GOOOL: Liiverpuul 1 - 2 Maanchester Siitii
Maanchester Siitiin peenaaliitii daqiiqaa 93ffaa irratti argatan Haalaand lakkoofsisee 2 fi 1'n Liiverpuul mo'teera.
Piriimer Liigii torban 25ffaan tapohni guddaan Dilabata LKiiverpuul fi Maanchester Siitii gidduutti eegamu gaggeeffamaa jira. Maanchester Siitiin mo'annaan garaagarummaa dursaa Liigichaa Arsenaal waliin qabu gara ja'aatti xiqqeeffata.
Maanchester Siitiin peenaaliitii daqiiqaa 93ffaa irratti argatan Haalaand lakkoofsisee 2 fi 1'n Liiverpuul mo'teera.
Maanchester Siitiin goolii Bernaandoo Silvaa daqiiqaa 84 irratti lakkoofsiseen 1 fi 1'n walqixxaatan.
Liiverpuul goolii Siboozilaay fageenyarraa dhiiteen daqiiqaa 74 irratti lakkoofsisuun dursa qabateera.
Gooliin Siboozilaay kun kan inni Hagayya keessa fageenyarraa Arsenaal irratti lakkoofsise waliin wal fakkaata.

Madda suuraa, Reuters
Taphni kun Liiverpuul garee 1-4 keessa jiranitti makamuuf, Maanchester Siitiin ammoo Arsenaalitti siquuf mo'achuu barbaadu.
Liiverpuul amma sadarkaa ja'affaarra jira. Maanxchester Siitiin ammoo lamaffaarra jira.

Madda suuraa, Getty Images
Tapha Piriimer Liigii Ingilaand torbee 25ffaan har'a taphi akkaan eegamu kan har'a Anfiildi irratti Liiverpuul Maanchistar Siitii keessummeessudha.
Paawondii miiliyoona 79n Eyintiraakt Firaankfart irraa barana gara Liiverpuul kan seene Huugoo Ekitikee abdii kilabichaa ta'eera.
Maallaqa rikardii ta'e, paawondii miiliyoona 125n Liiverpuul kan seene Aleksaandar Isaak taa'ee warra taphatan jajjabeessuu ta'e hojiinsaa.
Taphataan Siwiidiin kun miidhamaan dirree irraa fagaatus garuu ga'umsi Ekitikee akka namuu isa dagatu taasise.
Erga Liiverpuul seenee ga'umsi isaa gadi bu'ee hin beeku. Dorgommii hundarratti goolii 15 galcheera, afur ammoo mijeessee kenneera.
Taphataan umrii waggaa 23 kun ji'a darbe dorgommii Waancaa FA irratti goolii galchuudhaan taphataa Liiverpuul bara jalqabaa dorgommiiwwan gosa adda addaa shan irratti goolii galche lammaffaa ta'eera.
Dhiheenya kana inumaa Ekitikeen taphataa Liiverpuul jaarraa 21ffaa keessa goolii galchuun sadarkaa jalqabaarra jira jedhamu Fernando Toores faana dorgomsiifamaa jira.
Taphataan kun dandeettiisaa kanaaf taphattoota gameeyyii kanneen akka Alan Shiirar fi Waayin Rooniidhaan jajameera.

