US fi Iraan walitti bu'insa deebiyanii jalqaban "dhaabuuf" waligalan

Ameerikaafi Iraan walitti bu’iinsa guyyoota muraasa darban keessa itti deebiyan “dhaabuuf” waliigaluun isaanii gabaafameera.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tiraamp, US fi Iraan bor Kaataar Dohaatti marii itti fufu jedhe

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Donaald Tiraamp

    Tiraamp,aangawoonni US fi Iraan Kibxata borii Kaataar Dohaatti marii itti fufu jedhe. Biyyoonni lamaan erga waliigalanii booddee tibbana wal haleelaa turan.

    Waliigaltee dhukaasa dhaabuu cabsuun tokko isa kaan himataa turaniiru.

    CBS akka gabaasetti Tiraamp beellamni marii nagaa miilanaa gaaffii Iraan dhiyeessan hordofeeti karoorfame jedhe. Tiraamp, bal'ina isaa hin himne.

    Iraan waliigaltee nagaa diiguuf dhaadattee turte. Sanbattan darbe gareen lamaan wal haleeluun waliigaltee nagaa balaarra buuseera.

    Guyyaa har'aa garuu walitti bu’iinsa guyyoota muraasa darban keessa itti deebiyan “dhaabuuf” waliigaluun isaanii CBS gabaasee ture.

    Aanga’oota Waashingitan eeruun miidiyaaleen Ameerikaa akka gabaasanitti biyyoonni lamaan walitti dhukaasuu dhaabuuf waliigalaniiru.

    Ulaa Hormuuz fi naannawaa isaatti biyyoonni lamaan walitti dhukaasaa turaniiru.

    Aanga’aan michuu BBC kan Ta’e CBS dubbise akka jedhetti, yeroo ammaa kana dooniiwwan karaa Ulaa Hormuuz “bilisaan” darbuu danda’u.

    Pirezdantiin Iraan Wixata har'aa qabeenyi Kaataar keessatti jalaa qabame dolaarri biliyoona jaha biyyattiif gadhiifamuufiif jira jechuu isaanii miidiyaan Iraan gabaase.

    Qabeenya maallaqaa jalaa uggurame kana gad lakkisiisuun qaama waliigaltee wal hubannoo US fi Iraani.

    Aangawoonni Iraan fi Omaan yeroo jalqabaa akkaataa Ulaa Hormuuz bulchuun danda'amurratti mari'atan. Aangawoonni biyyoota lamaanii akkaataa ulaa kana walaba gochuu fi banuun danda'amurratti ergaa wal makaa dabarsaa turan.

  2. Leenjisaan Kooriyaa Kibbaa biyyattiin Waancaa Addunyaa keessaa bahuu hordofee hojii gadhiisan

    -

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Leenjisaa garee kubbaa miilaa biyyaalessaa Kooriyaa Kibbaa Hong Myung-bo

    Leenjisaan Kooriyaa Kibbaa biyyattiin Waancaa Addunyaa keessaa baanan Pirezdantiin biyyattii qorannoon akka godhamu ajajuu hordofee hojii gadhiisan.

    Leenjisaa garee kubbaa miilaa biyyaalessaa Kooriyaa Kibbaa Hong Myung-bo, kufaatii isaan mudateen gadhiisuutu gabaafame.

    Gareen biyyaalessaa biyyattii abdii ramaddiiwwan keessa garee filatamaa 3ffaa ta'uu qaba ture. Garuu hin milkoofne. Sanbat duraa dabre biyyattiin tapaha keessaa baate.

    Biyyattiin saffisa kanaan taphaan ala ta'uun uummata biyyattii biratti qeeqa guddaa kaase.

    Prezdantiin Kooriyaa Kibbaa Jae-Myung sababni kufaatii garee biyyaalesa qorannoon akka godhamu ajajan.

    Leenjisaan garee biyyattii Hong Myung-bo, kufaatii mudateef "guutuutti anatu itti gaafatama" jechuun Dilbata dhiifama gaafateera.

    Kooriyaan Kibbaa sadarkaa gareewwan kubbaa miilaa dhiirotaa FIFA keessatti 23ffaarratti argamti.

