Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Baayiden dorgommicha mo'achaa jiraachuu himan

Filannoo Pireezidantummaa Ameerikaa itti bahi isaa addunyaa guutuun eegamaa jiruun, adeemsi lakkaa'uu sagalee harkifatuus Baayidan dursaatuma jiru.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Pireezidantii Ameerikaa 46ffaa ta'uun kan filataman Joo Baayidan eenyu?

  2. Naannoo mana Baayden xiyyaarri akka hin balaliineef dhorkaan itti fufe jira

    Naannoo mana Baayden xiyyaarri akka hin balaliineef dhorkaan akkuma itti fufe jira

    Naannoo mana Joo Baayden Wiilmiingitanitti dhorkaan balalii yeroof kaa’amee ture dheerefame.

    Erga Baayiden kaadhimamaa Demookiraatotaa tahuun baramee xiyyaarrii raadiyasii kiloomeetira tokkoof walakkaa mana isaarraa fagaatee akka balali’u tajaajilli basaasaa biyyatti gaafannaan hojiirra oole.

    Haa tahu malee gaafa Sadaasa afur irraa qabee dhorkaan kun km4n kan bal’ate yoo tahu hanga Sadaasa 11ttis achi dheerateera.

    Namni dhorkaa kana cabse hidhaa ji’a kudhalamaan ykn doolaara 100,000 adabamuufi fi waraqaan raga seera qabeessummaa balaliisaa fudhatamuu danda’a.

    Dhorkaan kun rakkoon jiraachuu waan agarsiisu otoo hin taane, namoota maqaa guddaa qaban eeguuf jecha hojiin tikaa akkanaa raawwachuun baratamaa dha.

    Yeroo nama pireezidantummaaf filatamu tahu immoo haalli tikaa fi sakattan’insi nageenyaa cimuu mala.

  3. Dhalattootni Laayibeeriyaa waraana baqatanii biyyicha galan Ameerikaatti filannoo injifatan

    Lammileen dhalootaan Laayiberiyaa waraana baqatan lama Ameerikaatti filannoo injifatan.

    Lamaanuu maatiin isaanii bara 1990 keessa walwaraansa biyyatti keessatti uumame baqachuun baqattummmaan Ameerikaa seenaanii ture. Tibbana lachuu Koloraadoo fi odola Roodiitti filataman.

    Nequyitaa Riiksi teessoo mana maree bakka bu’oota Koloraadoo wayita injifattu, daarektarri mana barnoota Nataan Bihaa odola Rooditti filameera.

    Ms Riiks ‘’Koloraadoo baqata haaraa taatee dhuftus, achitti dhaloota shanaffaas taatu jireenya keessatti carraa milkaa’uu walqixata qabda’’jetteetti.

    Aab Bihaan wayita walwaraansi eegalamu ijoolleedha, magaalaa guddoo Laayibeeriyaa Monoroviyaarra miilan gara Ivoori koostiitti baqatee maatii wajjin gara Ameerikaatti baqate.

  4. Qondaalli Rippaabilikaanotaa ol-aanaan Maak Koneel Joy Baayiden filannicha mo'annaan aangoo wal-harkaa fuudhuun naga qabeessa tahe gaggeeffama jedhan.

    ''Eeyyeen'' jedhan gaaffii gaazexeessitota irraa Kentaakii bakka senaatera tahanii hojjetanitti isaaniif dhiyaateen.

    Erga bara 1972 as aangoo wal-harkaa fuudhuun haala naga qabeessa taheen waggaa afur afuriin gaggeessuun gara bulchiinsa haaraatti ce'aa turre jedhan.

    Yaadni Maak Koonel kun dubbii falmisiisaa Doonaaldi Tiraampi taasisan hordofeeti.

    Tiraampi jalqaba waggaa kanaatti dabarsa aangoo naga qabeessa kanaaf ifatti dubbachuu hin barbaanne ture.

    Ji'a darbe garuu dabarsa aangoo naga qabeessa tahe akka deeggaran ibsanii ture.

