Tiraamp sirna gaggeessaa isaanii Buufata Xiyyaara Waraanaa Andrews'tti wayita taasisan, namni guddaan tokko hin argamu - ittaanaa isaanii Maayik Peens.
Maaliif jennaan, Peens gaggeessaa Tiraamp irratti hirmaachurra, sirna waadaa galuu Baayidan fi Hariis irratti argamuu filatan.
Qarqaartonni qondaala kanaa Washington Post'tti akka himanitti, Aabba Maayik Peens sirnoota lamman kanarratti argamuuf rakkisaa itti taha.
Kana malees Mike Pence maxxansa nagaa dhaammachuu xumuraan suuraalee garagaraa Tiwiit godhaniiru. Ta'us aabba Tiraamp keessatti hin muldhatan.
Maxxansa X irra dabriQabiyyee X hayyamtaa?Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu. Aabba Peens erga Amajjii bultii 6 Tiraamp waliin gaaf tokko callaa walargan. Gaafas deeggartoonni Tiraamp kanneen Kaappital cabsanii seenan irra deddeebiin ''Maayik Peens fannisaa!'' jechuun iyyaa turan.
Pireezidantii ittaanaan kuniifi haati warraan isaanii Kaaren, gara mana isaanii Indiyaanaatti argamutti imalu.
Aabba Peens ammaa booda aangoo siyaasaaf ni dorgomu moo ni dhiisu kan jedhu haga ammaa ifa miti.