Waajjirri mootummaa hin banamu taanaan balalii xiyyaaraa 40 nan hir'isa - Min. Geejibaa US

Waajjirri mootummaa cufame hin banamu taanaan balalii buufataalee xiyyaaraa 40 nan hir'isa- Min. Geejibaa US

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tiraamp Afrikaan Kibbaa kana booda qaama G20 ta’uu hin qabdu jedhan

    Hariiroon Pireezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp fi gita isaanii kan Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaa gidduu jiru bara kana badaa dhufe

    Madda suuraa, Reuters

    Tiraamp atakaroo Afrikaan Kibbaa waliin qaban cimsuun biyyattin yeroo walga'ii biyyooata dinagdeen jaboo 20 addunyaa qopheessuuf qophaa'aa jirtutti garee G20 keessaa akka baatu barbaadu.

    Biyyattiin dhuma baatii kanaa irratti hoggantoonni biyyoota diinagdee gurguddoo addunyaa Johaannesbargi keessatti qopheessuf qophii taasisaa jirti.

    Afrikaan Kibbaa lammilee adii xiqqaa biyyashee keessa jiran irratti loogii raawwatti jechuun irra deddeebin kan himatan Tiraamp walga'ii kanallee hirmachuu akka hin barbaanne himan. Bakka saanii itti aanaa pirezidaantii J. D. Vaans ergu barbaadu.

    Waggaa waggaan biyyi miseensa adda ta'e tokko pirezidaantummaa G20 qabattee ajandaa walgahii hoggantootaaf dhiyeessa. Ameerikaan Afrikaa Kibbaa booda aangoo fudhachuu qabdi.

    "Afrikaan Kibbaa kana booda Garee biyyoota 20 keessallee ta'uu hin qabdu, sababni isaas wanti achitti ta'e hamaadha. Ani achitti biyya keenya bakka bu'uuf hin deemu. Achitti argamu hin qabu," jedhan Tiraamp

    Mootummaan Afrikaa Kibbaa yaada kanaaf deebii hin kennine

    G20n bara 1999 rakkoo maallaqaa biyyotaa furuuf hundeeffame. Biyyootni garicha keessa jiran qabeenya addunyaa keessaa %85 ol kan qaban yoo ta'u, kaayyoon isaas tasgabbii dinagdee deebisuuf ture.

  2. Meeshaan waraanaa fi rasaasni Sudaan irra garee Faannoof dabarfamaa ture ro'achuu Raayyaan Ittisa Biyyaa ibse

    Meeshalee waraanaa to'atamuun ibsame

    Madda suuraa, FDRE Defense Force

    Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa har'a Sadaasa 06, 2025 akka ibsetti meeshaa waraanaa fi rasaasa ka'umsi isaa Sudaan irraa ta'e garee finciltootaaf dabarfamuuf ture to'achuu isaati ajajni Kaaba Dhihaa kan ibse.

    Meeshaan waraanaa fi rasaasni seeraan alaa kun Sudaan irraa mootar saayikilii 4'n fe'amee gara garee finciltootaa godina Gondar Lixaa aanaa Qaraatti akka ture himameera.

    Haaluma kanaanis rasaasni meeshaalee garaagaraa fi meeshaleen badii ummatarraan ga'uu danda'an to'atamuudha kan Raayyaan Ittisa Biyyaa ibse

  3. Samtoonni Gaalaanaa qarqara galaanaa Somaaliyaa irratti doonii boombiin haleelun saaman

    Haleellaan qarqara galaanaa Somaalitti raawwatame yeroo naannichatti saamichi galaanaa deebi’ee ka’aa jirutti

    Madda suuraa, Corbis via Getty Image

    Saamtotni galaanaa doonii qarqara galaanaa Somaaliyaa irratti qawwee fi boombii dhukaasuun to'achuu Ejensiin Nageenya Galaanaarraa UK ibse

    Dhaabbanni doonii Giriik Latsko Maritime jedhamus haleellaa doonii boba'aa fe'e irratti raawwatamuu mirkaneessee jira.

    Miseensonni hojjettoota doonii 24 hundinuu “nagaa ta'uuf hordofamaa'' akka jiranii fi “walitti dhiyeenyaan wal qunnamtii akka qaban” ibseera.

    Hojjettoonni doonii kunnen kutaa doonichaa nageenya qabu keessatti riphuu isaanii dhaabbati oduu Rooyitars qondaala dhaabbata nageenya galaanaa Dihaplos irraa wabeeffachuun ibseera

    Humni galaanaa Gamtaa Awurooppaa naannoo sana jiru gargaarsaaf gaafatamuus Rooyitars gabaaseera.

