''Ilma keenya fuudhaaf qophaa'aa turetu nu duraa ajjeefame''
''Mucaakoof bakka hidhamee jirutti buddeena gaafan fuudhee deemu achiin dhabe. Eessa jira jedhee yommuun gaafadhu inni baheera naan jedhan. Ilmi koo osoon barbaaduun ajjeefamee sharaan maramee bakkee keessatti arge,'' jechuun haati ilmisaanii jalaa ajjeefame BBCtti himaniiru.