Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Balaa abiddaa Los Anjalasiin lakkoofsi namoota du'anii 16 ga'e

Bubbee hamaan balaa abiddaa to'achuurratti hojjettoota balaa abiddaa akkaan danqeera, lakkoofsi namoota balaa kanaan du'anii ammoo 16 ga'e.

Guduunfaa

  • Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo hordofaa
  • Hamaas Israa'eloota butee fudhate 34 dhukaasa dhabuurratti yoo waliigalame gadhiisu tarreesse
  • Raashiyaan gaazexessaan ishee diroonii Yukireeniin ajjeeffamuu himte
  • US bakkeewwan garagaraa sababii cabbii cimaatiin labsiin yeroo muddamaa labsame
  • Yukireen Kurisk keessatti haleellaa haaraa Raashiyaarratti raawwataa jirti
  • Cabbiin hamaa US rukkute
  • Magaalonni US cabbiin bu'ee 'daaraa uffatan'

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Hattoonni balaa abiddaa dawoo godhachuun mana namaa saaman

    Dursaan poolisii Los Anjalas hattoonni kunneen akka hojjettoota balaa abiddaatti uffatu jedhe.

    Manneen namoonni akka keessaa ba'an gorfaman cabsuun saaman jedhe poolisiin.

    Hanga ammaa yoo xiqqaate namoonni yakka akkasiirratti hirmaatan 20 ta'an to'atamuus hime.

    "Hanni dhimma yaachisaa ta'eera. Lakkoofsi namoota saamichaan qabamanii hidhamanii dabalaa jira,'' jedhan Maayik Looranzi.

    Namoota hojjettoota balaa abiddaa fakkaachuun mana namaa seenanii qabeenya saamanii ba'an lama qabnee hiineerra jedhan qondaalli poolisii kun.

    Jiraattonni Los Anjalas qabeenyasaanii eegsifachuuf eegdota dhuunfaa qacarataa jiru jedha gabaasi Fox News ammoo.

  2. Iddoo akka namoonni ba'an ajajame keessaa tokko bakka qabeenyi Kaamaalaa Haariis itti argamuudha

    Bakka balaan abiddaa hammaachuun namoonni akka gadhiisan ajajaman keessaa tokko bakka qabeenyi Pirezidantii Itti Aantuu US Kaamaalaa Haariis itti argamuudha.

    Taphataan beekamaa kubbaa kachoo Liibiraaon Jeems, taatoo fi bulchaan duraanii Kaalifoorniyaa Arnoold Shiwaazinegar, hooganaan Disney Boob Igeer fi raappari beekamaa fi qopheessaan sirbootaa Dr. Dre bakka kanaa qabeenya qabu.

    Qondaalli balaa abiddaa naannoo PasadenaChadAugustin, namoonni yeroo ajajamanitti bakka kana gadhiisuuf qophaa'uu qabu jedhan.

  3. Loos Anjalasitti manneen 35,000 humna ibsaa hin qaban

    Manneeniifi daldalooti Loos Anjalas 35,000 tahan humna ibsaa hin qaban jedhe marsariitiin lafa ibsaan bade hordofu tokko.

    Tilmaamni marsariitii Poweroutage.us maamilooti 17,500 dhaabbata humna ibsaa Edisan Kaalifoorniyaa Kibbaa ibsaa hin qaban.

    Dabalataan maamilooti 17,700 Waajira Bishaaniifi Humna Ibsaa akkasumas maamilooti Bishaaniifi Ibsaa Paasadiinaa humna elektiriikii argachaa hin jiran.

    Waajirri Bishaaniifi Humna Ibsaa Loos Anjalas Kibxata erga ibiddi qabatee maamiloota 350,000 tahaniif hojjettoota 100 bobbaasuun ibsaa deebiseera jedhe.

  4. Angawooti dirooniiwwan dhuunfaa to'annoo ibidddaa jeeqaa jiran akeekkachisan

    Akka gabaasa miidiyaalee Ameerikaatti dirooniiwwan namoota dhuunfaa naannoo ibiddi babal'achaa jirutti balali'an xiyyaarota ibidda dhaamsuuf ifaajan jeeqaa jiru.

