Liids Chelsii , Arsenaal Bireentifoord yoo moa'atan Liiverpuul dirreesaarratti Sanderaald waliin walqixa bahe

Yeroo darbe taphaataan cimaa kaardiin diimaa jalaa bahee Arsenaaliin sardaa kan ture Chelsiin Liidsiin 3 fi 1n mo'ameera. Arsenaal ammoo goolii 2 fi 0n Bireentifoord mo'achuun Piriimer Liigii dursuu isaa cimsateera. Liiverpuul ammoo dirreessaa Anfiildirratti Sanderaalnd waliin 1 fi 1 n wal qixa xumure.

Guduunfaa

  • Of eeggannoo ofiif gochuuf miidiyaa hawaasaa dhiiseera -Ruuben Amoorim
  • Odeeffannoo Jijjiirraa: Saalaah gara Sa'udii, Semeeniyoon gara Liiverpuul?
  • Odeeffannoo wayitaawaa argachuuf akka filannoo keessaniitti: Marsariitiin, Whatspp'n, YouTube fi Facebook irratti nu hordofuu dandeessu.
  • Maanchister Siitiin 5-4'n Fuulham mo'achuun Arsenaaliin qabxii lamaan caalamuun lammaffaa qabate
  • Leenii Yooroo yoo dogogora hojjetu baay'ee of miidha- Amoorim
  • Haalaand tapha Fuulhaamii fi galchii 100 lakkoofsisuu isaarratti dubbate
  • Yeroo Fuulham galchii 4-5 taasisan dhiphannee ture- Gaardiyoolaa.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Liids Chelsii dursaa jira, Liiverpuul dirreesaarratti durfamaa jira Arsenaal mo'ateera

    Dheengadda taphataan cimaa isaanii Kasiyeedoon kaardii diimaan jalaa bahee Arsenaaliin sardaa kan ture Chelsiin har'a Liidsiin 3-1 durfamaa jira.

    Liiverpuul ammoo dirreesaa Anfiidlirratti Sanderlaandiin 1 fi 0n durfamaa jira.

    Arsenaal goolii 2 fi 0n Bireentifoordiin yoo mo'atu, Aston Viilaan ammoo 4 fi 3n Biraayiyen mo'ateera.

  2. GOOOL: Arsenaal 2-0 Bireentifoord

    Arsenaal goolii Bukaayyoo Saakaa daqiiqaa 91 irratti lakkoofsiseen Bireentifoordiin dursaa jira.

    Chelsiin ammoo Liids Yunaayitidiin goolii 2 fi 1n durafaamaa jira.

    Akkuma kana Aston Viilaan Biraayiteniin 4-3 dursaa jira.

    Liiverpuul fi Sanderlaan ammoo 0-0 irra jiru.

  3. 'Meriinoon amma akka jifataatti yaada'

    Meriinoon goolii Bireentifoord irratti galchee booda

    Madda suuraa, Getty Images

    Mikeel Meriinoo akka taphataa sarara gidduutti ture kan gara Arsenaal dhufe. Ji'oota darban keessa garuu taphataa sarara fuula duraarraa goolii lakkoofsisu ykn jifataatti fudhatamaa jira.

    Arsenaal taphattoonni sarara fuula duraa jalaa miidhamnaan gara kanatti isa fide.

    Meriinoon bara kana Arsenaaliif goolii warra kaan caalaalakkoofsiseera.

  4. GOOOOOL: Arsenaal 1-0 Bireentifoord

    Arsenaal goolii Mikeel Meriinoon kubbaa bareedaa Been Waayit kenneef mataan manii warra Bireentifoord keessa buuseera.

    Mikeel Meriinoon Arsenaaliif goolii lakkoofsisuun dursaa jira.

    Taphattoota murteessoo ta'an akka Saakaa, Eezee fi Timber hirirsisuu baatus Arsenaal kubbaa caalee taphaa jira.

    Biraayitenis Aston Viilaarratti galchee dursa qabateera.

