Itoophiyaatti maanguddoon ganna '114 Covid-19’rraa bayyanatan’
Maanguddoon Itoophiyaa ganna 114 koronaavayirasii irraa bayyannachuu isaani hogganaa hospitalaa manguddoon kun itti wal’aanamaa turanii kan ta’an Dr Yaareed Agidew Feesbuukii gubbatti maxxansaniiru.
Haguuggii Tamsaasa Kallattii
Kan hardhaa ya xumurre!
Tamsaasa kallattii keenna hardhaa asumarratti xumurra.
Suuraan kun UK keessatti kaafame. Uggurri Covid-19 jiraatus dorgommiin fardaa garuu bakka daawwattoonni hin jirretti taasifamaa jira.
Nagaan bulaa! Boru ganama walitti deebina!

Madda suuraa, Getty Images
WHO'n biyyoota Awuroppaatti Covid-19 'haalaan dabaluu' danda'a jedhe

Madda suuraa, Getty Images
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa biyyoota Awuroppaa keessatti lakkoofsi namoota Covid-19n qabamanii dabalaa jiraachuusaa akeekkachiiseera.
Kunis ji'oota muraasa booda isa jalqabaati.
Biyyoonni kunneenis Albaaniyaa, Armeeniyaa, Azerbaajiyaan, Boosniyaa fi Herzoogoovinaa, Kaazakistaan, Koosovoo, Kirgiyistaan, Kaaba Masedooniyaa, Riippablikii Moldoovaa, Swiidinii fi Yuukireenidha.
Ambaasaadaroonni Gamtaa Awuroppaa Adoolessa 1 irraa jalqabanii daangaasaanii banuuf marii ni taasisu.
Isaanis imaltoota biyyoota muraasaa keessumaayyuu biyyoota namoonni baay'innaan Covid-19 itti qabaman kan akka US, Raashiyaa fi Biraaziliif daangaasaanii banuu ilaalcha keessa akka galchan ibsameera.
Amma nu gahe, Covid-19: Itoophiyaatti 141 yoo qabaman, sadi lubbuu dhabaniiru
Itoophiyaan sa’aatii 24 darban keessatti namoota 4675’f qorannoo taasiftee namoota 141 irratti vaayirasichi argamu ministirri Fayyaa biyyattii Dr. Liyaa Taaddasaa ibsaniiru.
Kunis lakkoofsa namoota hamma ammaatti Covid-19n qabaman 5175 gaheera.
Namoota sa’aatii 24 darban keessatti qorannoon taasifameef keessaa dhiira 81 fi dhalaa 60 yoo ta’an namoota ganna ji’a lamaa hamma waggaa 87 jiddutti argamaniidha.
Isaan keessasa namoonni 139 lammiilee Itoophiyaa yoo ta’an lama immoo lammiilee biyya biraati.
Gama kaaniin ammoo sa’aatii 24 darban keessatti namoonni dhaabbilee fayyaatti yaalarra turan sadi lubbuunsaanii darbuun himameera.
Kunis lakkoofsa namoota sababa Covid-19 lubbuunsaanii darbe gara 81’tti ol guddiseera.
Dabalataanis gabaasa har'aa keessatti, sa’aatii 24 darban keessatti namoonni 58 bayyanataniiru. Walumaa galatti lakkoofsi namoota bayyanatanii 1,544 gaheera.

'Kunuunsi naannoo faayidaa hunda keenyaati' Fayyisaa Leellisaa
Atileetonni gameeyyii Oromiyaa magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhiitti argamuun biqiltuu dhaabuu isaanii atileet Fayyisaa fuula Facebook isaa gubbaa maxxanseera.
Atileet Fayyisaa dabalatee atileetonni, obbolaa Dibaabaa - Ganzabeefi Ijjigaayyoo, Tsaggaaye Kabbadaa, Lammii Birhaanuu, Ibraahim Jeeyilaan, kanneen biroon suuricharra ni mul'atu.
Fayyisaan ''Kunuunsi naannoo keenyaa faayidaa hunda keenyaati!'' jedheeera.
Hojiin biqilituu dhaabuu ''Misooma Magariisaa'' kun hirmaannaa atileetootan kan qophaaye tahus barreesseera.
DR Koongoon dhibee Iboolaa irraa bilisa taate

