Raashiyaan haleellaa Yukireen daangaashee keessa seentee gaggeessaa jirtuuf deebii akka kennitu dhaadatte

Pirezedantiin Yukireen Volodimiir Zelenskiin waraanni isaanii naannoo lixa Raashiyaa Kursk keessatti haleelaa akka jiru yeroo jalqabaaf amanan.

Guduunfaa

  • Waraana Yukireen daangaa Raashiyaa keessatti gaggeessaa jirtu waraanicha qe'ee 'weerartuutti' deebiseera-Zeleniskii
  • Raashiyaan tarkaanfii Yukireen dhaabuuf bakka rakkachaa jirtutti namoonni jumlaan baqachaa jiru
  • Kaamlaa Haaris lammileen nagaa Gaazaatti du'an 'baay'eedha' jetti
  • Reeffii namoota 62 balaa xiyyaaraa Biraazilitti qaqqabeen du’anii argame
  • Taphatoota lama Jarman irraa kan mallatteessise Maan Yunaayitid jifataa Biraayitanis fudhachuu danda’a

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Raashiyaan loltoonni Yukireen daangaashee keessa hanga km30 seenuu himte

    Loltoota Yukireen Raashiyaa keessa jiran

    Madda suuraa, Getty Images

    Loltoonni Yukireen daangaa Raashiyaa keessaa hanga kiiloo meetira 30 seenuu himuudhaan, kunis erga Mooskoon Guraandha 2022 weerara guutuu Yukireen irratti raawwachuu jalqabdee as ittisa cimaafi daangaa Raashiyaa keessa seenee ta’eera.

    Ministeerri Ittisaa Raashiyaa akka jedhetti, lolli naannoo Kuurisk keessatti gaggeefamaa jiru guyyaa ja’affaasaa bakka qabateetti, humnoonni isaa naannoo gandoota Tolpino fi Obshchy Kolodez loltoota Yukireen waliin wal loluu beeksise.

    Dubbi-himtuun ministeera dhimma alaa, Maariyaa Zaakaaroovaan Kiiv ''ummata nagaa Raashiyaa sodaachisaa jirti'' jechuun himataniiru.

    Halkan darbe ammoo Pirezidaanti Volodymyr Zelenskii yeroo jalqabaaf haleellaa kana kallattiin amanuudhaan, Yukireen waraana kana gara ''naannoo weerartuutti'' dhiibaa jirti jedhan.

    ''Yukreen dhuguma haqaa deebisuu fi dhiibbaa barbaachisaa qaama weerartuu irraan gahuu mirkaneessuu akka dandeessu mirkaneessaa jirti,'' jechuun ture Zelenskiin haasawa galgalaa Kiiv irraa taasisaniin biyyattiitti kan himan.

    Itti fufuun, ''gootoota'' Yukireen galateeffachuun, ajajaa waraana olaanaa biyyattii - Jeneraal Oleksaandr Siirskyii waliin hojii Raashiyaa keessatti raawwatame irratti mari'achuu isaanii dubbataniiru.

    Qondaalli olaanaa Yukireen tokko, loltoonni kumaatamaan lakkaa’aman hojii kanarratti bobba’uufi kunis weerara xiqqaa jalqaba eegdonni daangaa Raashiyaa gabaasan kan baay'ee caaluudha jechuun AFP'tti himan.

    Gareen rakkoo uuman kanneen Yukireeniin deeggaraman, lola daangaa qaxxaamuraa darbee darbee raawwatamu kan jalqaban yoo ta’u, haleellaan Kuursk ammoo humnoota idilee Kiiviin daangaa Raashiyaa keessatti raawwatames haleellaa qindaa'aan olaanaan galmeesseera.

  2. Raashiyaan naannoo buufata nukilarasheetti humna ittisaa dabalataa bobbaaste

    Dahoo buufata nukilaraa Raashiyaatti dhiyootti ijaarame

    Madda suuraa, Telegram

    Haleellaa Yukireen daangaa Raashiyaa keessa fagaattee gaggeessaa jirtu hordofee Mooskoon buufata nukilaraa biyyattii naannoo Kuursik jirutti humna dabalataa haaraa bobbaasaa jirti.

