Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Tiraamp mootii Sa'udii Waayit Hawusitti simate, Kiristaanoo Rodaaldoonis irratti argamuuf

Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Waayit Haawusitti mootii Sa’udii Mohaammad Bin Salmaan agarsiisa waraanaafi dhukaasa madiifin simatan. Kiristaanoo Ronaaldoonis ni argama jedhamee eegama.

Guduunfaa

  • Karoorri Tiraamp Gaazaa irratti baase Mana Maree nageenyaa UN'n deeggarame
  • Waan AI'n isinitti himu hunda fayyalesummaan hin amaninaa jedhan hogganaan 'Google'
  • Dimokiraatik Rippaabilik Koongotti bakka albuuda baasanitti riqichi jiguun namoonni heddu du'an
  • Odeessa bal'aa argachuuf asiin seenaa: BBC News Afaan Oromoo

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tiraamp mootii Sa'udii Waayit Hawusitti simate, Kiristaanoo Rodaaldoonis irratti argamuuf

    Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Waayit Haawusitti mootii Sa’udii Mohaammad Bin Salmaan agarsiisa waraanaafi dhukaasa madiifin simatan.

    Simannaa ho’aa akkanaa kun bulchiinsa Tiraampiif Sa’ud Arabiyaan hangam barbaachistuu akka taate kan agarsiisudha jechuun Bernid Debusmaan Jr Waayit Haawusirraa barreesseera.

    Lamaan isaanii waliigaltee ittisaa fi invastimantii AI irratti ni mari'atu jedhamee eegama Tiraamp walgahii kana akka carraatti fayyadamuun hariiroo Sa’udiifiIsraa'el waliin qaban idileessuurratti dhiibbaa gochuu ni mala.

    Dursaan kilabii kubbaa miilaa Sa’uudii Al-Nasr Kiristiyaanoo Ronaaldoos Waayit Haawusitti akka argamu qondaalli tokko mirkaneesseera

    Daawwannaa kanaan dura, Tiraamp gaazexeessitootaaf ibsa kennaniin, Ameerikaan xiyyaarota waraanaa F-35 Sa’ud Arabiyaatti akka gurgurtu himuun, “ michuu keenya jabduudha” jedhan.

  2. Kiristaanoo Ronaaldoo daawwannaa mootii Sa'udiif Waayit Hawusitti argamuuf-Aanga'oota

    Dursaan garee kilaba Sa'ud Arabiyaa Al-Naasir, Kiristaanoo Ronaaldoo, daawwannaa mootii Sa'ud Arabiyaa Mohaammad Bin Salmaan Ameerikaatti taasisaniin walqabatee Waayit Hawusitti akka argamu aanga'aan tokko mirkaneesseera.

    Rondaaldoon qaama jila mootii Sa'ud ta'uufi dhiisuu isaa garuu waanti himame hin jiru.

    Kiristaanoo Ronaaldoo taphataa kubbaa miilaa sadarkaa idil-addunyaatti adda durummaan beekaman keessaa tokko yoo ta'u, Sa'udii Piroo Liigii keessatti argamuun akka Liigichi gurra godhatus gochaa jira.

  3. Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa xiyyaara Booyiing bituun Afrikaarraa dursaa jira

    Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa xayyaara Booying 737 kudha tokko bituuf waliigaltee mallatteessuu beeksiseera.

    Daandii Qilleensaa Itoophiyaa fi Booyiing waliigalteerra kan gahan Wiixata kaleessaa Egzibishiinii Xiyyaaraa Idil-addunyaa Dubaayitti geggeeffame irrattidha.

    Waliigalteen kuni Daandii Qilleensaa Itoophiyaa xayyaarota Booying bituun Afrikaa irraa sadarkaa tokkoffaa akka qabatu isa taasisa.

    Hojii geggeessaan Daandii Qilleensaa Itoophiyaa Obbo Masfin Xaasoo dhaabbati isaanii michoomni Booying waliin qabu guddataa akka jiru yeroo kanatti dubbataniiru.

    Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa xiyyaarota 737, 777 fi 787 diriimlaayinar baayyee qabaachuun biyyoota Afrikaa irraa sadarkaa duraa irra jira.

    Bara 2024 Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa xayyaarota 777 saddeet akkasumas xayyaarota dabalataa 12 bituuf waliigaltee mallatteessee ture.

    Kana malees dhaabbatichi waggaa lamaan dura Dubaayitti Booying 737 Maaks dabalatee xayyaarota 31 bituuf waliigalteerra gahee ture.

    Hojii geggeessaan olaanaa dhaabbatichaa yeroo waliigaltichi mallattaa'e, ''bittaa raawwatameen gammachuun nutti dhaga'ama,'' jedhan.