    ''Dabarsa aangoo naga qabeessa sirriittan barbaada, garuu dabarsa aangoon barbaada miti...filannicha mo'achuudha'' jedhan

  5. Joo Baayiden ce'umsa gara pirezidaantummaaf of qopheessaa jiru

    Filannicha mo'achaa jirra jechuun Baayiden himaniru.Qondaalonni haaraan Waayit Haawus Dimokiraatotni gaggeessan torban dhufu ibsamuu danda'u jechuun NYT gabaase.

    Falmiin Waashingitan, Wiilmingtan, Delaweer keessatti gaggeeffamaa jira.

    Kunis hoggansa ol-aanaa irratti eenyutu filatamuu qaba kan jedhudha.

    Seenaa Ameerikaa keessatti Baayiden kaabinoota seenduubee garaagaraa qaban baayyee galchu jedhamee eegama.

    Dhiirota,dubartoota,jaalattoota saala wal fakkaataa, adii, gurraacha,Eeshiyaa'' jedhan Baayiden yeroo haala kaabinee isaanii waggaa darbe dubbatan.

    Kaadhimamaan Dimokiraatotaa kaabinoota isaanii hanga xumura ji'a Sadaasaatti kan ibsan miti akka gabaasa NYT maddeen 12 irraa mirkaneeffadhe jedhetti.

    Jalqaba hoggansa Waayit Haawus keessaa akka ilaalantu himame.

  6. 'Fiigicha kana mo'achaa jirra' Joo Baayiden

    'Fiigicha kana mo'achaa jirra' Joo Baayiden.

    Baayiden filannoo pirezidaantummaa Ameerikaa ammayyuu lakkaa'amaa jiruun akka mo'atan abdii qaban himan.

    Amma kaadhimamaan Dimokiraatotaa sagalee gurmuu 'electoral college' 253 argataniiru. Bakkeewwan baayyee murteessoo jedhamanii fi Tiraampi illee abdatanii turan akka Joorjiyaa, Neevaadaa, Peeniselvaaniyaa fi Arizoonaa keessatti Baayiden haalaan dursaa jiru.

    Dubbii kealeessa galgala Wilmingi, Delaweer keessatti taasisaniin sagalee ofitti amanamummaa qabuun mo'achaa jirra jechuun dubbatan.

    Senaaterri Kaalifoorniyaa Kamalaa Haaris ibsa kennan kana irratti waliin argamteetti.

    Baayiden sagalee electoral college' 300 argachuuf akka jedhan himaniiru.

    Lammiileen Ameerikaa miliyoona 74 tahan duula Baayiden taasisaa turaniif sagalee isaanii kennaniiru. Kun seenaa Ameerikaa keessatti lakkoofsa ol-aanaadha.

  7. Ashamaa! Tamsaasa kallattii keenya eegallee jirra

    Filannoon pirezidaantummaa Ameerikaa Kibxata gaggeeffame ammallee eenyu mo'ate kan jedhu haalaan eegamaa jira.

    Tiraampi sagaleen karaa poostaa kennamu lakkaa'amuu hin qabu jechaa turan. Baayiden ammoo deeggartoota isaanii poostaan akka filatan jajjabessaa turan.

    Amma sagaleen karaa poostaa kenname irra guddaan Baayiden deeggara.

    Odeessa Ameeikaa kanneen hordofne isin biraan geenya.

    Oolmaa gaarii

  8. Malli sagalee qufaa qofaan koronaavaayirasii adda baasu kalaqame

  9. Nevaadaatti sagaleen Joo Baayideen Tiraamp ittin dursan dabale

    Ragaan dhiyootti bahe akka agarsiisutti, Baayideen Nevaadaatti sagalee 22,000'tti dhiyaatuun Tiraamp dursaa jiru.

    Sagaleen filannoo kenname keessaa 91% amma yoonatti lakka’ame xumurameera.

    Sagalee amma yoonaatti lakkaa’ame keessaa 76% karaa poostaa kenname.

    Kutaan bulchiisa Ameerikaa Nevaadaa namoonni sagalee kennuuf galmaa’an yoo fedhan karaa poostaan sagalee erguu akka danda’an eyyamte turte.

    Tiraamp garuu tarkaanfichi giddu seentummaa filannoorratti fida jedhanii akkeechisaa turan.

    Ogeeyyiin garuu filannoon burjaaja’uu ragaan agarsiisu hin argamne jedhaniiru.