    Daangaa yeroof balaliin itti dhorkame Paaliseedis keessatti dirooniiwwan 30 sa'atii 24 keessatti mul'ataniiru jechuun dubbii himtuun Waajira Ibiddda Loos Anjalas Sheeyilaa Keeliiheer himan.

    Angawooti daangaa yeroof balaliin dhorkametti diroonii balaliisuun seeraan ala jechuun himaniiru.

    Xiyyaarri Kanaadaa irraa ergifatame Kiyuubeek 1 jedhamu torbe darbe Paaliseed keesstti diroonii dhuunfaa eeyyama hin qabnetti bu'uun miidhamuun hojii dhaabeera. Namni miidhamuun garuu hin gabaafamne.

    Dirooniin iddoo xiyyaarri ibidda dhaamsu jirutti yoo argaman hojiin addaan kuta jedhan Keeliiheer.

    Jeequmsi akkasii ittisa balaa dhorkuun dabalataan tattaaffii lubbuu baraaruu danqa jedhan.

    ''Yaadadhaa maaloo, yeroo isin balaliistan nuti immoo hin dandeenyu, hunda keenya balaarra buusa,'' jedhan.

  5. Yukireen loltoota Kooriyaa Kaabaa lama Raashiyaatti qabachuu himate

    Yukireen Raashiyaa, Kuuriski Obilaast keessatti loltoota Kooriyaa Kaabaa madaa'an lama qabachuu himte.

    Pireezidantiin Yukireen Voloodmiir Zeleeniskii loltoonni madaa'an kunneen booji'amtoota waraanaa tahuun qabaman jedhan Sanbata kaleessaa.

    Namoonni lamaan kunneen ''deeggarsa fayyaa barbaachisaa'' argachaa jiru, eegumsa Tajaajila Nageenyaa Yukireen Kiiv argamu jalattis argamu jechuun Zeleeniskiin dubbataniiru.

    Pireezidantichi loltoota tajaajilaa fi Humna Oppireeshinii Addaa loltoota Kooriyaa Kaabaa kunneen qabataniin galateeffataniiru.

    Dabaluunis ''hojii salphaa hin turre'' Raashiyaa fi Kooriyaan Kaabaa ragaa hirmaannaa Kooriyaan Kaabaa waraana kana keessatti qabdu dhoksuudhaaf jecha loltoota ni ajjeesuu jedhan.

    Ibsi Tajaajilli Tikaa Yukireeniin bahe booji'amtoonni waraanaa kunneen gaafa Amajjii 9 kan qabaman yoo tahu, akka waliigalteen idil-addunyaa, Jiniivaa Konveenshin ajajutti battalumaan deeggarsa fayyaa argachuun gara Kiiv geeffamaniiru jedha.

  6. Lakkoofsi namoota du'anii 16 ga'e, bubbeen abidda dhaamsuu dhowwe

    Waajjirri Fayyaa Los Anjalas haga ammaa namoonni 16 balaa abiddaan lubbuu dhabuu ibsus lakkoofsi kun dabaluu akka danda'u qondaalonni himaniiru.

    Qilleensi cimaan balaa abiddaa kana hammeessu guyyoota dhufan akka mudatu raagameera.

    Hojjettoonni balaa abiddaa balaa kana to'achuuf bubbee hamaa waliin wal'aansoo qabaa jiru.

    Qondaalonni akka jedhanitti bubbee hamaan gammojjii- Santa Anas, jedhamu Dilbata har'aarraa eegalee hanga walakkeessa torban dhufuutti ni mudata.

    Keessattuu hanga Roobii dhufuutti qilleensi hamaan kun balaa abiddaa kana daran babal'isuuf deema jedhan qondaalli balaa abiddaa Los Anjalas Antoonii Maruun.

  7. Tamsaasa kallattii eegalle

    Tamsaasa kallattii kanaan balaa abiddaa Los Anjalas irratti xiyyeeffanna.

    Balaan kun hanga ammaatti lubbuu namoota 16 galaafateera.

    Qilleensi hamaan abidda kana babal'isa sodaa jedhutu jira.

