Filannoo keenyaa 2022 Wiliyaam Ruutoo mo'atan

Guyyoota ja'aafi lakkaa'aaf mirkaneessaa erga tureen booda Komishiniin Filannoo Keeniyaa abbaa mo'ate ifa godheera. Haaluma kanaan Wiliyaam Ruutoon injifataniiru.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Hiriirri deeggartoota Raayilaa hokkoratti geeddarame

    Hiriira mormii filannoo Keeniyaa

    Madda suuraa, AFP

    Deeggartoonni Raayilaa Odingaa injifatamuu isaatti dheekkamuun Kisumuu keessatti mormii isaanii yeroo itti fufanitti poolisiin gaasii nama boochisuu fayyadameera.

    Deeggartoonni fi paartiin isaa deeggaran, bu'aan filannoo har'a ifa taasifamee akka hatame ibsu, kana Rutoon haaleera.

    Hiriira mormii filannoo Keeniyaa

    Madda suuraa, AFP

    Dabalataanis Naayrobii, bakka Kibeeraa jedhumu, kan deeggartoonni Odingaa hedduu jiran keessattis, hokkori kaleera.

    Mormitoonni akka miidiyaa AFP'tti himanitti, Odingaa - kan isaann "Baba" ykn abbaa jechuun waaman - jalaa filannoon hatameera.

    Hiriira mormii filannoo Keeniyaa

    Madda suuraa, AFP

    Hiriira mormii filannoo Keeniyaa

    Madda suuraa, AFP

  2. Komishinaroonni afur bu'aa filannoo xumuraa mormuun, yaaddoo uumu hin qabu jedhan Ruutoon

    Wiiliyaam Ruutoo

    Komishinaroonni afur bu'aa filannoo xumuraa mormuun isaanii jijjiirama hin fidu jedhan Ruutoon.

    BBC'n Wiiliyaam Ruutoo, kan pireezidantii haaraa ta'uun filatamaniif waayee komishinaroota afur bu'aa filannoo xumuraa mormuunii gaafateera.

    ''Filannichi akka ani hubadhutti... lammiileen Keeniyaa hedduunis beekanitti bu'aa kan biraa qabaachuu hin danda'u ture'' jedhan Ruutoon.

    Komishinirootni bu'aa filannoo morman waan gochuu qaban beeku jedhanii tarii adeemsa heeraa hordofanii komii isaanii akka dhiyeessan jajjabeessina jedhan.

    ''Wanti na gammachiisu filannichi Keeniyaa keessatti filannoo iftoomina qabatee gaggeefamme isa jalqabaa ta'uudha, lammiileen Keeniyaa harki caalus yaada kana ni qooddatu'' jedhan.

    Dhimma Komishinaroota bu'aa filannoo mormanii ilaalchisee ammoo ''Bu'aa filannoo labsuun gaafatama komishinarootaa miit, kan returning officer (Wafula Chebukati). Kamishinarootni afran bu'aa filannoo labsame irratti yaaddoon uuman takka hin jiraatu. Returning officer akka seerabiyyattii bu'aa filannoo labseera- wantii kaan agarsiisa biraati'' jedhan.

  3. Gareen Odiingaa Mana Murtiitti akka oliyyatu akeeke

    Bu'aa filannoo Keeniyaa dhuma irratti waldhibdee uumeen booda gareen Raayilaa Odiingaa oliyyannoo akka fudhatu waan mi'isu barreessan.

    Dhaaba Odiniingaa Azimio keessatti pireezidantii itti aantuu ta'uuf kan dorgomaa turan Maartaa Karuuwaa tiwiitara gubbaatti yaada maxxansaniin ''hanga xumuramutti hin xumuramu''("It is not over till it's over") jedhaniiru.

    Bu'aan filannoo kun ibsamuu dura gareen Odiingaa bu'aa ffilannoo bacancarsuun mudachuu qeeqee ture.

    Seera Keeniyaatiin kaadhimamaan pireezidantii mana murtiitti iyyachuuf guyyaa torba qaba.

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

  4. Deeggartootni Raayilaa Odiingaa dheekkaman, daandii cufan

    Filannoo Keeniyaa

    Deeggartoonni Raayilaa Odingaa dorgommii filannoo shannaffaa fi tarii yaalii pirezdaantummaa isaa dhumaa kanaan mo’atamuu isaan gadda guddaa keessa jiru.

    Namootni dhibba hedduun lakka’aman daandiilee Kisuumuutti – bakka deeggartoonni isaa hedduun jiran- ba’uun miirri gammachuu ture aariitti geeddarameerra.

