Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Olompikii Tookiyoo: 'Fageenya 10,000m’n qabxii gaarii fidna jechaa jirra' - Atileet Solomoon Baaraggaa
Olompikii Tookiyootti adeemsifamaa jiruun guyyaa Jimaataa, har'a, dorgommiin atileetiksii eegaleera.
Fageenyota Itoophiyaan Olompikii kanarratti qabxii itti eegdu keessaa tokko kan ta'e 10,000m dhiiraan har'a waaree booda dorgomama.
Dorgommii kana irratti Solomoon Baaraggaa, Yoomiif Qajeelchaafi Barrihuu Aragaawwii Itoophiyaa bakka bu'u.