    Akka dhabbatni daldala Galaanaa UK (UKMTO) jedhutti haleellaan kun magaalaa Somaali- Eyalee irraa gara kibba bahaatti maayilii galaanaa gara 560 fagaatee akka raawwatame beeksiseera.

    Dhaabbanni doonii Giriik Latsko Maritime garee deebii hatattamaa hojiitti hiiku waliin nageenyaafi tasgabbii hojjettoota doonichaa mirkaneessuu waliin hojjechaa jira," jedheera.

    Haleellaan kun kan raawwatame yeroo naannichatti saamichi galaanaa waggoota kurnan dura sadarkaa olaanaa irra gahee booda gadi bu’aa dhufeetti.

    Bara darbe yoo xiqqaate taateewwan torba kan mudatan yoo ta’u, bara kana dooniiwwan qurxummii qaban hedduun saamtota galaanaatiin butamuu isaanii dhaabbanni Galaanaa Idil-addunyaa beeksiseera.

  4. Kooriyaan Kaabaa Ameerikarra qoqqobbii kaa'uuf dhaadatte

    Hogganaa Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Un fi loltoota Kooriyaa Kaabaa

    Madda suuraa, AFP

    Bulchiinsi pirezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp Kooriyaan kaabaa namoota karaa online mallaqa hatan leenjisuun maallaqa dureeyyota addunyaa saamuun ittin Nikulara oomishti jechuun Kiphxata darbe qoqqobbi irra keesse.

    .Ministeerri Maallaqaa Ameerikaa akka ibsetti qoqqobbichi namoota dhuunfaa saddeet fi dhaabbilee lama kanneen mala maallaqa seeraan alaa adda addaa Kooriyaa Kaabaa keessatti hanna saayibarii waliin walqabatu keessatti hirmaatan irra kan kaa'ame.

    Qoqqobbiichi tarkaanfii sagantaalee meeshaa waraanaa biyyattiif deeggarsi kamiyyuu akka hin taasifamne dhorkuufaa kan dabalatuudha.

    Kaariyaan kaabaas qoqqobbii bulchiinsi pirezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraampi irra kaa'e kana “moormuun” deebii walfakkaatu akka kennitu dhaadatte jechuun Rooyitersi miidiyaalee biyyattii waabeffachuun gabaasera.

    Itti aanaa ministeera dhimma alaa biyyattii Ameerikaa eeruun ''basiifata moofaa gatii hin qabne hordofuun bu'aa haaraa fidu hin qabu,'' jedhe

    "US qoqqobbii hanga fedhe keessus, carraan tarsiimoo US fi Kooriyaa Kaabaa gidduutti jijjiiru zeeroo gadi ta'uu hubachuu qabdis jedhan.

    Bulchiinsi Ameerikaa amma jiru hanga nu mormutti nutis deebii wal-simu ni kennina,” jedhan.

    Ameerikaa Kooriyaan Kaabaa waggoota sadan darban keessatti hojiiwwan hanna gama onlaayinii mootummaan deeggaramuun qabeenya irra caalaan isaani maallaqa Kiriptoo ta'e gara doolaara biiliyoona 3 ol hattee jirti jechuun himate. Maallaqni seeran alaa kunis sagantaa meeshaa niwukilaraa biyyattiif kan oolu ta’uu ibsite. Kooriyaan Kaabaa garuu kana cibsitee mormiti

    Qoqqobbiin kun kan ka’e yeroo Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp hogganaa Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Un waliin marii'achuuf fedhii ibsatanitti ture.

  5. Kiristiyaanoo Roonaaldoo waa'ee siyaasa Doonaald Tiraamp maal jedhe?

    Kiristiyaanoo Roonaaldoo

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Kiristiyaanoo Roonaaldoo

    Kiristiyaanoo Roonaaldoo tibbana sagantaa gaazexessaa Piirsi Morgaan qopheessu irratti argamuun dhimmoota hedduu dubbate.

    Kan adda tahe tokko gaaffii siyaasaa gaafatameef deebii kennedha.

    ''Doonaald Tiraamp nama siyaasa addunyaa amma jiru jijjiiruuf gargaaran keessaa tokko jedheen amana'' jedhe.

    Kana dura Tishartii isaa Tiraampiif ergee ture. Ergaa waa'ee nagaa dabarsus ofirraa qaba ture.

    Dhimmi biraan kaase ijoollummaa isaa irratti osoo gara Maanchister Yuunaayitid hin dhufiin dura Arsenaal galuuf dhumarra gahee akka ture himeera.

    Bara kanas Arsenaal carraa waancaa Piriimer Liigii mo'achuu qaba jedhe. Waa'ee jireenya dhunfaa isaa yeroo kaasu Joorjiinaa ifatti kaadhimachuu dubbate.

