii mariyatu jedhamee eegama.

    Tehraan Ulaa boba’aafi gaaziin uumamaa addunyaa harka shan keessaa tokko ta’e keessa darbu kana erga Ameerikaafi Israa’el Guraandhala 28, 2026 waraana irratti bananii kaastee guutummaan guutuutti cufteetti.

    Dubbi-himaan waraana Iraan Mohaammad Akiraamiiniyaa dooniiwwan karaa Ulaa Hormuuz darban dursa Iraan waliin hin tumsan yoo ta’e “tarkaanfiin hamaan” akka isaanirratti fudhatamu akeekkachiiseera.

  8. ASHAMAA!

    Oduu toora kallattiin isin biraan geenya kan har'aa jalqabneerra.

    Iraan humnoota galaanaa Faransaay fi Biriteen Ulaa Hormuutti bobbaafaman akeekkachiifte.

    Odeessaalee keenya karaa Marsariitii, YouTube, Facebook fi WhatsApp ni argattu.

    Wal himannaa Itoophiyaafi Sudaan booda Ameerikaan waamicha taasiste.

    Haleellaa Israa'el Libaanositti raawwatteen namoonni soddomii sagal ajjeefamuu Ministeerri Fayyaa Libaanos beeksise.

    'Pirezidantota Tigraay lamaan' - TPLF si'achi maal godha? Mootummaan maa callise

    Qoqqobbiiwwan Ameerikaan Ertiraarra keessee turte kan akkamiiti?

    Waraana US fi Israa'el Iraan irratti banan eenyutu mo'e?

    Kanneen jedhaniifi kan biroo argattu.

    Nu hordofaa!