Unit 2:
Select a unit
- 1Essential English Conversation
- 2Unit 2
- 3Unit 3
- 4Unit 4
- 5Unit 5
- 6Unit 6
- 7Unit 7
- 8Unit 8
- 9Unit 9
- 10Unit 10
- 11Unit 11
- 12Unit 12
- 13Unit 13
- 14Unit 14
- 15Unit 15
- 16Unit 16
- 17Unit 17
- 18Unit 18
- 19Unit 19
- 20Unit 20
- 21Unit 21
- 22Unit 22
- 23Unit 23
- 24Unit 24
- 25Unit 25
- 26Unit 26
- 27Unit 27
- 28Unit 28
- 29Unit 29
- 30Unit 30
- 31Unit 31
- 32Unit 32
- 33Unit 33
- 34Unit 34
- 35Unit 35
- 36Unit 36
- 37Unit 37
- 38Unit 38
- 39Unit 39
- 40Unit 40
Session 44
Listen to find out how to ask where and when a bus leaves.
Atobisiin eessaafi yoom akka deemu akkatti gaafattu hubachuuf caqasi
Activity 1
At the bus station
Listen to find out how to ask where and when a bus leaves.
Atobisiin eessaafi yoom akka deemu akkatti gaafattu hubachuuf caqasi
Listen to the audio and take the quiz. Batalee fudhachuuf sagale kana caqasi.

Caalii
Yooyyaa! Barataan Afaan Ingilizii kamiyyuu isa malee baruu kan hindandeenye qooqa barbaachisoo kan isiniif dhiheessu gara Essential English Conversation'tti baga nagaan dhufte. Ani Caaliidha. Kutaa kana keessatti, bakka buufata konkolaataatti akkamitti odeeffannoo akka gaafattu baratta.
Bakka buufata konkolaataatti waan ta'aa jiru caqasi.
Sian
Where does the bus to Manchester go from?
Phil
From stop seventeen, next to the shop. It goes in ten minutes.
Caalii
Hubachuuf yoo si rakkise, hinyaadda'iin; shaakaluuf akka sigargaaruuf haasawicha addaan qoodna.
Dubbattuun jalqabaa atobisiin gara Manchistar deemuu eessarra akka ka'u gaafatte. Caqasiitii irrradeebi'i.
Where does the bus to Manchester go from?
Caalii
Dubbataa lammaffaan bakka dhaabata 'stop' kudha-torbarraa akka ka'u dubbate. Akka inni dubbattuu jalqabaatti himetti, bakki sun suuqiitti 'the shop' kan aanu 'next to' ture. Caqasiitii irradeebi'i.
From stop seventeen, next to the shop.
Caalii
Waa'ee gulantaa 'stairs', seensa 'entrance', mana fincaanii 'toilets' dubbachuus ni dandeessa.
From stop twelve, next to the stairs.
From stop thirteen, next to the entrance.
From stop fourteen, next to the toilets.
Caalii
Ittaansuun dubbataan lammaffaa, atobisiin daqiiqaa kudhan 'ten minutes' keessatti akka deemu dubbate. Caqasiitii irradeebi'i.
It goes in ten minutes!
Caalii
Baay'ee gaarii! Ammammoo, namoonni gara garaa, bakka addaddaatti imaluuf wayita tikeetii bitatan caqasuudhaan maal akka jette mirkaneeffadhu.
Maark Birmiingham deemaa jira. Daqiiqaa kudha shan keessatti waltaji 10 bakka mana fincaanii 'toilet' ittiaane jirurraa atobisii qabachuu fedha.
Where does the bus to Birmingham go from?
From stop 10, next to the toilets. It goes in fifteen minutes.
Andiriyaan Biristol deemaa jirti. Daqiiqaa shan keesstti waltajii 3 bakka seensaa 'entrance' itti aane jiruutti argamuun, atobisii qabachuu barbaaddi.