    ''Bittaan xayyaarota kanaa tarsiimoofi mul'ata keenye kan fiixaan baasudha,'' jedhan.

  4. Yukireen jeettiwwaan waraanaa Faransaayi 100 argachuufi

    Yukireen xiyyaarota waraanaa saffisoo Raafaal F4 jedhaman Faransaayitti hojjataman 100 ta'an akkasumas sirna ittisa qilleensaa sadarkaa olaanaa qabu argachuuf jirti.

    Meeshaan waraanaa kun ammoo biyyattiin haleellaa guddaa Raashiyaan irratti raawwattu irraa of ittisuuf akka gargaaru himama.

    Deeggarsa meeshaalee waraanaa Ameerikaa fi biyyoota Awurooppaa irraa argattu kanneeniin Yuukireen raashiyaarra ooluu dandeessi?

    Pirezidaantiin Yukireen Volodiyiimiir Zeleniskii tarkaanfii kana "seena qabeessa" jechuun kan jajan yoo ta'u, gita isaanii Faransaay Imaanu'eel Maakroon waliin buufata xiyyaaraa naannoo Paaris jirutti waliigaltee kana mallatteessaniiru.

    Xiyyaarootni kunneen hundi isaanii hanga bara 2035tti Yukireeniif kennamanii kan xumuraman yoo ta'u, sirni oomishaa waloo ittisa qilleensarraa bara kanarraa eegala.

    Gabaasaaleen akka jedhanitti murteen kun Raashiyaa dhaabuuf yoo ta'u tarkaanfii falmisiisaa Gamtaa Awurooppaa miseensota 27 qabu addaan qoodedha.

    "Kun waliigaltee tarsiimoo waggaa itti aanu irraa eegalee waggoota 10f hojirraa ooludhaa" jechuun Zelenskiin ibsa walooWixata kaleessaa Maakroon waliin kennan irratti dubbataniiru.

    Yukireen ''raadaroota Faransaay baayyee ciccimoo, sirna ittisa qilleensaa saddeet fi meeshaalee waraanaa sadarkaa olaanaa biroos ni argatti'' jedhan.

  5. Bu'aa qorannoo haaraa qaccee Hiitleer falmisiisaa ta'e

    Qorannoon saayinsaawaa garee ogeeyyii idil-addunyaan adeemsifame kun jette jetteewwan 'Hitlar sanyii Jeewish fi dhibee guddina qaama saalaa miidhu qaba ture' jedhaniif deebii kan laatedha.

    Qorattoonni akka jedhanitti Hiitler cidhaan tokko qofa ture. Dabalataan ammoo dhibee guddina qaama saalaa dhorku Koolman Siindiroom jedhamu qaba ture.

    Dhibeen kun akka qaamni saalaa isaa hin guddanne waan godhuuf qaamni saalaa Hiitler baay'ee xiqqoo ture jedhu qorattoonni.

    Qaamni saalaa isaa iinchii lama ykn seentimeetira shanii gadi kan jedhan jiru. Kun hundi qorannoo DNA isaa irratti gaggeeffame irraa kan argame akka tahes himaniiru.

    Dhibeen kun akka dargaggummaan itti hin dhagahamne godha. Hoormoonii kanaaf gargaaru akka hin uumamne ykn miira sana keessa hin galle godha jedhu qorattoonni.

    Fuula irratti rifeensa xiqqoo qabaachuu fi dubartoonni akka yeroodhaan laguu isaanii hin argine gochuus danda'a jedhu.

    Dhibeen kun dhiirota 30,000 tahan keessaa nama tokko irratti carraa argamuu qabas jedhan.

    Hiitler ijoollee tokkoyyuu hin qabu. Namni mucaa isaati jedhee ifatti galmaa'eerus hin argamne.

  6. Waan AI'n isinitti himu hunda duuchumatti hin amaninaa jedhan hogganaan 'Google'

    Namoonni waan Artifishaal Inteligensiin (AI) itti himu hunda "fayyaalessummaan amanachuu"hin qaban jechuun hogganaan dhaabbata guddicha Google Sundar Pichaayi BBC'tti himan.

    Hogganaan kun moodeelotni AI ''dogongoraaf kan saaxilaman'' ta'uu ibsuun, namoonni of eeggannoo biroo waliin akka itti fayyadaman dhaaman.

    Pichahi teknooloojii AI qofa irratti of abdachuurraa wirtuu ragaa odeeffannoon badhaadhe qabaachuun barbaachisaa ta’uu cimsanii dubbataniiru.

