Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Arsenaal 0-0 Liiverpuul: Arsenaal carraa Maanchister Siitii irraa qabxii saddetiin fagaachuu dhabe

Piriimer Liigii: Arsenaal 0-0 Liiverpuul: Arsenaal dirree isaa irratti Liiverpuul waliin qixa bahe

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Siitiin paawundii miliyeena 65 baasuun Antoon Semeeniyoo mallatteessise

    Taphataan colleen yeroo ammaa gahuumsa agarsiisun qalbii jaalattoota kubbaa miilaa hedduu hawwate Antoon Semeeniyoo ifatti Manchestar Siitii gale.

    Kilaba Biristol Siitii irraa waggaa sadi dura Barnimaaz erga galee booda gahuumsa agarsiisen waggaa sadi keessatti beekamtii guddaa argate.

    Semeneeniyo mallatteessisuuf Peep Gaardiyoolaan kilaboota akka Yunaayitid, Cheelsii, Liivarpuulifi Tootenhaam fa'aa irratti erga wal-qabaa turee booda injifatee paawundii miliyeena 65 itti baasuun harka galfateera.

    Taphattoonni akka Givaardiyool, Saviiniyoo fa'aa jalaa miidhamuu hordofee Siitiin Semeeniyoo yeroo kanatti baay'ee barbaada.

    Bara 2023 paawundii miliyeena 10 Baarnimaaz kan gale Semeeniyoo yeroo gabaabaa keessatti gahuumsa cimaa agarsiisun qalbii kilaboota gurguddoo keessa gale.

  2. Jawaar ulaa galaanaa, muddama, MM Abiy, KFO fi egeree qabsoorratti

    Xinxalaa siyaasaa Jawaar Mohaammad dhimma muddama Gaanfa Afrikaa, siyaasa Itoophiyaafi Oromoo irratti BBC waliin turtii taasise.

    Qondaalli olaanaa dhaaba mormituu Kongirasii Federaalawaa Oromoo kan ta'e Jawaar hariiroo inni mootummaa Itoophiyaa waliin qabuufi qooda dhaaba keessa qabullee ibseera.

  3. Gabri'eel Maartneelii balleessaa Konor Biraadilii irratti raawwateef dhiifama gaafate

    Konor Biraadilii gara daqiiqaa dhumaatti tasa kufee miidhame.

    Maartineeliin kubba taphatti deebisuuf ariifatee taphatichi kufuu arguun kubbaadhaan bakka ciisaa jirutti rukute.

    Lammaffaa deebisuun Biraadiliidhaan qabee lafa bakka kufee ciisuu akka darbachuu godhe.

    Gaarii Neevilii fi Rooy Kiin Maartinelii akka malee qeequun gochaa jibbisiisaa fi maraatummaati jedhe.

    Maartineeliin boodarra dhiifama gaafachuu hime. Biraadiliidhaan erga taphni dhumee akka qunname kan hime Maartineeliin ‘’baay’een gadda, dafee fayyee akka deebi’un hawwaafii, ergasii isa dubbiseera’’ jedhe.

    Arnee isloot osoo taphattoota keenya tahee 100% gochaa akka kanaa akka hin raawwannee fi taphataan yeroo kufu waa taheeti jedhanii akka yaadan nan amana jedhe.

    Arteettaan Gaabii [Maartineeliin] Biraadiliin akkas miidhameera hin seene jedhe. Osoo kana hubatee jiraatee akka waan akkasii hin goone dubbate.

    Maartineeliin balleessaa isaa kanaaf kaardii akeekkachiisaa agarsiifameera.

    Biraadiliin baatamee dirree keessaa baafame. Kun Liiverpuuliif miidhama sodaachisaa biraati.

  4. Arsenaal garee shaampiyoonaa ture morkate- Sooboslaay

    Nutu [Liiveruul] garee shaampiyoonaa tahe waliin taphate osoo hin taane Arsenaaltu garee shaampiyoonaa ture waliin taphate- Sooboslaay

    "Garee ajaa’ibaati kan morkanne. Maaliif bara darbe shaampiyoonaa tahuun akka xumurre itti agarsiifneerra.

    Torbanoota darban keessaa dadhabina qabnu irraa hedduu fooyyesine. Garee gabatee liigichaa dursaa jiru waliin morkachuun maal akka taane agarsiifneerra.

    Gahumsa kana torbaoota fuuldura keenya jiran irrattis agarsiisuu qabna jedhe.

