Lakkoofsi uummataa fi manaa Itoophiyaa waggaa sadi keessatti adeemsifama

Madda suuraa, AFP
Lakkoofsi uummataa marsaa arfaffaa waggoota sadan dhufanitti akka adeemsifamu Minitirri, Ministeera Karooraa fi Misoomaa Itoophiyaa Dr Fitsuum Asaffaa BBCtti himan.
Hojiin uummataa fi mana lakkaa'uu irra deddeebiin dheereffamaa kan ture yoo tahu, lakkoofsa uummataa biyyattii ilaalchisee odeeffannoon gahaa hin jiru.
Waggoottan darbanitti sababa weerara koronaavaayirasii fi waraanaan lakkoofisi uummataa fi manaa otoo hin adeemsifamiin hafuu qondaalli mootummaa kun himaniiru.
Karoora invastimentii bara 2016-2018 A.L.I taasifamuuf qabame keessaa, Tajaajilli Istaatisksii Itoophiyaa lakkoofsa uummataa fi manaa geggeessuuf karoora qabate dha jedhan Dr Fitsuum.
''Lakkoofsi uummataa fi manaa guyyaa kanatti adeemsifama isa jedhu Koomishinii Lakkoofsa Uummataa itti waamamnisaa bakka bu'oota uummataaf tahe kan ministira mummee itti-aanaatiin geggeefamutu murteessaa,'' jedhan
Uummataafi mana lakkaa'uuf haal-dureewwan barbaachisan haala tilmaama keessa galcheen waggoota sadeen dhufan keessatti geggeessuuf karoorri qabamuu Dr Fitsuum dubbataniiru.
''Lakkoofsi uummataa waan teeknikaasaatu caala. Akka addunyaatti fudhatama akka qabaatuuf, haal-dureewwan guutuu qabutu jira. Inni jalqabaa iddoo hundumaatti, yeroo tokkotti qaqqabuu danda'uu dha.''
''Lakkoofsi namaa hanga kana jedhanii murteessuuf, haala qabatamaa taheen kutaa biyyattii gara caalu bira gahuun murteessaa dha,'' jechuun Dr Fitsuum hubachiisu.
Naannolee hunda bira qaqqabuun adeemsa lakkoofsa uummataa irratti murteessaa waan taheef waggoota darban keessatti sochiin daangeeffamee waan tureef lakkaa'uun akka hin danda'amnes himaniiru.
''Amma haal-dureewwan guutamaa waan jiraniif lakkoofisi uummataafi manaas karoorfameera,'' jedhan.
Waggoottan darban keessatti yeroosaatti lakkoofsi uummataa kuni geggeeffamuu dhabuun dhiibbaa fide qabaa? gaaffii jedhuuf, Dr Fitsuum odeeffannoo fooyya'aafi qabatamaa inni jedhamu, ''har'a nama meeqatu jira'' isa jedhu beekuu dha jedhaniiru.
Tahus yeroo lakkoofsi uummataa hin adeemsifamnetti tilmaama saayinsii irratti hundaa'e gochuun waggaa waggaan, ''odeeffannoo lakkoofsa uummataa wajjin wal-qabatu arganna ture, '' jedhan.
Malli kuni ''dogoggora guddaa'' jedhamu akka hin qabne ibsuun hojii poolisii irrattis akka galteetti fayyadaa akka ture himaniiru.
Lakkoofsa uummataafi manaa Itoophiyaatti
Odeeffannoon Istaatistiksii Gidduugalaa akka agarsiisutti lakkoofsi uummataa fi manaa Itoophiyaatti kan adeemsifame bara 1976 A.L.I ture.
Marsaan lammataa bara 1987 A.L.I akkasumas marsaan sadaffaa bara 1999-2000 A.L.I adeemsifameera.
Itoophiyaatti hamma yoonaa lakkoofsi uummataa al-sadii kan adeemsifame yoo tahu, marsaan arfaffaa bara 2010-2013 A.L.I keessa al afur kan dheereffame yoo tahu, bara 2014 A.L.I yeroo shanaffaaf garasitti butame.
Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii tilmaama dhihoo kana baaseen lakkoofsa uummata addunyaa walakkaa ol qabatu biyyoota jedhe saddeet keessaa tokko Itoophiyaa dha.
Ragaan Baankii Addunyaa akka agarsiisutti uummanni Itoophiyaa waggoota 60n as dachaa shaniin dabaleera.
Tilmaamawwan kunneen bu'uura godhachuun bal'inaan akka himamutti lakkoofsi uummata Itoophiyaa yeroo ammaa miiliyoona 110 ol akka tahu tilmaamama.