    Viidiyoon konkolaataarra taa'uun waraabamee fi BBCn mirkaneeffate tokko, Raashiyaa keessatti daandii E38 jedhamu gamaafi gamanarratti konkolaataawwan waranaa Raashiyaa barbadaa'anii yoo tarreen dhaabbatan agarsiisa.

    Bakki kun ammoo kibba-baha buufata nukilaraa Kuursikitti kan argamudha.

    Suuraawwan saatelaayitaan bakka sanaarraa kaleessa kaafaman akka agarsiisanitti, dahoowwan haaraa buufata nukilarichaarraa km8 fagaatanii ijaaramanii akka jiran agarsiisa.

    Jimaata darbe ammoo, Ejensiin Annisaa Atoomikii Idil-addunyaa (IAEA), "balaa nukilaraa mudachuu malu hambisuudhaaf qaamoleen hunduu of eeggannoo olaanaa gochuu qabu," jedheera.

    Suura saatelaayitii

    Madda suuraa, Planet Labs PBC

  3. Yugaandaatti tuullaa balfaa sigigaateen lubbuu namoota 17 darbe

    Magaalaa guddoo Yugaandaa Kaampaalaatti sigiga lafaa bakka balfi guddaa itti gatamutti mudateen yoo xiqqaate namoonni 17 du’uunsaanii ibsame.

    Lubbuu baraartoonni ammalleen namoota lubbuun hafan hedduu argachuuf abdii godhachuun kan itti fufan yoo ta'u, balaan sigiga lafaa kunis rooba cimaa torban hedduudhaaf roobeen booda kan mudatedha jedhameera.

    Bakki balfi itti gatamu- Kiteezii kan hektaara 14 ta'u kun, guutuu magaalaa Kaampaalaa kan ummanni miliyoona afuritti tilmaamaman keessa jiraatan kan tajaajilu isa qofa.

    Kantiibaan Magaalaa Kaampaalaa, Eriyaas Lukwaagoon dhaabbata oduu AFP'tti akka himanitti, ''taatichi balaacimaa ta'uun'' kaasuudhaan ammalleen ''hedduun jijjigaa jalatti awwaalamanii ta'uu danda'u,'' jedhan.

    Angawoonni magaalichaa waggoota dheeraaf iddoo haaraa balfi itti gatamu barbaaduuf yaalii gochaa akka turan himamaa jira.

    Tuullaa guddaan balfa walitti qabameen uumame kun Jimaata gara galgalaatti jiguudhaan, jiraattonni osoo rafanii manneen qarqara iddoo sanatti argaman awwaaluusaa dhaabbanni oduu Rooyitars gabaaseera.

    Pirezidaant Yoweerii Musevenii namoonni attamiin ''tuullaa balaa fi yaaddeessaa ta'uu danda'u'' sanatti dhiyaatanii akka jiraatan akka qoratamu ajajaniiru. Akkasumas, kanneen ''naannoo balaa'' jechuun waaman sana keessa jiran akka kaafaman ajajaniiru.

    Balaa Sambata darbe mudate kanaan daa'imman lama dabalatee, lakkoofsi namoota du'anii saddeet ta'uun himamee ture.

    Dubbi-himaan poolisii Kaampaalaa Paatriik Onyaangoon Dilbata har'a AFPtti akka himanitti, ergasii reeffa dabalataa kan baafame yoo ta’u, namoonni 14 ammoo baraaramaniiru.

    Bakka balfi sigigaate

    Madda suuraa, AFP

  4. Haleellaa Israa'el mana baruumsaa Gaazaa jirutti raawwatteen namoonni hedduu du'an

  5. Iraan Israa’elirratti haleellaa banuuf qophaa’aa jirtii?

  6. Biyyi xiqqoon ollaa Sooriyaafi Israa'el Libaanos waraana Arabootaafi Israa'el keessatti ga'ee akkamii qabdi?

  7. Gidiraa manneen hidhaa Isra'el keessatti lammiilee Filisxeem irra gahu

  8. Gaaddidduu waraanaa jala kan jirtu Libaanos keessatti lammiileen Itoophiyaa haala akkamii keessa jiru?

  9. Taankiiwwan waraanaa Raashiyaa naannoo Kuurisk keessatti argaman

    Suuraaleen samiirraa gadi kaafaman taankiiwwan waraanaa Raashiyaa taankiin Yukireen Raashiyaa keessa naannoo Kuurisk keessatti waan ta’e tokkotti osoo dhukaasuu agarsiisan.

