Dubartonni Israa'el afur Hamaasiin butaman jijjirraa hidhamtoota Filisxeem 200tiin gadhiifafama

Dubartoonni Israa'el afur jijjirraa hidhamtoota Filisxeem 200 Israa'el hidhamaniitiin kan gadhiifaman yoo ta'u, hidhattootaan marfamuun Fannoo Diimaatti dabarfamanii kennaman.

Guduunfaa

  • Oduufi xiinxalaaf Chaanaalii WhatsApp fi Facebook BBC hordofaa
  • Tiraamp namoota hookkara Kaappitaaliin hidhamaniif dhiifama gochuun hojii eegale
  • Pirzidant Tiraamp US Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) keessaa akka baatu ajaje
  • Donaald Tiraamp Pirezidantii Ameerikaa ta'un kakuu raawwatan
  • Muudama booda Tiraamp maal jedhan?
  • Pirezidant Baayidan guyyaa dhumaa Waayit Haawus keessatti
  • Hamaas kanneen uggure sadii gadhiise, Israa'el 90 hiikte
  • Taankariin boba'aa Naayijeeriyaatti dho'ee namoota 98 galaafate

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tiraamp qorattoota waajiraalee motummaa hedduu hojiirraa ari'atan

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Bulchiinsi Doonaald Tiraamp Jimaata darbe qorattoota waajiraalee mootummaa hedduu hojiirraa ari'achuun dhagahameera. Haata'u malee murteen bulchiinsa Tiraamp kana mormiin mana murtii mudachuun akka hin oollee himamaa jira.

    Hogganaan paartii warra muraasaa Seenetii Chaak Shumar Sambata darbe kutaa Seenetii irraa kan dubbatan yoo ta'u, haleellaan dhaabbilee qorattootaa kanas akka ''haleellaa cabbeessuu'' jechuun ibsan.

    Hojiirraa arii'achuun Tiraamp kunis kan ''kan Doonaald Tiraamp itti gaafatamummaa akka sodaatu ​​fi dhugaa jiruu fi iftoominaaf diinummaa akka qabu nutti himudha,'' jedhan Shumar, qondaalli Dimookiraatii Niiw Yoork.

    Waayit Haawus hanga ammaatti dhimma hojiirraa ari'amuu qorattoota kanneen kan hin mirkaneessine yoo ta'u, gaaffii BBC'n dhimmicharratti dhiheesseefis deebii hin kennine.

    Qorattoonni waajiraalee federaalaa hojiirraa ari'atamanis ergaa karaa imeelitiin isaan qaqqabeen, ''dhimmi dursa kenniinuuf sababii jijjirameef, sa'aatii kanaa kaasee itti gaafatamummaa keessanirraa kaataniittu'' kan jedhu isaan qaqqabu CBSn gabaaseera.

    Qorataan Ministeera Fayyaafi bulchiinsa daldala xixiqoo qorattoota hojiirraa ari'ataman keessatti argamu.

    Niiw Yoork Taayimsi akka gabaaseetti, qorattoonni Ministeera Qonnaa, Daldalaa, Fayyaa, Ittisa, Barnoota, Misooma magaalaa fi manneenii, Geejiibaa fi ministira biyya keessaa kanneen hojiirraa dhorkaman keessatti argamu jedhe.

    Bulchiinsi Tiraamp bakka amma hojiirraa ari'atamanis eenyuu muudamuuf akka jirus ammatti ifa miti.

    Qorattoonni waajiraalee mootummaa 'Inspector General' jedhamuun waamaman kunneen qaama walabaa yoo ta'an, isaanis bulchiinsa badaa fi aangoo haala malee fayyadamu to'achuuf muudaman.

    Isaanis pirezidantii filatamanii Seeneetiidhaan kan muudaman yoo ta'an garuu dhiibbaa qaama kamuurraa bilisa akka ta'an eegama.

    Qeeqxoonnis bulchiinsi Tiraamp qamoolee kanneen hojiirraa ari'achuun seera qabeessa miti. Sababiinsaa kongirasiidhaaf akeekkachiisa guyyaa 30 fi sababii isaarratti ibsa kennuun irraa eegama jechaa jiru.