    Kaapteenii garichaa Son Heung-min jedhamuun kan durfamu gareen kun tapha tokko mo'achuun lama mo'atameera. Meeksikoo fi Afrikaa Kibbaa sadarkaa FIFA 15ffaa fi 60ffaa irratti argamaniin mo'atame.

    Qeeqni guddaan leenjisaarratti kan ka'e Kamisa erga Meeksikoodhaan 1-0 dhaan mo'atamanii booda.

    Gaafas ramaddii keessaa 3ffaarra turan. Garuu baay'inni biyyoota Waaancaa Addunyaarratti hirmaatanii 32 irraa gara 48 waan guddateef keessaa bahan. Sanbata duraa tapha keessaa galuun isaanii barame.

    Deggartoonni baay'een Hong qeeqan. Waggoota lamaaf garee kana dursaa ture.

    Wixata, gareen deeggartootaa garee biyyaalessaa, the Red Devils, Hong akka aangoo gadhiisu ibsa baase. "Osoo biyyattii guutumatti kubbaa miilaa addunyaa keessaa hin galle dhiifama gaafadhu" jedhe gareen deeggartootaa ibsa baaseen.

  3. Hogganaan waraanaa Yugaandaa miidiyaalee jajjaboo biyyattii cuccufan

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Jeneraal Muhoozi Kaayinerugaabaa abbaa isaa bakka bu'a jedhamee eegama

    Gareen miidiyaa Yugaandaa beekamaa fi walabaa jedhamu "waraanaan marfamuu" isaa himata. Hogganaan waraanaa biyyattii fi ilmi Pirezdant Yoweerii Museeveenii buufataalee TV, gaazexaawwanii fi raadiyoowwan garee kanaa akka cuccufaman ajaje.

    Gaazexaan Daily Monitor akka gabaasetti waraanni hidhate mooraa waajjiraa isaanii magaalaa guddoo Kampaalaatti argamu marseera.

    NTV fi Spark TV'n qilleensarraa bu'uu gabaaseera.

    Miidiyaaleen kunneen qaama Nation Media Group yoo ta'an, gurmuun miidityaa kun Afrikaa Bahaatti hunda caalaa miidiyaalee dhiibbaa uumuun beekamani.

    Sababni miidiyaaleen kun akka ukkaamfaman ta'e hin baramne. Ajajaan waraanaa Yugaandaa Jeneraal Muhoozi Kaayinerugaabaa karaa fuula miidiyaa hawaasaa isaanii X irratti yaada maxxansaniin akkana jedhan : "ANI MIIDIYAA WALABAATTI HIN AMANU! Miidiyaan kaadree warraaqsaan qajeelfamuu qaba" jedhan.

    Mormitootaa fi gareen mirga namoomaa Jeneraal Kaayineerugaabaa nama ijoo fi cunqursaa sirna abbaan isaa hogganuu jedhaniin.

    Deeggartoonni pirezdantichaa fi maatiin Museeveenii sirni isaanii tasgabbii fiduu fi diinagdee fooyyessuu himu.

    Prezidant Museveeniin, namni umrii 81, hogganaa riphee loltootaa kan ture yoo ta'u waggaa 40 har'aa aangoo biyyattii dhuunfatan.

    Museeveeniin Amajjii darbe marsaa torbaffaaf filannoo falmisiisaa injifatan. Ilma isaanii Jeneraal Kaayineerugaabaa aangootti fiduun bakka isaanii buusu jedhamee eegama.

  4. Lafeen waggaa 40 dura argamee kaa'ame kan daayinosar tahee argame

    Titanos gosa daayinosar isa guddaa jedhamuun beekama

    Madda suuraa, Andrew McAfee/Carnegie Museum of Natural History

    Ibsa waa'ee suuraa, Titanos gosa daayinosar isa guddaa jedhamuun beekama

    Lafeen waggaa 40 dura Antarkitikii argamee mana kuusaa hambaawanii Biriitish Antarkitik Sarveey keessa kaa'ame lafee daayinosar tahee argame.

    Lafeen kun bara 1985 yeroo jalqabaaf argame. Garuu lafee daayinosar tahuu osoo hin bariin kaa'an.

    Amma qorattoonni lafeen kun kan gosa daayinosar Titanosar kedhamanii akka tahe mirkaneessan.

    Gosti daayinosar kun biyya lafaa irra bineensa isa guddaa jalqabaa jedhamee beekama.

