Buufataaleen filannoo sagalee lakkaa'aa jiru, kaan ammoo bu'aa beeksisaa jiru
Filannoon Biyyaalessaa Marsaa 6ffaan guyyaa Wiixataa (kaleessa) ganama barii sa'aatii 12rraa eegalee, bakka tokko tokkotti haga galgalaatti akkasumas guyyaa har'aallee kanneen sagalee kennan jiru. Filmaata kanaan lammiileen Itoophiyaa miiliyoona 38 ol ta’an sagalee kennuuf kan galmaa'an wayita tahu, Wiixata sagalee kennuun mootummaa waggoota shan dhufaniif ummata biyyattii miiliyoona 110 ol ta’u bulchu filataniiru. Kun gabaasa kallattii adeemsa filannoo ilaalchisee dhiyeessinudha.
Haguuggii Tamsaasa Kallattii
Boordiin filannoo namoota bu’aa filannoo ragaa qabatamaarratti hin hundoofne ibsan akeekkachiise
Kaaba Gondar buufata filannoorratti hidhattootni haleellaa geessisuun lubbuun poolisii tokkoo darbe
Boordiin Filannoo rakkoowwan filannoorratti mudatan jedhe hiikaa jiraachuu hime
Shawaa Lixaa naannawa buufata filannootti haleellaa raawwateen lubbuun darbe
'Naannolee filannoon adda citee ture har'a itti fufuun gaggeeffamu'
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa haala adeemsa filannoo ilaalchisee ibsa kenne.
Filannoon biyyaalessaa Itoophiyaa kaleessa gaggeeffamaa ture karaa nagaan xumurame jedhe boordichi.
Haaluma Kanaan bu’aan sagalee lakkaa’ame har’a ibsamaa jiraachuu hime. Adeemsi filannoo kaleessaas bakkuma turetti itti fufuun gaggeeffama jedhe. Haaluma Kanaan;
1-Adeemsi filannoo naannoo Sidaamaa har’a gara barfataa sa’a 5:AMi jalqabee gaggeeffamuun har’uma kan xumuramu taha.
2-Naannoo Gambeellaa keessatti naannolee filannoo jeeqamuun adda citan tokko tokkos har’uma sa’a 8:00Pm jalqabuun kan xumuraman tahu
3-Naannoo Benishaangul Gumuzitti adeemsi filannoo yeroodhaaf dhaabatee ture. Boordichi meeshaaleen barbaachisan hanga saamsamanitti eegaan jira jedhe. Haaluma Kanaan boordichi haala filannichaa itti aanu kan beeksisu tahuu ibsa kenneerra.

Madda suuraa, Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa
Ibsa waa'ee suuraa, Korojoo sagalee itti kennan Ustaaz Ahimaddin Jabal erga filannoo keessaa bahanii booda sagaleen kennameef

Ustaaz Ahimaddin Jabal magaalaa Jimmaa keessatti Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa seenuuf paartilee siyaasa afur waliin dhuunfaadhaan dorgomaa kan ture yoo ta’u, filannoon ga’uuf guyyoonni muraasni yoo hafu dorgommii kana keessaa sababa dhuunfaatiin ba’uusaa beeksisee ture.
Akka qondaaltota filannoo magaalaa Jimmaa ganda Hirmaataa Markaatoo irraa odeeffannetti, waraqaan filannoo osoo Ahimaddin filannicha keessaa ba’uu hin beeksisin dura maxxanffamee waan tureef, omaa gochuun akka hin danda’amneefi namoonnis sagalee akka kennaniifidha.
Buufata filannoo suuraa kanarratti mul'atutti waahilli keenya sagalee Ustaaz Ahimaddiinif kenname dabalatee, bu'aa filannoo maxxanfame kana kaasee nuuf ergeera.
Naannoo Sidaamaatti filannoon irra deebiin eegale

Naannoo Sidaamaatti buufataaleen filannoo 2,000 tahan irra deebiin guyyaa har'aa banamuu, hoogganaan boordii filannoo damee naannichaa Fireew Baqqalaa BBCtti himan.
Sagalee kennuunis guyyaa keessaa sa'aatii 5:00 irraa jalqabee haga galgala keessaa sa'aatii 12:00tti akka itti fufus eeran.
Naannoo Sidaamaatti naannolee filannoo hunda keessatti sababa hanqina waraqaa filannootin adeemsi sagalee kennuu addaan cituusaa walitti qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Birtukaan Miidhaksaa Wiixata himanii turan.
Bu'aan Filannoo biyyaalessaa ja'affaa Itoophiyaa yoom beekama?
Adeemsi sagalee lakkaa'uufi bu'aa beeksisuu itti fufeera
Magaalaa Adaamaatti buufataalee filannoo garagaraatti bu'aan filannoo maxxanfamaa jiraachuu waahilli keenya magaalattii keessa jiru nutti himeera.


Raawwachiistotni filannoo gucni miseensotni mana maree magaalaa ittin filataman yeroo kan fudhatu ta’uu himan. Namni tokko mana Maree naannootif hanga kaadhimamtoota 14 filachuu danda’a. Kunis adeemsi lakkaawwii yeroo akka fudhatu taasisuu raawwachiistotni filannoo buufataalee filannoo garagaaraa BBCtti himaniiru.

