Astoon Viilaan N. Foorest mo'achuun lammaffaa gale, Arsenaal Boornimooz keessummeessa

Piriimer Liigii: Astoon Viilaan N. Foorest mo'achuun lammaffaa gale, Arsenaal Boornimooz keessummeessa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Arteettaan Deklaan Raayisiin jaje

    Deeklaan Raayis

    Madda suuraa, Getty Images

    Deeklaan Raayis miidhama jilbasaa mudatee turerraa kan ka'e tapha Astoon Viilaa waliin qaban ture irratti hin hirmaanne.

    ''Guyyootni darban isaaf rakkisoo'' turaniis jabaatee jabaatee hojjechuusaatiin tapha Boornimaziif gahaa ta'ee jedhe Artettaan.

    Tapha kana irratti daqiiqaa 96 kan taphate Raayis gooliiwwan murteessoo lama lakkoofsise.

    Amma dura Raayis taphoota 375 taphate irratti tapha tokkorratti goolii lama yeroo galchu kun kan yeroo lammataati. Bara darbes Riyaal Maadriid irratti rukuttaa adabbii lama galchee ture.

    ''Amma dura yeroon goolii tokko galchee goolii lammaffaa galchuu itti barbaadee dhabe tureera- amma garuu milkaaheera'' jehcuun Raayis BBCtti hime.

    Arteettaan ammoo ''daqiiqaa 96 taphate, goolii lama galche. Taphataa isa cimaa dirree keessa turedha. Sun xiinsammuu hunda keenyarraa barbaadamuudha.''

    Arteettaan addunyaarratti taphattoota sarara gidduu cimoo jedhaman keessaa Raayis isa tokkoo jedhamee yoo gaafatamu ''anaaf eyyeen'' jechuun deebiseera.

  2. Mikeel Arteettaa fi taphattoonni Arsenaal injifannoo Boornimooz booda maal jedhan?

    Taphni kun akkam akka ulfaatu waan beeknuuf qabxii argannetti baay’ee gammadeera.

    Garee yeroo hedduu nama qoranidha. Garee baay’ee cimoo tahanidha. Inumaayyuu galchii jalqabaa nurratti lakkaa’amuun isaa akka rakkoo keessa gallu nu taasiseera.

    Garuu akkatti gareenkoo falamatan baay’ee jaalladheera. Haallitti rakkoo keessa galle keessaa nu baasan waan ajaa’ibaati.

    Gareen keenya tapha ulfaataa akkasii akkamiin akak mo’achuu danda’u agarsisieera.

    Gabri’eel Maagaalesh jechuun taphataa tapha irratti olaantummaa agarsiisanii falmachuun sii mo’atan keessaatti.

    Kun isa ibsa.Maagaalesh nama fakkeenyummaan garee isaa dursudha jecuun jajeera.

    Deklaan raayis galchii lama erga lakkoofsisee Arsenaal mo'atee akkas jedhe:

    Bara kana galchii baay'ee hin galchine, lakkoofsi kun anaaf addadha. Kana dura galchii lama malee hin qabu, kanaaf har;a lama galchee mo'achuu keenyatti hedduu gammadeera.

    Akka ani har'a godhe kana galchii lakkoofsiftee gaara gareenkee akka mo'atu gargaartu inumaayyuu miira addaa qaba.

    Astoon Viilaa mo'annee har'a hin mo'annu taanaan gatii hin qabu ture. Kanaafq abxii sadii argachuu keenyatti hedduu gamadeera jedhe Raayis.

  3. Boornimooz 2-3 Arsenaal

    Arsenaal Boornimooziin galchii 3-2'n mo'achuun garaagarummaa Maanchister Siitii waliin qabu gara qabxii toorbaatti guddise.

    Gabri'eel Magaalesh, Deklaan Raayis galchii lama lakkoofsisuun mo'atanii bahan.

    Astoon Viilaa erga galchii 4-1'n mo'atanii Arsenaal gahumsa guddaan itti fufaniiru.

    Yeroo murteessaa kanatti taphattoonni cicimoon miidhama irraa deebi'aniiru.

    Arteettaan waancaa mo'achuuf kileboota nu dorgoman irraa fagaachuu qabna jedhee ture

  4. Boornimooz 1-2 Arsenaal

    Deklaan Raayis galchii lakkoofsisuun Arsenaal dursaa jira.

    Aston Viilaadhaan qabxii jahaan dursa. Maanchister Siitiin haga taphatutti qabxii torbaan caala.

