Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ummata abbootiitti 'kabaja horuuf' owwaala isaanii buqqaasu
Akeekkachiisa: Qabiyyeen odeessa kanaa miira isin jeequu mala.
Owwaalchi hawaasa Itoophiyaa biratti akkaan safeeffatama. Owwaala buqqaasuun safuudha.
Gama Eeshiyaa, ummata Bataak Indoneeshiyaa argamu keessatti garuu waan baratamaadha.
Hawaasni Kaaba Sumaatiraatti argamu lafee abbootii isaanii owwaalame qotanii baasanii fageenya dheeraa deemuun bakka walootti walitti qabu.
Sirna kanas 'Maangogkaal Holi' jedhanii waamu. Kunis, 'kabaja itti horuuf' akka ta'e ibsu.
Aadaan kuni hawaasa kana biratti hidda maatiifi firummaa ibsuuf tajaajila. Daawwadhaa!