Ibsa waa'ee suuraa, Buufata filannoo Magaalaa Finfinneetti argamu tokkotti sagaleen wayita lakkaa'amu Suuraa armaan gadiin naannoo Amaaraa magaalaa Daseetti bu'aa filannoo buufata tokkorratti maxxanfame dubartiin ilaaltu ni mul'atti.

'Guyyaan har'aa lammilee Itoophiyaa hundaaf guyyaa guddaadha' - MM Abiy Ahimad

Madda suuraa, Getty Images
Adeemsi Filannoo Biyyaalessaa Marsaa 6ffaan Itoophiyaan guyyaa Wiixataa gaggeessaa oolte ''nagaan goolabamuusaatiin baga gammanne'' jedhan MM biyyattii Abiy Ahimad.
Filmaata kanaan lammiileen Itoophiyaa miiliyoona 38 ol ta'an sagalee kennuuf kan galmaa'an wayita tahu, Wiixata sagalee kennuun mootummaa waggoota shan dhufaniif ummata biyyattii miiliyoona 110 ol ta'u bulchu filataniiru.
Filannichi Wiixata ganama barii sa'aatii 12rraa eegalee, bakka tokko tokkotti ammoo haga galgalaatti akkasumas guyyaa har'aallee kanneen sagalee kennan jiraachuu Boordiin Filannoo himeera.
Xumuramuu guyyaa filannoo ilaalchisuun MM Abiy Ahimad ibsa Wiixata galgala baasaniin, ''Guyyaan hardhaa lammilee Itoophiyaa hundaaf guyyaa guddaadha. Barootaaf filmaata demookraatawaa gaggeessuuf hawwaa turre. Amma yeroonsaa gahee raawwanneerra,'' jedhan.
'Rakkoon nageenyaa kan jiru Facebook fi miidiyaarra' - Pireezidant Shimallis Abdiisaa
Filannoo guyyaa Wiixataan buufata filmaataa magaalaa Giinciitti argamuun kan filatan Pireezidantiin MN Oromiyaa Shimallis Abdiisaa, turtii addaa BBC wajjin godhaniiru.
Rakkoolee nageenyaa naannichatti argamurratti kan gaafataman aanga'aan kun ''Rakkoon nageenyaa kan jiru Facebook fi miidiyaarra,'' jechuun deebisan.
Dhimmoota kaanirrattis dubbataniiru
Ibsa waa'ee viidiyoo, 'Rakkoon nageenyaa kan jiru Facebook fi miidiyaarra' - Pireezidant Shimallis Abdiisaa Shawaa Lixaa naannawa buufata filannootti haleellaa raawwateen lubbuun darbe

Ibsa waa'ee suuraa, Magaalaan Ambo Finfinneerraa 110km fagaattu teessoo Godina Shawaa Lixaadha Godina Shawaa Lixaa Aanaa Liban Jaawwii naannoo filannoo Noonnootti haleellaa namoota hidhataniin gaafa Wiixataa raawwateen lubbuun namootaa darbuu qondaaltonni himan.
Walitti Qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Aadde Birtukaan Miidhaksaa ibsa Wiixata galgala miidiyaaleef kennaniin haleellaan raawwachuu gabaasni akka isaan gahe himaniiru.
‘’Buufata filannoo keenya Noonnoo jedhamurratti buufata lamatti namoonni hidhatan adeemsicha jeequuf yaalanii haalli adda citee akka ture odeeffannoon amma Oromiyaa irraa dhufe ni agarsiisa,’’ jedhan.
Haata’u malee, miidhaan dhaqqabuu isaa waan dubbatan hin qaban. Qondaalli Boordii Filannoo Biyyaalessaa BBC’n dubbise biroo garuu poolisii dabalatee namoonni sadii lubbuu dhabuu himaniiru.
Buufataaleen filannoo kaan ammallee lakkaawwutti jiru, kuun ammoo bu'aa beeksisaa jiru
Guyyaa bakka sagaleen itti kennameefi lakkaa'uun itti xumurametti, bu'aan filannoo hawaasaaf ifa godhamaa jira.
Bakka kaanitti ammoo ammallee lakkaa'utti jiran.
Rippoortaroonni BBC biyya keessa jiran bakka garagaraa naanna'uun haala jiru hordofaa jiru. Waan nuuf ergan qixeessinee isinii dhiyeessina.

Ibsa waa'ee suuraa, Finfinneetti buufata filannoo Dr Inj Silashii Baqqalaa itti dorgoman 
Ibsa waa'ee suuraa, Buufata filannoo lakkaawutti jiru 


Naannolee tokko tokkotti adeemsi sagalee kennuu adda citeera-Boordii filannoo
Walitti ya dachaane!