    Odeeffannoo jiran hordofnee isin biraan geenya.

  8. Hojjattoonni balaa ibidda ibiddi itti dhiyaanaan baqatan

    Ibiddi bosonaa Ameerikaa eddoowwan garaa garaa shan keessatti guyyootaaf boba'uun naannicha barbadeessaa jiru ammas akkuma itti fufeetti jira.

    Waraabbiin viidoo asiin gadii kunis yeroo ibiddi bosonaa naannoo gaarreen Saantaa Mooniikaa kan Kaalifoorniyaa keessa jiru keessa yeroo boba’u fi hojjattoonni balaa ibiddaa fi konkolaattonni kaan ibiddaa saffiisaan qarqara galaanaa irraa babal'ataa jiruu jaraa baqatan agarsiisa.

    Konkolaattonni 10 ol ta'an, motora ibiddaa muraasa dabalatee, laboobaa ibiddaa kanarraa baqatanii osoo deemaa jiranii mul'ataniiru.

    Namoonni ibidda dhaamsan muraasni konkolaattota cinatti miilaan bakka sana yeroo baqatan kan mul'atan yoo ta'u, helikooptaroonni ammoo ibidda saffisaan babal'achaa jiru kana bishaan irratti facaasanii darban.

    Kunooti viidiyoo gabaabduu tana doowwadhaa.

  9. Lammiileen Itoophiyaa baayyeensaanii qullaa ukkaamfama 26 Afriikaa Kibbaa keessatti poolisiin argaman

    Poolisiin Afriikaa Kibbaa lammiilee Itoophiyaa ta'u jedhamuun kan tilmaamaniifi mana tokko keessatti ukkaamfamanii taa'aa kan turan namoota 26 Johaansbarg keessatti argachu beeksiise.

    Godaantoota mana keessaa argaman keessaa 15 isaanii qullaa kan turan yoo ta'u, kanneen hafan 11 dhiheenya manichaatti argaman ammoo kan miidhaann irra gahe ta'u dubbataniiru.

    Namoonni 26 kenneen Kamisa galgala kaaba baha magaalaa Johaansibargiitti ollaa qarqara galaanaatti argamutti kan qabaman erga namoonni naannicha jiraatan poolisiin eeruu kennaniin booda ta'u ibseera.

    Dhimmicha waliin wal qabatees namoonni sadii to'annoo jala oolfamaniiru.

    Godaantoonni lammiilee Itoophiyaati jedhaman kunneenis attamiin akka gara biyyattii seena ifa ta'u baatulleen, saaxilamtoota namoota karaa seeraan alaatiin nama dadabarsanii ta'usaanii aanga'oonni qorannoo gaggeessaa jiru.

    Poolisiin dhimmicharratti ibsa baaseen, ''gareen seeraan ala namoota dadabarsu'' caasa isaa babal'ifachuu kaaseera.

    Aanga'oonni godaandootnni kunneen haala akkamiitiin ukkaamfamanii akka turanii fi kaansaanii maaliif qullaasaanii akka turan odeeffannoo bal'aa hin kanniine.

    Godaantoonni dhiheenya manichaatti argaman ''kan foddaa cabsuun miliqaniidha'' jechuun dubbatan, poolisiin biyyattiitti dubbi himaan garee hordoffii yakka cimaa.

    Manicha keessaa miliquudhaaf foddaa yoo cabsanii fi sibiila foxxooqsuuf yoo yaalan kanneen miidhaan irra gahe wallaansa akka argataniif gara hospitaala geeffamusaanii ibseera.

    Argamuu godaantoota kanneeniitiin wal qabatee shakkamtoonni to'annoo jala oolfaman sadan meeshaa waraanaa seeraan alaa qabatanii kanargaman yoo ta'u, dadabarsa namootaa seeraan alaa keessatti hirmaataniiru jedhamuun himatamaniiru.

    Koloneel Nikaalaaseen, ''qorannoo dabalataatiif dhimmichi qaama ilaalatuutti dabarfameera. Namoonni sanada seeraa hin qabne 26 ammatti saaxilamtoota dadabarsa namoota seeraan alaa ta'usaanii mirkanneessuuf dhimmisaanii ilaalamaa jira'' jedhan.