    Inni guddaan hanga meetira 35 dheerachuu danda'a. Lafeen amma argame kun ammoo bineensichi meetira torba dheerachuu akka hin hafne qorattoonni ibsan.

    Addunyaa irra gosoota daayinosar 100 oltu jira.

  5. US fi Iraan walitti bu'insa deebiyanii jalqaban "dhaabuuf" waligalan

    Doonii Ulaa Hormuuzirra jiru

    Madda suuraa, Reuters

    Ameerikaafi Iraan walitti bu’iinsa guyyoota muraasa darban keessa itti deebiyan “dhaabuuf” waliigaluun isaanii gabaafameera.

    Aanga’oota Waashingiteen eeruun miidiyaaleen Ameerikaa akka gabaasanitti biyyoonni lamaan walitti dhukaasuu dhaabuuf waliigalaniiru.

    Ulaa Hormuuz fi naannawaa isaatti biyyoonni lamaan walitti dhukaasaa turaniiru.

    Ameerikaafi Iraan waliigaltee dhukaasa dhaabuu cabsuun tokko isa kaan himataa turaniiru.

    Aanga’aan michuu BBC kan Ta’e CBS dubbise akka jedhetti, yeroo ammaa kana dooniiwwan karaa Ulaa Hormuuz “bilisaan” darbuu danda’u.

    Biyyoonni kunneen waraana kana dhaabuuf mariin taasisan akka itti fufu ibsaniiru.

  6. Iraan waliigalteen cabnaan “tarkaanfii cimaa” akka fudhattu beeksiste

    Ministirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii

    Madda suuraa, AFP

    Ministirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii “qaama gamasiin jiru waliigaltee cabserratti tarkaanfii cimaa fudhanna,” jechuun akeekkachiise.

    Pirezidantii Iraaq Naaziir Amiid waliin kan mariyate Abbaas Aragchii, “ Ameerikaafi bulchiinsi warra Tsiyon waliigalteewwan tokko tokko cabsuun isaanii naannicha keessatti nagaafi tasgabbiin akka hin jiraanne guguu ta’a,” jedhe.

    Waliigaltichi, “ keessumaa keewwanni jalqabaa” cabuun nagaafi tasgabbii akka jeequ gufuu ta’a,” jedheera.

    “Sanadiin waliigaltee kun miira gaariifi waliigaltee kanaf amanamuun hojiirra oolchuu gaafata,” jedheera.

    Haata’u malee, waliigalteen kun “qaama kanaan cabee jennaan tarkaanfii cimaa fudhanna,” jechuun akeekkachiise.

    Abbaas Araagchii Iraan bulchiinsa Ulaa Hormuuz keessa galuun kamiyyu muddama akka hammeessu dubbachuun isa ani yaadatama.

    Sambata doonii Panaamaan galmaa’erratti osoo Ulaa Hormuuz keessa darbaa jiruu haleellaan erga raawwatameen booda Ameerikaan Iraan irratti haleellaa raawwatteetti.

    Eegduun Waraanqsa Islaama Iraan ammoo tarkaanfii haaloo bahuu fudhateen bu’uuraaleen misoomaa Ameerikaa Kuweetiifi Baahireen keessa jiranirratti haleellaa gaggeessu ibseera.

    Kuweet fi Baahiren ammoo haleellaa isaanirratti raawwatame balaaleffataniiru.

  7. Balaa xiyyaaraa Sawud Arabiyaatti mudateen namoonni 14 du'an

    Sawud Arabiyaatti balaa xiyyaaraa qaqabeen 14 du'an

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Sawud Arabiyaatti balaa xiyyaaraa qaqabeen 14 du'an

    Balaa xiyyaaraa Sawud Arabiyaatti mudateen namoonni 14 du'uusaanii miidiyaan mootumma biyyattii gabaase.

    Helikoopterri qabeenyummaan ishee kaampaanii boba'aa Aramkoo tahe qarqara baha Raas Tanuraatti kuftee caccabde.

    Namoonni helikoptericharra keessa turan hunduu du'aniiru jedhe Ejensiin Pireesii Sawudii.

    Sababni balaa kanaa qoratamaa jiraachuu kan hime gabaasichi, namoonni du'an hunduu lammii Sawud Arabiyaati.