    Shakkii qabdi turee jedhamee yoo gaafatamu ''lakki homaa hin shakkine'' jechuun deebise.

    Waa'ee qabeenya isaa yoo kaasu ammoo ergan biliyenera tahee waggoota duradha jedhe.

    Piirsi Morgaan konkolaattota gatii qaaliin bitatte meeqa qabda jedhee gaafate. ''meeqa akka tahan hin beeku, garuu 40 ykn 41 ol ni tahu'' jedhe.

    Konkolaattonni kunneen kan dhuunfaan qabatudha. Dhiyeenya Bugaatii tokko akka bitateefi garuu yeroo baay'ee akka hin oofne hime.

    Gatii qaaliidhaan kanan bite ammoo xiyyaara dhuunfaakooti jedhe.

    '' Waanan hanga ammaatti bitadhe keessaa xiyyaara dhuunfaakootu baay'ee qaaliidha. Waggaa muraasa duran jijjiiradhe. Na barbaachisa, imaluuf gara buufata xiyyaaraa deemuu hin qabu,'' jedhe.

    Akka gabaasa gaazexaa biyya Ispeen Maarkaa fi 'The Sun' Roonaaldoon xiyyaara isaa dhuunfaa kana dura qabachaa ture 'Galfistriim G200 jedhamu gara Yuuroo miliyoona 20 tahuun biteE ture gurgureera.

    Roonaaldoon akkuma jedhe xiyyaara haaraa Boombaarder Giloobal Eksipres 6500 jedhamu bitateera.

    Gatiin xiyyaara kanaa paawondii miliyoona 60-70 gidduutti tilmaamama.

  6. Lammiileen Afrikaa Kibbaa waraana Raashiyaa-Yukireen keessaati danqamaniiru-Raamaafoosaa

    Siriil Raamaafoosaa

    Madda suuraa, Reuters

    Mootummaan Afrikaa Kibbaa lammmileen Afrikaa Kibbaa dhiphuu keessa jiran 17 irraa bibilli bilbilamuufi himuun waraana Raashiyaa-Yukireeniin humnoota loltoota qacaran keessa galaniiru jedhan.

    Namoonni kunneen umrii waggaa 20-29 tahan kunneen naannoo waraana kanaan miidhamte Doonbaas jedhamturraati bilbilu.

    Pireezidant Siriil Raamaafosaan, ''haalli namoota kunneen humnoota waraanaaf akka qacaraman godhe akka sakkatta'amu kan gaafatan yoo tahu,'' dubbii himaan mootummaa biyyattii lammiileen Afrikaa Kibbaa kunneen gama Raashiyaa ykn Yukireeniin akka lolaa jiran adda hin baasne.

    Loltuu tahanii qacaramuun ykn mootummaa biraaf loluun Afrikaa Keesatti seeraan kan dhorkame dha, yoo mootummaan eeyyame malee.

    Mootummaan namoonni kunneen yoo qacaraman bu'aa guddaa akka argatan itti himameetu keessa galan jedhe.

  7. Narsiin lammii Jarman hojii salphifachuuf jecha nama 10 ajjeese hidhaa umrii guutuun adabame.

    Lilmeefi qodaa qorichaa xiqqoo

    Madda suuraa, Getty Images

    Narsiin kunuunsa haara-galfii dhukkubbii irratti hojjetu namoota 10 ajjeesuufi 27 ammoo ajjeesuuf yaaluun mirkanaa'uun booda hidhaa umrii guutuun adabame.

    Akka abbootiin alangaa jedhanitti namni maqaansaa asitti hin eeramne kuni dhukkubsattoota manguddoota tahan yeroo dabareerra hojiirra tahu hojii ofirraa salphifachuuf jecha lilmee dhukkubbii hir'isuufi isaan hadoochuu kennaa ture.

    Gochaan yakkaa kuni Mudde 2023 hanga Caamsaa 2024tti hospitaala Warseleen lixa Jarman argamutti raawwate.

    Qorattoonni yakki wal-fakkaataa biraas raawwateera yoo taheef sakatta'aa jiru.

    Akka gabaasni AFP himutti namni kuni bara 2020 irraa qabee hospitaala Warseleen keessaa hojjechaa ture.

    Abukaatonni namni kuni dhukkubsattootaaf ''hin nahu'' kan jedhan yoo tahu manni murtii hojiin itti baay'achuu hir'isuuf jedhee dhukkubsattootaaf qorichoota akka malee nama hadoochan Moorfiiniifi Midaazoolam jedhaaman kennaa ture.