  2. Tiraamp marsaa lamaa ol tajaajiluu irratti qoose

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Tiraamp Waayit Haawus keessatti marsaa lamaa ol tajaajiluu ilaalchisuun qoosaa turan.

    "Al tokko qofa osoo hin taane, marsaa lama - ykn yeroo sadii ykn afur tajaajiluun kabaja jireenya koo keessatti isa guddaadha," jechuun kolfaa qoosa.

    Itti dabalunis kunis ammoo "oduu sobaatiif mata dureedha!" jedhan qoosaan.

    Sana booda ammoo, Tiraamp marsaa lama qofa akka tajaajilan kaasuudhaan, kunis hamma yeroo pirezidantiin tokko aangoo irra akka turuuf seeraan hayyamame, jedhan.

    "Waggoota afran ittaananiif hin boqodhu. Abdii hin kennu waliinis hin kufnu" jedha.

  3. Torbee darbe anga'oonni godaantoota dhibbaan lakkaa'aman to'ataniiru jedhu Tiraamp

    Tiraamp waa’ee tattaaffii bulchiinsi isaanii imaammata immigireeshinii Ameerikaa furuuf hojjataa jiru irratti yeroo fudhachuun dubbatan.

    Aangoo mootummaan federaalaatti fayyadamuudhaan wanbadoota biyya alaa fi toora yakkamtootaa dhabamsiisuu eegalleera jedhan.

    "Kanaan booda namoonni biyya keenya hin eeyyamnu, mana hidhaa keenyatti akka darbataman hin feenu jedhan.

    Traamp itti dabaluudhaan, amma qondaaltonni seera kabachiisan ''waan raawwachuu barbaadan hunda gochuu danda'u'' jechuun godaansa daangaa kibba Ameerikaa irratti raawwatameef deebii kennaniiru.

    Namoonni seera godaansaa kabachiisanii fi Gumuriikaa torban jalqabaa aangoo isaanii keessatti godaantota waraqaa hin qabne dhibbaan lakkaa’aman to’annaa jala oolchuu isaanii hima.

  4. Tiraamp Baayiden hoggantoota biyyoota alaa waliin bilbiluu dhabe jechuun itti qoose

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Tiraamp haasaa kaleessa taasisaniin injifannoonsaa filannoo bara 2024 irratti amma akkamitti ''Ameerikaadhaaf ifa akka fide'' ibsan.

    Itti fufudhaan hoggantoonni biyya alaa bilbilaniif akka isa jibban itti himaa akka turan, garuu amma "addunyaa irratti ifni" jira jedha.

    Seenaa hogganaan biyya alaa tokko waa'ee Pirezidantiin duraanii Joo Baayiden itti hime irra deebi'een isinitti hima jedhan.

    Baayideen bilbilaan isaan waliin haasa'u akka hin barbaadne itti himamu kaasan. Baayiden yeroo baayyee hojiin ko'ommachuu itti himuun ji'a lama booda akka deebisee bilbiluuf itti himama ture.

    ''Garuu hirribaan garmalee ko'ommata ture,'' jedhe Tiraamp. Haata'u malees sanaan booda, Tiraamp akka jedhutti, Baayiden deebiise bilbiluuf waadaa galame sana gonkumaa hin raawwatu.

    "Seenaan kun kan garmalee harbeeffame miti, isinitti himuun barbaada, xiqqoo kolfaaf, garuu kolfa qofaafiidha," jedha.

    "Oduu sobaa ammoo 'Oo, garmalee harbeeffame ji'a tokko qofaaf akka mudate beekta' jedhu," jechuun kolfaa, namoota walitti qabamanitti dubbatan.

  5. Tiraamp MM UK ‘waa gaarii dalagaa jira’ jedhanii jajan

    Tiraamp fi Istaamer

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp fi Istaamer

    Pirezedantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Ministirri Muummee UK Kiir Istaamer ''hanga yoonaatti waan gaarii dalagaa jira, hariiroo gaarii waliin qabna’’ jedhan.

