Somaaliyaafi Sa'ud Arabiyaa waliigaltee waraanaa mallatteessan

Somaaliyaafi Sa’ud Arabiyaa tumsa humna ittisaafi waraanaa gidduu isaanii jiru daran cimsachuuf waliigaltee isaan dandeessisu waliif mallatteessan.

Guduunfaa

  • Ertiraan himannaa Itoophiyaaf deebii kennite
  • Shakkamtoonni sadii qondaala waraanaa Raashiyatti dhukaasan adda baafaman
  • Qondaalli Kooriyaan Kibbaa lakkoofsi daa'imman dhalatanii akka dabaluuf 'dubartoota biyya alaa fidna' jechuun dheekkamsa kaase
  • Niwuziilanditti masjiidatti namichi lubbuu 51 galaafate murtoon isaa keessa deebiin akka laalamuuf iyyate
  • Raashiyaan marii Iraanii fi Ameerikaa gidduutti eegale akka itti fufu waamicha dhiyeessite
  • Pirezdantiin Somaaliyaa fi kan Masrii Kaayirootti mari'atan
  • Itoophiyaan akka Ertiraan loltootashee 'hatattamaan daangaashee keessaa baastu' akeekkachiiste
  • Pirezidantiin Masirii fi Somaaliyaa dhimma Gaanfa Afrikaa fi nageenya Galaana Diimaarratti mariyatan
  • Fuula marsariitii, Facebook, YouTube fi WhatsApp keenya irraas odeessawwan waktaawoo ni argattu.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. MM Abiy Itoophiyaatti kan jalqabaa kan ta'e tajajilawwan poolisii nama-maleessaa (smart police) jalqabsiisan

    MM Abiy Ahmad Tajaajila Poolisii Nam-maleessa yeroo jalqabsiisan

    Madda suuraa, Abiy Ahmad

    Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad (PhD) tajaajilawwan poolisii nama-maleessa (Smart Police Service (SPS)) Itoophiyaatti kan jalqabaa ta'e har'a jalqabsiisuu himan.

    MM Abiy tajaajilla kana jalqabsiisuu hodofee ergaa miidiyaa hawaasaa isaaniirratti baasaniin, tajaajilli kun lammileen tajaajila poolisii saffisa fooyya'aafi tekinooloojiin deeggaramanii argachuu isaan dandeessisa jedhan.

    Dabalataan tajaajilli kun poolisiin akka tarkaanfii saffisaan fudhatu kan dandeessisuufi hojii yakka ittisuus si'oomina kan qabu godha.

    "Tajaajilli kun jalqabuun 'Dijiitaal Itoophiyaa 2030' qaamoleen seera kabachiisan gahumsa kan qabaniifi dorgomaa akka ta'an gochuuf bu'a-qabeessummaa hojii rifoormii jalqabame kan guddisu ta'a."

    Tajaajilli poolisii nama-maleessaa ykn poolisii malee kun AI fi tekinooloojii kaaniin deeggaramuun kan hojjetamu yoo ta'u, lammileen giddu-seentummaa namaa malee yakkwwam gabaasuu, adabbiiwwan kaffaluufi tajaajilawwan poolisii biroo akka argatan gargaara.

    Tajaajilli akkasii kun bifa awutoomeetid ta'een kiyooskiin dhimma kanaaf qophee keessatti kan kennamu yoo ta'u, hojii saffisiisuu, mijataa taasisuu, akkasumas icciitiin dhuunfaa eeguun afaan baayyeetiin kennuuf gargraara.

    Tajaajila poolisii nama-maleessaa (SPS) MM Abiy jalqabsiisan kana suuraanis daawwadhaa>

  2. Poolisiin Awustiraaliyaa hiriirtoota pireezidantii Israa'el daawwannaarra jiru mormanitti mimmixa itti biife

    Hiriirtota Awustiraaliyaatti bahan

    Poolisiin Awustiraaliyaa mormitoota Pireezidantii Israa'el Ayisaak Heergooz Sidnii daawwachaa jirutti hiriira ba'an mimmixa itti biife.