  8. Hospitaalli Alert Finfinneetti argamu laga faaluun Birrii 1,000,000 adabame

    Laga kutaa bulchiinsa Kolfee Qaraaniyoo hospitaalli Alert faale

    Madda suuraa, Waajjira Kantiibaa Magaalaa Finfinnee/ Feesbuukii

    Ibsa waa'ee suuraa, Laga kutaa bulchiinsa Kolfee Qaraaniyoo hospitaalli Alert faale

    Hospitaalli Alerti magaalaa Finfinnee keessatti argamu keemikaala naannoo faalu laga yaa'utti gadhiisuun Birrii miliyoona tokko adabame.

    Dhaabbata fayyaa mootummaa kan tahe Alert, Kolfee Qaraaniyoo keessatti lagaa fi qarqara isaatti keemikaala naannoo fi bishaan faalu gadhiisuun adabamuu Waajjirri Kantiibaa magaala Finfinnee maxxanse.

    Faalamichi ogeessota eegumsa naannoo magaalichaan laabiraatoorii galuun qoratamee kan mirkanaa'e tahuu ibsame.

    Dabalataan kutaa bulchiinsichaatti laabaajoo iddoo konkolaataa itti miiccan jaha qarqara lagaatti faalama dhaqqabsiisaniif tokkoon tokkoon isaanii Birrii kuma 100 adabamuu ibse.

    Magaalaan finfinnee misooma kooridariin miidhagaa kan jirtu yoo tahu dhaabbilee faalama akkasii dhaqqabsiisan hordofuu fi adabuu akka itti fuftu beeksifteetti.

    Kanaafis danbiin qophaa'eera.

  9. Pireezidantiin Meeksikoo daandiirratti qocollaan saalaa irra geenyaan himannaa akka bantu himte

    Kilaawudiyaa Sheenbaam

    Madda suuraa, Getty Images

    Pireezidantiin Meeksikoo Kilaawudiyaa Sheenbaam nama daandiitti qoccollaa saalaa irraan gahe akka mana murtiitti himattu beeksifte.

    Viidiyoon mobaayiliin waraabame akka agarsiisutti Kibxata darbe Kilaawudiyaan naannoo Masaraa Biyyaalessaa Meeksikoo Siittiitti argamutti deeggartootasheef haasaa yeroo taasisaa turte qoccollaan saalaa irra gahe.

    Viidiyicha irratti namni wayii duubaa itti dhiyaatee mormarra ishee dhungachuufi harkasaa qaamasheerra kaa'uuf yeroo yaalu mul'ateera.

    Kaalaawudiyaan battaluma ofirra yoo galgaltu namoota gareeshee keessaa tokko qaqqabe. Haa tahu malee waan taheen rifachuunshee ifatti mul'ata. Namni gochaa kana raawwate yeroosuma qabameera.

    ''Ilaalcha koon, yoo nama kana himachuu baadhe, dubartoonni Meeksikoo biroon hoo akkam tahu? Dubartoota guutuu biyyattii keessa jiran akkam tahu?'' jechuun gaafa Roobii yaada kenniteetti.

  10. Yamaal galchii bareedaa lakkoofsise garuu ammayyuu ni qeeqama

    Lamiin Yamaal galchii bareedaa Kilab Biruuj irratti lakkoofsise

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Lamiin Yamaal galchii bareedaa Kilab Biruuj irratti lakkoofsise

    Lamiin Yamaal Kilab Biruuj irratti galchii bareedaa lakkoofsisuun taphichi garuu 3-3 xumurame.

    Biruuj carraa taphicha injifachuu argataniiru. Garuu Baarseloonaan duubaa ka'uun qixa xumure.

    Balleessaa Sheeziniin Kilab Biruuj galchii 4ffaa lakkoofsisanii ture. VAR garuu jalaa haqe.

    Yamaal erga ija keessa of galchee deeggartoonni itti qoosuu fi aarsuuf yaaluu hin dhiisne.

    Beeljiyeemittis kun isa mudateera. ''Ani taphataa jabaa waan taheef ana qeequ. Osoon nama dadhabaa tahee maqaakoo hin kaasan'' jechuun deebii kenne.

    Galchii bareedaa waan lakkoofsiseef garuu Liyonel Meesiitti na hin fakkeessinaa jedha.

    Leenjisaan Baarseloonaa Hansii Filiik, sarara ittisaa isaanii maaliif akka hin jabeesine gaafataman.

    Kun Baarseloonaadha. Eenyummaa kilebichaa gatuu hin qabnu. Galchii tokko lakkoofsifnee akka cufnee taphannu hin eegiinaa jedhan.

    Firaank De Yoong ammoo bara darbes garee baay'ee cimaa hin turre. Bara kana garuu galchii hedduu nurratti lakkaa'amaa jira, kana fooyyessuu qabna jedhe.