Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaafi Ertiraan waraanatti seenuu maluu?
Itoophiyaafi Ertiraan Ministirri Muummee Abiy Ahimad aangootti ol bahuu hordofee hariiroo jabaa tolfatanii turan. Garuu, adeemsa keessa hariiroon laafaa adeeme.
Dhiheenya keessammoo wal himachuutti ce'eera. Gama kaaniin, walitti dhufeenyi gartuu TPLF Maqalee jiruufi Asmaraa gidduutti uumamuunsaa dubbatamaa jira.
Dhimmi Galaana Diimaafi ulaan galaanaa Itoophiyaan gaafattus jira.
Xiinxaltoonni haala amma jiruun biyyoonni yeroo dheeraaf walii diina turan lolatti seenuu malu jechuun dubbatu.
Hariiroon biyyoota kanaa eessatti laafuu eegale? Maaltu itti aana? Wanti adeemaa jiru maali? Daawwadhaa!