Madda suuraa, re
Naannoon kaabaa-bahaa DR Koongoo dhibee Iboolaa ji'oota 23 booda bilisa taate.
Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti hogganaan damee Afriikaa, Dr Maatsihidiisoo Mo'eeti akka jedhanitti biyyattiin dhukkubicharraa bilisa kan taatee mootummaa fi hawaasni qindominnaan hojjachuusaaniitiif jedhan.
Ega Ibolaan Afriikaa Lixaa bara 2014 mudate booda inni kun seenaa keessatti marroo lammataa yoo ta'u, naannoo waraanni jirutti immoo kan jalqabaati.
Dhaabbilee fayyaa irratti gareewwan hidhataniin haleellaa 420 raawwatamee ture. Kunis immoo dhukkubicha to'achuuf rakkisaa taasisee ture.
Yaaddoon nageenyaa fi odeeffannoo sirrii hin taanee dhukkubichi naannoo kaaba-bahaatti yeroo dheeraadhaaf akka turuuf sababa ta'anii turan.
Naannoo sanitti namoonni 24 dhukkubichaan yoo qabaman 13 immoo du'aniiru.
Magaalaa guddoo Gaanaatti kirkirri lafaa mudate
Gaanaa magaalaa Akiraa keessatti kirkirri lafaa mudachuu viidiyoon marsaalee hawaasummaarratti maxxanfaman agarsiisu.
Kirkirri lafaa kunis manneen akka socho'an taasiseera.
Kirkirri kunis maagniituyidii afur ta'uun kan galmaa'e yoo ta'u, fageenya kiiloomeetira 10 qaba ture.
Miidiyaaleen biyya keessaa kirkirri kun daqiiqaa 10'f akka ture gabaasaniiru.
Namoonnis balaa kana jalaa miliquuf gara bakkeewwan nagaatti fiigaa turanis jedhameera.
Maxxansa X irra dabriQabiyyee X hayyamtaa?Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Yaaliin talaallii haaraa Covid-19 wal’aanuuf abdatame UK’tti eegalame
Maanguddoon Itoophiyaa ganna '114 Covid-19’rraa bayyaanatan’
Maanguddoon Itoophiyaa ganna 114 koronaavayirasii irraa bayyannachuu isaani hogganaa hospitalaa manguddoon kun itti wal’aanamaa turanii kan ta’an Dr Yaareed Agidew Feesbuukii gubbatti maxxansaniiru.
Namootni ganna 80 olii yoo vaayirasii kanaan qabaman lubbuun isaani rakkoo keessa gala jedhama.
Maxxaansa Afaan Amaraan barreessaniin Dr Yaared “Amma gutuummatti bayyaannataniiru. Fayyaa gaarii qabu,” Jechuun barreessaniiru.
“Hojjatootonni fayyaa keenyaa fayyaafi jireenya dheera haa qabaatani.” jedhan.
BBCn umurii maanguddoo kanaa hin addatti hin mirkaneeffanne.
Lammiileen Raashiyaa rifoormii aangoo putiin dheeressu irratti yaada kennaa jiru

Madda suuraa, Reuters
Lammiileen Raashiyaa rifoormii heera mootummaa, kan aangoo pirezidaantummaa Vilaadmiir Putiin marsaa dabalataa lamaaf dheeressuu danda'urratti filannoo eegalan.
Rifoormiin heera mootummaa kun namni tokko marsaa lamaan, walii galatti wagoota ja'a qofa aangoorra tura jedha.
Garuu marsaa lamaaf walitti aansee aangoo akka qabatu hin eeyyamu.
Akkaataa rifoormii haaraa kanaatti Putiin hanga bara 2036tti aangoorra turuu danda'u.
Lammiileen Raashiyaa miiliyoona 110 ta'an filachuuf galmaa'aniiru.
Mormitoonni ammoo kun shira Putiin bara baraan aangoorra turuuf diriirsaniidha jedhan.
Filannoon kun silaa gaafa Adoolessa 1(torban dhufu) gaggeeffama ture.
Aanga'oonni garuu sababa sodaa weerara koronaavaayirasiif jecha, uummanni akka walitti hin baay'anneef, torbee tokko dursanii filannoo jalqabsiisuu himu.
Mootummaan maaskii fi saanitaayizarii buufataalee filannoo hundatti raabsaa jira.
Mormitoonni ammallee tarkaanfiin mootummaan fudhate heera mootummaa kan sarbuu fi humnaan aangoorra turuuf waan fudhatameedha jechuu itti fufaniiru.