    Kanaaf namoonni Google kan fayyadaman, ta'uu fi kana malees wirtuwwaan biroo odeeffannoo sirrii kennuutti dhihoo ta'an jiraachuu himan

    AI "yoo waan tokko barreessuu barbaadde" faayidaa kan qaban ta'us, namoonni "waan kana waan gaarii qofaaf fayyadamuu barachuu malee waan hunda duuchumatti amanuu dhiisuu qabu" jedhan

    Odeeffannoo sirrii hanga danda'ametti kennuudhaaf hojii hojjetametti ni boonna, garuu teknooloojiin AI amma jiru dogoggora tokko tokkoof saaxilamaa ta'uus eeran.

    Addunyaa teeknooloojii yeroo dhiyootti moodeela AI fayyadamu Google, Gemini 3.0 kan ChatGPT irraa gabaa deebisee argachuu danda'a jedhe eegaa ture.

    Bara darbe Caamsaa irraa eegalee Googlen “AI mode” haaraa kan Gemini chatbot walitti makuun fayyadamtoonni ogeeyyii waliin akks haasa’aniif carraa kennu jalqabeera.

    Yeroo sanatti Pichahi 'Gemini Google Search' waliin walitti makuun “jijjiirama waltajjiiwwan AI keessatti boqonnaa haaraa” akka ta’e dubbataniiru.

    Yaadni hogganaa Google kun qorannoo BBC jalqaba bara kanaa kan deeggaru yoo ta'u, qorannoon BBC Open AI’ ChatGPT, Microsoft’s Copilot, Google’s Gemini, fi Perplexity AI hundi isaanii “dogongora guddaa” akka of keessaa qaban ibseera.

  7. Dimokiraatik Rippaabilik Koongotti bakka albuuda baasanitti riqichi jiguun namoonni heddu du'an

    DR Koongoo bakka albuuda baasanitti riqichi jiguun yoo xiqqaate namoonni albuuda baasaa turan 32 du'an.

    Balaan kun kan mudate bulchiinsa Kalaandoo jedhamutti yoo ta'u, bakka albuuda akkaan barbaadamaa koobalt jedhamu baasanitti.

    Qondaalonni mootummaa akka beeksisanitti, namoonni seeran ala albuuda baasan bakka seenuuf dhorkame humnaan cabsanii seenurraa kan ka'eedha balaan kan mudate.

    Namoonni albuuda baasuf hayyama hin qabne bakkicha humnaan seenuu hordofee humnoonni nageenyaa bakka albuunni bahu eegaa turan dhukaasa yeroo bananan namoonni baqachuuf riqicha fayyadamuunsaanii riqichi akka cabu gochuusaa mootummaan biyyattii ibse.

    Sababa balaa kanaaf waraanni dhukaasa banuudha himannaa jedhuuf, humni waraana biyyattii hanga ammaa homaa hin jenne.

    Hojjattonni lubbuu baraaran ammayyuu namoota jijjiga riqichaa jalatti hafan barbaadaa jiru jedhame.

    DR Koongoon biyya albuudota qaalii ta'an qabaachuun beekamtu yoo ta'u, omisha albuudaatiin wal-qabatee balaan yeroo garaa garaatti lammiilee biyyattii ni mudate.

    Biyyattii keessatti namoonni hanga miliyeena 2 ta'an haala eegumsa hin qabneen albuuda baasuu irratti bobba'uurraa kan ka'e yeroo garaa garaatti bakka albuuda baasanitti sigiga lafaafi boolli albuuda keessaa baasan jiguun balaan garaa garaa ni mudata.

  8. Manni Maree Nageenyaa UN karoora karoora Tiraamp Gaazatti nagaa buusuuf baase deeggare

    Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Gamtomanii (UN) karoora Gaazatti nagaa buusuu Tiraamp dhiyeessee ture sagalee caalmaan deeggare.

    Karoora abbaa qabxii 20 Tiraamp dhiyeessee tureen walgalteen waraana Gaazaa dhaabuu Israa'elifi Hamaas gidduutti mallattaa'ee ture deeggarsa hawaasa idiladdunyaa argatee ture.

    Amma immoo Manni Maree Nageenyaa UN yaa'ii taa'een karooricha irratti sagalee kenneen deeggareera.

    Karoora Tiraamp kana keessatti Gaazatti nagaan Gaazatti akka bu'uuf Humni Tasgabbeessaa Idiladdunyaa akka hundaa'u ibsameera.

    Biyyoonni heddu humna tasgabbeessaa kanaaf waraana akka gumaachan US ibsitee turte.

    Miseensota Mana Maree UN keessaa biyyoonni 13 karora Gaazatti nagaa buusuu Tiraamp yoo deeggaran, Raashiyaafi Chaayinaan sagalee kennuurraa of qusatan.

    Hamaas garuu murtee UN kana mormuun murtichi "fedhii mirgoota uummata Filisxeem kan yaada keessa galche miti" jechuun mormeera.