Lammiin Ertiraa Itoophiyatii miliqee seeraan ala namoota daddabarsuun himatame Neezerlaandisitti dabarfamee kenname

Madda suuraa, INTERPOL
Lammiin Ertiraa namoot seeraan ala daddabarsuun himatameefi Itoophiyaatii miliqee ture Yunaayitid Arab Emireetisirraa Neezerlaandisitti dabarfamee kennamuun ibsame.
Namni umuriin isaa waggaa 41 ta'e Kidaanee Zakkaariyaas Habtemaariyaam mana-murtii Neezerlaadisitti akka dhiyaatu ibsi abbaan alangaa biyyattii marsariitii isaarratti baase ni mul'isa.
Itoophiyaatti adeemsa mana-murtiirra osoo jiruu erga miliqeen booda waggoota shanan darban tarree shakkamtoota sadarkaa idil-addunyaatti barabaadaman keessa galee ture.
Poolisoota Neezerlaandisiin marfamee Yunaayitid Arab Emireetisirraa gara Amesterdaam akka geeffames ibsameera.
Kidaaneen garee yakkamtootaa keessatti hirmaachuun, baqattoota karaa seeraan alaa daddabarsuun, namoota butuun, saamuun, miidhaa qaamaa geessisuun, akkasumas miidhaa saalaa raawwachuun Neezerlaandisiin barbaadamaa tureera.
Dhimmi Kidaanee lammii Ertiraa biraa Teweldee Goyitom waliin kan walitti hidhame yoo ta'u, Goyitom ji'a darbe mana-murtiitti dhiyaateera.
Abbaan alangaa Goyitom hidhaa waggaa 20n akka adabamu gaafateera.
Abokaatoowwan Goyitom Kidaaneetiin akka ragaatti dhiyeessuu barbaadu. Akka odeeffannoo abbaan alangaa baaseetti, adeemsa seeraa namoota seeraan ala daddabarsuu gurguddoo jedhaman keessaa isa tokkodha.
Goyitom Itoophiyaatti namoota seeraan ala daddabasruun himatamee akka ture ni yaadatama.
Barbaachi sadarkaa idil-addunyaa Yunaayitid Arab Emiretisiin durfamu gaggeeffamaa turee bara 2023 Sudaan keessatti qabamee ture.
Sanbata dhufu mana-murtiitti akka dhiyaatu abbaan alangaa Neezerlaandis beeksiseera.