    Namootni tokko tokko daandii cufuunii kaan ibidda qabsiisaniiru. Qondaaltonni farra- hokkoraa dursanii magaalatiitti bobbaafamaniiru.

  5. 'Waan Rabbi jiruuf as geenye'-Ruutoo

  6. Ministeerri Muummee Abiy Ahmad Ruutoodhan baga gammadde jedhan

    Ministeerri Muummee Ittophiyaa Abiy Ahmad, Pirezidaantii Keeniyaan ta'uun kan filataman Wiiliyaam Ruutodhaf ergaa baga gammaddee dabarsaniif.

    Abiy Ahmad ergaa baga gammaddee toora Tiwiitara isaanii irratti barreessaniin, Wiiliyaam Ruutoo waliin dhimmoota waloo fi naannoo irratti ciminaan hojjachuuf akka fedha qaban ibsanii jiru.

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

  7. Wiiliyaam Ruutoo haasaa taasisuutti jira

    Pirezidaantii Keeniyaan ta'uun kan filatame Wiiliyaam Ruutoo haasaa taasisaa jiruun uummata keeniyaa, Komishinii Filannoo, dippiloomaatotaa fi abbootii amantii galateeffate.

    "Lammiilen Keeniyaa yaada sanyummaa osoo hin taane, sagantaa siyaasa keenua hordofuun waan nu filattaniif galatoomaa" jedhe.

    Lammiillee Keeniyaa hunda wal qixa tajaajijiluu fi mormitoota wajjin hojjachuuf waadaa galeera.

    "Warri miidhaa nurraa geessistan hin yaadda'iinaa. Haaloo ba'uun hin jiru. Duubatti deebiyuun hin jiru. Gara fuula duraatti waliin imallee mullata lammilee Keeniyaa dhugoomsina!"

  8. Qondaaltonni Komishinii Filannoo Lama miidhaman.

    Hogganaan komiishini filannoo keeniyaa, Wafuulaa Chebukaatii, qondaaltonni komishinichaa lama miidhamuu isaanii himan. Miidhan akkamii akka irra ga’e garuu hin ibsine.

    Dabaluunis komiishinichi dorsiisaa akkanaa akka mormu ibsaniiru.

  9. Injifannoo boodaa Rutoon haasaa taasisan

    Wiiliyaam Ruutoon haasaa isaaniin:

    “Kun galgala gaariidha… aangoon oolaana hundi kan uummata Keeniyaadha.

    “Bakka kanaan ga’uu keenyaaf Waaqayyoon nan galateeffadha.

    “Bakka kana hin geenyu kan jedhuuf tilmaamni akka ture beeka – ta’us garuu sababa Waaqaan, as jirra.” jedhan.

    Pirezidaantii Keeniyaan ta'uun kan filatame Wiiliyaam Ruutoo, uummata keeniyaa, Komishinii Filannoo, dippiloomaatotaa fi abbootii amantii galateeffate.

    "Lammiilen Keeniyaa yaada sanyummaa osoo hin taane sagantaa siyaasa Keeniyaa hordofuun waan nu filattaniif galatoomaa" jedhe.

    Lammiillee Keeniyaa hunda wal qixa tajaajiluu fi mormitoota wajjin hojjachuuf waadaa galeera.

  10. Wiiliyaam Ruto Filannoo Pirezdaantummaa Keeniyaa injifate

    Qondaalli komishinii filannoo olaanaa akka ibsanitti Wiiiliyaam Rutoon filannoo pirezdaantummaa sagalee %50.49’n injifatan.

    Wiliyaam Rutoo
  11. Bakka deeggarsi Odingaa cimaa ta’etti poolisiin farra-hokkorsa bobbaafaman

    Magaalaa deeggartoonni Raayilaa Odingaa hedduminaan jiran Kisumu keessatti poolisootni farra-hokkoraa bobbaafamanii jiru.

    Erga gartuun Odingaa filannoon hatamuu isaa dubbatanii booda, qondaaltonni poolisii deeggartoota daandiitti hiriira ba’anii jiran tasgabbeessuuf yaalaa jiru.

    Filannoo Keeniyaa
  12. Raayilaa Odiingaa eessa jiru?

    Yeroo bu’aa filannoo pirezidaantummaa beeksisuuf eegamaa jirutti lammileen Keeniyaa Raayilaa Odiinga eessa? jechuun miidiyaa hawaasaa irrarri gaaffii dhiyeessaa jiru.

    Wiirtuu bu’aan filannoo itti ifoomsan Biomas-Keeniyaatti Wiliyaam Ruutoo argamanis, Raayilaa Odiingaan garuu hin argamiin jiru.