    Suuraawwan kunneen karaa Rooyitars Ministira Ittisaa Raashiyaa irraa dhufan. BBCtiin garuu hin mirkanoofne.

    Taankii Yukireen daangaa Raashiyaa keessatti

    Madda suuraa, Russian Defence Ministry/Reuters

    Daangaa Raashiyaa bakka Yukireen seentee haleelaa jirtu

    Madda suuraa, Russian Defence Ministry/Reuters

  10. Daawwadhaa: Viidiyoo mirkanaa’e konkolaataa waraanaa Raashiyaa barbdaa’an agarsiisu

    BBCn viidiyoowwan oonlaayin gadhiifaman konkolaataawwan waraanaa hedduu barbaadaa’an agarsiisan argee mirkaneeffateera.Viidiyoon kun kallattiifi dheerina gaaddiduu isaarraa hubachuu akka danda’ametti akka saatii bakka sanaatti 6:00 irratti waraabame.

    Viidiyoon kun daandii E38 jedhamu magaalaa Raashiyaa Oktiyaabiriskoy jedhamtu karaa kibba Raashiyaatiin Yukireen irraa kiiloomeetira 38 fagaatee argamutti waraabame.

    Viidiyoon kun konkolaataawwan waraanaa Raashiyaa hedduu barbaadaa’anii daandii gamaafi gamanarra hiriiranii dhaabatan agarsiiisa.

    Namni viidiyoo kana miidiyaarratti baase ammoo aanga’oota Raashiyaatiin hidhameera.

    Daawwadhaa

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Footage posted online shows destroyed Russian convoy
  11. Loltoonni Yukireen alabaa Raashiyaa gamoo mana-mareerraa buusaa yeroo jiran daawwadhaa.

    Yukireen daangaa Raashiyaa keessa fagaattee seenuun haleellaa gaggeessaa yeroo jirtu kanatti viidiyoowwaniifi suuraaleen dabalataan bahaa jiru.

    Viidiyoo kanaa keessatti yeroo loltoonni Yukireen lama ganda naannoo Kuurisk-Raashiyaa keessatti alaabaa Raashiyaa gamoo mana-mareerraa buusanii argitu.

    BBCn viidiyoon kun bakki isaa eessa akka ta’e adda baafateera.

    Daawwadhaa

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Ukrainian soldiers remove Russian flag from council building
  12. Raashiyaan halkan tokkotti diroonii Yukireen 35 kuffiisuu himte

    Ministeerri Ittisaa Raashiyaa gabaasa Dilbata har'aa ganama baaseen, humnoonni isaa halkan tokkotti diroonii 35 fi rookkeettii afur ''sirna Kiiviitiin'' dhukaafaman jedhe kuffisuu ibse.

    Ibsa gabaabaa baaseen, ministeerichi naannoleen Lixaa Raashiyaa Kuurisk, Voronezh, Belgorood, Biryaaniks fi Oreel Yukireen irratti xiyyeeffataniiru jedha. Miidhaa fi ajjeechaan mudachuu garuu hin kaasu.

    Haleellaa Raashiyaan misaayilaan mandara Rozhivka, magaalaa Kiyiiv itti Hagayyaa 11, 2024 raawwatte hordofee namoonni naannoo balaatti argamaniiru

    Madda suuraa, Rooyitars

    Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaa Raashiyaan misaayilaan mandara Rozhivka, magaalaa Kiyiiv itti Hagayyaa 11, 2024 raawwatte hordofee namoonni naannoo balaatti argamaniiru
  13. Raashiyaan tarkaanfii Yukireen dhaabuuf bakka rakkachaa jirtutti namoonni jumlaan baqachaa jiru

    Raashiyaan humna waraanaa meeshaa waraanaa ulfaataa dabalataa gara naannichaatti ergitulleen, humna waraanaa Yukireen bulchiinsa lixa Kursk keessaatti taasiftu dhaabuuf rakkachaa turte.

    Namoonni 76,000 ol ta'an naannicha keessaa kan baafaman yoo ta'u, naannichatti sirni "farra shororkeessummaa" daangaa sadii guutuurra kaa'ameera.