  10. Naansi Pelosii:’Lola hunda hin injifanne,garuu waraanicha injifanneerra’

    Afyaa’iin mana maree fi seera baastuu dimokiraatotaa beekamtuu kan ta’an Naansii Peelosiin, Joo Baayidenii fi Kamalaa Haaris Waayit Haawus seenuuf karaa irra bu'aniiru jedhan.

    Dimokiraatonni Seneetii biyyattii Rippaabilikaanotarraa deebisanii to’achuu dadhabuu fi mana maree keessattis teessoon otoo hin argatiin hafan jiraachuu ilaalchisuun yaada kennaniiru.

    Akkas jedhan’’mana mareerratti dirree qabsoo hundarratti hin injifanne, garuu waraanicha injifanneerra.’’

    Dimookiraatotaan’’obsaa, ofitti amanaa,injifannoo itti fufu dura keessanitti ilaala’’ jedhan.

  11. Amma nu gahe, Peniselvaaniyaatti Joo Baayiden Tiraampiin dursuu eegalan

    Odeeffannoo qondaalota filannicha gaggeessan irraa argameen Baayiden bakka haalaan eegamu Peniselvaaniyaatti dursuu eegalan.

    Baayiden sagalee hanga ammaatti lakkaa’ame 95% irraa sagalee 5587’n dursuu eegalaniiru.

    Kutaan bulchiinsaa kun Baayideniif teessoo pirezidaantummaa mo’achuuf amma isaan hafe hunda guutuuf danda’a.

    Peniselvaaniyaan sagalee gurmuu 20 kan qabu yoo tahu, Baayiden amma 253 argatanii jiru.

    Tiraampi ammoo 213 irra jiru. Marsaa jahaaf kutaan kun Dimokiraatotaaf sagalee kennaa turuun, bara 2016 ammoo Tiraampi achitti mo'atanii turan.

    Sagaleen karaa poostaa kenname lakkaa'ame 90% kan tahu Baayiden filataniiru.

    Tiraampi sagaleen karaa poostaa dhufu akka hin lakkaa'amne jedhanis,abbootiin seeraa federaalaa lakkaa'amu akka qabu ajaja dabarsuun lakkaa'amaa ture.

    Haalan kan eegamu gara biraan Joorjiyaa yoo tahu achittis Baayiden dursaa jiru. Neevaadaa fi Arizoonaa keessattis garaagarummaa xiqqaan dursaa jiru.

  12. Doonaald Tiraamp amala Robart Mugaabeen wal gitu qabu jedhamuun namoota mufachiise

    Qondaalli Ameerikaa duraanii Pirezedant Doonaald Tiraamp ragaa otoo hin dhiyeessiin filannoon hatameera jechuu isaaniif, amala akka hogganaa duraanii Zimbaabwee Roobarti Mugaabee agarsiisan jedhanii qeeqan.

    Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Ambaasaddarri Ameerikaa duraanii Samantaa Paawor toora tiwitarasaaniirratti ‘’Mr Tiraamp guutummaatti Roobart Mugabee ta’ufi’’ jechuun qeeqan.

    Ms Paawor tiwitarratti kan barreessan, Tiraamp kamisa ibsa wayita kennaan sagalee seeran ala kennname carraa deebi’anii filatamuusaanii qucarsuu dubbachuu hordofuuni ture.

    Namoonni muraasni yaada qondaalli duraanii kun tiwitara irratti barreessanitti hin gammanne.

    Lammileen Afrikaa muraasni immoo, Ameerikaanoonni quba kanneen birootti qaburra kan darbe, rakkoon biyyasaanii keessas jiraachuu hin himanii jedhanii qeeqan.

    Mugaabeen bara 1980 irra jalqabee amma bara 2017 aangoorraa fonqolchamanitti Zimbaabwee bulchaa turaniiru.

  13. Lammiileen Laayibeeriyaa waraana baqatanii US galan filannoo mo’atan

    Lammiileen Laayibeeriyaa lama maatiin isaanii waraana baqatanii UStti kooluu galtummaa gaafatan kutaa biyyaa Kolaraadoofi Rahood Ayilaanditti filataman.

    Naakuutaa Riik Kolaraadootti teessoo bakka buutota uummataa yoo mo’attu, hogganaa mana barumsaa kan tahe Naataan Baayihaan immoo Raahood Ayilaanditti mo’ateera.

