MM Abiy Itoophiyaatti kan jalqabaa kan ta'e tajajilawwan poolisii nama-maleessaa (smart police) jalqabsiisan

Madda suuraa, Abiy Ahmad
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad (PhD) tajaajilawwan poolisii nama-maleessa (Smart Police Service (SPS)) Itoophiyaatti kan jalqabaa ta'e har'a jalqabsiisuu himan.
MM Abiy tajaajilla kana jalqabsiisuu hodofee ergaa miidiyaa hawaasaa isaaniirratti baasaniin, tajaajilli kun lammileen tajaajila poolisii saffisa fooyya'aafi tekinooloojiin deeggaramanii argachuu isaan dandeessisa jedhan.
Dabalataan tajaajilli kun poolisiin akka tarkaanfii saffisaan fudhatu kan dandeessisuufi hojii yakka ittisuus si'oomina kan qabu godha.
"Tajaajilli kun jalqabuun 'Dijiitaal Itoophiyaa 2030' qaamoleen seera kabachiisan gahumsa kan qabaniifi dorgomaa akka ta'an gochuuf bu'a-qabeessummaa hojii rifoormii jalqabame kan guddisu ta'a."
Tajaajilli poolisii nama-maleessaa ykn poolisii malee kun AI fi tekinooloojii kaaniin deeggaramuun kan hojjetamu yoo ta'u, lammileen giddu-seentummaa namaa malee yakkwwam gabaasuu, adabbiiwwan kaffaluufi tajaajilawwan poolisii biroo akka argatan gargaara.
Tajaajilli akkasii kun bifa awutoomeetid ta'een kiyooskiin dhimma kanaaf qophee keessatti kan kennamu yoo ta'u, hojii saffisiisuu, mijataa taasisuu, akkasumas icciitiin dhuunfaa eeguun afaan baayyeetiin kennuuf gargraara.
Tajaajila poolisii nama-maleessaa (SPS) MM Abiy jalqabsiisan kana suuraanis daawwadhaa>