    Liiverpuul Huugoo Ekiitiikee, Saalaa fi Aleeksaander Isaak malee Arsenaal morkate.

  5. Arnee Isloot Arsenaaliin mo'achuu qabna ture jedhe

    Leenjisaan Liiverpuul tapha Arsenaal wlaiin qixa xumurameen booda akkas jedhe.

    “Boqonnaa dura irra caalaa isaa dirree keenya irratti taphatan. Kubba muraasa gara sarara galchii keenyaatti dabarsaa turan. Garuu waan sodaachisu hin turre.

    Boqonnaa booda waan faallaa hojjenne. Gama garee koon hanqateera jedhee kanan yaadaa ture kubba caalanii taphachuu ture.

    Garee cimaa akka Arsenaal baranaa irratti gahumsa akkasii agarsiisuun waan gaarii garee keenya irratti argedha. Baay’ee gammadeera.

    Boqonnaa booda waan tokko lama qajeelchine. Akkatti ittisaa turre hedduu fooyya’e. Arsenaaliin dirree isaanii keessatti galchinee taphanne.

    Waan dhumarratti ammayyuu xiqqoo gaddu yoo jiraate mo’achuu dhabuu keenyadha.

    Taphni garee keenyaa tokko tokko baay’ee cimaadha. Kan rakkannu garee dhaabbachuun ittisu cabsinee darbuu irrattidha.

    Arsenaal irratti nu mudateera. Akkuma har’a jabaannee taphanne taphoota tokko tokko irratti garuu rakkataa turre.

    Garee cimaa Ingilaand keessaa kamiyyuu morkachuu akka dandeenyu agarsiifneerra jedhe Arnee Isloot.

    Taphoota kudhan walitti aansuun osoo hin mo’amiin jira.

  6. Arteettaan erga Liiverpuul waliin qixa bahanii dubbate

    “Mo’amuurra qixa bahuu wayya. Garaagarummaan keenya xiqqaa akka tahe nan beeka. Boqoannaan dura olaantummaan taphannee garuu kubba galchii tahu sirrii dabarsuu hin dandeenye.

    Boqonnaa booda tapha bareedaa waan hin taphanneef akka isaan deebisanii nu jifatan isaaniif eeyyameera.

    Dogogora takkaa hojjenneen ala kubba cimaan nurratti yaalamuu isaa hin yaadadhu. Taphni kun waan raajii wayii nama hojjetu barbaada ture.

    Aanfiildi irratti Sooboslaayitu waan dinqii hojjetee nu mo’an. Har’a garuu nama tokoyyuu hin arganne. Yoo mo’uu dadhabde mo’amuu garuu hin qabdu jedhe leenjisaan Arsenaal kun.

    Boqonnaa duras kubba bareedaa sarara dhumaa keessa buusuu irratti hanqina qabna ture. Astoon Viilaa wlaiin yeroo taphannes kanuma ture.

    Gareen sunis haalaan qindaa’aa fi jabaa ture. Yoo kubbaan si caaluu dhaban obsaan carraa gaarii eeggachuun si mo’atu. Garuu boqonnaa booda sirreessuun mo’anne jedhe.

    Liiverpuul ilaalchisee tahattoota sarara gidduu hedduu qabu. Bakka qullaa kamiyyuu keessatti isaan argita. Kubba ammo bakka taphattoonni keenya qindoominaan taphatan irraa fageessaa turan. Kanuma eegnee ture garuu irratti hojjechuu hin dandeenye.

  7. Arsenaal 0-0 Liiverpuul

    Morkiin Arsenaalii fi Liiverpuul gidduutti Emireetis irratti gaggeeffame qixa galchii malee xumurame.

    Boqonnaa booda Liiverpuul gahumsa olaanaa agarsiise.

    Gabaasa bal'aan ganama walitti deebina.

    Halkan gaarii

  8. Arsenaal 0-0 Liiverpuul- 45'

    Liiverpuul tapha saffisa guddaa qabu har'aa irratti ittisaanis tahe bakka hundaan akka gaarii jira.

    Taphoota sagal walitti aansee kan hin mo'amne Liiverpuul irra caalaa isaanii garuu qixa bahuun xumuraa ture.

    Kunis carraa kanaan xumuramuu mala. Arsenaal yaalii gaarii taasisanis dirree isaanii irratti galchii lakkoofsisuu hin dandeenye.

    Liiverpuul Huugoo Ekitikee, Mohaammad Saalaa fi Aleeksander Isaak miidhamaa fi Waancaa Afrikaan dhabeera.

