Ilmaan namaa jaalallee tokko qofaan hangam jiraatu?

Madda suuraa, Getty Images
Saayintiistonni bineensota jaalallee tokko qofa waliin jiraatan jedhan adda baasuuf qorannoo gaggeessan.
Akka qorannoonni amala jaalallee tokko qofa waliin jiraachuu sanyiiwwan bineensotaa garaagaraa irratti taasifaman agarsiisanitti, ilmi namaa amala cimdiin (dhirsaa fi niitii) jiraachuutiin bineensa 'meerkatis' jedhamuun walitti dhiyeenya qaba.
Gama jaalalaa waliif qabaachuudhaan bineensi hariiroo hawaasummaa jabaa wal faana qabu 'monguusis' jedhamu ilma namaatiin baay'ee walitti akka dhiyaatu saayinstiistonni waayee kanaa qoratan ibsaniiru.
Akka qorattoonni jedhanitti, ilmi namaa %66 amala jaalallee tokko qofaa waliin jiraachuu qabaachuudhaan chimpaanzii fi goriillaa yoo caalu, 'markaatis' bineensa jedhamtuunimmoo walitti dhiyaata.
Uumamoota keessaa garuu kan amala jaalallee tokko qofa waliin jiraachuu qabu nama qofa miti.
Gama kanaan sanyiin hantuutaa Kaalifoorniyaa tasumaa kan caalu hin jiru.
Jaalalleewwan sanyiin hantuutaa kanneenii bara jireenya isaanii adda hin bahan.
"Ilmi namaa cimdiin jiraachuun hoosiftoota hedduurra ni caala.
''Hoosiftoonni kuun jaalallee isaanii malee kanneen biraa hedduu waliin qunnamtii saalaa raawwachuu qabu" jedha qorataan Yunivarsiitii Kaambiriij Dr Maark Daaybil.
Addunyaa bineensotaa keessatti dhalaafi kormaan cimdii cimdiin jiraachuun gammachuu mataa ofii qaba.
Nama dabalatee sanyii bineensaa kaan mata mataatti waan irraa fayyadamu qaba.
Qorattoonni dhalaa kormaan cimdii cimdiin ta'uun ilmaan isaanii tiksuu fi qoccolloo masaanuu qolachuuf.
Akka qorannoo kanaatti ilmi namaa keessaa 66% jaalallee tokko qofatti daanga'anii ilmaan horatu.
Bineensi 'merkaatis' jedhamtu immoo 60%, biivars bineensi jedhamu immoo 73% ta'a.
Akkas jechuun ilmi namaa, merkaatis fi biivar waliin waan hundaan wal fakkaatu jechuu miti.
Goorillaawwan 6%, chimpaanziiwwan fi dolfiin 4%, sanyiin hoolaa sooy kan Iskootlaand kan hoolota hedduun wal qunnamu 0.6%.
Sanyiin hantuutaa Kaalifoorniyaa bineensota hunda caalun 100% jaalallee tokko qofa qaba.