    Bara kana Arsenaal imala waancaa cimaatti jira.

  5. Boornimooz 1-1 Arsenaal

    Evaanilsan galchii lakkoofsisuun Boornimooz dursuu jalqabe. Gabri'eel Magalesh dogogora hojjete.

    Maagaalesh deebisee galchii lakkoofsisuun wal qixxaatan. Arsenaal taphoota jalqaba galchiin irratti lakkaa'ame keessaa barana taphoota jaha qofa mo'ate.

  6. Arsenaal 0-0 Boornimooz

    Taphni Arsenaalii fi Boornimooz jalqabeera. Antoonii Semenyoo tapha kana irratti hirmaachuuf jecha gara Maan Siitii hin deemen.

    Taphaticha Arsenaal, Liiverpuulii fi Maanchister Yuunaayitid haalaan barbaadaa turan.

    Adaanii Iriyoolaa taphataa kana hedduu dinqisiifatu. Garuu waliigaltee haaraa mallatteesse irra kilebni paawondii miliyoona 65 kaffale mallattesisuu danda'a waan jedhuuf Maan Siitiin milkaa'eera.

  7. Arteettaan tapha Bornimooz fi taphattoota isaa ilaalchisee maal jedhe?

    • Rikaardoo Kaalafiyoorii fi Mooskuweeraan miidhamaan hin taphatan.
    • Jilbi Deklaan Raayis dhiita’ee ture ammayyuu waan fayyeef har’a ni taphata.
    • Raayis tapha Biraayitan guutuu isaa taphachuu isaa gaabbeen ture jedhe Arteettaan.
    • Jijjiirraa ji’a Amajjii kana irratti taphattoota haaraa yeroo gabaabaaf, yeroo dheeraafis tahan ni ilaalla jedhe Arteettaan.
    • Itti fufinsaan gahumsa guddaan taphachuuf yeroo hundaa taphattoota haaraadhaan jalqabuu hin qabdu kan jedhe leenjisichi garee isaa akkaan jabaatetti taphattoota haaraa dabaluu akka barbaadu ibse.
    • Barnimooz taphataa isaa Antoonii Semenyoo dhabuuf jedhe. Semenyoon gara Maan Siitii deema. Garuu tapha har’a Arsenaal waliin qaban irratti ni taphata.
  8. Astoon Viilaan Maanchister Siitii caaluun lammaffaa galan

    Astoon Viilaan 3-1’n N. Foorest mo’achuun sadarkaa lammaffaa gale. Arsenaal taphni tokko isa hafee qabxii sadii qofa Astoon Viilaatiin caala.

    Astoon Viilaan waggoota 36 keessatti yeroo jalqabaaf walitti aansuun tapoota 11 mo’atanii ture.

    Garuu Arsenaal haala amansiisa ataheen isaan mo’ate.

    Har’a gareen Unaay Imiree Foorest haala gaariin caaluun mo’achuun Maanchister Siitii bira darbuun lammaffaa galan.

    Olee Waatkiinsi fi Joon Maagiin taphattota Astoon Viilaaf galchii lakkoofsisanidha.

    Arsenaal Boornimooz yoo mo’ate qabxii jahaan caala. Maanchister Siitiin ammo Cheelsii boru keessummeessa.

  9. Giyokereesh Arsenaalitti baruu dadhabemoo Arteettatu itti fayyadamuu wallaale?

    Viiktoor Giyokereesh bara darbe kilaba Ispoortingiif taphoota 52 irratti galchii 54 lakkoofsisee ture- taphoota hundarratti galchii tokkoofi isaa ol lakkoofsise jechuudha.

    Arsenaal gaafa mallatteessisu kan Shaampiyoonaa Poorchugaal Spoortingitti lakkoofsise caalaa lakkoofsisa jedhamee eegamaa ture. Garuu akka eegame hin taane.

    Akkaataan tapha Arsenaalifi Ispoortiing garaa gara ta'uutu akka galchii irraa eegamu hin lakkoofsisne isa taasise kan jedhanis jiru.

    Lakki, Arsenaalitti baruu dadhabeeti kan jedhanis akkuma jedhan Arteettanis itti fayyadamuu hin dandeenya kan jedhus falmii biraati.

    Taphataan bara darbe taphoota hundarratti galchii tokkoofi isaa ol lakkoofsise Arsenaal erga seenee maalif galchii lakkoofsisuu dadhabe?