Siwiizarlaanditti balaa abiddaa bakka bashannanaatti mudateen namoonni 40 ta'an du'an

Balaa abiddaa giddugala bashannanaa kibba Siwiizarlaanditti argamutti mudateen lubbuun namoota 40 darbuu poolisiin ibse. Balaa abiddaa kanaan namoota 115 miidhamaniiru.

Guduunfaa

  • Oduuf xinxalaaf Marsariitii, Facebook, Whatsapp fi YouTube keenya mil'adhaa
  • Sagaleen dhohiinsaa guddaan magaalaa guddoo Venezuweelaa keessatti dhagahame
  • Iraan akeekkachiisa Tiraamp hiriira mormii biyyattii ilaalchisuun dabarse kuffiste
  • Siwiizarlaanditti balaa abiddaa bakka bashannanaatti mudateen namoonni 40 ta'an du'an
  • Al-Shabaab Sumaalonni Israa'el loluuf akka qophaa'an waamicha dhiheesse
  • Iraanitti hiriirtonni gamoo waajjira mootummaa humnaan cabsanii seenuuf yaalan
  • Turkiin handaara galaaaa Somaaliyaatii hojii boba'aa baasuu eegaluuf
  • Israa'el gartuuwwan gargaarsaa 37 Gaazaa keessaa ugguruuf
  • Maallaqni biyyattii gatii dhabnaan mormiin Iraanitti cime
  • Tiraamp mariin nagaa Gaazaa marsaan lammataa ''hatattamaan hojiirra oola'' jedhe
  • Israa'el Somaalilaandiif beekamtii kennuun Itoophiyaaf maal jechuudha?

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Itoophiyaan beekamtii Somaalilaand irratti maaliif calliste?

    Ambaasaaddara Itoophiyaafi Pirezidantii Somaaliyaa

    Madda suuraa, Ethiopian Embassy in Mogadishu, Somalia

    Israa’el bulchiinsa Somaalilaand kan Somaaliyaan qaama kiyya jettutti beekamtii kennuun muddama haaraa Gaanfa Afrikaatti uumeera.

    Biyyoonni yeroo ejjennoo isaanii ibsaa jiranitti ollaan Somaaliyaa, Itoophiyaan, dhimma kana irratti ammatti ejjennoo ishee hin beeksifne.

    Ambaasaaddar Suleeyimaan Daddafoo Somaaliyaatti ambaasaaddara Itoophiyaadha.

  2. Eertiraatti jiraattotni ganda tokkoo du'a dargaggeessaa balaaleffatan guutuun to'annoo jala oolan

    Yaafeet

    Madda suuraa, Azarya

    Eertiraa ganda Logo Ansebe Qerana Kudo jedhamutti ajjeechaa dargaggeessa Yaafet Maanee jedhamurratti raawwatame balaaleffachuusaaniin jiraattotni gandichaa marti mormii ka'een to'annoo jala ooluu BBC'n miseensota maatiirraa iyyaafateera.

    Namoonni biyya keessaa biyya alaa jiraataniifi jiraattonni maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafatan akka jedhanitti ajjeechaan kun ALI Adoolessa 6, 2018 raawwatame.

    Obboleessa nama du'ee dabalatee jiraattonni gandichaa 80 ol ta'an humnoota mootummaan to'annoo jala ooluu isaanii miseensonni maatii himaniiru. Hidhaan kun kan raawwate jiraattonni naannoo ajjeechaa kana erga balaaleffatanii booda.

    Dargaggeessi ganna 16 Yaafeet rasaasaan erga ajjeefamee booda jiraattonni naannoo sanaa gara kaampii waraanaa Hashiferiyaa jedhamutti geessuun ukkaamsanii akka turan miseensonni maatii fi jiraattonni himan.

    Namni du’e Yaafeet fi hiriyyoonni isaa naannoo sanatti cilee gubuu fi kasala gurguruun jireenya isaanii kan gaggeessan ta’uu jiraataan naannoo sanaa tokko hima.