    Wiixata har'aa kanneen poolisii wajjin walitti bu'anis to'annoo jala oolaniiru.

    Ayizaak qarqara galaanaa Boondii ji'a lama dura lafa Yihudootni dhukaasa banameen ajjeefamanitti abaaboofi dhakaa lama Yerusaalemirraa geesse siidaa awwaalaa isaani irratti kaa'eera.

    Hogganaan hawaasa Yihudotaa Awustiaaliyaa daawwannaan Ayizaak kanneen maatiin jalaa du'an jajjabeessa abdii jedhu akka qabu hime.

    Garuu namoonni gariin ammoo ajjeechaa jumlaa Gaazaa keessaa harka qaba jechuun daawwannaasaa Awustiraaliyaa mormanii jiru.

    Hiriirri kuni garee warra Filisxeem Palestine Action Group jedhamuun ture kan qindaa'e.

  3. Somaaliyaafi Sa'ud Arabiyaa waliigaltee waraanaa mallatteessan

    Aanga'oonni Somaaliyaa fi Sa'ud Arabiyaa waliigaltee waraanaa yeroo waliif mallatteessanitti

    Madda suuraa, @MoDSomaliya

    Somaaliyaafi Sa’ud Arabiyaa tumsa humna ittisaafi waraanaa gidduu isaanii jiru daran cimsachuuf waliigaltee isaan dandeessisu waliif mallatteessan.

    Waliigalteen kun tumsa tikaafi nageenyaa biyyoonni lamaan waliin qaban bal'isuurra darbee naannawaa Galaana Diimaa keessatti tasgabbiin akka cimu gochuu kan kaayyeeffate ta'uu Ministeerri Ittisaa Somaaliyaa ibseera.

    Waliigalteen Ministira ittisaa Somaaliyaa Ahimad Mohaaliim Fiiqii fi gita isaa Sa'ud Arabiyaa ilma mootii Kaaliid Biin Salmaan gidduutti Sa'ud Arabiyaa, Riyaaditti mallattaa'e kun, dhimmoota waraanaafi humna ittisaa waloo garagaraa kan ilaallatudha.

    Somaaliyaan biyyoota biroo waliin waliigalteewwan waraanaafi dinagdee yeroo taasistu kan Sa'ud Arabiyaa waliin taasifte kun isa jalqabaashee miti.

    Kanaan dura Turkiifi Masirii waliin waliigaltee wal fakkaatu akka taasifte kan yaadatamu yoo ta'u, Israa'el yeroo dhiyoo Somaaliilaandiif beekamtii biyyummaa erga kenniteefiif booda biyyoonni baayyeen ishee cinaa akka dhaabbatanii deeggarab gochuuf yaalii taasisaa jirti.

  4. Ertiraan himannaa Itoophiyaaf deebii kennite

    Ertiraan loltootashee akka daangaa Itoophiyaa keessaa baastuuf gaaffii mootummaan Itoophiyaa dhiheesseef deebii kennite

    Maxxansa YouTube irra dabri
    Qabiyyee Google YouTube hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Google YouTubeimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu. YouTube beeksisa qabaachuu danda'a.

    Xumura maxxansa YouTube

  5. Shakkamtoonni sadii qondaala waraanaa Raashiyatti dhukaasan adda baafaman

    Qondaala waraanaa olaanaa Raashiyaa Leetenaant Jeneraal Vilaadmiir Aleksiiyeev

    Madda suuraa, Russian Defence Ministry

    Qondaala waraanaa olaanaa Raashiyaa Leetenaant Jeneraal Vilaadmiir Aleksiiyeevitti dhukaasuun namoonni shakkaman sadii adda baafamuun ibsame.