    Tiraamp sa’aatii 24 keessatti bilbilaan waliin haasa’uuf akka jiran dubbatan.

    Tiraamp fi Istaamer kanaan dura deddeebi'anii wal arganiii beeku, yeroo duula filannootti Istaamer gara gamoo Tiraamp Niwuyoorkitti argamutti imalan.

    Biliyeenarri michuu Tiraamp kan ta'e Elon Maask garuu Istaamer irra deddeebiin qeequun beekama, sirumaa Waajira Ministeera Muummeeti bahuu qaba jedha.

    Tiraamp garuu hariiroo Istaamer waliin hariiroo gaarii waliin qabna, baayyeen isa jaaladha,’’ jedhan Tiraamp.

    ‘’Inni Libiraala, hanga tokko narraa adda, garuu nama gaaariidha, amma yoonaatti waanuma gaarii dalagaa jira,’’ jedhan.

  6. Warra booji'amaniif 'Yeroo baayyee gammachiisaadha,' jedhu MM Israa'el

    MM Israa'el Benjaamiin Netaanyaahuun

    Madda suuraa, Reuters

    Ministirri muummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuu kan warri Lirii Albaag, dubartii har'a Hamaasiin gadhiifaman keessaa tokko, waliin haasa'aa akka turan dhaga'aa turre.

    Netaaniyaahuun dubartoota afran kunneen har'a gadhiifamuun isaanii “yeroo baay’ee gammachiisaadha” jechuun ibsa.

    "Aniifi haati warraakoo guutuu ummata Israa'el waliin ta'uudhaan Lirii fi hiriyyoota ishee ifa guddaa keessatti ba'an hammanna," jedha.

    "Dhugumatti guyyaan kun guyyaa guddaadha. Namoota biroo hunda akka gadhiifaman hojjechaa jirra," jechuun dubbatan Netaaniyaahuun dabalataan.

  7. Hidhamtoonni Filisxeem gadhiifamanii gara biyyaatti deebi'usaaniitti gammachuun umame

    Hidhamtuun lammii Filisxeem bilisa bahe tokko Raamalaah keessatti erga gadi lakkifamee booda nagaa gaafatama

    Madda suuraa, Reuters

    Tajaajilli Mana Sirreessaa Israa'el hidhamtoonni Filisxeem har'a gadhiifamuu qaban 200 hundi bilisa ta'uu ibseera.

    Isaan keessaa gara walakkaa kan ta'a gara qe'ee isaanii Weest Baankii jirutti akka deebi'an ni hayyamamaaf.

    Hidhamtoonni 70, kanneen yakka cimaa ta’een itti murtaa’e, karaa Masriitiin gara biyyoota ollaa kan akka Kaataar fi Turkiitti kan ari’aman yoo ta’u, muraasni isaanii ammoo gara Gaazaatti kan ergaman ta’a.

    Lammiileen Filisxeem torban kana gadhiifaman keessaa kan gara 121 ta’an adabbii umurii guutuu adabamaa turan.

    Suuraalee muraasi yeroo kanneen hidhaa hiikaman yeroo maatiin walitti makaman agarsiisan kunooti:

    Yeroo miseensonni maatii hidhamtoota Ramallatti argaman keessaa tokko hammatan

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Yeroo miseensonni maatii hidhamtoota Raamaalaatti argaman keessaa tokko hammatan
    Namoonni kun Kaan Yuunis yeroo gahan mul'atni gammachuu mul'ateera

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Namoonni kun Kaan Yuunis yeroo gahan mul'atni gammachuu mul'ateera
  8. Amma nu gahe, Hidhamtoonni Filisxeem 200 ta'an hundi gadhiifaman - Tajaajila Mana Sirreessaa Israa'el

    Hidhamtoonni Filisxeem gadhiifaman

    Madda suuraa, Reuters

    Tajaajila Mana Sirreessaa Israa'el hidhamtoonni Filisxeem har'a gadhiifamuuf turan 200 hundi bilisa bahusaanii beeksiise.