    Ajjeechaan kun raawwachuu dura Yaafeet kasala gurguruuf gara Hambertiii osoo deemaa jiruu erga qabamee booda loltootaan akka ajjeefame himameera.

  3. Maaduuroon torbanootaaf US waliin ega muddama seene booda mariyachuu akka fedhu ibse

    Pirezidant Nikolaas Maaduuroo

    Madda suuraa, Reuters

    Pirezidantiin Veenzuweelaa Nikolaas Maaduuroo torbanootaaf US waliin muddama keessa erga galee booda yaada Kamisa kenneen dhimma daddabarsa qoricha sammuu hadoochuu fi boba'aarratti US waliin mariyachuuf qophii ta'uu ibse.

    Gaaffiifi deebii Televezhinii biyyaalessaa Veenzuweelaa wajjin godhaniin US waliin mariyachuuf qophiidha jedhe, dabaluunis ''bakka isaan fedhanitti, yeroo isaaniif mijatetti'' jechuun dubbate.

    US ji'oota sadan darban dooniiwwan qoricha sammuu hadoochu Kariibiyaaniifi Baha Paasifikii gidduu daddabarsu jette haleelaa baate.

    Hanga ammaa duula ''farra qoricha sammuu hadoochu'' jedhuun bulchiinsi Tiraamp waliigalaan dooniiwwan galaanarraa 30 irratti haleellaa kan raawwatte yeroo ta'u, kanaanis namootni 110 ta'an ajjeefamaniiru. US haleellaa jalqabaa kan raawwatte Fulbaana 2 ture.

    Tiraamp Maaduuroon warra qoricha hamaa daddabarsan duuba jira jechuun himatee ture. Maaduuroon gama isaan US maqaa waraana farra qoricha sammuu hadoochu jedhuun aangoorraa isa buusuun boba'aa isaaniirraa fayyadamuu kaayyeffatte jedhee ture.

  4. Gabaa Itoophiyaa kan to'ate BYD gurgurtaa konkolataa elektirikiin addunyarraa tokkoffaa ta'e

    Konkolaattota BYD

    Madda suuraa, Getty Images

    Kaampaniin Chaayinaa BYD gurgurtaa konkolaattota elektirikiin omisha Elon Maask kan ta'e Teslaa caaluun adda duree ta'e.

    Morkataasaa Ameerikaa gurgurtaa waggaati yeroo caalu kuni kan jalqabaati.

    Kamisa darbe BYD ibsa baaseen bara darbe konkolaattota elektirikii miliyoona 2.25 gurguruu ibse. Kunis isa bara kaan ture dhibbeentaa 28%n caala jedheera.

    Teslaan gama isaan bara 2025 keessa konkolaattota hangamii akka gurgure Jimaata kana ifa godha jedhamee eegama.

    Akka xiinxaltootni jedhanitti ammoo teslaan bara 2025 keessa konkolaattota 1.65 gurgureera.

    • Itoophiyaaf konkolaattota elektirikimoo boba'aatu barbaachisa?

    Kaampaniin biyya Ameerikaa kun bara darbe keessa siysaasa Eloon Mask gaggeessu wajjin walqabatee daddaaqama keessa ture.

    Gidduu kanatti ammoo morkattootni Chaayinaa jajjabaatan.

    Kaampaniiwwan Chaayinaa akka Geely, MG fi BYD amma kaampaniiwwan addunyaarratti konkolaattota elektirikii hedduu omishuun dursaa jiranidha.

    Morkattootasaanii warra Lixaa kuffisuuf ammoo gatii konkolaattotasaanii gadi xiqqeessan.

    Onkololessa darbe Teslaan kanaaf deebii kennuuf jecha moodelootasaa fudhatama argatan lama bifa haaraafi gatii gadi bu'een gabaaf dhiyeessee ture.

    Dureessa addunyaa kanaa kan ta'e Maask waggoota dhufan keessatti gurgurtaa konkolaattota Teeslaa akkaan dabaluuf karoora qabateera.