    Haleellaa kana raawwateera kan jedhame lammii Raashiyaa Yukireenitti dhalate Luyaamboor Korbaan jedhameera.

    Akka koreen qorannoo Raashiyaa jedhutti, namni kun Mudde Mooskoo kan gale, Dhaabbata tikaa Yukireenirraa "gocha shororkeessuu akka raawwatuuf" ergamni itti kennameeti.

    Yukireen haleellaa kana keessa akka hin jirre ibsuun,himannaa irratti dhiyaate waakkatteetti.

    Qondaalli waraanaa Raashiyaa umuriin isaa waggaa 64 ta'e kun Jimaata darbe ture naannoo gamoo jireenyaatti erga itti dhukaafameen booda gara hospitaala Lixa- kaaba Mooskootti argamuu kan geeffame.

    Erga wallaansi baqaqsanii yaaluu taasifameefiif booda of baruu isaa sabaa-himaaleen Raashiyaa gabaasaniiru.

    Qondaalli kun dhaabbata tika loltummaa Raashiyaa keessatti nama sadarkaa lamaffaarra jirudha.

    Erga waraanni Yuireen jalqabamee qandaalota olaanaa lammaffaa haleellaan irratti raawwatame ta'uun ibsameera.

    Dubbi-himaa Raashiyaa Sivitilaanaa Peetireenkoo akka jedhanitti, namni haleellaa kana raawwate gara Yunaayitid Arab Emireetisitti imalee ture. Achiin booda sa'aatii muraasa keessatti Raashiyaatti dabarfamee kennameera.

    Buufanni televizhinii Raashiyaa Ru-24 shakkamaan kun humnoota nageenyaan ajjabamee xiyyaararraa yeroo bu'u viidiyo agarsiisu tamsaasaniiru.

    "Qorattoonni bakka haleellaan kun itti raawwatame sakatta'aniiru. Shugguxii maakaaroobii fi kan sagalee ukkaamsu, akkasumas rasaasa sadii arganiiru," jedhan dubbi-himaan kun.

    Pirezidant Vilaadmiir Puutin pirezidantii Yunaayitid Araba Emireetis Mohaammad Biin Zaayid Al Nahiyaan shakkamaan kun akka qabamu gochuu keessatti tumsa taasisaniif galateeffachuun isaanii gabaafameera.

    Roohitars ministira dhimma alaa Yukireen Andiree Saabiihaan eeruun akka gabaasetti, Yukireen marii dhukaasa kana dhaabuuf taasifamu gufachiisuu waan hin barbaadneef haleellaa kana hin raawwanne.

  6. Qondaalli Kooriyaan Kibbaa lakkoofsi daa'imman dhalatanii akka dabaluuf 'dubartoota biyya alaa fidna' jechuun dheekkamsa kaase

    Daa'ima gaarii oofamurra jirtu

    Madda suuraa, Bloomberg via Getty Images

    Qondaalli Kooriyaa Kibbaa hanga daa'imman dhalatanii dabaluuf ''shamarran Veetinaam ykn Shirii Laankaa'' irraa fidna jechuun yaada kenninaan paartiin isaa isa ari'e.

    Kiim Hii Suu hogganaa bulchiinsa Jiindoo yoo tahu, ''shamarreen as yoo dhufte dargaggoo baadiyyaa jirutti heerumuu dandeessi,'' jechuun galma walgahii keessatti torbee darbe dubbate.

    Kooriyaa Kibbaatti hammi daa'imman dhalatanii akka addunyaatti hir'achaa jira, waggaa 60 keessatti uummati biyyattii miiliyoona 60 tahu walakkaan hir'isuu danda'a.

    Haatahu malee, dubbiin Kiim televizhiniin darbe uummata biratti fudhatama hin arganne.

    Veetnaam mormii dippiloomaasii yoo dhageessistu, qondaalli kunis paartii biyya bulchu keessaa arii'ameera.

    Qondaalli kun dhiifama gaafachuun dubbii qabbaneessuuf yaalus hin taaneefi.