    Garuu haala gaariin morkataa jira. Arsenaal kubba jaha gara galchiitti yaale keessaa lama kallattii isaanii kan eeggatan ture.

    Liiverpuul kubba sadii yaale. Kallattii isaa kan eeggate hin jiru.

    Kubba tokko garuu poolii jalaa deebise.

  9. Yaalii Liiverpuul taasise tokko poolii deebise

    Deevid Raayaa fi Wiiliyaam Saalibaa gidduu haala gaariin wal dubbisuun hin turre.

    Kubba Liiverpuul qabatanii dhufan carraa galchii tahuu guddaa qaba ture. Biraadiliin hojii gaarii hojjete.

    Garuu kubbi rukute poolii dhahee deebi'e.

  10. Arsenaal 0-0 Liiverpuul-20

    Arsenaal dirree isaa irratti Liiverpuulitti roorrisaa jira. Bukaayoo Saakaa karaa mirgaan Miiiloosh Kerkesh dhaabbii fi tasgabbii dhowwateera.

    Bitaan Tiroosaad haalaan cimsee jifataa jira. Sararri gidduu saffisa guddaan kubba daddabarsaa jiru.

    Gabri'eel mataan kubba suufaa jira. Yeroo Arsenaal galchii dhabu lakkoofsisuun beekama.

    Liiverpuul haala gaariin ofirraa qolataa jira. Saffisni taphichaa garuu ajaa'iba.

  11. Benefiikaan mo'amnaan Moorinihoon taphattoonni akka mana hin galle dhorke

    Kaleessa Benefiikaan dirree isaa irratti Biraagaa kilaba jedhamuun mo'amaan Joosee Moorinihoon taphattoota hundaa mana hin galtan jechuun bakka shaakalaa hojjetan akak bulan godhe.

    Moorinihoon akka rafaniif osoo hin taane akka taa'anii yaadaa bulaniifan kana murteesse jedhe.

    Benefiikaan erga Nikoolas Otaamendii kaardii diimaan dirree keessaa baafamee, 3-1'n mo'aman.

    Fulbaana keessa leenjisaa kilebichaa tahuun kan muudame Moorinihoon, taphattoonni isaa bakka shaakala hojjetan keessa kutaalee jiran keessa akka bulan murteessuu hime.

    ''Taphattoonni kutaalee bakka shaakalaa keessa bulu. Kamisa shaakalli jira. Guyyaa itti aanus shaakalli jira,'' jedhe Jooseen.

    "Roobii dhuftu Poortoo waliin tapha qabu. ''Gaafa Roobii yeroo bakka shaakala keenyaa geenyu hundi isaanii gara kutaa kutaa isaanii seenu. Akkuma ani rafu isaanis rafu. Kana jechuun hin rafan jechuudha'' jedhe.

    ''Anis kanan isaaniif hawwa, isaanis akkumakoo hin rafan'' jechuun aarii irraa qabu ibse.

    Erga leenjisaa Benefikaa tahee taphoota 23 keessaa 14 mo'ateera. Taphoota 11 walitti aansee kan mo'ate Joosee Moorinihoon Biraagaadhaan mo'amuun jalaa fashalaa'eera.

    Kanatu hedduu isaan aarse. Ispoortiing Liisbanii fi Poortoodhaanis caalamaniiru.

  12. Arteettaan tapha Liiverpuul dursee maal jedhe?

    Leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaan tapha har'a Liiverpuul waliin qabu dursee waa'ee garee isaa dubbate.

    Qabxiilee murteessoo inni kaase keessaa:

    • Rikaardoo Kalafiyoorii fi Mooskuweeraan ammayyuu miidhamarraa hin fayyine. Garuu dhiyaataniiru.
    • Kaayi Haavert shaakala waan hojjeteef har'a ni taphata jedhamee eegama.
    • Deeggartoonni keenya Emireetis irratti ''haamilee garee keenyaa haalaan ol kaasu'' jedhe. Gareen keenya ''kutannoon, ofitti amanamummaa fi dirree guutuu weeraruun akka taphannu nu godhu'' jedhe.
    • Li'oondri Tiroosaad bara kana fooyya'insa guddaa agarsiise. Dandeettii durumaanuu qaba, garuu itti fufinsaan gahumsi bara kana agarsiise adduma jechuun Arteettaan isa jajeera.
    • Garee keenya irratti xiyyeeffachuun barbaachisaadha kan jedhe Arteettaan hundi keenya mo'achuu barbaanna waan taheef isarratti jabaannee hojjenna jedhe. Xiyyeeffannoon jiru cimina garee Arsenaal irra waan taheef qixuma sanatti nus qabxii nurraa eegamu argachuun waancaa mo'achuu barbaanna jedhe.
    • Qindoominni Deklaan Raayis, Maartiin Odeegaardii fi Maartiin Zubimandii ajaa'iba jedhe. Waliif hojjettu, wal jajjabeessu jedhe.
    • Liiverpuul bifa addaan taphachuu waan malaniif sanaafis of qopheessuu fi of eeggachuu qabna jedhe.
    • Liiverpuul mo'achuuf maal gochuu akka qabnu beekan jedhe.
    • Liiverpuul tapha jalqaba barana walitti dhufan mo'ateera.

