Arsii Lixaa hanga dorgommii moodelii Idil addunyaa mo'achuutti-Moodeel Saadam Qaasim

Modeelli idil addunyaa Saadam Qaasim dorgommii moodelingii idil addunyaa tibbana biyya Filipiinsitti adeemsifame injifateera.
Moodeel Saadam Qaasim Godina Arsii Lixaa Aanaa Qoree Magalaa Shifaa keessatti dhalatee magalaa Finfinnee keessatti guddate.
“Moodelingiif daa’imummaa kiyyarraa kaasee fedhiin qaba ture. Gara Finfinnee dhufuunkoo immoo wantoota akka faashinii akkan shaakaluufii baruuf carraa guddaa naaf uumee jira” jedha.
Yeroo ammaas hojiilee taatummaa kiliippiiwwan muuziqaarratti hojjetuun akkasumas hirmaannaa waltajjiilee faashinii irratti qabuun beekamtii horachaa jira.
Tibbana ammoo dorgommii moodelingii ‘Man of The Globe International Pageant’ jedhamu injifachuun badhaasa geebaa fi maallaqaa argateera.
“Yeroo jalqabaaf moodeeliin gurraachi injifataa waliigalaa (Grand Winner) ta’ee kan mo’ate ana qofadha. Akka Itoophiyaatti osoo hin taanee akka Afriikkaatti jechuudha” jechuunis waa’ee injifannoosaa hima.
“Bu’aa bahii baay’ee keessan darbe…”
“Moodelingii jechuun omisha tokko uffatees ta’uu danda’a, qabatees ta’uu danda’a, meeshaa sana beeksisee akka gurguramu, akka uummata bira gahu, akka beekamu taasisuudha” jedha Moodeel Saadam.
Haa ta’u malee namoonni baay’een moodelummaa nama dheeraafi bareedina qabu akkasumas jiruu qananii jiraatutti akka ilaalamu hima.
Hojii moodelingii erga eegalee waggoota shan lakkoofsisuu himuunis, “waggaa shan kana keessatti wanti martuu naaf mijatee osoo hintaanee bu’aa bahii baay’ee keessa darbeen sadarkaa addunyaatti kan hojjechaa jiruu” jedha.
Gara ogummaa kanaatti yemmuu seenu namoota ogummicha keessa jiraniin walbeekuu dhabuunsaa hojii akka hinarganne isa taasisaa turuus hima.
“Hojii baay’ee tola hojjechaan ture. Qarshii taaksiidhaan ittin deemullee hinqabu ture, bakka viidiyoo itti waraabamu lukumaanin deemee hojjechaa ture” jedha.
Bu’aa bahii heddu keessa darbuun maqaasaafi maqaa biyyasaa beeksisuu akka danda’e kan himu Moodeel Saadam, milkaa’ina isaa kanaan gammachuun akka itti dhagahamu dubbata.

Waltajjiilee dorgommii biyya keessaa hanga idil addunyaatti
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Moodeelli Idil addunyaa Saadam, ALI bara 2010’tti dorgommii moodelingii “Ethiopian Next Top Model” jedhamufi dorgomtoonni dhibba tokkoo ol irratti hirmaatan irratti dorgomuun carraawwan garagaraaf karaa akka saaqeef hima.
“Qophiin sun gara waggaa tokkoof ture. Isarratti kunneen sadarkaa xummuraaf gahan shan (top five) keessa seeneen ture. Garuu sadarkaa osoo nuuf hin laatiin qophichi dhaabbate” jedha.
Dorgommii kana booda beeksisawwan fi agarsiisawwan faashinii garagaraa irratti hirmaachuu kan himu Moodeel Saadam, tattoo ta’uun kan irratti hirmaate viidiyoon sirbaa weellisaa Shukrii Jamaal mataduree ‘Ammuma’ jedhu qabu caalmaaatti akka beekamu akka isa taasises dubbata.
Beekamtiin isaas waltajjiilee faashinii biyya keessaa darbee baargama ce’uu hima.
Haaluma kanaan dorgommii ‘Man of The Globe International Pageant’ irratti akka hirmaatuuf bara faranjootaa 2022’tti waamichi taasifameefii akka ture himuun inni garuu sababoota garagaraan osoo hin hirmaatiin hafuu hima.
“Isarratti sababoota adda addaan argamuu hindandeenye. Viizaa argachuu hindandeenye ture, gama maallaqaanis humna hinqabaanne ture. Yeroo sana baay’ee natti ulfaatee ture” jedha.
Haa ta’u malee carraa walfakkaataa bara kanas argateen gara Filipiinsitti imaluun dorgomtoota biyyoota addunyaa garagaraarraa dhufan waliin morkate.
“Yeroo jalqabaaf moodeeliin gurraachi injifataa waliigalaa (Grand Winner) ta’ee kan mo’ate ana qofadha. Akka Itoophiyaatti osoo hintaanee akka Afriikkaatti jechuudha” jechuun waa’ee injifannoosaa hima.
Dabaluunis “Kun anaaf seenaa guddaadha. Maqaakoof fi maqaa biyyakoofis waan guddaadha” jedha.
Dorgommiin biyya Filipiins dameelee garagaraan kan adeemsifamu yemmuu ta’u, innis dameelee ‘best photogenic’, ‘best formal wear’ akkasumas injifataa waliigalaa (Grand Winner) jedhamaniin injifateera.
“Ani uuffata aadaa Oromoo Arsii fidee dhufeen isaan dorgome. Isarratti seenaa biyyakoofii iddoowwan tuurizimii Gaarreen Baalee beeksiseera” jedha.
Waggaa tokko itti aanuuf ambaasaaddara sagantichaa ta’uun akka hojjetufi waliigaltee waggaa tokkoof turu mallatteessuusaa kan himu Moodeel Saadam, “Sadarkaa addunyaatti hojiilee adda adda akkan argadhuuf carraa gaarii naaf uuma” jedha.

“Gama faashiniin ilaalcha jijjiiruun barbaada…”
Hojii moodelingiin cinatti mummee barnootaa ‘Hotel Management’ barachuun ittiin hojjechaa kan jiru Moodeel Saadam, moodelingii dabalatee barnoota taatummaa fi daayirektarummaa barachuusaas hima.
Kana malees agarsiisa faashinii ‘One Africa Fashion Show’ jedhamus waggaa waggaan qopheessaa jira.
Sagantaan kun waggoota lamaan darbaniif kan adeemsifame yemmuu ta’u bara kanas ji’oota muraasa booda akka adeemsifamu himeera.
Agarsiisa faashiniisaa kana gara sadarkaa Afriikkaatti guddisuuf karoora akka qabus hima.
Karoorasaa gara fulduraa kan gaafanne Moodeel Saadam, “Sadarkaa addunyaatti afaanfi duudhaa keessattuu tuurizimii Oromiyaas ta’e Itoophiyaa beeksisuuf fedha guddaan qaba. Fulduratti isarratti caalmaan nan hojjedha jedheen amana” jedha.












