‘Atis Nama Chaaritii’: Dhaabbata tola-oltummaa harka-qaleeyyii karaarratti kufan kaasaa jiru

‘Atis Nama Chaaritii’: Dhaabbata tola-oltummaa harka-qaleeyyii karaarratti kufan kaasaa jiru

'Atis Nama chaartii’n dhaabbata hojii tola-ooltummaa irratti hundaa’uun hiriyoota sadii: Tashaalee Taammiruu, Lalisaa Abarraa fi Baayyisaa Gammachuu jedhamaniin waggaa afur dura namoota rakkina hamaa keessatti argaman, kanneen qaama miidhaman, ijoollee abbaa fi haadha hin qabnee fi namoota humna hin dhabne gargaaruuf hundaa’edha.

Hojii dargaggoota kanneen qabatamaan hojjataa jiranis hawaasa keessatti mul'ataa jiraachu himan.

Hojidhumsa dhaabbata kanaa ilaalichisuunis, Itti aannaa Kantiibaa bulchiinsa magaalaa Naqamtee, Obbo Tamasgeen Mirreessaa, “Atis Nama Chaartiin'n dhaabbata fakkeenyummaa guddaa qabuufi kan namoota gataman adda baasuun akka of danda'aniii dhaabatan gochuuf hojii akka uummatan gochaa jirudha” jechuun BBC'f dhugaa bahan himan.

Akkasumas ''karora dargaggoonni kunneen magaalaa naqamteetti giddugala namoonni rakkatan itti kunuunfaman ijaaruuf yaadan cina jirra'' jechuun BBC'tti himan Obbo Tamsagan.

Dhugaa bahiitii qaama mootummaatiin alatti, dargaggoo Tashaala Taamiruu hundeessitoota dhaabbata kanaa keessaa tokko kan ta'e waan irra jiran, danqaa isaan mudatee, karoorasaanii gara fuulduraafi ergaa dargaggootaa birootiif qaban akkasiin BBCtti himeera, caqasaa.