    Arnee Isloot: Arsenaal bakka amma jiran kana irra taa'uun isaaniif mala.

    Liiverpuul taphoota hedduu qixa bahe. Haala taphichaa yoo ilaalte hawwataa ture.

    Arsenaaliin mo'achuun ammoo miira addaa qaba. Miidhama qabnu irratti taphoota hedduu mo'achuuf yaalla. Deeggartoonni taphni Liiverpuul hawwataa miti jechuun sirrii tahus, garuu dhagahauuf namatti hin tolu.

    Tapha bareedaa taphannee mo'achuu barbaanna jedhe.

  13. Amoorim booda qixa kan xumure Maanchister Yuunaayitid maal fooyyesse?

    Maanchister Yuunaayitid erga leenjisaa isaa Ruuben Amoorim ari’ee tapha jalqabaa qixa bahe.

    Ayiden Heeven galchii tokko kara isaa irratti lakkoofsise. Beenjaamin Seskoo akka malee qeeqamaa turus kaleessa galchii lama lakkoofsise.

    Garuu mo’achuu hin dandeenye. Barnilee waliin qixa 2-2 xumuran.

    Daaren Fileecher taphoota lama Barnilee fi FA ammoo Biraayitan waliin qaban leenjisa jedhame.

    Fileecher isa Amoorim ittisa sadiin taphatu dhiisuun ittisa afuriin gale. Seeskoon galchii lama lakkoofsisu carraa baay’ee argates qisaasesseera.

    Kuunaa fi Doorguunis yaalii gaarii godhaniiru. Shiyaa Leesii taphataan jedhamu akkaadaamii Yuunaayitid irraa kaleessa carraa argateera.

    Deeggartoonni abbootii qabeenyaa qeeqaa turan, Olee Guunaar Soolshaayerii fi Maayikil Kaarik akka leenjisummaan haga xumura bara dorgommii kanaatti hojjetaniifis maqaa isaanii waamuun faarsaa turan.

    Gabaasonni bahan akka agarsiisanitti, Amoorim hojii isaa kan dhabsiise dubbii ini dubbatedha.

    Daangaa hedduu darbuu fi aangoo murteessummaa kielbicha keessatti barbaaduu isaatu kanaaf isa gahe jedhame.

    Taphattoonni murteessoo akka Buruunoo, Maawontii fi Maaguwer deebi'uun kilebichaaf gaariidha.

  14. Liyonel Meesiin maaliif afaan biraa dubbachuu akka jibbuu fi amaloota isaa kaanii dubbate

    Liyonel Meesiin tibbana gaaffii fi deebii taasise irratti waa’ee amala isaa adda addaa dubbate.

    ChatGPT hin fayyadamu...AI hin fayyadamu. Waanan mormuuf osoo hin taane waa’eemti isaa waan naaf hin galleefidha.

    Haati manaankoo Antoonellaan guyyaa guutuu Chat GPT irra oolti. Waanuma hundaa gaafachaa oolti. Waa’ee nyaataa fi akkaataa hojii isaa, waa’ema waan hundaa gaafatti.

    Ani addunya akanatti hin makamne’’ jedhe.

    Liyonel Meesiin wal tajjii kam irrattiyyuu Ispaanish malee afaan kaan hin dubbatu.

    Hiriyyoota koo waliin akka gaariittan Afaan Ingiliffaa haasa’a, garuu kaameeraa duratti na jalaa bada jedhe.

    ‘’Yeroo tokko waliigaltee daldalaatu Baarseloonaa fi Chaayinaa gidduutti gaggeeffame. Ani FAaan chaayinaatiin ergaa hin dabarsu....Ispaanish yoo tahe maleen jedhe. Isaanis tole jedhanii boodarra, lakki, lakki afaan chaayinaan hojjedhu na jedhan.