  5. Mootummaan Somaaliyaa miseensonni al-Shabaab 30 ta'an ajjeefamuu ibse

    Ameerikaa dabalatee biyyoonni lixaa meeshaalee waraanaan Somaaliyaa deeggaru

    Madda suuraa, Getty Images

    Mootummaan Somaaliyaa haleellaa humnoonni isaa michuuwwan idiladdunyaa waliin ta'uun al-Shabaab irratti raawwataniin hidhattoonni garee kanaa 30 ta'an ajjeefamuu ibse.

    Haleellaa magaalaa kibba baha biyyattiitti argamtu Jabaad Godaanee jedhamtu keessatti raawwateen hidhattoonni garechaa ajjeefamuun alatti konkolaattonni fi meeshaaleen gareen kun haleellaaf itti fayyadamaa ture barbadaa'uuu Ministeerri Ittisaa biyyattii ibseera.

    Rooyitarsi ibsa ministeerichi X irratti maxxanse eeruun akka gabaasetti haleellaa garee hidhattootaa al-Shabaa irratti raawwate kana keessatti michoonni idiladdunyaa Somaaliyaa tumsuun hirmaataniiru.

    Ameerikaa dabalatee biyyoonni lixaa hedduun ammoo meeshaalee waraanaa haleellaa qilleensaaf oolan dabalatee deeggarsa adda addaa Somaaliyaaf kennu.

    Keessattuu Ameerikaan bakka gareen kun keessa socho'u akkasumas hooggantootaa fi miseensota garechaa irratti xiyyeeffachuun haleellaa qilleensaa raawwachuun beekamti.

  6. Bara 2026 moobayilaa kaasee hanga gatii meeshaalee elektirooniksiitti daran olka’a

    Qaama kompiitaraa murteessaa kan ta'e RAM

    Madda suuraa, Getty Images

    Gatiin meeshaalee elektirooniksii bara 2026 sababa gatiin RAM dabaleef daran akka ol ka'u eegama. RAM (Random Access Memory) meeshaalee elektirooniksii keessatti koodii kan kuusu qabiyyee murteessaa dha.

    Daballiin gatii kun bilbiloota ismaartii, kompiyuutaroota, TV’iiwwan ismaartii fi meeshaalee elektirooniksii waldhansa fayyaaf oolan irratti akka ta’u eegama.

    Sababni ijoon daballii gatii RAM immoo wiirtuuwwan daataa kan hubannoo namtolchee (AI)dhaaf anniisaa kennan sadarkaa olaanaan dabaluu isaaniiti.

    Barreessaan kitaaba Chip War Kiriis Miilar, sababni guddaan AI’n miimorii guddaa waan barbaadufi jedha. “Fedhiin chipsii miimorii daran dabale. Kun immoo AI miimorii saffisa olaanaa baand-wiidz olaanaa waan barbaadufi,” jedha. Kun meeshaalee elektirooniksii gatiin akka daran ol ka’u godha.

  7. Iraanitti walitti bu'iinsa hiriirtotaa fi qaamolee nageenyaa gidduutti dhalateen hedduun du'an

    Iraan keessatti hiriirri mormii Dilbata eegale itti fufeera

    Madda suuraa, EPA

    Iraan keessatti hiriira qaalayiinsa jireenyaa mormuuf guyyaa shanaffaaf itti fufeen lubbuun namootaa dabalataa darbe.

    Miidiyaan Fars news agency fi gareeleen mirga namoomaa akka himanitti walitti bu'iinsa hiriirtotaa fi qaamolee nageenyaa gidduutti dhalateen kibba lixa Iraan magaalaa Lordigaan keessatti namoonni lama du'an.

    Namoonni sadi immoo Aznaa keessatti kuun immoo Kuudaash keessatti du'uu Fars gabaase.

    Kamisa walitti bu'iinsa hiriirtotaa fi qaamolee nageenyaa gidduutti dhalateen konkolaattonni yoo gubatan viidiyoowwan miidiyaa hawaasarratti qoodamaa turan.