    Riiks,’’ nama haaraa godaanee dhufes tahi, Kolaraadoo keessatti dhaloota shanaffaas tahi jireenyatti akka milkooftuuf carraa qixxee akka argattu nan hojjedha,’’ jechuun marasariitii isheerratti barreessitee jirti.

    Biyaan yeroo ijoollumaasaa magaala guddoo Laaybeeriyaatti dabarse, yeroo waraanni walii waliinii dhalatu gara biyya ollaa Ayvoorii Koostitti baqate achiin maatii isaa Raahod Aylaanditti wal arge.

  14. Tiraamp yoo filannoo kana mo'aman, kunuunsi addaa Tiwiiter godhuuf xumuramuusaati

    Yoo Jooy Baayiden filannicha mo’atan ‘’kunuunsi addaa’’ Tiwiiter Tiraampiif kennu raawwachuusaati.

    'Bloomberg’ akka gabaasetti Tiraampi seera Tiwiiterii cabsun addatti kan itti fayyadamaa turan yoo filannoo ammaa kana mo’aman ji’a Amajjiitti dhumachuu isaati.

    Sababni isaa amma Tiraampi seera Tiwiiterii gaggeesitoota adunyaaf addatti qabu jalatti argamu.

    Haala Kanaan addatti pirezidaantotni, ministirootni muummee fi gaggeesitootni kaan otuma seera dhaabbatichaa cabsaniyyuu waan isaan jedhan madaala oduu waan qabuuf Tiwiiteriin maxxansa isaanii hin tuqu.

    Wantoota baay’ee adda tahan yoo jiraatan irraa kan hafe.

    Sababni isaan tajaajila addaa argataa turan jedhames yaadni Tiraampi akeekkachiisa jala galuun akka dhokfaman taasifamanis, akeekkachiisa sana irra darbuun warra bananii ilaaluu barbaadaniif achumarratti akka maxxanfamanitti hafuu isaati.

    Tiwiiteriin kana kan raawwataa tureef fedha uummataa waan taheef jedhe. Garuu maxxansa akeekkachiisa jala gale namootni akka ilaalan hin gorsu.

    Tiraampi Tiwiiterii irratti hordoftoota miliyoona 88 tahan qaba.

  15. Bu’aa filannootti hagam dhiyaannerra?

    Bu’aan filannoo utuu eegamu amma guyyaa sadii guuteera, ammayyuu eenyu akka pireezdaantii ta’uu yoo hin beekneyyu- itti dhiyaachaa jirra.

    Joo Baayiden ida'ama sagalee 'electoral college' 253 irra jiru, Doonald Tiraamp ammo 214 jira- namni injifatu ammo 270 argachuu qaba.

    Yoo Baayden Joorjiyaa irratti injifate fi sagalee Nevadaa, Arizoonaa fi Wiskaansan irraa argatuun filannoo kana injifachuu danda’a. Pensalveeniyaa keessatti ‘eloctral vote’ 20 yoo argates ni injifata.

    Tiraamp ammo, sagalee Pensalveeniyaa irraa argatuun dabalatee – Joorjiyaa, Karolaayinaa Kaabaa, Navaadaa fi Arizonaa keessaa isteetii sadii keessatti injifachuu qaba.

  16. Amma nu gahe, Baayidan Joorjiyaa irratti Tiraamp caalanii dursuu eegalan

    Kaadhimamaan diimokiraatotaa itti baha filannoo irratti Tiraamp waliin morma wal qabanii jiran Joo Baayidan isteetii Joorjiyaa irratti dursuu eegalan.

    Guyyoota lamaan darban Tiraamp ture isteetii kanatti kan dursaa turan.

    Joorjiyaan sagalee 'electoral college' 16 kan qabdu yoo taatu, Joo Baayidan isteetii kanarratti kan injifatan yoo ta'e sagalee 'electoral college' 269 argachuun injifannooti siqu.

    Donaald Tiraamp isteetiiwwan hafan mara yoo injifatanillee ida'amni sagalee 'electoral college' isaanii 269 ta'a. Kunimmoo kaadhimamtoota lamaan qixa taasisa.