  5. Arsenaal V Bireentifoord dabalatee taphoonni afur gaggeeffamaa jiru

    Taphoota Piriimer Liigii ja'a galgala kana taphatama keessaa kan Arsenaal fi Bireentifoord dabalatee afur amma tapahatamaa jiru.

    Hanga ammaattoi goolii lakkaa'[ame hin jiru.

    Nu hordofaa!

  6. GOOOOOL: Atileetik Kilab 0 -3 Riyaal Maadiriid

    Kiliyaan Imbaappee lammeffate.

    Amma taphataan Riyaal Maadiriidiif Imbaappee bakka bu'u waan jiru hin fakkaatu.

    Atileetik Kilab irratti goolii lamaffaa galcheera. Walumaagala ammoo bara kana Laa Liigaa keessatti gooliin lakkoofsise 16 qaqqabeera.

  7. Arsenaal v Bireentfoord: Hiriirri Arsenaal kana fakkaata

    Mikeel Arteettaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Ajaa'iba Mikeel Arteettaa har'a taphattoota akka Saakaa, Timber fi Ezee hin hiriirsine.

    Raayyaa, Waayit, Moskeeraa, Hinkaappii, Kalaafiyoorii, Raayis, Zubimendii, Odegaard, Maduweekee, Maartinelii fi Meriinoo hiriirse.

    Maal jettu isin?

  8. GOOOOL: Atileetik Kilab 0 - 2 Riyaal Maadirid

    Yeroo Kaamaavingaan Riyaal Maadiriidiif goolii lakkofosisutti

    Madda suuraa, Getty Images

    Riyaal Maadiriid ammas daqiiqaa 42 irratti lakkoofsiseera. Amma kan lakkoofsiseef Kaamaavingaa yoo ta'u Imbaappeen kubnbaa kenneeraaf.

    Jarri lachuu taphattoota biyya tokkooti, Faransaay.

    Taphoota Laa Liigaa 15 taphatamaniin Baarseloonaan qabxii 37 qabatee dursaa jira. Riyaal Maadiriid ammoo haala amma jiruun qabxii tokko qofaan caalamee qabxii 36n lamaffaa qabateera.

  9. Of eeggannoo ofiif gochuuf miidiyaa hawaasaa dhiiseera -Ruuben Amoorim

    Leenjisaa Maan Yunaayitid Ruuben Amoorim

    Madda suuraa, Getty Images

    Leenjisaan Maanchester Yunaayitd Ruuben Amoorim of eeggannoo ofiif gochuuf jecha miidiyaa hawaasaas ta'e yeroo waa'een Maanchester Yunaayitid dubbatamu TV dabalatee miidiyaa idilee akka hin ilaalle dubbate.

    Amoorim miidiyaa hawaasaa dubbisuu kan dheessuuf arrabsoo isaafi maatiisaarra gahu hambisuufidha jedhe.

    Qorannoo BBCn gaggeesse akka mul'isutti, doorsisa ajjeesuufi gudeeduu dabalatee maxansawwan miidiyaa hawaasaafi ergaawwan arrabsoofi doorsisaa 2,000 ol ta'an manaajerootaafi taphattoota Piriimer Liigiirratti xiyyeeffachuun gadhiifamaniiru.

    Amoorim, manaajera Liiverpuul Arnee Siloot fi kan Niwukasil Yuinaayitid Edii Howee warra hunda caalaa arrabsoofi doorsifni irratti xiyyeeffatedha.

  10. GOOL: Riyaal Maadiriid 1-0 Atileetik Kilabiin dursaa jira

    Kiliyaan Imbaappee

    Madda suuraa, Getty Images

    Tapha Laa Liigaa Ispeen amma taphatamaa jiruun Riyaal Maadirid goolii Kiliyaan Imbaappeen daqiiqaa 7 irratti lakkoofsiseen dursaa jira.

