Waraana waliinii Itoophiyaa: 'Iyyuun gatii hin qabu ture'
Waraanni waliinii Itoophiyaa naannoo Tigraayitti eegalee ji'oota hedduu lakkoofsise kun, lammiilee hedduu kaaba Itoophiyaa keessa jiran irratti godaannisa hamaa dhiisaa jira.
Dubartoonni kumaatamatti lakka'aman qaamolee walwaraanan hundaan miidhaan saalaa irra gahuusaa ni himu. Kanneen keessaa sadii seenaa isaanii guddoo nama jeequ nuuf qoodaniiru.