  7. Niwuziilanditti masjiidatti namichi lubbuu 51 galaafate murtoon isaa keessa deebiin akka laalamuuf iyyate

    Bireentan Taaranti

    Madda suuraa, Australian citizen Brenton Tarrant is serving a life sentence without parole

    Ibsa waa'ee suuraa, Bireentan Taaranti

    Finxaalessaan adiin Niwuziilaanditti masjiidota lama keessatti namoota 51 tokko fixe murtoon narratti murtaaye keessa deebiin naaf ilaalamu jechuun iyyate.

    Lammiin Awustiraaliyaa Bireentan Taaranti haleellaa Bitootessa bara 2019 masjiida keessatti kadhannaarra turan 51 fixee ture. Kanneen 40 ta'an immoo fixuuf akka ture amanee ture.

    Haleellaa guyyaa jimaataa magaalaa Kiristicharchi keessatti raawwate kana jalqaba kan haale Taaranti, waggaa tokko booda amanee ture. Murtoon hidhaa cimaa umrii guutuus irratti darbee ture.

    Namni ganda 35 kun himata shororkeessummaa tokkos amanee ture.

    Yeroo ammaa immoo faayila cufame kanarratti ol iyyannoo gaafateera. Akka inni jedhutti yeroo mana hidhaa turetti "dararamuu fi qabiinsa namoomaaf hin malle" jala waan tureef murtoo sirrii murteessuf haala na dandeessisu keessa hin turre jedhe.

    Manni murtii murtoo isaa akka keessa deebiin ilaalu ol iyyate. Mana murtii Niwziilaanditti dhaddachi Weelingtan ol iyyannoo isaa karaa liinkii viidiyootiin akka dhiyeeffatu mijeessufi eegama.

    Haleellaan mana masjiidota Alnuuri fi Liinwuud Islaamik Seenntar jedhaman keessatti raawwatee fi namoota 51 fixe kun kallattiin tamsaafamaa ture.

  8. Raashiyaan marii Iraanii fi Ameerikaa gidduutti eegale akka itti fufu waamicha dhiyeessite

    Ministiroota dhimma alaa Iraan fi Raashiyaa

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    Ministiroonni dhimma alaa Raashiyaa fi Omaan erga bilbilaan mariyatanii booda marii Iraanii fi Ameerikaa gidduutti eegale akka itti fufu gaafatan.

    Ministirri dhimaa alaa Raashiyaa Sargeey Laavroovii fi giti isaanii kan Omaan Badir Al-Asaadii biyyoota lamaan jidduu waraana hambisuuf mariin isaanii itti fufuu qaba jedhan.

    Ministeerri dhimma alaa Raashiyaa ibsa baaseen carraaqqii jaarsummaa Omaan garee lamaan walitti fide jaje.

    Mariin Ameerikaa fi Iraan kan eegale Jimaata darbe ture.

    Jilli Iraan ministira dhimma alaa biyyattii Abbaas Araagchiin durfamu jila ergama addaa Ameerikaa Istiiv Wiitkoofin durfamu waliin wal argee Omaanitti mariyateera.

    Akka ibsa ministeera dhimma alaa Omaanitti gareen lamaan wal mari’atan dhimma sagantaa Niwukileeraa Iraanirratti marii jabaa gochuu fi fedhiin marii itti fufuu jiraachuu mu’isa.

  9. Sudaan waggaa lama booda IGAD’tti deebitee makamte

    Workineh Gebeyehu

    Madda suuraa, IGAD

    Ibsa waa'ee suuraa, Workineh Gebeyehu

    Sudaan gara gurmuu Tumsa Misoomaa Biyyoota Gaanfa Afrikaa (IGAD) deebi’uu kan himan pireezdaantii gurmuu kanaa kan ta’an Pireezdantii Jibuutii Ismaa’el Umar Geeleedha. Umar Geelee kana kan beeksisan Dilabata ture.