    Taphataan lammii Ingilaand Liiverpuulirraa Riyaal Maadiriid deeme Aleksaandar Arnoold kubbaa Imbaappeen lakkoofsise mijeessee kenneera.

    Kiliyaan Imbaappeen baruma kana keessa Laa Liigaa keessatti goolii 15 lakkoofsiseera.

    Akkasiin deemnaan ammoo Kophee Warqee kan isaan dorgomu hin jiraatu.

  11. Odeeffannoo Jijjiirraa: Saalaah gara Sa'udii, Semeeniyoon gara Liiverpuul?

    Mohaammad Saalaah

    Madda suuraa, Getty Images

    Kilaboonni Sa'udii Piroo Liig taphataa lammii Masirii umuriin isaa waggaa 33 amma Liiverpuuliif taphataa jiru Mohaammad Saalaah fudhachuuf fedhii agarsiisaa jiru.

    Saalaah tapha Dilbata darbe Liiverpuul West Haam waliin taphatee 2 fi 0n moaterratti hin taphatiin hafuun isaa ni yaadatama. Kun ammoo taphataa Liiverpuuliif oolmaa guddaa ooleef ulfaataadha.

    Liiverpuul taphataa lammii Gaanaa umuriin isaa waggaa 25 amma Bornimaawoziif taphataa jiru Antoonii Semeeniyuu fudhachuuf kilaboota dorgomaa jiran keessaati.

    Taphataa kana Tootenhaam akkuma kana kan isaa gidhachuuf barbaadaa jira.

    Liiverpuul taphataa sarara ittisaa Ingilaand umuriin isaa waggaa 25 amma Kiristaal Palaasiif taphachaa jiru Maark Guhii fudhachuuf adeemsa kanaan dura jalqabee addaan turetti deebiyee bakka bu'oota taphataa kana waliin dubbachaa jira.

    Liiverpull taphataa kana ganna darbe fudhachuuf qarqara gahee ture, garuu yeroo sana saatii dhumaatti hin milkaa'iin hafuun isaa ni yaadatama.

    Maanchester Yunaayitid qaawwa taphataa sarara gidduu qabuuf taphataa ta'u barbaadaa jira. Taphataa lammii Giriik kilaba Olimpiyaakosiif taphatu Kiristoos Mozaakiitis hordofaa jira. Taphataa umuriin isaa waggaa 18 ta'e kana Riyaal Maadiriidis Paawondii miliyoona 25 kennee fudhachuuf abbalaa jira.

    Antonii Semeeniyoo

    Madda suuraa, Getty Images

  12. Arsenaal v Bireentfoord

    Arsenaal duraan Maanchister Siitii fi kaan irraa yoo xiqqaate qabxii torbaan fagaatee ture amma qabxii lama qofa caala.

    Imalli waancaa ammallee ganamadha. Tilmaamuun ni ulfaata kan jedhan Peep Gaardiyoolaa dhugaa tahuu agarsiisaa jiru.

    Fuulhaamiin 5-4'n erga mo'atanii qabxii lamaan qofa garee Arteettaadhaan caalamanii lammaffaa irra jiru.

    Arsenaal Gabri'eel Maagalesh fi Saalibaa tibbana miidhamaan dhabee ture. Saalibaan bayyannateera. Kaayi Haavert fi Magalesh xiqqoo turu.

    Viktar Giyookres waan deebi'eef filannoo hedduu qabu.

    Bireentfoord haala gaarii irratti argama. Taphataan isaanii Igor Tiyaagoo osoo hin eegamiin torban torbaniin galchii lakkoofsisaa jira.

    Har'a kamtu eegama?

  13. Leenii Yooroo yoo dogogora hojjetu baay’ee of miidha- Amoorim

    "Leenii Yooroo tapha Kiristaal Paalaas irratti dogogora hojjeten rukuttaa peenaaliitii argataniiru.

    Amoorim Yoorootti dubbachuu himuun yeroo dogogora hojjetu of ceepha’uun baay’ee of miidha jedhe.