    "Manneen sirreessaa keessatti hojiiwwan barbaachisoo ta'an erga xumuramuu fi aanga'oonni siyaasaas erga raggaasifamanii booda shororkeessitoonni hundi mana hidhaa Ofer fi Ktziot keessaa ba'aniiru," jedha ibsi tajaajila mana sirreessaa Israa'el AFP fi Rooyitars wabeeffame.

  9. Uummanni Gaazaa qe'eesaanii kaaba jirutti deebi'uuf si'oominaan eeggataa jiru

    Namoota kaaba Gaazaa qe'ee irraa buqqa'anitti deebi'uuf eeganitti dubbanneerra. Namoonni kunneen sambattan kana deebi'u jedhamaa jira.

    ''Achi homaa hin jiru. Jireenyi hin jiru, hunduu barbadaa'eera. Garuu akkasumas ta'ee qe'ee kee, dachee keetti deebi'uun gammachuu guddaadha,'' jedha namni umrii waggaa 25 Alii Hasuna.

    Hanga Abel Yehud Israa'elitti deebi'utti namoonni kunneen kaaba Gaazaatti deebi'an jechuun kan Ministirri Muummee dhaadatetti baayyee mufateera dargaggeessi kun.

    “Deemuuf jennee baayyee waan gammanneef dukkaana keenyayyuu jigsuu jalqabneerra,'' jedha Aliin.

    ''Rakkoon kun yeroo gabaabaa keessatti furamuun gara qe'ee keenyaattpi ni deebina jedheen abdadha. Yeroo kamittuu kaanee deemuuf qophiidha. Lafoodhaan, konkolaataadhaan, waan fedheen.''

    Kaleessa dargaggeessi umrii waggaa 30 Saeb qe'een itti deebi'an jiraachuu baatus ''deemnee gamoo jijjige sakattaana,'' jedhee ture.

    ''Erga Sadaasa 2023 as qe'ee kiyyatti hin deebine.''

  10. Amma nu gahe, Konkolaattonni Fannoo Diimaa Raamaalaah gahan

    Konkolaataa Fannoo Diimaa

    Madda suuraa, Reuters

    Amma konkolaattonni kudhan ol kanneen saayirenii dhageessisa Raamaalaah keessatti sagalee dhageessisan, atobisoota mallattoo Fannoo Diimaa qaban dabaalaa yoo imalan agarreerra.

    Daandiin guutummaatti sababii cufamee abotobisoonni baayyee suuta jedhanii adeemaa jiru.

    Rippoortarri keenya Joon Doonison bakka atobisoonni ittiin dhufan irra jira.

    Yeroo isaan dhufaniitti “simannaa gammachiisaa” akka eegu kan hime yoo ta’u, "ibiddi, miira ayyaanaa fi maatii isaan eegaa jiraniif boqonnaa argachuun ni mala" jedhe itti dabaluudhaan.

  11. Hidhamtoonni Filisxeem hiikamaa jiru - gabaasaalee

    Atobisii

    Madda suuraa, Reuters

    Hidhamtoota Filisxeem manneen hidhaa Israa’el lama keessaa gadhiifamuun itti fufee jira.

    AFP'n akka jedhutti, atobisoonni hidhamtoota Filisxeem fe’an mana hidhaa Weest Baankii keessa jiru Ofer fi mana hidhaa Ktziot kan gammoojjii Negev keessaa ba’aniiru.

    Waraabbiin viidiyoo akka agarsiisutti atobisoonni muraasni konkolaataa Fannoo Diimaa waliin deemaa jiru.

    Garuu waa'ee gadhiifamuu Filisxeemootaa kanaa hanga ammaatti Israa'el irraa ifatti hin dhageenye.

    Waa'ee lammiilee Filisxeem gara 200 ta'an kanneen har'a mana hidhaatii ba'uuf eegaman irratti waan haaraa ta'e isin biraa geenyaa nu hordofaa.

