Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Haati warraakoo beelaan duute' - Maanguddoo Somaaliyaa
'Haati warraakoo beelaan duute' - Maanguddoo Somaaliyaa
Sababa hongeen waggaa darbe tilmaamaan namoonni 43,000 ta’an akka lubbuu dhaban gabaasi haaraa mootummaa Somaaliyaafi UN hime.
Kuni gabaasa jalqabaa miidhaa hongeen Gaanfa Afrikaa huberraa dhagahamedha.
Kanneen lubbuu dhaban keessaa walakkaan daa’imman ganna shanii gadi akka ta’an yaadama.
Gabaasni walfakkaataa waggaa kana namoonni dabalataa 34,000 lubbuu dhabuu malu jedha.
Hongeen kuni sababa roobni waqtii isaa eegee roobuu dhabeen hammaate.