    Injifachuuf sagaleen barbaachisu 270.

    Ammatti Joo Baayidan Joorjiyaatti sagalee namoota 900 oliin Tiraamp dursaa jiru.

  17. Baaydeniif ‘eegumsii dabalamuuf jedha’

    Tajaajilli basaasaa US filannichaa tarii injifachuu mala tilmaama jedhuun Jimaatarra eegalee Joo Baayideniif eegumsa dabaluufiif akka jiru gaazexaan Washiingtan Poost gabaaseera.

    Erga gartuun duula filannoo Joo Baayiden Jimaataa haasaa guddaa akka taasisu erga tajaajilli basaasaa US Secret Service jedhamutti beeksisanii booda qoondaltonni dabalataa akka ramadaman, namoota karoorichaa beekan eeruun gazeexaan kun gabaaseera.

    Dubbii himtuun Secret Service Kaatiriin Milhowaan dhaabbatichi eegumsa namoota olaanoo irratti waan mari’ate hin qabu jechuun yaada kennuu dideetti. Eegdonni Baaydenis yaada hin kennine.

    Baaydaniifi gartuun duula filaannoo isaa wiirtuu Wilmingtaan, Delaweer jiru keessa buufatanii jiru.

  18. Poolisiin haleella wiirtuu filannoo Filadeelfiyaa irratti karoorsame ture qorachaa jira

    Poolisiin Filadeelfiyaa wiirtuu sagaleen filannoo itti lakka’amu ‘Pennsylvania Convention Centre’ jedhamu irratti haleellaa karoorfamee ture jedhu qorachaa jira.

    Midiyaan ABC akka gabaasetti gartuu - tarii kan maatii ta’an - konkolotaan gara Varjiiniyaatti imaluun haleellaa kana kan rawwaachuuf karoorsanii turan.

    Poolisiin nama tokko fi konkaalaaticha to’annoo jala oolchuu isaa gabaasni kun ni hima.

    Filadeelfiyaan magaaloota ijoo muraasaa filannoo pireezidantummaaf murteessoo ta’an keessaa tokkodha.

    Sagalee lakkaa’uun akkuma itti fufee jirutti, Pensilvaaniyaa keessatti Tiraamp sagaleen dursuun isaa hir’achaa dhufera, kun ammoo duulli filannoo Tiraamp sagaleen akka hin lakk’aamnee gochuuf akka isaan yaalan godheera.

    Pireezidant Tiraamp sagalee filannoo lakka’amaa jiru iratti himannaa banus, deeggartoota Joo Baayden bira abdiin jiru garuu dabalaa dhufeera.

    Wiirtuu filannoo kana fuldurattillee namootni hedduu gammachuun shubbisaa turaniiru.

  19. Tiraamp ragaa malee filannoon 'hatameera' jechuutti jiru

    Donaald Tiraamp guyyoota lamaaf erga miidiyaa irraa badanii booda Kamisa halkan dubbataniiru.

    Pireezidantichi irra deddeebiin, ragaan osoo hin deeggariin sagalee 'seera qabeessa' ta'e osoo lakkaa'amee filannoo kan injifatan isaan ta'uu dubbatan.

    Waan isaan jedhan kanaaf ragaan qabatamaan hin jiru.

    Sagaleen ammallee lakkaa'amaatuma jira garuu akka Tiraamp jedhan seeraan ala miti.

    Isteetiiwwan murteessoo jedhaman afur keessatti sagalee lakkaa'uun akka dhaabbatu himata bananii jiru.

    Sagaleen karaa poostaa kenname amma lakkaa'amaa jiru gartuu tokkoof qofa kan looge ta'uu raajiidha jedhan pireezidantichi.

    Tiraamp jalqabumaa kaasee sagalee karaa poostaa kennamu kana mormaa turan, sababa kanaaf deeggartoonni isaanii hedduun qaamaan buufata filannoo deemanii filatan.

    Kana jechuun kanneen poostaan sagalee kennan hedduun deeggartoota Joo Baayidani jechuudha. Sagaleen amma lakkaa'amaa jiru ammoo kan poostaan kennamedha.

  20. Ijoolleen Tiraamp rippaabilkaanota filannoorratti abbaasaanii hin deggerre komatan