    Bara darbes mana jireenyaa baha Joohaansibargi tokko keessatti lammiileen Itoophiyaa 90n kanneen sanda seeraa hin qabne fedhiisaaniin ala haala sukkanneessaan qabamanii argamusaanii ni yaadatama.

    Godaantoonni lammiilee Itoophiyaa kunneen argamu kan danda'an wayita poolisoonni humnoota nageenyaa biraa waliin ta'un nama ukkaamfamee gara biraa barbaadaa turaniittiidha.

    Namni poolisoonni barbaadaa turanis manuma lammiileen Itoophiyaa keessatti ukkaamfamanii turan keessatti argame.

  10. Janaraalli ergaawwan falmisiisaan maxxansuun beekamu X irraa of haqe

    Janaraal Muhoozi Kaayinerugaabaa. ilmi pireezdaantii Yugaandaa Yooweerii Musevenii, kan ergaawwan falmisiisaa maxxansaa turan amma toora X isaa dhaabuu beeksise.

    Jeneraalli waraanaa kan umuriin ganna 50 kun dirree siyaasaa irratti caalaa hirmaachaa dhufuun, haalaa pirootokoolii waraanaa cabsuun, abbaasaanii bara 1986 irraa eegalee aangoorra jiran bakka bu’uuf hawwii qaban irratti falmii kaasaa ture.

    Dhiheenya kanas ergaan karaa X gubbaatti nama siyaasaa mormituu biyyattii keessatti adda duree kan ta'e Boobii Waayiin morma akka irraa muru doorsisuun barreessee aarii kaasee ture.

    Jeneraal kunis barreeffama isaanii isa dhumaa kan Jimaata maxxanse irratti, ''amma yeroon itti dhiisuudhaan xiyyeeffannaa isaa'' gaheewwan waraanaa isaaniirra itti taasisuu gahuu himuudhaan, garuu ammoo gara fuulduraatti hordoftoota isaa miliyoona tokko waliin ''walitti akka deebii'u'' waadaa galeera.

    Janaraal Kaayinerugaabaa yeroo jalqabaatiif miti kan akkaawuntii X isaa cufee (deactivate) godhe. Bara 2022tti waltajjii maaykiroo biloogiing (micro-blogging) dhiisuudhaan booda ammoo guyyootaan booda deebi'e ture.

    Qeeqxonni ergaawwan inni miidiyaa hawaasaarratti dabarsuun jeneraalicha irratti komii kaasan, kunis dhimmoota loltuu tajaajilaa jiruuf dhorkaa ta'an hojjata jechuudhaan.

    Bara 2022 keessas, biyya ollaa Keeniyaa irratti weerara taasiisuu mari'achuu isaatiin mata duree oduu ta'ee ture. Yaadni isaa sunis abbaansaa gidduu seenee dhiifama akka gaafatuuf dirqisiisee ture.

    Janaraalli kunis dhiheenya kana arreeffamni mataa Boobii Waayin, kan maqaansaa dhugaa Roobart Kyagulanyi jedhamu irraa "kutaa" jedhee doorsisuun biyyattii keessatti balaaleffannaa cimaa kaasee ture.

    Janaraalichi waa'ee barreeffama akka qoosaa ta'u ibsee sana irratti dhiifama gaafatulleen, Boobii Waayin garuu doorsiisa sana akka laayyootti akka hin fudhannee himee ture.

    Mootummaan biyyattiis barreeffamicha tuffachuudhaan, karaa dubbii himaa Janaraala kanaatiin miidiyaa hawaasaatiin, barreeffama ''salphaa'' kan akka imaammata idilee agarsiisuutti fudhatamu hin qabneedha jedhee ture.

  11. Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo hordofaa

    Oduu, xiinxala, gaaffiifi deebii akkasumas taatee addunyaa jala jalaan Chaanaalii WhatsApp keenyarratti hordofaa.