  8. Ashamaa! Tamsaasa kallattii Wiixataa eeggalleerra

    Tamsaasa kallattii kanaan odeessaalee gurguddoo biyya keessaa fi alaa isin biraan geenya.

    Nu hordofaa.

    Guyyaa gaarii

  9. Waliigaltee boodas Israa'el Libaanos haleelte, waraannishee loltoota Hezboolaa ajjeesuu hime

    -

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Waliigaltee boodas Israa'el Libaanos haleeluun dhagahame

    Israa'elii fi Libaanos waliigaltee mallatteessanii guyyaa tokko booda Israa'el haleellaa raawwachuun ibsame.

    Biyyoonni lamaan nagaa waaraa buusuuf waliigaltee mallatteessanis Israa'el Kibba Libaanos keessatti haleellaa qilleensaa raawwatteen namni tokko ajjeefamuu Ministeerri Fayyaa biyyattii beeksise.

    Televizhiniin biyyaalessaa Libaanos akka gabaasetti magaalaa Kibba Libaanos Naabaatiyaah Al-Faawuqaa jedhamtutti Israa'el haleellaa diroonii raawwatte. Yoo xiqqaate namoonni lama haleellaa kanaan miidhamuusaanii ibsame.

    Waraanni Israa'el nama loltoota isaarratti aggaammii balaa qaba jedhu irratti haleellaa raawwachuu ibsuurraa kan hafe odeessa bal'aa hin kennine.

    Dilbata waraanni Israa'el loltoota Hezboolaa ajjeesuu hime. Waraannichi haleellaa kibba Libaanos Naabaateeh keessatti raawwateen hidhattoota Hezboolaa waraana isaatiif balaadha jedhu fixuu hime.

    Buufataa fi iddoo hidhattoota kunneen irraa rokkeettii dhukaasanis barbadeessuu hime.

    Jaarsummaa Ameerikaatiin Israa'elii fi Libaanos waliigaltee mallatteessanis hogganaan Hezboolaah waliigaltichi birmadummaa Libaanos kan sarbu jechuun qeeqe.

    Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaniyaahuu waliigalteen Waashingtanitti mallattaaye "seena-qabeessaa" fi "Iraanii fi Hezboolaa kan balleessu" jedhan.

    Bu'uura waliigaltee abbaa qabxii afurii kanaan Israa'el waraanashee naannawa kibba Litaanii keessaa baasuun waraanni Libaanos bakkicha ni qabata.

    Israa'el waraanni ishee Kibba Libaanos keessa akka turu beeksifte.

    Hogganaan Hezboolaah Naayim Qaasim mootummaan Libaanos "waliigaltee miidhaa qabu" mallatteesse jechuun balaaleffate.

  10. Balaa kirkira lafaa Venezuweelaan lakkoofsi namoota du'anii 1,400 caale

    Namoonni firootasaanii gamoo caccabe jala barbaadu

    Madda suuraa, Diko Betancourt/Anadolu via Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Namoonni firootasaanii gamoo caccabe jala barbaadu

    Balaa Kirkira lafaa Venezuweelaa mudateen namoota miidhaman baraaruuf lubbuu baraartonni ifaajee cimaa taasisaa jiru.

    Magaalaa Karakaas keessatti bakka hundaa gamootu jijjigee mul'ata. Iddoon kun balaa kirkira lafaa Roobii darbeen baayyee miidhamte.

    Jiraattonni fi maatiin gamoo jijjige jalaa namootasaanii fi qabeenyasaanii barbaaduu itti fufaniiru.

    Gamoo barbadaa'e jalaa yoo namni lubbuun jiraate jedhanii gurra itti qabanii sagalee dhaggeffatu.

    Balaa kirkira lafaa magniitiyuudii 7.2 fi 7.5 ta'e kanaan hanga ammaatti lakkoofsi namoota du'anii 1,430 ga'eera.

    Balaan kirkira lafaa kun erga jaarraa darbeetii isa hamaadha jedhameera.

    Balaa kanaan kanneen lubbuun darbuun mirkanaa'en alatti hanga ammaatti namoonni kuma 50 caalan hin argamin jiru.

    Biyyoota akka Meeksikoo, Ispeen, US fi UK irraa birmannaan taasifamus, ammallee gareen lubbuu baraartotaa muraasa.