Where does the bus to Bristol go from?
From stop three, next to the entrance. It goes in five minutes.
Caalii
Tole, irradeebinee haayaallu. Himoota Afaan Ingilizii caqasiitii irradeebi'i. Yeroo kanatti tokkoo-tokkoosaanii al lama dhageessa.
Where does the bus to Manchester go from?
Where does the bus to Manchester go from?
From stop seventeen, next to the shop.
From stop seventeen, next to the shop.
It goes in ten minutes.
It goes in ten minutes.
Caalii
Baay'ee gaarii! Afaan Ingilizii hagam dansaa akka yaadattu haa'ilaallu. Himoota qooqakeetiin caqasiitii Afaan Ingilizii keessatti maal akka ta'an himi.
Atobisiin Manchistariin deemu eessarra ka'aa?
Where does the bus to Manchester go from?
Suuqiitti aane bakka jiru waltajii kudha torbarra ka'aa.
From stop seventeen, next to the shop.
Daqiiqaa kudhan keessatti deema.
It goes in ten minutes.
Caalii
Misha! Tole, amma, buufata konkolaataatti akkataa itti gaafattuufi deebistu barteeta. Dubbataa lammaffaa akkamiin akka sigargaaruu gaafatuuf deebii laachuun shaakali.
How can I help you?
From stop seventeen, next to the shop. It goes in ten minutes!
Caalii
Baay'ee gaarii, ammammoo deebiikee sirreeffachuuf haasawicha guutummaasaa irradeebi'iitii caqasi.
Sian
Where does the bus to Manchester go from?
Phil
From stop seventeen, next to the shop. It goes in ten minutes!
Caalii
Hojii gaarii! Amma buufata konkolaataatti Afaan Ingiliziitiin gaafachuufi deebii laachuu dandeesseetta. Waan baratte shaakaluu hindagatiin. Hiriyaa tokko barbaaddadhuutii Afaan Ingiliziitiin buufata konkolaataatti gaafiiwwan gaafachuufi deebii laachuun shaakali. Barnoota dabalataa Essential English Conversation'iin yeroo ittaanutti walitti deebina. Bye!
Check what you’ve learned by putting the words in the correct order.
Jechoota tartiiba sirrii ta’een tarreessuudhaan wanta baratte mirkaneeffadhu.
Bakka buufata atoobisii
3 Questions
Put the words in the correct order.
Jechoota tartiiba sirrii ta’een sirreessi.
ሓገዝ
Activity
Put the words in the correct order.
Jechoota tartiiba sirrii ta’een sirreessi.
ኣመት
Jechi jalqabaa ‘Where’ dha.Question 1 of 3
ሓገዝ
Activity
Put the words in the correct order.
Jechoota tartiiba sirrii ta’een sirreessi.
ኣመት
Jechi jalaqabaa ‘From’ dha.Question 2 of 3
ሓገዝ
Activity
Put the words in the correct order.
Jechoota tartiiba sirrii ta’een sirreessi.
ኣመት
Jechi jalqabaa ‘It’ dhaa?Question 3 of 3
Excellent!Great job!ሕማቕ ዕድል!ዘመዝገብኩምዎ ነጥቢ ...:
Join us for our next episode of Essential English, when we will learn more useful language and practise your listening skills.
Kutaa barnootaa Afaan Ingilizii Barbaachisoo kan qooqa daran faayida-qabeessa ta’an keessatti barannuufi daandeettiiwwan dhageettiikee ittiin shaakaltutti yeroo itaanu walitti deebina.
Shaakala dabalataaf miseensa garee Feesbookii keenyaa ta'i!
Session Vocabulary
Where does the bus to ______ go from?
Atobisiin gara ______ eessarraa ka’aa?From platform ______.
Waltajjii/buufata ______irraa.Next to the shop.
Suuqiitti aanee.It goes in ______ minutes.
Daqiiqaa ______ keessatti deema.