  12. Mootummaan Itoophiyaa miidhaa balaa ibiddaa Loos Anjalasiin qaqqabeen gadduu ibse

    Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa ibsa baaseen, miidhaa balaa ibidda bulchiinsa Kaalifoorniyaa, Loos Anjalas keessatti mudachuun qaqabe ilaalchisuun gadda itti dhagahame ibse.

    Ministirichi ibsa har'a baaseen, ibiddaa Kibxata eegale lubbuu namoota 10 caalanii galaafateefi qabeenyaa barbadeesseen gadduu ibseera.

    Balaa ibidda bosonaa kanaanis kumaatamni qe'eerraa buqqa'aniiru, qabeenyaa fi uumama adda addaarraa miidhaa guddaan ga'eera.

    Kun mootummaa Itoophiyaa baayyee akka isa gaddisiisu eera ibsi ministeera dhimma alaa biyyattiin bahe kun.

    Mootummaan Itoophiyaa tibba miidhaa gaddisiisaan mudate kanatti uummataafi mootummaa US faana ta'uun gaddasaanii akka qooddatu ibsa kana keessatti eerameera.

    Rakkoo fi rifaatuu lammiileen Itoophiyaa fi kanneen hundeensaanii Itoophiyaa ta'ee amma Loos Anjalas keessa jiraatan waliin mootummaan Itoophiyaa akka qooddatu ibseera ministeerri dhimma alaa ibsa isaa kanaan.

    Balaa ibiddaa kanaan hanga ammaatti namoonni kuma 180 caalan q'eerraa buqqa'aniiru. Manneen fi gamoowwan daldalaa kuma 10 caalanis barbadaa'aniiru.

    Kuma 100 kan caalan ammoo ibsaa malee hafaniiru. Balaan ibiddaa kun kallattiiwwan shaniin hammaatee jira.

  13. Akeekkachiisni dogongoraan guutuu kaawuntiitti akka bahaniif ergame jedhan jiraattoonni

    Isin bakka nagaan jira jettanii jiraataa jirtaniin ergaan mana akka gadi dhiiftanii baatan isiniitti ergame maal gootu?

    Jiraattoota Loos Anjalas miiliyoon 10 ta'anis kan mudate waanuma akkasiiti.

    Kamisa darbe bilbila harkaa jiraattoota Loos Anjalas hundaaf dogoggoraan akeekkachiisni ergamee ture jedhu jiraattonni. Ergaan isaas laboobaan ibiddi yeroo dhiyootti isaan bira qaqabu akka danda'u kan akeekkachiisuudha.

    Namoonni tilmaamaan miliyoona 10 ta’an kaawuntii kana keessa jiraatu.

    Rebecca Alvarez-Petit, kan lixa Loos Anjalas keessa jiraattu, yeroo ergaan akkeekkachiisaa kun bilbila harkaa isheenii galuuf isheenis hojii karaa viidiyoo bilbilaa irra turte.

    Tokkoon tokkoon namoota wajjin hojjetan ergaa naannicha keessa baqachuun akka isaan barbaachisuu danda’u yeroo argatan sagalee qaba ture.

    "Riifaatuu cimaan jireenya qabatamaa keessatti ilaalaa ture," jetti.

    Osoo balaa dhiyoo keessa jiraachuu isaanii qorachaa jiranuu deebiisee beeksisni dabalataa akeekkachiisa isa dura baqadhaa jechuun ergameef akka dhiisaniif itti hime.

    Alvarez-Petit boqonnaan akka itti dhaga'ame dubbachuun garuu haalichaan aarus himte.

    "Hundi keenya dhiphina keessa jirra, yaaddoodhaan karaa bilbila keenyaan, TVtti fajajaa, raadiyoo dhaggeefachaa oolla. Sirni gaariin waan hin jirreef hanga danda'ametti odeeffannoo argachuuf yaalaa turre."

    "Achiis ergaan kun nu qaqabe. Innis akka natti qoosaa ta'uu qabda jedhuuti."

  14. Qindeessitoonni haleellaa 9/11 balleessaa amanuun mormii mootummaa Ameerikaatiin harkifate

    Mootummaan Ameerikaa shakkamtoonni haleellaa shororkeessummaa 9/11n himatame akka yakka isaa hin amanne yeroodhaaf dhorkuu danda’eera.