    Mormitoonni bulchaan olaanaan biyyattii aangoo akka gadhiisu gaafatan.

    Kuun immoo sirni mootii akka deebi'u waamicha godhu. Hiriirri mormii qaalayiinsa jiruu fi rakasuu qarshii biyyattii hordofee qabate kun guyyuu dabalaa jira. Biyyattiis cuccufeera.

    Magaalaa Loordigaan, magaalaa guddittii Teehraanii fi Maarvdaasht kibba bulchiinsa kibba Faars keessatti Kamisa hiriirri mormii godhamuu BBC'n mirkaneeffateera.

    Loordigaan keessatti namoonni lama ajjeefamuu Faars qondaalta wabeeffachuun gabaase.

    Kanneen ajjeefaman mormitoota moo qaamolee nageenyaati kan jedhu adda hin baane.

    Aznaa keessattis sadi du'anii jiru.

    Gareen mirga namoomaa Hengaawu akka Loordigaan keessatti namoonni maqaan isaanii Ahamd Jaliil fi Sajjad Valamanesh namoonni jedhaman ajjeefamuu mirkaneeffate.

    BBC dameen Persiyaan ofiisaa waan mirkaneeffate hin qabu.

    Miidiyaan mootummaa miseensonni qaamoleen nageenyaa qaama Eegdota Warraaqsa Iraan walitti bu'iinsa hiriirtotaa waliin tureen Roobii magaalaa Kuuhdaasht keessatti du'uu gabaase.

    Hiriirtonni garuu namni du'e mormitoota keessayi jedhu. Poolisoonni 13 fi miseensonni Baasij dhakaa hiriirtootaan darbatameen madaawanii jiru jedhe miidiyaan mootummaa.

    Roobii manneen barnootaa, yunivarsiitiiwwanii fi dhaabbileen akka cuccufaman mootummaan labsee ture.

    Mootummaan haala qilleensaa diilallaa tureen kan dhaabbilee akka cuccufe amanamus, lammiileen Iraan garuu mormii uummataa to'achuuf tarkaanfii dhaabbilee cuccufuu fudhate jedhu.

    Hiriirri kun magaalaa muummee biyyattii Tehraan keessatti kufaatii gatii maallaqaa biyyattii hordofee daldaltoota suuqii dallaniin eegalame.

    Kibxata barattoonni Yunivarsiitii itti makaman, magaalota biyyattii birootti babal'achuu uummanni mootummaarratti dhaadannoo dhageessisuu eegale.

    Iraan keessatti bara 2022 erga dubartii Maahsaa Amiinii jedhamtu hijaaba 'sirnaan fuulatti hin uffanne' jedhamtee hidhamuun hidhaa keessatti duutee as mormiin ummataa babal'achaa dhufe.

  8. Tiraamp waa'ee dullumaafi fayyaa isaa maal jedhe?

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp dhimma fayyaa isaafi dulluma isaa ilaalchisee yaada kenneen "haala fayyaa gaarii" irratti akka argamu ibse.

    Qoricha aspirinii hanga ogeessi fayyaa ajajeen olitti akka fudhatu, madaa harka isaarra jiru dhoksuuf meekaappii akka fayyadamuufi yeroo baay'ee sochii qaamaa akka hin taasisne dubbate.

    Sochii qaamaa yeroo kan hin taasifneef ammoo "waan nama nuffisiisuuf" akka ta'e ibse.

    Ji'a Onkoloolessaa keessa ammoo qorannoon CT Iskaanii godhamuufii The Wall Street Journal tti hime.

    Tiraamp, amma nama ganna 79 yoo ta'u, mallattoon dullumaa irratti mul'ataa jiru. Walgahii irratti hirribni fudhatee yeroo muguufi gaffii gaafatame osoo hin dhagahin hafuu fa'aatu irratti ka'a.

    Waa'een fayyaa isaa lammiilee biyyattii biratti falmii kaasus Tiraamp garuu "fayyaa guutuun qaba" jechuun dubbate.