Madda suuraa, Reuters
Sababa Covid-19'n 'hanqinni shaqaxoota bu’uuraa Ertiraatti mudatun' gabaafame
Barsiisonni Afriikaa Kibbaa manneen barnootaa haa cufaman jedhu

Madda suuraa, AFP
Ibsa waa'ee suuraa, Naannoon Lixa Keep naannoo Afriikaa Kibbaatti vaayirasichaan daran miidhamte dha. Barsiisonniifi maatiin Afriikaa Kibbaa, naannoo Lixa Keep jiran tamsa’ina koroonaavaayiras sodaaf manneen barnootaa nurraa haacufaman jechuun hiriiruutti jiru.
Hoggantoonni manneen barnootaa muraasni murtee manneen barnootaa bansiisuu irra deebiin akka ilaalaniif pirezidenti Siiriil Raamaafoosaaf xalayaa ifaa barreessanii jiru.
Daa’immaniifi barsiisonni vaayirasii kanaan hubamaa jiraachuu dubbatu barsiisonni kunneen.
Akka biiroon barnootaa Lixa Keep ibsetti hojjettoonni 300 fi barattoonni 61 vaayirasichaan qabamanii jiru.
Barsiisonni muraasnis erga waahillan isaanii vaayirasichaan qabamuu arganii booda hojiittii deebi’uu akka didan ragaalee ijaa wabeeffachuun gabaafamaa jira.
Lixni Keeppi waliigala namoota biyyattiitti vaayirasichaan qabaman keessaa %50 ol qabaachuun naannolee biyyattii keessaa hedduu kan miidhamte dha.
Hiriirri mormii ganama kanaas miidiyaalee biyya keessaan gabaafameera.
Waraanni Somaliyaa al Shabaab balleessuuf ‘daandeetti hin qabu’ – US
Waraanni biyyaaleessaa Somaliyaa hidhatoota al-Shabaabiin bakka qabatan keessaa ari’uuf ‘dandeetti hin qabu' jedhe ministeerri dhimma alaa US.
Biyyattiin ammayyuu hojii eegumsaa gurguddoo biyyaashee guutuuf gargaarsa biyyoota biroo irratti ‘hedduu hirkatti’ jechuun ministirri kun Gabaasa Shororkeesummaa Biyyootaa 2019 irratti ibseera.
Gabaasni wagga waggaan ba’uufi hojii ‘gartulee shororkeessummaa idil-addunyaa’ irratti gabaasa keennu kun Roobii kaleessaa gadhiifame.
Akka gabaasa kanaatti al Shabaab sochii isaaf fandii kan argatu, “karaa daldala kasalaa seeraan alaa, ummataafi daldaloota nannichaarra qaraxa kutuufi kennaa ykn maallaqa diyaaspoora Somaliyaa irra argatuuni.”
Akkasumas gartuun kun kutaalee biyyattii gurguddoo akka to’atee jiruufi kanneenis fayyadame Keeniyaa irratti haleella akka gaggeessu ibsameera.

Madda suuraa, AFP
Lammiileen Itoophiyaa mana hidhaa Saawudii jiran birmannaa gaafatan
Qaamoleen tikaa duula na filadhaa Tiraamp irra turan adda of baasan

Madda suuraa, Getty Images
Duula na filadhaa Pirezidaanti Doonaald Tiraamp torbee darbe Oklahooma keessatti gaggeessan irratti qaamoleen tikaa argaman hedduunsaanii amma adda of baasanii jiru.
Akka gabaasa miidiyaa Ameerikaatti hirmaattota keessaa hedduun koronaavaayiraasiin qabamaniiru.
Qaamoleen tikaa eegumsa pirezidaantichaaf ramadamanii achi turanis sodaama kanaaf jecha adda of baasan.
Sirna duula na filadhaa sana dura aanga'oonni mootummaa ja'a, lama qaamolee tikaa, koronaavaayirasiin qabamuusaanii mirkanaa'ee ture, Akkuma sirnichi xumurameen ammoo namoota lamarratti vaayirasichi argame.
Pirezidaanti Tiraamp duula na filadhaa gaggeessuu isaaniitiin baay'ee qeeqamaa turan.
Dhorkaa walitti qabamuu uummataarratti kaa'ame cabsaniiru jedhamuun himatamaa turan.
Pirezidaantichi garuu uummata walitti qabuusaaniirratti dabalataan qorannoon koronaavaayirasii hir'achuu akka qabu ergaa dabarsaniiru.
Ergaasaanii kana Waayit Haawus akka qoosaatti ilaaleera.
Ameerikaa keessatti hanga ammaati namoonni miiliyoona 2.3 koronaavaayirasiin qabamaniiru, kan du'an ammoo 121,000 caaleera.
Kaampaaniin farra aramaa oomishu himata irratti dhiyaateef $10.9bn kaffaluuf

