Biil Geetis 'sooressa ta'ee du'e' jedhamuu hin barbaadu jechuun qabeenyasaa %99 kennuuf

Hundeessaan Microsoft Biil Geetis waggoota 20 dhufan keessatti qabeenyasaa keessaa dhibeentaa 99 kennuu akka barbaadu ibse.
Biil Geetis arjooma kana karaa foowundeeshinii isaa akka raawwatu hime. Faawundeeshiniin kun bara 2045tti hojii dhaabuuf karoorri jira.
''Yoon du'u namoonni waa'ee koo waan baayyee jedhuuf deemu. 'Inni sooressa ta'ee du'e' akkan hin jedhamneef kutannoodhaanin hojjedha,'' jedhe dureessi addunyaa kun.
Maanguddoon umrii waggaa 69 Biil Geetis faawundeeshiniin isaa addunyaarratti maqaa guddaa qabu hanga ammaatti hojiiwwan fayyaa fi pirojektoota misoomaa kaan deeggaruuf doolaara biiliyoona 100 kennuu hime.
Waggoota 20 dhufan keessatti akkaataa gabaa fi qaala'iinsa jireenyaa ilaalcha keessa galcheen doolaara biiliyoona 200 kennuuf karoorsuu beeksise.
Biil Geetis yaada qabeenya kennuu kanarratti barreeffama maxxansan keessatti erga barreeffamaa bara 1889 dureessi beekamaan addunyaa Andrew Carnegie maxxanse wabeeffatan.
Barreeffamni mata duree The Gospel of Wealth jedhuun maxxanfame sun dureeyyonni addunyaa qabeenyasaanii hawaasatti deebisuuf dirqama qabu yaada jedhu cimsee dhiheesse.
Biil Geetis barreeffama Andrew Carnegie keessaa ''namni sooressa beekamaa ta'ee otoo hin kennin du'e ni salphate,'' kan jedhu wabeeffatan.
Karoorri Biil Geetis qabeenyasaa kennuu ilaalchisuun dhiheesse kun arjooma kanaan duras taasisaa turan daran kan guddisudha.
Duraan inni fi haati warraasaa duraanii Melindan karoorri isaanii faawundeeshiniin isaanii erga isaan du'aniillee waggoota kurna hedduuf akka itti fufu ture.
Biil Geetis karoora duraan ture jijjiiruu ilaalchisee Kamisa, Caamsaa 08, 2015 sagantaa BBC Newshour jedhamutti dubbatee ture.
Waggoota 20 dhufan keessatti dureeyyiin dhiibbaa jireenyaa fuulduratti addunyaa mudatu qolachuu danda'an ni uumamu jechuun deebise.
''Dhimmi ijoon ammarraa eegaluudha. Yoo ammarraa eegallee dhawaataan kennaa hin deemnu ta'e yeroo wayiitti maallaqa guddaa kennuuf dirqamuu dandeenya. Arjoomni akkanaa ammoo duudhaa kiyya waliin deema,'' jedhe dureessi kun.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Biil Geetis qabeenyasaa keessaa dhibbeentaa 99 kennuun biiliyeenara ta'uu isa hin hanqisu.
Bloomberg akka gabaasetti hundeessaan Microsoft kun addunyaarraa qabeenyaan shanaffaadha.
Biil Geetis barreeffamasaa keessatti qabeenyisaa ammmaa (maallaqi callaan) doolaara biiliyoona 108 ta'u akkamiin hiramee bara 2045tti akka dhumu ibseera.
Dabalataan faawundeeshiniin isaa waggoota kurna lamaan dhufan keessatti qabeenya waliigalaa qabu hunda keessaa doolaara biiliyoonaa 200 akka kennu ibseera.
Biil Geetis bara 1975 Paul Allen waliin ta'uun Microsoft hundeessan. Kaampaaniin kun saffisaan addunyaa mosaajii (software) kompiyuutaraa fi indastirii teeknooloojii kaan dhuunfate.
Biil Geetis jaarraa kana keessa suuta suuta kaampaanii kana keessaa moggaatti of baasaa deemee, bara 2000 hooggana olaanaa keessaa of baase, bara 2014 ammoo aangoo dura taa'ummaa gadhiise.
Maallaqa qabu arjoomaan kennuuf kan isa kakaase dureessa investimantiin beekamu Warren Buffet fi arjoomtota kaan ta'uu ibse Biil Geetis.
Kanneen isa qeeqan ammoo Biil Geetis maqaa arjoomaan gibira jalaa miliqaa ture jedhuun.
Kun ammoo sirna fayyaa addunyaarratti dhiibbaa mataasaa uumeera.
Biil Geetis barreeffamaasaa keessatti galma faawundeeshinii isaa sadi ibse: Dhibeewwan haadhaa fi daa'imman ajjeesan garuu kanneen ittifamuu danda'an dhabamsiisuu, dhibeewwan daddarboo kanneen akka dhibee busaa fi gifira dhabamsiisuu, miiliyoonota hiyyummaa jalaa baasuu.
Dureessi kun US, UK fi Faransaay deeggarsa biyyoota alaaf taasisan adda kutuu qeeqeera.