    Waanuma hundaa akka gaariitti hojjechuu barbaada. Taphataa ol adeemaa waan taheef waanuma hundaa akka gaariitti hojjechuun salphaa miti.

    Kanaaf xiqqoo ishee isattid hagahameera. Taphicha irratti gahumsa gaarii irra akka hin turre beeka. Yeroo bahus miirri agarsiise gaarii akka hin taane ni hubata.

    Garuu tapha itti aanu kanaaf qophiidha jedhe.

  14. Maatiyaas Kuunaa galchii baay’ee hin galchine jedhee dhiphata- Ruuben Amoorim

    "Kuunaan kana caalaa waan guddaatu irraa eegama. Kileba biraa keessa waan tureef as isaaf haaraadha.

    Dhiibbaan as jiru, waan isarraa eegamu isa duraa irraa addadha.

    Baay’ee rakkachaa ture. Sababni isaas galchii baay’ee lakkoofsisuu qaba jedhee humnaa ol waan yaaduuf dhiphata. Miidiyaa hawwaasaa irrattis arrabsoo isarra gahu ilaaluun xiin-sammuu isaa miidheera.

    Jifachuu fi ittisuu irratti isa ammaa caalaa hojjechuufi guddachuu akka isa irraa eegamun hubadha jedhe Ruuben Amorim.

    Kuunaan waa’ee baay’ina galchii haa dhiphatu malee dhiibbaan garee keenya keessatti fide guddaadha. Nuyi isa barbaanna jedhe.

  15. Haalaand tapha Fuulhaamii fi galchii 100 lakkoofsisuu isaarratti dubbate

    Erliing Haaland Fuulham irratti galchii lakkoofsise

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Erliing Haaland Fuulham irratti galchii lakkoofsise

    Erliing Haalaang galchii Piriimer Liigii 100 lakkoofsise.

    Fuulhaamiin 5-1 osoo dursanii duubaa ka’anii yeroo 5-4 tahu maaltu sitti dhagahame yoo jedhamu Haalaand, ‘’waanuma ajaa’ibaati.

    Tapha tokko irratti galchii sagal jechuun waanuma hin eegamnedha. Yoo mana teessee ilaalte tahe taphni kun tapha cimaa torbanii jedhamee filamuu qaba. Waan addaatu nu mudate’’ jedhe. Taphuma maraate jechuu dandeessa jedhe.

    Yeroo galchii 5-1’n dursaa turre ani galchii jahaffaa lakkoofsisuun yaada ture malee duubaa ka’anii afur galchu jedhee hin yaanne.Kun kubba miilaati. Kanaafidha kubba miilaas kan jaalannuuf, kan daawwachuu barbaannuuf, jedhe.

  16. Yeroo Fuulham galchii 4-5 taasisan dhiphannee ture- Gaardiyoolaa

    Leenjisaa Maanchister Siitii Peep Gaardiyoolaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Peep Gaardiyoolaa

    Tapha Fuulhaam muddamaan 5-4 mo’atan booda Peep Gaardiyoolaan akkas jedhan.

    ‘’Amma baay’ee dulloomeera. Kanaaf taphattoonni na hin kabajan. Leenjisaa isaanii haala akkasiin ilaaluu hin qaban’’ jedhe.

    Gaardiyoolaan maaliif akkasitti dubbachuu akak barbaade hin beekamu.

    Garuu taphicha ilaalchisee: Waan akaksii Liigii kana keessatti qofa mudata. Tapha baayyee bareedaa taphanne.... Dhaggeeffadhu, waan har’a agarsiifne kana keessa waan gaarii baay’eetu jira.

    As dhufanii [dirree Fuulham] galchii shan lakkoofsisuun waan guddaadha. Boqoannaa dura akka gaariitti taphanne.

    ‘’Waan dhuma irratti tahe ilaalacha, cichoominaa fi amala waliin wal qabata. Waan gochuu qaban isaanis tphattoonnikoos godhaniiru’’ jedhe.