  12. Eessuumni shamarree Onkololessa 7 ajjeefamtee 'kun maatiif guyyaa gaddaati' jedhan

    Shamarran afran har’a gara Israa’elitti deebi’an qaama kutaa waraanaa meeshaa waraanaa hin qabne Tatzpitaniyot jedhamu kan hojiin isaa daangaa Gaazaa ilaaluu ture.

    Dubartoonni kutaa sana keessa jiran hedduun guyyaa sana buufatasaankeessaitti ajjeefamaniiru. Maatiin isaanis haleellaan akka dhufu akeekkachiisaa turan jedhu.

    Adeerri Rooni Eshel, kan Onkoloolessa 7 ajjeefamtee fi namoota har'a gadhiifaman waliin michuu fi cinatti tajaajilaa turte, maatii isheetiif har'a "guyyaa baay'ee kan miira namaa kakaasu" ta'uu natti himan jedhe.

    "Kaariinaa, Daani'eelaa, Lirii fi Naamaan gara maatii isaaniitti deebi'uu isaanii arguun keenyaaf baay'ee gammadneerra,'' jedhe.

    Garuu ammallee Gaazaa keessa namoonni butaman 90 akka jiran ni yaadanna. Nutiifis Rooniin, kan yoom iyyuu gara manaasheetti hin deebines ni yaadanna,'' jedha Elaad Levy.

  13. Taateewwan har'aa haala olaanaadhaan kan Hamaasiin qophaa'an

    Waltajjiirra ol wayita baafamaniitti

    Madda suuraa, Reuters

    Torbee darbee namoota butaman dabarsanii Fannoo Diimaatti kennuun jeequmsaan guutamee ture. Har'a Hamaas itti qophootee haala adda ta’een dabarsitee kennite.

    Shamarran afran deebiifaman konkolaattota keessaa bahuudhaan namoota fulasaaniitti haguuggii uffataniin tikfamuun waltajjii of eeggannoodhaan qophaa'e irratti baafaman.

    Yeroo muraasa duras qondaalli Fannoo Diimaa tokko loltuu Hamaas waliin sanadoota waltajjii sanarratti mallatteessee ture.

    Dubartoonni kunniinis baajii eenyummaa isaanii qabate funyoodhaan morma isaaniitti hidhachuun mul’atan. Akkasumas namoonni qawwee hidhatan ammoo isaan cinaa dhaabbatan. Isaaniis sagantichaaf beekamtii gosa itti gaafatamummaa mataa isaanii qabu.

    Waltajjii deeskii, teessoo fi alaabaa qabu cinatti qawween maashinii tokkotu ture. Kunis kaameerraatti birokraasii fi rasaasa agarsiisuu fakkaata.

    Loltoonni Hamaas fi lammiileen nagaa Filisxeem dhibbaan lakkaa’aman osoo isaan ilaalanii, dubartoonni Israa’el afran kunneen kolfaa, harka wal qabatanii fi harka isaanii raasaa turan.

    Dhugumattis dhiphinni ji'a 15 isaanii dhumarratti xumuramuu saatti maal yaadaa akka turan eenyutu beeka.

    Hamaas tokkoo tokkoo dubartootaaf sanadootaa fi boorsaa meeshaalee akka fudhatan kenneef, pirojektoonni suuraawwan safaraman kunneen tartiiba akkasumas cimina akka qaban agarsiisuuf kan qophaa'ee fakkaata.

    Namoonni ergaa ciminnis hamaas kana amma hubatan yaadames Filisxeemoota gaaf tokko Gaazaa geggeessuuf abdatanii fi Ministirri Mummee Netaaniyaahuu, kan haleellaa Onkoloolessa 7 booda garee kana balleessuuf dhaadatan ta’uun isaanii hin oolu.

    Israa'elootaaf namoonni butaman kan biraa afur biroo nagaa ta'uun isaanii boqonnaa guddaadha. Torban darbe dubartoonni sadan jalqabaa gadhiifaman sirna malee ta'usaatti hedduun isaanii aariin itti dhaga'ame fakkaata.

