'Filannoon Keeniyaa fi Itoophiyaa hamma waaqaafi lafaa walirraa fagaata'

'Filannoon Keeniyaa fi Itoophiyaa hamma waaqaafi lafaa walirraa fagaata'

Filannoo biyyooleessaa Keeniyaan Hagayya 9 gaggeessite kanneen taajjabuuf Itoophiyaarraa dhufan keessaa tokko kan tahan, dura taa'aan Kongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO) Proofesar Mararaa Guddinaa, ''Filannoon Keeniyaa fi Itoophiyaa hamma waaqaafi lafaa walirraa fagaata,'' jedhu.

Pirof Mararaan jila taajjabdootaa dhaabbata buufata isaa Afrikaa Kibbaa godhate Brenthurst Foundation jedhamuufi Ministirri Muummee duraanii Itoophiyaa Haayilamaariyaam Dassaalany hoogganan keessatti miseensa tahuun filannoo Keeniyaa taajjaban.

Namni siyaasaa kun magaalaa Mombaasaatti argamuun filannicha kan taajjaban ennaa tahu, wayita Naayiroobitti deebi'an argannee dubbifne.

Dhimma fillannoo kanaa dabalatee, marii biyyaalessaa Itoophiyaafi kaan irrattis gaafanneerra.

Viidiyoon: Eliyaas Muluugeetaafi Yaadataa Birhaanuu