Madda suuraa, Getty Images
Tapha Piriimer Liigii torban 25ffaa Dilabata gaggeeffamuun Liiverpuul Maanchester Siitii simatee morkataa jiru.
Gareen lamaan hanga daqiiqaa 20 galchii malee jiru.
Maanchester Siitiin mo'annaan garaagarummaa Arsenaal waliin qabu gara qabxii ja'aatti dhiphifata.
Xiinxalaan kubbaa miilaa BBC Kiriis Suutan 2 fi 2'n walqixa bahu jedhe.
Isin maal jettu?
Ammas Viktor Giyookeresh Arsenaaliif lakkofosiseera.
Kubbaa Gabreel Maartineeliin kenneef Giyookresh daqiiqaan 90 dhumee yeroo dabalataatti lakkoofsiseera.
Arsenaal 3 - 0 Sanderlaand.
Arsenaal yeroo dabalataa keessatti goolii sadaffaa galche.
Jijjiiramee kan gale Yokereesh ofii goolii lammaffaa Arsenaaliif ammoo goolii sadaffaa lakkoofsise.
Morkiiwwan shan galgala kanaan Arsenaal galchii lammaffaa Yokereeshii 65' irratti galcheen dursuu itti fufeera.
Boornimaz Aston Viilaa waliin qixxee ta'eera.
Evertanis duubaa ka'ee Fulhaamiin 2-1 dursaa jira.
Westihaam Burnileerratti lammaffaa galcheera.
Chelsiin boqonnaa booda goolii tokko keessuummeessee 3-1 dursaa jira
Arsenaal goolii Giyookeres bakka Jeesuus jijjiiramee galee lakkoofsiseen lammeeffateera.
Paalmer tapha Chelsiin Wolviz waliin gochaa jiru irratti boqonnaa dura haatrikii hojjete.
Goolii lama rukuttaa peenaalitiin goolii tokko ammoo taphaan lakkoofsise.
Zobimendiin Arsenaaliif goolii jalqabaa galche
Astoon Viilaan goolii Roojers galcheen Boornimaz dursaa jira.
Daqiiqaa 25 keessatti Arsenaal yaalii kallattii eeggate lama godhe. Sandarlaand akka gaarii Arsenaaliin ofirraa qabaa jira.
Jemeneez daqiiqaa 18ffaarratti Fulhaamiif galchii jalqabaa lakkoofsise.
Weestihaamis dirreesaa malee Barnileerratti tokko galcheera.
Cheelsiin dirree Wolvizitti goolii jalqabaa rukuttaa peenaalitii Netoon argamsiiseen lakkoofsise.
Goolichi daqiiqaa 13ffaarratti Paalmariin lakkoofsifame.
Morkii Arsenaaliif Sandarlaand dabalatee taphoonni shan gaggeeffamaa jiru.
Chelsiin Woolviz waliin, Astoon Viilaan Boornimaz waliin, Barnileen Weestihaam waliin, Fulhaam ammoo Evertan waliin morkachaa jiru.
Tapha erga eegalee daqiiqaa 10 guuteen hanga ammaa morkii kamuurratti gooliin hin galla.

Madda suuraa, Getty Images
Taphataan Arsenaal Kaa'i Aveetiz amma ga'umsa isaatti deebiyeera.
Kun ammoo Mikeel Arteettaaf filannoo akka qabaatu taasiseera.
Viktor Giyookesh waliin sarara fuula duraatrattis wal dogomuun isaanii hin oolle.
Haata'u malee, Kaa'i akka taphataa sarara gidduuttis waan tajaajiluuf carraan isaan lamaan waliin itti hiriiran ni jiraata.
Tapha har'a Sanderlaand waliin Arsenaal taasisurratti ammoo Kaa'i Aveertiz yoo hiriiru, Giyookresh ammoo Gabereel Jeesuus jalqabarraa hiriira.
Oduu biraan ammoo, Kaa'i Aveertiz haadha warraasaa Soofiyaa Aveertis jaalallee isaa yeroo dheeraa waliin gaa'ela dhaabbatan yeroo dhiyootti daa'ima eeggachaa jiru.

Madda suuraa, Getty Images
Yunaayitiid dirreesaatti Isparsiin 2-0n injifate.
Injifannoon kun tapha walitti aanu afur irraa qabxii hunda akka argatu godheera.
Leenjisaa Kaariik jalqabbiisaa milki qabeessaan itti fufeera.
Amballiin Maan Yunaayitid Buruunoo Fernaandeez tapha booda yaada kenneen, laanjisaan haaraa kun yaada haaraan dhufee tokkoo tokkoo taphattootaatti itti gaafatamummaa waliin bilisummaan taphachuu kenne jedhe.
Maal jettu? Kaariik itti haa fufuu?

Madda suuraa, Getty Images
Maanchester Yunaayitd goolii Buruunoo Fernaandeez daqiiqaa 81ffaa irratti galcheen lammeeffateera.
Taphataan tokko jalaa kaardii diimaan kan bahe Tootenhaam boqonnaa booda kana yaalii goolii hedduu taasisuu hin dandeenye.