    Har’a, garuu taatee baay’ee walfaallaa ta’aniin, miirri aarii jiraatus, garuu bilisummaan isaanii osoo hin kennamin dura yeroo dhumaatti dubartootaaf agarsiisa ummataa irratti hirmaachisan.

  14. Israa'el waa'ee hiree daa'imman lamaan butamanii yaaddoo keessa galte

    Eli Bibas

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Akaakkayyuun mucaa xiqqaa butame Kariif Bibaas kan ta'an Elii Bibaas akka gadhiifamuuf poostara baatanii gaafataa jiru

    Dubbi himaan IDF Daani’eel Hagari, dhiheenya ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, waa'ee nageenya daa’imman lamaa ammallee Hamaasiin qabamanii irratti yaaddoo qaban ibsaniiru.

    Daa'imman butamanii ammallee Gaazaa keessa jiran qaama maatii Bibaasiti. Isaanis obbolaa Kfiir fi Ariyeel yoo ta'an, umuriin isaanii kan waggaa lamaa fi afur ta'uu ibsameera.

    Kfir yeroo warra isaa Sheerii fi Yaardeen waliin butameetti daa'ima umuriin isaa ji'a kudhan qofa ture.

    Hamaas Muddee bara 2023 keessa Sherii fimucaansaa dhiiraa ajjeefamaniiru jedhee ture. Haata'u malee, aanga'oonni Israa'el du'a namoota kanneenii mirkaneessuu hin dandenye.

    Eessuumni Yaardeen inni lammaffaan Eyloon Kesheet, maatiin kun akka gadhiifamaniif yeroo dheeraaf turusaaniitti baayyee yaadda'u dubbata.

    "Dhugumaan tilmaamudhaaf ofiikootii hin hayyamu, sababiin isaas yeroon yaaduu jalqabu garaankoo akka garagalee na gagaralag," jechuun ijoollee dhiiraa fi warrasaanii lubbuun jiraachuu isaanii arguun "dinqii" ta'a jedha.

  15. Amma nu gahe, Hamaas Arbel Yehuud lubbuun jiraachuufi torbee dhufu akka gadhiifamtu ibse

    Gabaasa keenya kana duraatiin akkum gabaasaa turre, Arbel Yehuud har'a namoota gadhiifaman waliin gadhiifamti jedhamtee eegamaa turte garuu keessatti hin hammatamiin hafte.

    Amma kana ammoo qondaalli Filisxeem kan Hamas waliin hidhata cimaa qabuu fi waliigaltee dhukaasa dhaabuu hojiirra oolchuu keessatti hirmaate tokko BBC'tti akka himanitti: "Hamas reefu jiddu-galeessitootaan butamtuun Israa'el Arbel Yehuud lubbuun jiraachuu fi Sambata dhufu akka gadhiifamtu beeksiseera," jedhan.

    Duraatti ammoo Waajjirri Ministira Muummee Israa'el hanga isheen gadhiifamtutti lammiileen jiraattoonni Gaazaa gara kaaba Gaazaatti akka hin seenne ibseere ture.

  16. Amma nu gahe, Hanga namonni nagaa butaman biraa gadhiifamanitti lammiileen Gaazaa kaaba seenuu hin danda'an - waajjira MM Israa'el

    Arbel Yehuud har'a ni hiikamti jedhamtee eegamaa turte

    Madda suuraa, The Hostages and Missing Families Forum

    Israa’el, hanga qophiin lammii nagaa Arbeel Yehuud gadhiifamuutti, lammiileen Gaazaa gara kaaba Gaazaatti akka ce’an hin hayyamu jechuu Waajjirri Ministira Muummee beeksiise.

    Yehuud silaa tarree namoota har'a gadhiifaman keessatti akka hammatamuuf yaadame ture. Maqaan ishee maaliif akka hafe ammallee ifa miti.

    Namoonni nagaa biroo hanga ammaatti Gaazaa keessatti hidhaman keessaa maatii Bibaas, warra lamaanii fi ijoollee lama ni argamu.

    Daa'imanni butamn keessaa tokkoo yeroo butamaniitti daa'ima umuriin isaa ji'a 10 qofa ture.