    Barreessaan Olaan IGAD Warqinaa Gabayyoo Sudaan gara IGAD deebi’uusheetiin gammachuu itti dhagahame ibsan.

    Sudaan gara IGAD deebi’uun “tokkummaa riijinichaaf kutannoo qabdu kan mirkaneesse” jedhan.

    Akkanumallee “nagaa, tasgabbii fi tumsa riijinichaa” fedhii qabdus kan agarsiisu jedhan.

    Sudaan IGAD keessaa kan baate yaa’ii gurmuu biyyoota IGAD Yugaandaatti qophaayerratti hogganaan garee RSF Hamdaan Dagaaloo argamuu isaanii hordofeeti.

    RSF fi Waraanni Sudaan kan wal waraanuu eegalan Ebla 2023 eegaleeti. Sudaan biyyoota hundeessitoota IGAD keessaa takka.

    Pirezdaantiin yeroo kan IGAD Pireezdaantiin Jibuutii Ismaa’el Omar Geelee tarkaanfii kanaaf Sudaan galateeffatan.

  10. Pirezdantiin Somaaliyaa fi kan Masrii Kaayirootti mari’atan

    Hasan Sheek Mahammad fi Abdulfattaah Al-siisii

    Madda suuraa, Egyptian Presidency

    Pirezdaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mahammad marii Predzaantii Masrii Aldulfattaah Al-siisii waliin Kaayirootti godhaniin tumsa nageenyaa cimsachuuf waliigaluun isaanii gabaafame.

    Dhuma torbee darbeerra gara Kaayiroo kan imalan Preezdaantiin Somaaliyaa, Prezdaanti Al-siisii waliin isa miidiyaaleef kennaniin “qaama tokkummaa Somaaliyaa sarbu kamuu ni mormina” jedhan.

    Masriin gama isheetiin gaaddisa Gamtaa Afrikaa jalatti ergama nagaa Somaaliyaatiif loltoota ishee bobbaasuuf akkaatuma karoora qabatteen bobbaasuuf akka jettu Al-siisiin dubbatan.

    Pireezdaantiin Masrii tasgabbiin Somaaliyaa misooma fi nageenya naannichaaf “dhimma murteessaadha” jechuun Somaaliyaa deeggaruuf biyyi isaanii waan irraa eegamu ni gooti jedhan.

    Somaalilaandif beekkamtii biyyummaa kennuu Israa’el hordofee Masrii fi Somaaliyaan ejjennoo waloo qabachuun mormii isaanii ibsanii turan.

    Pirezdaant Hasan Sheek Mahammad Televizhinii Aljazeera gubbaatti yaada kennaniin Somaalilaand kanneen Gaazaa keessaa buqqaafaman qubsiisuufi buufata waraanaa Israa’eliif kennuuf waliigalte jechuun himatan.

    Israa’el Somaalilaand keessatti buufata waraanaa kan hundeessitu yoo ta’e “Of ittisuuf waan dandeenyu hunda ni goona” jedhan.

    Dubbii himaan Pireezdaantii Somaaliland Hasan Adan yaada kennaniin, “dubbii sobaati qabatamaa hin taane” jedhan.

    Bulchaan Somaaliyaan “kufaatii keessatti isaan mudate kaanirratti haqachuuf kan godhanii fi amala bulchiinsaa isaanii barame” jedhan dubbii himaan kun. Somaaliyaan ofiifuu nageenya ofii tikfachuu kan hin dandeenye jechuun busheessan.

  11. YOOYYAA!

    Akkam jirtu hordoftoota BBC Afaan Oromoo?

    Toora tamsaasa kallattiin oduu addunyaarratti ammuma ta'e isin biraan ittiin geenyu jalqabneerra.

    Fuula marsariitii, Facebook, YouTube fi WhatsApp keenya irraas odeessawwan waktaawoo ni argattu.

    Nu hordofaa