    Eegdonni waajira Mr. Odiingaa kan Naayiroobii, Kaarenitti argamu gabaastuu BBC Marsii Jumaatti akka himanitt, Odiingaan ammallee mooraadhuma waajira isaa kana keessa jira.

    Wiirtuu Biomas kan bu’aan itti ifoomu namuu keessa guutee eegaa jiru kana yeroo haati Wiliyaam Ruutoo qaqqabanitti, hordoftoonni bakka sana jira Raayilaa Odiingaatu dhufe jedhanii gammadanii ture.

    Mr. Odiingaan wiirtuu sagaleen itti mirkanaa’eefi bu’aan ifoomu kanatti argamuu dhiisuu mala shakkiin jedhus dhiyaataa jira.

    Yeroo bu’aan filannoo beeksifamutti kaadhimamtoonni dorgoman hundinuu dhiyaachuun dirqama miti.

    Dorgommuu pirezidaantummaa marsaa afran darban dorgome keessatti Mr. Odiingaan yeroo bu’aan lasamee kan mo’ate labsametti argamee hin beeku.

    Eegdota qe'ee waajira Mr Odiingaa caqasan
  13. Bomas keessatti jeeqama dhalatee ture tasgabbaa'e

    Gartuu Raayilaa Odingaa keessaa senaatarri filatame wiirtuu filannoo biyyaalessaatti haasaa gochuuf yaalee hin milkaa’iin hafe.

    Senaatarri Naarok Ledaamaa Olee Kinaa, gara waltajjiitti ba’uun sagalee guddistuu (microphone) fayyadamanuu yaalus hin hojjeneefi.

    Sana booda qondaalli poolisii waltajjii irraa isa buusuun, fudheenii deemeera. Dura taa'aan komishinichaa Wafulaa Chebukaatii bu'aa filannichaa ibsuuf Bomas'tti argamaniiru.

    Jeequmsi gidduu gala kana keessatti dhalate qaamoleen nageenyaa hedduun bobba'uun tasgabbeessaniiru.

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

    Kun kan ta’e bakka buutonni Odingaa bu’aa filannoo isa dhumaa akka mirkaneessuu hin dandeenyee ibsuu isaanii yeroo muraasa boodadha.

  14. Komishiniin filannoo Keeniyaa walqoode

    Komishiniin filannoo Keeniyaa gaggeessu, Independent Electoral and Boundaries Commission(IEBC), bu'aa filannoo irratti waldhabee lamatti qoodame.

    Miseensotni Komishinichaa afur adda bahuun Hoteela Seriinaa irraa miidiyaaleef ibsa kennaniin bu'aa filannoo ama ibsamuuf jedhu akka hin fudhanne beeksisan.

    Alkkaataa marsaan dhumaa kun itti qabamaa jiru sirrii waan hin taaneef abbummaa bu'aa kanaa hin ibsinuu jedhan.

    Komishiniin filannoo kun komishinaroota torba kan qabu yeroo ta'u isaan keessaa afur bu'aa kana akka hin fudhanne ibsaniiru.Ibsa kan kan kennan dura teessuu komishinichaa kan ta'an Juliyaanaa Chereeraati

    Filannoo Keeniyaa
  15. Gareen Raayilaa Odingaa bu'aa filannoo isa dhumaa mirkaneessuu hin dandeenye jedhe

    Galma gareen Odingaa Azimiyoon sagantaa itti qopheesse
    Ibsa waa'ee suuraa, Galma gareen Odingaa Azimiyoon sagantaa itti qopheesse

    Koreen filannoo kaadhimamaa pireezidantii Raayilaa Odingaa bu'aa filannoo isa dhumaa mirkaneessuu hin dandeenye jedhe.

    Qindeessaan garee Odiingaa, Sayitaabo Kanchoori, bu'aawwan sagalee tokko tokko gareen isaanii mirkaneessuu akka hin dandeenyee fi Odiingaanis kanumaaf mana isaaniiti akka hin baane ibsan.

    Bakka sagaleen filattootaa itti mirkaneeffamuufi bu'aan filannoo kanaa itti ibsamu 'Bomas of Kenya' bakka yakki itti dalagame jechuun rakkooleen mudachuu dubbatan.

    Wiiliyaam Ruutuu galma pireezidantiin Keeniyaa haaraan itti labsamu gahanii kan turan yeroo ta'u, Raayilaa Odingaa garuu manuma isaanii jiraachuu BBC'n mirkaneeffateera.

    Ammallee bu'a filannoo pireezidantummaa ibsuun hin eegalamne. Maaliif sagantaan kun hanga ammaa hin eegalle kan jedhu gaaffii ta'ee ka'aa jira.

