Ministira Haajaa Alaa US waliin mariin godhame ''faara qaba'' jedhan Netaaniyaahuun

Madda suuraa, EPA-EFE/REX/Shutterstock
Ministirri Muummee Israa'el Benjamiin Netaaniyahuu Ministira Haajaa Alaa US waliin marii sa'aatii sadiif gaggeessan ''faara qaba'' jedhan.
Ministirri Haajaa Alaa US Antonii Biliinkeen erga waraanni Gaazaa eegalee yeroo torbaffaaf gara Israa'el imalaniiru.
Hamaasa waliin waliigalteen dhukaasa dhaabuu akka waliigalamu dhiibbaa gochaa kan jirtu US, torban darbe Doohaatti erga jaarsummaan itti fufee, dhukaasa dhaabuuf waliigalteerra gahuun ''abdii qaba'' jetteetti.
Netaaniyaahuun marii Biliinken waliin gaggeessan kana ''miira gaariin godhame'' jedhaniiru. Hamaas garuu isa US faara qaba jettetti hin gammadne.
Dhimmootni hedduun ammallee qaamoleen lamaan irratti waldhaban waan jiruuf qabatamaa mitii jedha Hamaas.
Dilbata darbe ibsa kan baase Hamaas Ministirri Muummee Israa'el Benjamiin Netaaniyaahuu ''haalduree haaraa kaahuun waliigaltee danqaa jira'' jehcuun himate. Dabaluunis kaayyoonsaa ''waranichi akka dheeratu gochuudha'' jedhe.
Gocha waliigaltee danquuf godhan kanaafis gaafatamoo akka isaan taasisu Hamaas beeksise.
Biliinken jaarsummaa amma Doohaatti deema jiruun tarii carraa isa hunda caala gaarii, tariimmoo hiree isa dhumaadha'' jechuun ibsaniiru.

















