Cidha adda citee waggoota 32 booda itti fufee gaggeeffame

Cidha adda citee waggoota 32 booda itti fufee gaggeeffame

Osoo cidha godhataa jirtanii haleellaan osoo sinitti baname maal gootu? Waggoota 32 dura, cimdiiwwan Azarbaajaan kanatu mudate.

Durdaaneefi Vaasif bara 1992 lixa Azarbaajaan, magaalaa Kojaaliitti osoo cidha gaggeeffataa jiranii haleellaa Armeenonni magaalattiiti bananiin sagantaan isaanii adda cite.

Magaalli Kojaalii bulchiinsa duraanii Naagornoo-Kaarabaah jedhamtu keessa argama. Wiirtuu walitti bu’iinsa biyya Armeeniyaafi Azarbaajaan gidduu jiruutis.

Bara 2023 immoo magaalli kuni Azarbaajaanitti deebite. Sababa kanaaf turtii gaa’elaa waggoota 32 booda cimdiiwwan lamaan sina cidhaa isaanii deebi’anii raawwataniiru.