    Kaalid Sheek Mohaammad fi himatamtoonni waliin himataman lama ganna darbe murtii adabbii du’aa akka hin mudanneef himannaa hunda amanuudhaaf waliigaltee irra gahanii ture.

    Mootummaan Ameerikaa gamasaatiin yoo ragaa bahumsi balleessaa isaanii yoo fudhatama argate, mootummaa fi ummanni Ameerikaa miidhaa hin suphamne irra akka gahu himuun Mana murtii oliyyannoo federaalaatti dhiheessuun falmeera.

    Paaneliin abbootii murtii sadii dhimmicha ilaalaa jirus, dhimmicha qorachuudhaaf yeroon dabalataa waan isaan barbaachisuuf adeemsa falmii kana akka addaan citu taasusuu dubbatan.

    Haata'u malee harkifannaan adeemsa kanaa "karaa kamiinuu akka murtii dhumaa dhimma kanaatti ilaalamuu hin qabaatu" jechuun cimsanii dubbatan.

    Kanaan dura ministirri raayyaa ittisa biyyattii, Looyiid Ostiin waliigalteewwan kunneen akka diigamaniif abbootii seeraa waraanaa fi yaa'ii oliyyannoo dhagahuutti iyyanni dhiyeessan kufaa ta'e ture.

    Shakkamtoonni haleellaa Fulbaana 11, 2001 qaqabsiisanis xiyyaara butuudhaan Niiw Yoorkiitti jidduugala daldala addunyaa fi Waashingitaniin alatti kan argamu Peentaagoon irratti kufuudhaan namoonni gara kuma sadii du'anii ture.

    Xiyyaarri gara biraa ammoo guyyuma sana imalaan tokko sababii isaa dura dhaabbateef jecha dirree Peensilvaanyaatti argamu irratti kufee ture.

    Namoonni haleellaa kana qindeessudhaan himannaan irratti baname sadan waggoota 20 oliif mana hidhaa Ameerkiaa keessa turaniiru. Dhimmicha murteen dura dhagahuunis gara waggaa 10 ol tureera.

    Yeroo kanattis namoonni sadan balleessaa raawwanneera jechuun kan amanan erga to'annoo jala oolfamanii booda miidhaa cimaa CIAn irra gaheen boodadha falmiiwwan jedhan dhagahamaniiru.

    Bara 2003tti to'annoo jala kan oolfame Mohaammad mana hidhaa icciitii CIA keessatti yeroo 183'f bishaan keessa akka bu'uufi akka ukkaafamu taasiisuun dararaan irratti raawwateera.

    Isa dabalate, kaan qullaasaa dhaabuu dabalatee irriiba dhorkuu fi dararaan ''mala qorannoo biraa'' irratti raawwatamuti himama.

  15. Viidiiyoo qilleensarraa waraabame manneen ibddaan marfamanii agarsiisu

    Waraabbiin viidiyoo qilleensa irraa waraabame tokko lixa Loosaanjalasiitti, Keenti keessatti yeroo ibiddi bosanaa manneeniitti marsee jiru mul'isa.

    Warrabbiin tamsaasa oduu miidiyaa biyya keessatiin dirooniin waraabame tokko akka agarsiiseetti, ibidda dhiheenya kana ka'e tulluu dhiyoo jiru keessatti ka'uun aarrisaa naannoo guutuu agarsiisa: Daawwadhaa.

  16. Tiraamp Puutiin waliin wal arguudhaaf haalli miijeffama jira jedhan

    Doonaald Tiraamp walgahiin isaa fi pirezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin jidduutti gaggeeffamu qophaa'aa jiraachu himan.

    Haata'u malee pirezidantichi yoom akka wal arguuf jiran hin ibsine. ''Akka wal agarru barbaadeera kanaafuu walgahii godhanne'' jedhan haasaa Filoriidaa Riizooltii Maar-a-Laagoo keessatti dubbataniin.