    Dhuma irratti afaanuma Chaayinaan hojjedhe. Waan hunda caalaa nama qaanessa. Gaafan dubbadhu waanuma addaa tokko natti fakkaata. Hin jaalanne. Waan hundaa Afaan Ispaanishiin hojjechuun jaaladha’’ jedhe.

    Meesiin kana qofa osoo hin taane shuubbisuu akka hin jaalanne dubbate. Xiqqoo shuubbisuuf wayinii dhuguun qaba. Dhugaatii biraa hin jaaladhu jedhe.

  15. Leenjisaan Tootenhaam Shiinii bunaa Arsenaalitti osoo dhuguu argame

    Tootenhaam galchii 3-2'n Barnimooziin mo'ame. Deeggartoonni kilebichaa qabxii argataa jiranitti hedduu mufataniiru.

    Kana caalaa kan baay'ee isaan aarse ammoo leenjisaan isaanii Toomaas Firaank meeshaa buna itti dhugan maqaa Arsenaal ofirraa qbautti osoo dhuguu argamuu isaati.

    Tootenhaamii fi Arsenaal masaanuu waliiti. Aanji Poostikooguluu waancaa injifatee ari'ame caalaa qabxii argachuu kan dhabe Toomaas Firaank inumaa dubbii deeggartoota aarsu biraa keessa gale.

    ''Dhugaa dubbachuuf akkas tahuu isaa tasumaa hin argine ture. Osoo argee jiraadhe waan akkasii badaa kana hin godhun ture'' jedhe.

    ''Yeroon fudhadhu osoon argee jiraadhee gonkumaa hin fudhadhun ture'' kan jedhe Toomaas Firaank ''Kubba miilaa keessatti waan akkasii kun xiqqoo nama gaddisiisa. Gaafachuun qaba ture, silaa waan akaksii hin godhu ture,'' jedhe.

    Kaappii ykn meeshaan buna ittiin dhugan loogoo Arsenaal ofirraa qabu kun guyyaa afur dure yeroo Arsenaal Barnimooz waliin taphate kan gara sana geeffamedha.

    Hojjetaama Tootenhaam tokkotu osoo hin ilaaliin buna fidee meeshichaan kenneefii.

    Waa'ee ani kaappii ykn shiinii bunaa kileba biraatiin dhuguu yoo yaanna tahe kallattii dogogoraa irra jirra jedhe Toomaas Firaank.

    Galchii injifannoo Barnimooziif kan lakkoofsise gara maanchister Siitii kan deemaa jiru Aantoonii Semenyoodha.

  16. Qixa 1-1 Biraayitan waliin kan xumure Maanchister Siitiin maal jedhe?

    Maanchister Siitiif ji’a murteessaa kan tahe barri 2026 haala gaarii hin taaneen jalqabe.

    Morkii waancaa Piriimer Liigii Arsenaal waliin taasisaa jiru gufataa jira.

    Biraayitan waliin qixa 1-1 kan xumure Maanchister Siitiin taphattoota murteessoo lama erga miidhamaan dhabee ammo inumaayyuu rakkoo caaluuf saaxilamaa jira.

    Jooskoo Givaardiyoolii fi Ruuben Diyaas yoo xiqqaate haga xumura ji’a kanaatti miidhamarraa hin deebi’an.

    Amajji 1 hanga Guraandhala 1tti Maanchister Siitiin taphoota 10 dorgommii adda addaa keessatti taphata.

    Arsenaal yoo Liiverpuul mo’ate qabxii saddetiin Maanchister Siitii caala. Taphoota 17 qofatu ammoo hafa.

    Peep Gaardiyoolaan taphichaan booda akks jedhe. ‘’Qabxiin arganne kanuma, isuma argitanidha. Qabxii tokko nuuf, qabxii tokko isaaniif. Kanuma!’’ jedhe.

    ‘’Boqonnaan booda tapha Sanderlaandii fi Cheelsii waliin waluma fakkaata. Kubba akka barbaanne dabarsaa hin turre.

    Haala tapha keenyaa garuu guutummaatti jaalladheera. Taphattoota haaraa baay’ee fi waan haaraa baay’eetu kileba kana keessa jira’’ jedhe.

    ‘’Carraa goolii baay’ee arganneerra. Garuu lakkoofsisuu hin dandeenye. Kana irartti hojjechuu qabna’’ jedhe Peep Gaardiyoolaan.