Dhaabbileen ABO fi KFOn waa'ee filannoo bara dhufuu maal jedhu?

Asxaa ABO fi KFO

Madda suuraa, OLF & OFC Socila Media Page

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa filannoo marsaa 7ffaa bara dhufu gaggeeffamuuf qophii barbaachisaa irraa eegamu taasisaa akka jiru kaleessa Waxabajjii 2, 2025 ibsa miidiyaaleef kenneen beeksiseera.

Walitti qabduun boordichaa Aadde Meelaatwarq Haayiluu filannoon biyyaalessaa waggaa shaniin gaggeeffamu akkaatuma yeroosaa eeggatee akka gaggeeffamuufi boordichi qophii irraa eegamu gochaa jiraachuu himan.

Haata'u garuu paartileen mormituu kanneen akka ABO fi KFO fa'aa filannoon biyyaalessaa marsaa 7ffaa waggaa tokko booda gaggeeffamu filannoo bilisaafi haqa qabeessa akka hin taane gamanumaa himatu.

Miseensa koree hojii raawwachiiftuu ABO kan ta'an Obbo Jabeessaa Gabbisaa filannoon osoo hin gaggeeffamin dura boordii filannoo dabalatee wantoonni heddu haaromuu akka qabu BBC'tti himan.

Rakkoolee nageenyaa naannolee garaa garaa keessatti mudataa jiran akka fakeenyatti kaasun haalli qabatamaan biyyattii keessa jiru filannoo haqaafi bilisaa gaggeessuf kan dandeessisu akka hin taane dubbatu.

"Dirreen dimokiraasii biyya kana keessa hin jiru. Nagaan biyya kana keessa hin jiru, Boordin Filannoo mataansaayyuu haaromsa barbaada. Lakkoofsi uummataa erga bara 2007 [ALItti] as gaggeeffamee hin beeku," jechuun rakkoolen kunneen hanga hin furamnetti filannoon haqaa akka hin jiraanne ibsu Obbo Jabeessan.

Paartileen mormituu kan ta'an ABO fi KFOn dirreen siyaasaa dhite jechuun filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa waggoota 4 dura gaggeeffame keessaa bahuunsaanii ni yaadatama.

'Haala amma jiruun filannootti yoo deemne, gaaga'ama caalutti nu geessuu danda'a'

Walitti qabaa Paartii KFO kan ta'an Prof. Mararaa Guddinaa filannoo marsaa 6ffaa kana dura gaggeeffamerraa waanti addatti jijjiirame akka hin jirre himuun, inumaayyii haala qabatamaa amma Itoohiyaan keessa jirtuun filannoo gaggeessun gaaga'ama dabalataa biyyattiitti fiduu akka danda'u kaasu turtii BBC waliin taasisaniin.

"Haala dirreen siyaasaa cufamee jiru keessatti, mirgoonni dimokiraasii bu'uuraa ta'an haala hin kabajamne keessatti, biyyattiin ammoo walitti bu'iinsafi rakkoo keessa osoo jirtuu filannoon akkamii akka gaggeeffamu ani hin beeku.

Boordiin Filannoo sochii eegaluu quba qabaachuu kan himan Prof. Mararaan, garuu filannoo bilisaafi haqa qabeessa gaggeessun akka hin danda'amne akeeku.

"Akka tilmaama kootti haala amma jiruun filannoon haqaafi bilisaa gaggeeffamuu hin danda'u. Garuu, mootummaan yoo barbaade filannoo waggaa afur dura gaggeeffame sana irra deebi'uu waanti dhorku hin jiru," jedhu.

'Biiron keenya hundi cufaadha, miseensonni keenya heddu hidhaa jiru'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Mootummaan Itoophiyaa dirree siyaasaa dhiphisuun karaa garaa garaa paartilee mormituu laamshessaa jira jechuun himatama.

Paartileen ABOfi KFO kanneen adda dureen himannaa kana mootummaarratti dhiyeessaniidha.

Obbo Jabeessaa Gabbisaa akka jedhanitti, yeroo ammaa dhaabi isaanii ABOn biiroo tokkollee akka hin qabneefi waa'ee filannoo gaggeessuu haa hafuutii wal-gahii gaggeessuf illee hayyama dhabanii akka rakkatan himu.

"Addi Bilisummaa Oromoo waajjira tokkollee hin qabu; waajjiraalen yeroo karaa nagaatin qabsoofna jedhee banate hundi cufaadha. Miseensonni Adda Bilisummaa Oromoo hedduunsaanii har'allee mana hidhaa jiru.

"Koreen hoji raawwachiiftuu dhaabbichaa jajjaboon waggoota dheeraf ajaja mana murtii malee hidhamanii mana hidhaa keessatti dararamaa turan," jechuun haala keessa jiran himatu.

Dabalataanis dhaabisaanii uummata keessa socho'uuf illee mootummaarraa danqaan akka mudataa jiru kaasu.

"Addi Bilisummaa Oromoo socho'ee uummata dubbisuuf, uummata ijaaruf mirga hin qabu," jechuun paartileen ija jabaatanii mootummaa dura dhaabbatan kanneen akka ABOfi KFO mootummaarraa dhiibbaa guddaan akka irratti godhamaa jiru himatu.

Gama biraan ammoo paartiin KFO yeroo ammaa biiroo sadi qoga akka qabu kanaan torban muraasa dura Prof. Mararaan BBCtti himanii turan.

Paartileen kunneen akka jedhanitti Boordin Filannoo hojiinsaa dursaa paartilee gidduutti mariin akka jiraatu gochuufi haalli filannoo gaggeessuf mijataa ta'e akka jiraatu gochuun akka isarraa eegamu kaasu.

Naannolee akka Oromiyaafi Amaaraa keessa lolli humnoota mootummaafi hidhattoota gidduutti osoo gaggeeffamuu akkamiin filannoo gaggeessuf akka jiru kan gaafatame Boordin Filannoo Biyyaalessaa, haalonni fooyya'anii nananolee hundatti filannoon akka gaggeeffamu hawwiisaa akka ta'e beeksise.

"Ammatti iddoo hundatti filannoo taasisna jenneeti kan karoorfannu. Garuummoo hanguma filannootti dhiyaannu naannoo filannoo kamitti filannoo gochuun danda'ama yookiin hindanda'amu jedhu adda baafanna," jedhan walitti qabduun boordichaa Aadde Meelaatawarq.

Gama biraatiin komii hidhamuu miseensotaafii cufamuu waajjiraalee paartileen siyaasaa kaasan kan gaafataman walittiqabduun boordichaa, "gaaffiiwwan akkanaa guyyuu boordii filannoof ni dhiyaatu," jedhan.

"Humni Boordiin Filannoo qabu 'miseensikoo hidhameera' yemmuu jedhamu 'qaamni hidhe eenyu?' jennee gaafanna. Yommuu nutti himan qaama hidheef xalayaa barreessina," jedhan.

Xalayaa kanaanis miseensonni dhaabbilee siyaasaa maaliif fi eenyuun akka hidhaman akkasumas mana murtiitti dhiyaachuusaanii kan gaafatu akka ta'e himuun, "namni tokko hidhamee dhimmichi mana murtiitiin qabamnaan hojiin boordii filannoo iddoo sanatti dhaabbata," jedhan.