Buufatni Poolisii 'Ismaart' Afrikaatti kan jalqabaa ta'uun Finfinneetti baname maali?

Madda suuraa, Ethiopia Federal Police
Tajaajilawwan poolisii nama-maleessa (Smart Police Service (SPS)) Itoophiyaan eegalchiifte Afrikaatti kan jalqabaati jedhame. Akkamiin hojjeta?
MM Abiy Ahimad tajaajila kana jalqabsiisuu hordofee ergaa miidiyaa hawaasaa isaaniirratti baasaniin, tajaajilli kun lammileen tajaajila poolisii saffisa fooyya'aafi tekinooloojiin deeggaramanii argachuu isaan dandeessisa jedhan.
Dabalataan tajaajilli kun poolisiin akka tarkaanfii saffisaan fudhatu kan dandeessisuufi hojii yakka ittisuus si'oomina kan qabu godha jedhaniiru.
Dubbii himaan Poolisii Federaalaa Obbo Jeeylaan Abdii gama isaaniin tajaajilli Poolisii ammayyaa kun Poolisiin qaamaan bakka hin argamnetti tajaajila maamilli barbaadu si'oominaan kenna jedhan.
Muxaannoon kun Afrikaa keessatti kan jalqabaa, addunyaa keessatti ammoo Itoophiyaa biyya arfaffaa itti fayyadamuu eegalte taasisa jedhan.
MM Abiy "tajaajilli kun jalqabuun qaamoleen seera kabachiisan dorgomaa fi gahumsa kan qaban akka ta'an gumaacha,'' jedhaniiru.
Dabaluunis sagantaa rifoormii dijiitaalaa Itoophiyaa 2030' akka milkaahu gargaara jedhan.
Tajaajilli kun gosa isaatiin Afrikaa keessatti adda jedhamuun galmee dinqisiisoo Afrikaarratti galmaahuun waraqaa ragaa argachuu Poolisiin Federaalaa fuula miidiyaa hawaasaa isaa gubbaatti beeksiseera.
Komishinarri Komishinii Poolisii Federaalaa Janaraal Dammallaash Gabramikaa'eel tajaajilli Poolisii Ismaart jedhame kun walta'iinsa Poolisii Federaalaafi Inistitiyuutii Hubannoo Nam-tolchee Itoophiyaan biyya keessatti tolfamuu dubbataniiru.
Ogeeyyii biyya keessaan tolfamuunsaa icciitummaansaa akka eegamu isa taasisa jedhaniiru.
''Poolisiin bakka yakki itti raawwatee fi balaan itti mudatetti saffisaan duuluun ta'ii tokkoof deebii atattamaa kennuuf hiree guddaa uuma'' jechuusaaniis Poolisiin Federaalaa ibseera.
Tajaajilli haaraan kun tajaajila poolisii isa baratamaa dijitaalawaa gochuuf karaa akka saaqus dubbataniiru Janaraal Dammallaash.
Tajaajilli kun akkamiin hojjeta?

Madda suuraa, Ethiopia Federal Police
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Tajaajilli poolisii nama-maleessaa ykn poolisii malee kun AI fi tekinooloojii kaaniin deeggaramuun kan hojjetamu yoo ta'u, lammileen giddu-seentummaa namaa malee yakkawwam gabaasuu, adabbiiwwan kaffaluufi tajaajilawwan poolisii biroo akka argatan gargaara.
Tajaajilli akkasii kun bifa awutoomeetid ta'een kiyooskii dhimma kanaaf qophaa'e keessatti kan kennamu yoo ta'u, hojii saffisiisuu, mijataa taasisuu, akkasumas icciitii dhuunfaa eeguun afaan baayyeetiin kennuuf gargraara.
Dubbii Himaan Poolisii Federaal Jeeylaan Abdii yaada BBCf kennaniin ''Poolisiin qaamaan argamuun osoo hin barbaachisiin abbaan dhimmaa teknoolojiin gargaaramee ofiin tajaajila fedhu argata'' jechuun akka itti hojjetu ibsan.
Abbaan dhimmaa iyyatasaa barreeffamaan qopheessee iskaan gochuun galchuu akka danda'u yoo fedhes bilbila viidiyoon iyyatasaa himachuu akka danda'u ta'ee qophaa'uus himan.
Sirni kun abbaa dhimmaaf deebii atattamaan kan kennu ta'uu yoo ibsan ''dhimmikee asirra gaheera jedhee deebii sii kenna'' jedhan.
Lakkoofsa bilbilaa galfachuun dhimmi ofii maalirra akka gahe bilbilaan hordofuufi sirnichis adeemsi jiru maalirra akka gahe jala jalaan akka beeksisu himaniiru.
''Buufata Poolisii yoo deemtu poolisiin argamuus argamuu dhabuus danda'a. Cufamuus danda'a. Kuni garuuu sa'aa 24 hojjeta. Halkaniif guyyaallee banaadha.''
Tajaajilli Poolisii haaraan kun Afaan Oromoo, Amaariffa fi Ingiliffa dabalatee afaanota shaniin kennama.
Bu'aansaa guddaan si'oomina dabaluun cinaatti uummatni shakkii malee tajaajila Poolisii akka argatu gargaaruu akka ta'es himaniiru.
Buufatni Poolisii IPS kun amma Finfinnee naannoo Boolee Mikaa'elitti banamus yeroo keessa babal'achaa akka deemu himaniiru.
Rikardii addunyaa kan harkaa qabu Dubaayi
Buufatni Poolisii nama malee hojjetu kan jalqabaa bara 2017 Dubaayitti eegale.
Galmeen Dinqisiisoo Addunyaa, Dubaay Poolis tajaajila kana Mudde 18 bara 2017 eegaluun addunyaarratti kan jalqabaa ta'uusaaf beekamtii kennuu beeksieera.
Tajaajilli Poolisii nama malee kennamu kan Dubaay kun sa'aa 24 fi guyyaa hundumaa kan hojjetu akka ta'e, eeruu yakkaa kennuu irraa eegalee tajaajiloota adda addaa 27 akka kennus ibseera.
Dubaayitti aanee Sarbiyaafi Nezerlaands biyyoota tajaajila poolisii, Poolisiin qaamaan akka argamu osoo hindirqisiisne kennuu eegaliiniidha.
Sarbiyaan bara 2023, Nezerlaands ammoo bara 2024 keessa tajaajila kana eegalan.
Biyyootni akka Chaayinaafi US tajaajila kana kan kennan ta'us guutummaatti nama maleessa hin goone.












