Waancaa Addunyaa 2018: Fraans Waancaa Addunyaarratti Afrikaa bakka buutii?

Madda suuraa, FRANCOIS MORI
Biyyoonni Afrikaa Waancaa Addunyaarratti hirmaatan hundi ramaddii isaanii keessaa osoo hin darbiin hafuu isaaniitiin walqabatee muggutiin biyyoonni Afrikaa eenyuun haa deeggaran jedhu itti fufeera.
Pireezidantiin Firaans Imaanu'eel Maakroon kan daawwannaaf Naayijeeriyaa jiran namoonni Waancaa Addunyaarratti biyya isaanii Firaansiin akka deeggaran gaafataniiru.
Fraans tapha nuusa xumuraan har'a Yuraagaay waliin wal ni taphatti.
Fraans tapha waancaa addunyaa kana irratti akka biyya Afrikaa jahaaffatti lakkawamaa jirti. Sababni ammo taphattootni biyyattii hedduun dhalootaan ykn maatiin isaanii Afrikaa keessaa waan ta'aniifi.
Gaazexessaan Ispoortii Afrikaa kan BBC, Niik Kaveel akka qoratetti taphattoota garee Fraans keessa 14 kan ta'an seera Fiifatiin garee biyyoota Afrikaaf taphachuu danda'u.
Fraansitti aanee ammo biyyi taphattoota Afrikaarraa ta'an hedduu qabdu Beeljiyeemi.
Garee biyyolessaa Beeljiyeem amma waancaa addunyaatrratti hirmaachaa jiran keessa taphattootni 8 maatiin isaanii gariin ykn guutummaan guutuutti Afrikaanota.








