Hogganaan Islaamik Isteet Iraaq fi Sooriyaa ajjeefame -US

Madda suuraa, Getty Images
Hogganaan olaanaan garee Islaamummaa (IS) Iraaq fi Sooriyaa humnoota gamtaa Ameerikaan durfamuufi miseensota Tajaajila Odeeffannoo Biyyaalessaa Iraaqiitiin ajjeefamuu isaanii ministirri muummee Iraaq himaniiru.
Abdallaah Makkii Musliih al-Riifaa, kan maqaa Abuu Khaadijaa jedhamuunis beekamu, "Shororkeessota Iraaq fi addunyaa keessatti balaa guddaa geesisan keessaa tokko jedhamee fudhatamaa ture" jedha Ministirri Muummee Mohaammad Shi'aa al-Sudaanii.
Prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp "waraana keenyati adamsee ijjeese" jedhan.
Ajajni Giddugaleessaa Ameerikaa (Centcom) viidiyoo haleellaa Kamisa darbe Lixa Iraaq Al Anbaar keessatti raawwatame jedhe kanaa X irratti kan maxxanse.
Abuu Khaadijaan IS keessatti hogganaa olaanaa qaama murtee kennuu yoo ta'u, hojii, loojistikii, fi karoora IS akka addunyaatti gaggeeffamuuf itti gaafatamummaa qaba ture jedha Ajajni Giddugaleessaa Ameerikaa.
Prezidaant Tiraamp waltajjii hawaasummaasaanii 'Truth' jedhamurratti irratti "jireenyi isaa inni gaddisiisaa ta'e, miseensa ISIS kan biraa waliin addaan cite. Kunis qindoomina mootummaa Iraaq fi Mootummaa Naannoo Kurdootaa waliin ta'e. Nagaa humnaan!" jechuun maxxansan.
Abdallaah Makki shororkeessota biroo cinatti du'ee argameera jedha Centcom.
"Shororkeessitoonni kunneen 'uffata ittiin of ajjeesan' kan hin dhoohin uffataniiru, meeshaa waraanaa hedduu qabu turan," jechuun dubbateera.
Centcom fi humnoonni Iraaq DNA fayyadamuun isa akka ta'e addaa baasuu akka danda'an himan.
Gen Maayikeel Erik Kuriilaa, Abuu Khaadijaan miseensota IS idi addunyaa keessaa barbaachisoo ta'an keessaa tokko ture jedhan.
"Shororkeessitoota biyya keenyaa fi michoota keenya doorsisan ajjeessuu fi dhaabbilee isaanii diiguu itti fufna."
Yeroo tokko IS naannoo kaaba baha Sooriyaa irraa kaasee hanga kaaba Iraaq iskuweer kiilomeetira 88,000 irratti seera gara jabinaan namoota miliyoona saddeet ta'anin hogganaa ture.
Iraaq mo'amuu IS Muddee 2017 kan labsite yoo ta'u, bara 2019tti gareen kun naannoo ishee isa dhumaa irraa kan ari'aman ta'uu ibsameera.
Haa ta'u malee hidhattoonni fi seelonnisaa kutaalee biyyattii adda addaa keessatti argamuun yeroo garagaraatti waraanaa fi poolisii Iraaq irratti haleellaa itti fufaniiru.