    Ejansiin oduu Raashiyaa Taas dubbi himaa Kiremilii, Dimitrii Peeskoov eeruudhaan, Ameerikaan walgahichaaf ganaa karaa idileetiin hin gaafannee jedhe.

    Tiraamp akkuma Amajjii 20 aangoo qabataniin waraana Yukireen keessaa akka dhaabbatuuf marii eegaluuf waadaa seenaniiru. Kanamalees waa'ee deeggarsa waraanaafi maallaqa Ameerikaan Kiivii taasiftu irratti shakkii qabaachu kaasaniiru..

    "Kanas ifattillee jedheera, waraana sanas xumuruu qabn, kun eequmsa dhiiga dhangalaasuudha."jedhan Tiraampi

    Tiraamp gorsaa nageenya biyyaalessaa duraanii fi waraana Ameerikaa keessatti leetenaantii janaraal soorama bahan Keet Keeloog, bulchiinsasaanii isa lammaffaaf akka Yukireen fi Raashiyaatti ergamaa addaa ta’uuf kaadhimaniiru.

    Keeloog yaadasaa akkamitti US waraana kana xumuruu akka dandeessu, bara darbe Ebla keessa waraqaa qorannoo Ameerikaa First Policy Institute, kan Tiraamp waliin hidhata qabu irratti maxxanfame irratti kaa’eera.

    Yukireen gargaarsa Ameerikaa dabalataa argachuu kan qabdu yoo Moskoo waliin marii nagaarratti hirmaachuuf waliigalte qofa akka ta’e yaada dhiyeessan.

    Haata'u malee Mooskoon hirmaachuu kan diddu yoo ta'e, isaan booda Ameerikaan Yukireen deeggaruu itti fufuu akka qabdu waraqaan kun yaada kaa'eera.

  17. US'tti xiyyaarri ibdda dhaamsaa ture dirooniin walitti bu'e

    Kamisa galgala Paalisaadees keessatti xiyyaarri osoo ibidda dhaamsuuf socha'aa jiruu dirooniidhaan walitti bu'uu aanga'oonni aviyeeshinii beeksiisan.

    Xiyyaarri maqaa Super Scooper jedhamuun beekamtu kunis balaalii ishee irratti kan miidhaan irra gahe yoo ta'u, garuu nagaadhaan qubachuun himameera.

    Namni miidhaan irra gahe homtuu akka hin jirre bulchiinsi Aviyeeshinii Federaalaa himuun, balaan kunis qoratamaa jiraachuu dabaluun hime.

    ''Bosona abiddi itti qabate irra diroonii balaliisuun balaafamaafi kan lubbuu namaa galaafachuu danda'a,'' jechuun, kunis xiyyaaronni akka hojii dhaaban gochuu akka danda'u ibseera.

    "Deebiin qilleensa irraan balaa kanaaf kennamu harkifachuun namoota karaa lafaatiin ibiddicha dhaamsaa jiran, jiraattotaa fi qabeenya hawaasa dhiyoo jiran irratti balaa qabaata. Akkasumas ibiddi bosona kun akka babal'atu taasisuu danda'a."

    Tattaaffii ibidda dhaamsuuf taasifamu jidduutti diroonii balaliisuun yakka federaalaa yoo ta'u, hidhaa hanga ji'a 12 ykn hanga doolaara kuma 75 adabsiisa.

  18. Booyingiifi fi Google tokkoon tokkoonsaanii sirna mudama Tiraampiif doolaara mili. tokko kennan

    Dhaabbanni aviyeeshinii Ameerikaa guddichi Booying BBC News'tti akka himeetti, sirna muudama pirezidaantii filataman Doonaald Tiraampiif deeggarsa doolaara miiliyoona 1 (£812,600) arjoomee jira.

    Akkasumas dhaabbanni Google deeggarsa wal fakkaataa taasisuu mirkanneesseera.

    Dhaabbileen lamaan kunneen tarree dhaabbilee gurguddoo Ameerikaa maallaqa gumaachan guddachaa jiraniidha.

    Tarree kana keessattis oomishaa boba'aa Chevroon fi dhaabbilee teeknooloojii gurguddoo Meta, Amazon fi Uber keessatti hammatamaniiru.