Madda suuraa, Getty Images
Yooyyaa ammallee Yooyyaa!
Filannoon biyyaalessaa Itoophiyaa marroon 6ffaa guyyaa Wiixataa gaggeeffamaa oolee xumurameera.Nutis guyyaa kaleessaa waan rippoortaroonni keenya bakka garagaraa irraa nu biraan gahan dabalatee, oduu wayitaawaa isinii dhiyeessaa turre.
Har'as dhimma filmaataan walqabatee wantoota haarayaa jiran hordofuun isin biraan gayuuf qophii keenya xumurreerra.
Dhiyaadhaa - yeroo yeroon fuula kana 'refresh' gochuun odeessaalee haaraa itti daballu argattu.
Filannoon biyyaalessaa Itoophiyaa marsaa 6ffaa goolabame
Filannoon biyyaalessaa Itoophiyaa marsaa 6ffaa gaggeeffamaa oole xumurameera.
Paartiin IZEMA bakka tokko tokkotti taajjabdootni isaa dhorkamuufi sagalee kennuun buufataalee tokko tokkotti yeroon hin eegalle jechuun komateera.
Boordiin filannoos komiin wal fakkaatu akka jiru himuun sirreessuuf akka hojjetu ibseera.
Buufataaleen filannoo tokko tokko dafanii sagalee simachuu xumuran. Kaan ammoo hanga halkan sa'aa 3tti akka kennaniif boordiin filannoo ibsa kennuun filataa turan.
Pirezidaantiin Paartii Badhaadhinaa Dr Abiy Ahimed, bakka dhaloota isaanii Bashaashaatti sagalee isaanii kennan.
Oromiyaa keessa kan socho'an KFO fi ABOn filannoo bara kanaa keessaa sababa miseensotni isaanii hidhamaniin bahuu dursaanii himuun ni yaadatama.
Qaamolee taajjabdootaa keessaa 'Eastern African Standby Force' kan jedhamu hanga taajjabetti rakkoo nageenyaa mudatu hin argine.
Garuu buufataaleen filannoo %40tti siqan ani taajjabe keessaa barfatanii sagalee kennuu eegalan jedhe.
Naannoo Tigiraay dabalatee sababa rakkoo nageenyaafi rakkoo filannoo waliin wal qabatee mudateen bakkeewwan filannoon itti hin gaggeeffamnes ni jiru.
Tamsaasa kallattii keenya har'aas kanumaan goolabneerra.
Paartiin IZEMA rakkoolee filannoo irratti na mudatan jedhe tarreesse
Sagalee kennuun hanga halkan sa'aa sadii akka itti fufu Boordiin filannoo ibse

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa bufataalee filannoo namootni sagalee kennanii hin xumurretti sagalee kennuun hanga halkan keessaa sa'aa sadiitti akka itti fufu beeksise.
Boordichi kan beeksise ibsa sagantaa dura baheen sagaleen kennuun yeroo itti goolabamu sa'aa 12 irratti.
Rippoortaroonni BBC magaalaa Finfinnee, Adaamaa fi Jimmaa jiran sa'aatii 12 dura buufataalee filannoo irra deemaa turan keessatti hiriirri dhedheeraan jiraachuu taajjabuu ibsaniiru.
Buufatalee filannoo gariin keessatti ammoo namni kan hin jirre ta'uu gabasaniiru.
Sagantaa amma dura baheen sa'aa 12 irratti buufataaleen filannoo namoota haaraa filachuu dhufan osoo hin keessummeessin warra hiriira irra jiran qofa filachiisu ture.
Waraqaan filannoo yeroon gahuu dhabuurraa kan ka'e sagalee kennuun adda citee waan tureefi sababota biroon yeroon sagalee itti kennan dheereffamuu gorsituu dhimmoota Kominikeeshinii Boordii Filannoo Sooliyaan Shimallis dubbataniiru.
Ambootti buufatni tokko ganamaan xumure, kan biraan tokkommoo sodaarraa kan ka'e cufame

Naannoo filannoo Amboo buufata filannoo Baayyoo Saqarii jedhamutti jiraatonni filannoof galmaa’an hunduu ganama sa’aatii 4:30’tti filanii xumuraniiru.
Qindeessituun buufata filannichaa Aadde Galaanee Guyyoo jirattonni dafanii fixanii hojii qonnaattii boobba’uu waan barbaadaniif hunduu ganama filuu himan.
Kanneen buufatichatti galmaa’aniifi sagalee kennan 582 dha. Maanguddoon ganna 80 Beekumaa Kacharroo buufatichatti filatan sa’aatii 12’n eegalanii filuu isaanii BBC’tti himan.
‘’Si’achi abbaan qote ni danda’an dadhabaan akka kiyyaa immoo hojii hojii isaatti boobba’a,’’ jedhan.
Akkuma filannoon xumuramellee bu’aan filannoo adda bahee maxxanfameera.
Gama kaaniin Boordiin Filannoo Biyyaalessaa ibsa miidiyaaleef kenneen achuma Ambootti buuftani tokko sodaan fi dorsifni nurra gahe jechuun buufatichi cufamuu ibseera.
Rippoortarri BBC naannoo Amboo jiru garuu Qindeessitootni filannoo Godinichaa ''Naannoo filannoo Amboo keessaa nagaadha'' jechuu gabaseera

