US doonii waraanaa lammataa xiyyaara baatu gara Israa'el ergite

US doonii waraanaa lammataa xiyyaara baatu gara Israa'el ergite

Ameerikaan Israa’el gargaaruuf doonii waraanaa lammataa xiyyaarota baatu gara baha Meditiraaniyaaniitti bobbaasteetti.

Ministirri Ittisaa Ameerikaa tarkaanfiin kun ''haleellaa Israa'elirratti raawwatamuu malu dursa ittisuuf'' karoorfame jedhan.