Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Abjuun koo shaampiyoonaa addunyaa ta'uudha' - Daraaraa
Dargaggoo Daraaraa Mokonnin ijoollummaasaatti abbaa fi haadhasaa du'aan dhabe. Barnoota idilee kutaa saddettaffaatti adda kutuufis dirqame.
Waggoota torbaaf daandii gubbaa jiraateera. Sababa jireenyi kallattii jalaa jijjiirrateen daandii gubbaatti araada adda addaaf saaxilameera.
Dargaggoo Wallagga Lixaa magaalaa Najjootti dhalatee guddate kana mudannoon badaan ijoollummaasaa milkaahinarraa isa hin hanqifne.
Ol adeemaan daandii gubbaa barootaaf jiraate kun amma sadarkaa idila addunyaatti sanuu dorgommii biyyi ittiin hin beekamne tapha teenisa minjaalaan maqaa waamsiseera.
Amma dargaggoo Daraaraa Mokonnin Shaampiyoonaa biyyaalessaa Itoophiyaati. Shaampiyoonaa Baha Afrikaatis.
Bu'aa bayii keessa darbe, milkaahina hanga ammaa argatee fi karoorasaa gara fuulduraa irratti BBC waliin turtii taasiseera.