    Sirna kakuu Tiraamp kan marsaa lammataatiif Waayit Haawus keessatti aangoo isaa akka eegalchiisu kunis Amajji 20 gaggeeffamuuf jira.

    ''Adaa deeggarsaa Booying'n Koreewwan Eebba Pirezidaantii Ameerikaa deeggaruun itti fufuu keenyatti gammadneerra,'' jedheera dhaabbatichi.

    Dhaabbatichi itti dabaluudhaan, eebba pirezidaantummaa sadan darban keessatti arjoomaa maallaqaa walfakkaatu taasiseera jedheera.

    Booyiing rakkoo to’annoo nageenyaa fi qulqullinaa irraa dandamachuuf hojjechaa jira, akkasumas kasaaraa bara darbe hojjattoonni isaa hojii dhaabuun isa mudate furuuf hojjechaa jira.

    Kana malees, dhaabbatichi xiyyaara pirezidaantii ittaanu kan Air Force One jedhamuun beekamu tolchaa jira.

    Jeettonni lamaan kunnennis bara dhufu irraa eegalee gara tajaajilaatti ni galuu jedhamee eegama.

  19. Amma nu gahe, Ibidda UStti ka'een nomoonni du'an 10 gahuun ibsame

    Baayyinni lakkoofsa namoota balaa ibidda bosonaa Ameerikaa Kaawuntii Loos Anjalasiitti ka'een du'an 10 gahu aanga'oonni beeksiisan.

    Kutaan Qorataa Fayyaa Kaawuntii Loos Anjalas akka jedhaniitti, reeffi namoota du'an kanneenii ammalleen adda baafamuuf qoratamaa jira.

    ''Kutaan Qorataa Fayyaa haala ibiddaa fi yaaddoo nageenyaatiin bakka duuti itti mudate hundaaf deebii kennuu waan hin dandeenyeef, eenyummaa namoota ibiddaan du'an adda baasuun torban hedduu fudhachuu mala,'' jechuun ibsa Kamisa halkan kenneen ibseera.

    Adeemsi fira dhihoo seera qabeessa miidhamtootaa beeksisuus garuu adeemsifamaa jiraachuun ibsameera.

  20. 'Seenaa US ammayyaa keessatti balaa ibidda bosona badii olaanaa dhaqabsiise keessaa tokko'

    Sa'aatii 24 keessatti, dhaabbanni raaga qilleensaa "Accuweather" tilmaama dursaa balaa waliigalaa ibiddi bosona Kaalifoorniyaa irraan gahe gara dachaa sadiitti ol guddiseera.

    Tilmaamni isaa yeroo dhiyoo akka jedhutti, kasaaraan balaa ibidda kanaatiin qaqqabe hanga doolaara biiliyoona 150 ta’uu danda’a. Kunis tilmaama kaleessa hanga doolaara biiliyoona 57 jedhamee ture irraa kan fooyyeeffameedha.

    “Ibiddii saafaa saffisaan socho’aa, qilleensan oofamu kun seenaa ammayyaa US keessatti balaa ibidda bosonaa gatii guddaa baasisu keessaa tokko uumeera,” jedhan ogeessi olaanaa meetirooloojii AccuWeather, Joonaataan Pootar.

    Ibiddichi naannolee qabeenyawwan qaalii Ameerikaa keessaa muraasa ta'an keessaa cicciree jira.

    Angawoonni balaa ibiddaa akka jedhanitti, balaa ibiddaa Paalisaades'tti mudateen qofaa caasaaleen 5,300 ol kan barbadaa’e yoo ta’u, caasaan 4,000 hanga 5,000 ta’an ammoo balaa ibiddaa Eaton'tiin miidhamuu ykn barbadaa’uu danda’a.

    Industiriin inshuraansiis miidhaa guddaa simachuuf qophaa’aa jira. Xiinxaltoonni dhaabbilee kanneen akka Morningstar fi JP Morgan jedhaniitti, kasaaraa qaqabuun inshuraansiin kanfaluuf jiru gara doolaara biiliyoona 8 ol akka ta’u tilmaamaniiru.