    Miidhaa qaqqabe waliin yoo ilaalamu ga'aa miti.

    Jaarmiyaaleen gargaarsaa fi lubbu baraartotaa kanneen miidhaman lubbuun baraaruuf sa'atiin jalqabaa 48 hanga 72 murteessaadha jedhu.

    Ammoo kanneen gamoo fi waan kaan jalatti ugguramanii jiran bakkuma jiranitti bishaan fi midhaan kan argatan yoo ta'e sa'atiin kun dheerachuus danda'a.

    ''Akki namuu itti baraaramu hunduu raajiidha,'' jedha Pirezidantiin Kora Biyyaalessaa Joorji Roodriigez.

    ''Waa'ee hammeenya balaa kanaa homaa waan dhoksinu hin qabnu,'' jedhe.

  11. US fi Iraan wal haleeluutti erga deebi'anii waliigaltee dhukaasa dhaabuu sarbameef quba walitti qaban

    Dooniiwwan Ulaa Hormuuz irra jiran

    Madda suuraa, Reuters

    Erga Iraan doonii alaabaa Paanaamaa ofirraa qabu Ulaa Hormuuz keessatti haleeltee booda US Iraan irratti haleellaa raawwatte.

    Ajaji Giddugalaa Humna Waraanaa US (Centcom) Iraan dooniiwwan irraan miidhaa geessisaa jirti jechuun qiyyaafannoowwan hedduu irratti xiyyeeffachuun Iraan haleeluu ibse.

    Iraanis kana haaloo ba'uuf buufatalee US kanneen Kuweet fi Bahreen jiran haleeluu miidiyaan biyyattii gabaaseera.

    Biyyoonni lameen erga haleellaa walirratti raawwatanii booda waliigalteen dhukaasa dhaabuu sarbamuu isaaf wal himataniiru.

    Centcom ibsa kenne keessatti ''Iraan waliigalte kana akka hojitti hiiktuuf carraan kennamus isheen garuu kana hin raawwanne. Dirooniidhaan doonii alaabaa Paanaamaa qabu- MT Kiku jedhamu haleelte,'' jechuun himate.

    Sababa kanatti jeettiiwwan waraanaa US buufataalee waraanaa Iraan Hormuuz fi naannawa sanatti argaman 10 haleeluu ibse.

    Iraan ibsa baasteen US buufataalee handaara galaanaa ishee shan haleeluu himte.

    Ergasii Bahreen fi Kuweet keessatti misaa'elootaa fi dirooniin buufataalee US haleeluun barbadeessuu himte.

    US fi Iraan jaarsummaa Paakistaaniin waraana dhaabuuf erga waliigaltee walhubannoo mallatteessanii booda Siwiizarlaanditti marii jalqabaa kan gaggeessan yoo ta'u, mariin sunis bu'aa abdachiisaa fiduu ibsanii turan.

    Akkaataa waliigaltee haaraa kanaan dhukaasi guyyoota 60f ni dhaabbata, Ulaan Hormuuz dooniiwwan daldalaaf banaa ta'a.

    Amma garuu biyyoonni lameen waliigaltee kana sarbuun wal haleeluutti deebi'aniiru.

  12. Waliigaltee US-Iraan ammaa kan bara bulchiinsa Obaamaa irraa maaltu adda godha?

    Aanga'oota Iraan

    Madda suuraa, Reuters

    Pirezidaant Doonaald Tiraamp waraana Israa'el waliin ta'uun Iraanirratti labsii ture xumura itti gochuuf ifatti waliigaltee mallatteessera.

    Waliigalteen Wal-hubannoo US-Iraan waliifa mallatteessan qabxii 14 kan qabu yoo ta'u, maaltu waliigalticha keessatti hammatamuu qabaafi hin qabuurratti qeeqi cimaan irratti ka'aa jira.

    Waliigaltee kanaafi kan bara buchiinsa Obaamaa Iraan waliin mallatteeffame wal-bira qabuun garaa garummaan guddaan akka hin jirre kan kaasan jiru.

    Bara 2015 bulchiinsi Obaamaa marii dippilomaasii Iraan waliin taasiseen gabbisa yuraaniyeemii Iraanitti daangaan akka godhamuufi bakkasaa qoqqobbiin akka irraa ka'u Waliigalteen Joint Comprehensive Plan of Action (JCPOA) jedhamu Iraan waliin waliif malatteessanii turan.