  16. Bu'aa filannoo Pireezidantummaa ibsuun barfate

    Bu'aan filannoo pireezidantummaa Keeniyaa sa'aa sagalii eegalee ibsama jedhame gara 10:30 siiqee eegalama jedhameera.

    Lammiileen biyyattii pireezidantiin isaanii haaraan eenyu akka ta'e qalbii rarra'een eegaa jiru.

    Qe'ee Raayilaa Odiingaa Kisuumuutti deeggartootni sirbaafi gammachuun eegaa jiru.

    Qe'ee dhalootaa Wiiliyaam Ruutoo, Eldoreetitti ammoo deeggartootni walitti qabamanii, jilbeeffatanii rabbi kadhachaa, nagaan akka jiraatus abbalaa jiru.

    Lammiilee Keeniyaa Eeldooreetitti pireezidantii haaraa biyyattii ibsamuuf jiru eegaa jiran
    Ibsa waa'ee suuraa, Lammiilee Keeniyaa Eeldooreetitti pireezidantii haaraa biyyattii ibsamuuf jiru eegaa jiran
  17. Deeggartoonni Ruutoo fi Odiingaa bu'aa filannoo sa'aatii 9:00 dhagahuuf miixutti jiru

    Iddoo Odiingan deeggartoota cimaa itti qabu Kisuumutti deeggartoonni TV tti tuucha'anii eenyu akka pirezidaantii ta'u eegaa jiru.

    Miidiyaalen garaa garaa galma sagaleen itti lakkaa'amaa ture- Bomas- keessaa kallattiin dabarsaa jiru.

    Komishiniin Filannoo Keeniyaa bu'aa filannoo kana sa'aatii 9:00 irraa kaasee beeksisuu akka eegala jedhamee eegama.

    Deeggartoota TV tti tuucha'anii ilaalaa jiran

    Madda suuraa, AFP

    Deeggartoonni Wiiliyaam Ruutoo ammoo Eldoreetitti yoom mo'ata jedhanii eegaa jiru. Ruuton garaa garummaa qabxii xiqqaadhan dursaa ture.

    Deeggartoota TV yoo ilaalan

    Madda suuraa, AFP

  18. Bulchiinsa Kisuumutti deeggartoonni dursanii gammachuu ibsachuu eegalan

    Deeggaraa gammachuu ibsataa jiru

    Lixa Keeniyaa bulchiinsa Kisuumutti deeggartoonni Raayilaa Odiingaa osoo bu'aan filannoo hin labsamin dura gammachuu ibsachuuttii jiru.

    Bulchiinsa kanatti Odiingan akkaan deeggarsa qaba.

    Bu'aan filannoo biyyaalessa Keeniyaa har'a akka biyyaatti sa'aatii 9:00 irratti akka beeksifamu Komishiniin Filannoo biyyattii beeksise.

    Wiiliyaam Ruutoo fi Raayilaa Odiingaa keessaa tokkoon isaanii pirezidaantii ta'anii beeksifamuuf jiru. Qabxii pirezidaantif isaan gahu hin arganne taanan, filannoon irra deebin taasifama jechuudha.

    Deeggartoota dhiichisaa jiran
  19. Komishiniin Tokkummaafi Walta'iinsa Lammiileen Keeniyaa bu'aa filannoo nagaan akka fudhatan waamiche dhiyeesse

    Komishiniin Tokkummaafi Wal ta'iinsa Lammiilen Keeniyaa bu'aan filanoo yeroo beeksifamuufi isana booda nageenya akka buusaniif dursee waamicha dhiyeesse.

    "Lammiilen Keeniyaa bu'aa filannoo fudhachuu qabu, rakkoon yoo jiraate ammoo karaa mana murtii qofaan komiin akka dhiyaatu" jechuun waamicha godhe.

    "Bu'aan filannoo kun egeree biyya keenyaaf murteessadha, garuu ammoo kan koo yoo ta'e malee du'een argamaan hin hojjatu.

    Eenyuyyuu pirezidaantii ta'ee yoo filatame Keeniyaan gara fuulduraatti deemti waan ta'eef lammiilen biyyattii yaadda'uu hin qaban," jechuun dubbate Gaggeessaan Komishinii kana Tokkummaa fi Walta'iinsaa kan ta'e Saamu'eel Koobiyaan.

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

  20. Qabxiin filannoon Keeniyaa sa'aatii 9:00'tti ibsama

    Qabxiin filannoo keeniyaa sa’aatii lama booda guyyaa keessaa sa’aatii sagal irratti akka ifa taasifamu komishiniin filannoo biyyattii beeksiseera.

    Komishinii Filannoo Keeniyaa