    "Fayyaan koo baay'ee nagaadha," jechuun turtii The Wall Street Journal waliin taasiseen dubbate.

    Waggoota 25 darbaniif aspiriinii hanga ajajamee ol fudhataa turuufi kuni ammoo harki isaa akka madaa'uuf sababa ta'uu ibse.

    "Aspiriiniin dhiiga qal'isuuf gaaridha naan jedhan, animmoo dhiigi qal'aan onnee kiyya keessa akka naanna'u hin barbaadu," jedhe.

    Sochii qaamaa ammaa 'nuffisiisadha' jechuun yeroo heddu akka hin taasifneefi golfii qofa akka taphatu dubbate.

  9. Siwiizarlaanditti balaa abiddaa bakka bashannanaatti mudateen namoonni 40 ta'an du'an

    Balaa abiddaa

    Kibba Siwiizarlaand bakka bashannanaatti balaa abiddaa mudateen namoonni 40 ta'an du'uu fi 115 kan ta'an madaa'uu poolisiin ibse.

    Namoonni miidhaman hedduun haala yaaddessaa keessa jiru jedha poolisiin.

    Aanga'oonni ka'umsa balaa kanaa qorataa turan waan sababa jedhanii adda baasan hin qaban, garuu haleellaa akka hin taane ibsaniiru.

    Balaa kanaan namoonni lammiilee biyyoota garaagaraa ta'antu miidhaman.

    Ajajaan Poolisii naannawa sanaa Fireedirik Giisler yeroo itti aanutti dursa kennanii kan hojjetan reenfa namoota du'anii adda baasuudha jedhan.

    Balaa kana to'achuu fi namoota miidhaman baraaruuf helikooptaroonni 13, ambuulaansonni 42 fi hojjettoonni balaa tasaa 150 ta'an ramadamaniiru.

    Bulchiinsi balaan kun keessatti mudate, Valaayis, bakka tuuristoonni heddumminaan itti imalanidha.

  10. Ministiirri Muummee Jaappaan paarlaamaa biyyattii keessatti manni fincaanii dubartootaa heddu hin jiru jechuun komatan

    Ministiira Muummee Jaappaan kan ta'an Sanaa Takaayiichii

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    Dubartii jalqabaa Ministiira Muummee Jaappaan kan ta'an Sanaa Takaayiichii paarlaamaa biyyattii keessatti manni fincaanii dubartootaa lakkoofsa miseensota paarlaamaa dubartoota ta'anii gitu hin jiru jechuun komii kaasaan.

    Manni fincaanii dubartootaa heddu akka jiraatus duula eegalanii jiru. Dubartoota 60 miseensota paarlaamaa Jaappaan waliin ta'uun manni fincaanii dabalataa akka ijaaramuuf duula gaggeessaa jiru Ministiirri Muummee kun.

    Miseensonni paarlaamaa dubartoota ta'an lakkoofsi isaanii kanaan dura xiqqoo turan bara 2024 keessa 73 gahuunsaanii mana fincaanii paarlaamichi qabuun wal-gituu dhabuu ibsan gaggeessaan biyyattii.

    "Haalli amma jiru mijataa mijataa miti, sababni isaa hojjattoonnifi keessummoonni yeroo dhufan manuma fincaanii tokko fayyadamu," jechuun ibsite miseensa paarlaamaa kan taate Komiyaamaan.

    Gamoon parlaamaa Jaappaan kan ijaarame osoo dubartoonni biyyattii mirga filachuufi filatamuu hin argatin dura bara 1936 kan ijaarameedha.

    Jaappaanitti dubartiin yeroo jalqabaaf miseensa paarlaamaa taatee kan filamte bara 1946tti.

  11. Akkam bultan hordoftoota keenya?

    Tamsaasa kallattii eegalleerra. Taateewwan biyya keessaa fi addunyaarratti mudatan karaa kanaan isin biraan geenya.

    Nu hordofaa!

    Tamsaasa kallattii kanaan duraa asiin seenuun ni argattu.