  13. Israa'el fi Libaanos jaarsummaa Ameerikaan waliigaltee waliif mallatteessan

    Gamoo haleellaan barbadaa'e

    Madda suuraa, Getty Images

    Jaarsummaa Ameerikaatiin guyyoota baayyeef Waashingiten keessatti marii gaggeessaa kan turan Israa’el fi Libaanos waliigaltee waliif mallatteessan.

    Ministirri dhimma alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo akka ibsetti, karaa waliigaltee amma mallatteeffame Kanaan nagaafi tasgabbii waaraa buusuuf dhimmoonni dandeessisan qophaa’uu jalqabu.

    Biyyoonni lamaan waliigaltee mallatteessuun kan dahaga’ame, humnoota Israa’el fi kan Iraaniin deeggaramu Hezboollaa gidduutti dhukaasa dhaabuu hojiirra jiru dhiisanii Kibba Libaanos keessatti hanga tokko waraana walirratti gaggeessuun yeroo itti fufee jiruttidha.

    Israa’el waliin wal waraanaa kan jiru Hezboollaan qama waliigfaltee Jimaata mallattaa’e kanaa miti.

    Akka waliigaltee kanaatti garuu gareen kun Kibba Libaanositti kan argamu naannoo Litaanii keessaa baasuudhaaf ni fudhata ta’ee ifa miti.

    Ameerikaa muddamni Israa’el fi Hezboollaa gidduu jiru waliigaltee Iraan waliin taasifame gufachiisuu danda’a jechuun yaadda’aa jirti.

    Waliigaltee Ameerikaa waliin mallatteeffamerratti Iraan Libaanos dabalatee “addawwan hundaan” waraanni akka dhaabbatuuf gaaffiin dhiyaate hojiirra akka oolfamuuf waadaan galameeraa.

  14. US Iraan irratti haleellaa gaggeessuu yoo ibsitu, Iraan ammoo tarkaanfii haaloo bahuu fudachuu himte

    Doonii Ulaa Hormuuz keessa deemaa jiru

    Madda suuraa, Reuters

    Iraan Ulaa Hormuuz keessa doonii karaa hayyamameefiin ala deemaa jira jette erga rukkutteen booda waraanni Ameerikaa Iraan keessatti haleellaa gaggeessii yoo ibsu, Teehiraan ammoo tarkaanfii haaloo bahuu fudhatteen buufata Ameerikaa haleeluu beeksifte.

    Raayyaan waraanaa Ameerikaa Ajajaan Giddugaleessaa Jimjaata Kuusaa misaa’elaa fi diroonii, akkasumas wiirtuuwwan raadaarii qarqarawwan galaanaa ittiin to’atturratti haleellaa raawwachuu beeksiseera.

    Tarkaanfiin kun sababa Ulaan Hormuuz cufameef hojjjetoota karaa darbaa dhabanii yeroo dheeraaf galaanarra turan adeemsa baasuu jalqabame haleellaa Iraan Kamisa doonii fe’umsaa tokkoorratti raawwatteef deebii kennuu ta’uu ibseera.

    Iraan garuu dooniin fe’umsaa kun kan rukkutameef Ulaa Hormuuz keessa qaxxaamuruuf toora hin hayyamamne keessa osoo deemuu ta’uu ibsiteetti.

  15. ASHAMAA

    Akka jmirtu?

    Oduu toora tamsaasa kallattiin isin biraan geenyu jalqabneerra.

    US Iraan irratti haleellaa gaggeessuu yoo ibsitu, Iraan ammoo tarkaanfii haaloo bahuu fudachuu himuu,

    Dooniin Itoophiyaa Gibe jedhamtu Ulaa Hormuuz keessaa gara Jibuutii qajeeluushee,

    Komishiniin Marii Biyyaalessaa dhimma Finfinnee fi afaan hojii dabalatee qabxiilee 8 adda baase maal faaa akka ta'e,

    Odeeffannoo wayitaawaa biyya keessaafi guutummaa addunyaarraa, ispoortii dabalatee: Marsariitii,YouTube, Whatsapp, akkasumas karaa Facebook kanaan seentanii filattanii dubbisuu dandeessu.

    Dhiyaadhaa.