Ameerikaan dooniiwwan ishee naannawa Iraan keessa darbaniif akeekkachiisa kennite

Madda suuraa, Getty Images
Ameerikaan sagantaa niwukilaraa Iraan irratti waldhabdeen Waashingitan fi Tehran gidduutti yeroo waliigalterra hin ga'amnetti, dooniiwwan daldalaa daandii doonii dhiyeessii boba’aa Baha Giddugaleessaaf barbaachisaa ta’e bo'oo Harmuuz (Strait of Hormuz) keessa darbaniif akeekkachiisa kennite
Iraan kanaan dura bo'oo Hormuz kan gariin isaa daangaa ishee keessa jiru cufuuf doorsiftee kan turte yoo ta’u, yeroo tokko tokko dooniiwwan daldalaa fi boba’aa daddabarsan himannaa seeraan alaatiin to'ataa turte.
Ministeerri Geejjibaa Ameerikaa dooniiwwan daldalaa alaabaa Ameerikaa qaban bishaan Iraan irraa hanga danda’ametti akka fagaatanii gorseera jechuun qajeelfamni bahe ni mul’isa.
Qajeelfamni marsariitii isaa irratti maxxanfame akka agarsiisutti, “Doonii daldalaa alaabaa Ameerikaatiin bishaan kana keessa darban bishaan naannoo Iraan irraa hanga danda’ametti akka fagaatan gorfama,” jedha.
Akkasumas ''Humnoonni Iraan doonii daldalaa alaabaa Ameerikaa qabdu yoo yaabbatan, hojjettoonni doonii humna itti fayyadamuun akka isaan hin yaabbanne dhorkuu hin qaban,'' jedheera.
Dippilomaatii olaanaa Iraan akka jedhanitti, mariin niwukilaraa Ameerikaa waliin Omaan keessummeessite haala gaariin eegaluu fi waliigaltee irra gahuu dhabuun Baha Giddu Galeessaa waraanaatti kan geessu ta'uu akeekkachiisaniiriu