Madda suuraa, getty images
Ibsa waa'ee suuraa, Keemikaala farra aramaa 'Roundup' jedhamun beekamu Kaampaaniin qoricha farra aramaa oomishuufi Bayer jedhamuun beekamu himata irratti dhiyaateef $10.9bn kaffaluufi.
Oomishni kaampaanichaa farra aramaa tahe ‘Roundup’ jedhamee beekamu bakka garaagaraatti dhukkuba kaanserii nama qabsiisa jedhamuun himanni 125,000 tahu irratti dhiyaateera.
Dhaabbatni seeraa teessoon isaa Niwu Yoorki tahe Weetiz & Luunzhenbergi jedhamu namoota 100,000’f dhimmicha hordofaa akka jiru ibseera.
Dhaabbanni Bayer dogogora akkasii hin hojjenne jedheera.
Garuu kaffaltiin kun shakkii jiru hanbisa jedheera.
Keemikaalli ‘Roundup’ jedhamu jalqaba dhaabbatta Ameerikaa Monistaanto jedhamuun gabaaf kan dhiyaate yoo tahu bara 2016 ammoo dhaabbatni Baayern irraa bite.
Warshaan daabboo miiliyoona lama guyyaatti oomishu Finfinneetti eebbifame

Madda suuraa, EBC
Ibsa waa'ee suuraa, Warshaan Shaggar guyyaatti daabboo miiliyoona 2 oomisha jedhameera Warshaan daabboo Shaggar jedhamuufi guyyaatti daabboo miiliyoona lama oomishuu danda’u guyyaa har’aa eebbifame.
Sagantaa kana irratti MM Abiy Ahimadiifi Kantiibaan Itti – aanaa magaalaa Finfinnee Taakkalaa Uumaa argamaniiru.
MM Abiy Ahimad ijaarsi warshaa kanaa Adeemsa midhaan nyaataan of danda’uuti jedhaniiru.
Ijaarsi warshaa kanaa ji’a sagalitti kan xumuramedha.
Gatii, madaalawaanis, hawaasichaaf daabboo dhiheessa jedhame.
Daabboo oomishamu kanas otobisiin Ambassaa 400 haaromfaman ittiin gurguruuf oolu.
Wal'aansa kaansarii sababii Covid-19'n rakkoo keessa seene
Shiftoonni bishaanirraa Beeniinitti namoota jaha butani
Roobii kaleessaa Lixa Afriikaa qarqara bishaanii Beeniinitti yoo xiqqaate namoonni jaha shiftoota bishaanirraatiin ukkaamfamuun himame.
Sunneen keessaa namoonni shan lammiilee Kooriyaa Kibbaa yoo ta’an, tokko lammii gaanaa ta’uu, ministeera haajaa alaa Kooriyaa Kibbaa eeruun gabaasonni ba’aa jiru.
Bidiruun saffistuu doonii alaabaa Gaanaa fannisee jiru haleeluuf faayidaarra oolte erga namootni kun ukkaamsamanii booda yeroo dhumaaf kan mul’atte, gara Naayijeeriyaa yeroo qajeeltu ture jechuun, dhaabbanni nageenya bishaanirraa Diriyaad Giloobaal gabaaseera.
Miidiyaaleen Kooriyaa Kibbaa akka gabaasanitti, ministeerri haajaa alaa biyyattii namoota butaman kana gadhiisisuuf garee hatattamaa hundeesseera.
Qarqarri bishaanii Giinii qaamolee bishaanii addunyaarratti shiftoonni itti baay’achuun sodaachisoo ta’an keessaa tokko ta’uu, ragaan Biiroo Qabeenya bishaanii Addunyaa ni mul’isa.
Pirezidantiin Senegaal sababa koroonaavaayirasiin adda of baasan

Madda suuraa, Reuters
Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidaantii Senegaal Maakii Saal Pirezidantiin Senegaal Maakii Saal erga nama koroonaavaayirasiin qabamuun mirkanaa’e tokko waliin walitti dhufanii adda of baasan.
Pirezidantichi qoratamanii vaayirasicha irraa bilisa tahuu isaanii baraniiru.
Garuu, of eeggannoof jecha qofa torban lamaaf adda of baasuu isaanii waajjirri isaanii beeksiseera.
Miseensi Paarlaamaa Senegaal Yeyaa Dayiloo koroonaavaayirasiin qabamuushee gaafa Roobii kaleessaa ture kan ibsite.
Ummanni hundinuu of eeggannoo gochuuf qulqullina eeggachuufi fageenya eeggachuu akka qaban ergaa dabarsites.
Senegaal keessatti namootni 6,129 tahan koroonaavaayirasiin qabamaniiru. Namootni 93 tahan ammo vaayirasichaan du’aniiru.