  17. Hagaariin namoonni nagaa butamanis akka gadhiifaman gaafatan

    Dubartoota afran gadhiifaman

    Madda suuraa, Reuters

    Hagaariin Hamaas itti gaafatamumaa waliigaltee dhukaasa dhaabuutii dursa lammiilee nagaa gadhiisuuf dursa kennuuf dhabuusaatti dirqama isaa hin baane jedhan.

    Dubartiin siiviilii Israa’el butaman Arbel Yehuud har’a namoota gadhiifaman keessaa tokko ta’uun maqaanshee ni ibsama jedhamee eegama ture.

    Hagaariin dabaluudhaan lammii Israa'el butame hundi deebi'usaanii mirkaneessuuf ammalleen kutannoon akka hojjetan dubbatti.

    Itti dabaluudhaanis, Israa’el US, Kaataarii fi Masrii dabalatee tattaaffii jiddu-galeessitoota idil-addunyaa hunda dinqisiifattee galateeffatteetti, garuu Hamas waliigaltee kanaaf akka aboomamu ni eegdi jedheera.

    Ergamni Israa'el hanga namoonni butaman hundi gara manaatti deebii'aniitti hin xumuramne jedhan Hagariin.

    Achumaanis haasaa isaa Afaan Ingliziitiin kennaa ture, erga gaaffii Afaan Hebruutiin deebiisanii booda xumuran.

  18. Yeroo dubartoonni butaman qaqabaniitti gammachuun ummanni iyyaafi boohaa turan

    Haaluma qaama waliigaltee dhukaasaa dhaabuu Gaazaa keessatti taasifameetiin, dubartoonni Israa'el afur butamnii turan har'a gadhiifamuun gara maatiitti deebii'an.

    Yeroo namoonni butaman kunneen deebii'aniitti Teel Aviiv keessatti Israa'eloonni gadhiifamu dubartoota kanneenii Iskiriinii giddaa irratti hordofaa turan Adabaabaayii Butamtootaa (Hostage Square) irratti boo'aa fi iyyaan gammachuusaanii ibsatan.

    Viidiyoosaa kunoo asiin gadiin ilaalaa:

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Tears and hugs in Tel Aviv as Israelis watch hostage release
  19. Maatiin dubartoota Israa'el butamanii har'a gadi dhiifaman gammachuun golafaafi harka walitti rukutan

    Maatii dubartoota gadhiifaman fuula gammachuutiin

    Madda suuraa, IDF

    Raayyaan Ittisaa Israa’el (IDF) waraabbii viidiyoo maatiin dubartoota butamnii turan afran kanneen, wayita gadhiifaman kallattiidhaan ilaala turan qoode.

    Dubartoonni jalqaba Fannoo Diimaadhaan gara IDFtti dabarfamanuun wayita kennaman tamsaasa kallattiin maatiinsaanii ilaalaa turan.

    Waraabbiin viidiyoo fi suuraaleen yeroo maatiin gammachuudhaan kolfaa fi harka walitti rukutan agarsiisa.

  20. Dubartoonni hiimanan simataman garuu Israa'el 'dagachuu hin dandeessu' '

    Daani'eel Hagaarii

    Madda suuraa, IDF

    Amma dubbi himaa Waraana Israa'el (IDF) Daani'eel Hagaariin irraa dhageenyeerra.

    Hagaariin ibsa afaan Ibrootaatiin haasa’uu jalqabuudhaan, isaan booda ammoo muraasa isaa afaan Ingiliffaatiin irra deebi’ee dubbata.

    Ergamni Onkoloolessa 7 irraa eegalee gaggeeffamaa ture yeroo hunda namoota butaman deebiisanii gara manaatti fiduu akka ta’e dubbate.

    Achinis, loltoota afran har’a maatii isaanii waliin walitti makamaa jiran maqaa dhahe.

    Garuu ammoo, Israa'el "namoota butman 90" Gaazaa keessatti hafan "hin dagattu, hin dagattus" jedhe.