    Kana jechuun aanga'oonni naannoo Kuursk, Belgorod fi Biriyaanisk keessaa tarkaanfiiwwan sochii namootaafi konkolaataa akkasumas bilbila fayyadamuu daangeessuu danda'u jechuudha.

    Bulchaan naannichaa Aleeksii Simirnoov Wiixata ganama haleellaa, lolli Kuursk keessatti halkan tokkoof itti fufee kan jiru fakkaata jechuun, ''gantummaa'' Yukireen irratti raawwatameen namoonni miidhaman akka jiran dubbataniiru.

    Innis dura akka jedheetti, Sambata galgala caccabaan misaa’ela Yukireen kufeetti magaalaa guddoo naannoo Kuurisk keessatti gamoo abbaa darbii hedduu irratti kufee namoonni 13 madaa’aniiru jedhe.

    Bulchitoonni naannoo ollaa Raashiyaa Voronezh fi Belgorood akkasumas haleellaa diroonii Yukireen halkan raawwatamuu gabaasan. Miidhaan qaqaabuu garuu hin kaafamne.

  14. Kaamlaa Haaris lammileen nagaa Gaazaatti du'an 'baay'eedha' jetti

    Haleellaa Israa'el gaggeessiteen amoo manca'e

    Madda suuraa, Reuters

    Pirezedanti ittaantuun Ameerikaa Kaamlaa Haaris haleellaa qilleensaa Israa’el Sambata darbe gamoo mana barumsaa Gaazaarratti raawwatameen lubbuu namoota nagaa darbuu balaaleffatan.

    Gamoo lammilee Filisxeem qe'ee isaaniirraa buqqaafaman keessa dahatan keessatti namoonni 70 ol ajjeefamuusaanii daarektarri hospitaala tokkoo BBC'tti himeera.

    Aadde Kaamlaa Haaris lammileen nagaa ''ammas baay'een'' ajjeefamaniiru jechuudhaan, yaada Waayit Haawus kenne deebisanii dhageessisuudhaan waliigaltee booji'amtootaafi dhukaasa dhaabuu akka taasifamuuf irra deebi'anii waamicha dhiyeessan.

    Dubbi-himaan waraana Israa’el, manni barumsaa al-Taba’een “akka dhaabbata waraanaa Hamaas fi Jihaadii waraana Islaamaa sochiirra jirutti tajaajilaa ture” kan jedhan yoo ta'u, Hamaas garuu kana ni haale.

    Sagantaa duula filannoo Arizoonaa Fooniks keessatti gaggeeffamerratti kan dubbatan Aadde Kaamlaa Haaris, Israa’el “Hamaas hordofuudhaaf” mirga qabdi, garuu miidhaa namoota nagaarraa of eeguuf “itti gaafatamummaa guddaa” qabdi jedhan.

    Haleellaan qilleensaa Sambata darbe Israa'el raawwatte humnoota warra Lixaa fi naannootiin qeeqamaa kan ture yoo ta’u, Masriin gamasheetiin Israa’el dhukaasa dhaabuuf ykn waraana Gaazaa xumuruuf fedhii akka hin qabne agarsiisa jetteetti.

    Hogganaan Hospitaala al-Ahlii kan bakka namoonni hedduun lubbuun isaanii darbe itti geeffamanii, Faadl Naa'eem akka jedhanitti, haleellichaan booda sa'aatii muraasa keessatti namoonni miidhaman gara 70 ta'an adda baafamaniiru jedhan.Haata'u malee, reeffi namoota hedduu baayyee waan miidhameef adda baasuun rakkisaa ta'eera.

    Waraanni Israa'el ''shororkeessitoota Hamaas kanneen wiirtuu ajajaa fi to'annoo Hamaas mana barumsaa al-Taba'een keessatti walitti qabamuun socho'an sirriitti rukuteera'' jedheera.

    Ibsi Raayyaa Ittisa Israa’el (IDF) fi Ejensii Nageenya Israa’el kenneeniin, “yoo xiqqaate shororkeessitoonni Hamaas fi Jihaadii Islaamaa 19” haleellaa kanaan “dhabamanii” jedheera.

  15. Reeffii namoota 62 balaa xiyyaaraa Biraazilitti qaqqabeen du’anii argame

    Balaan xiyyaaraa Sa'oo Pawuloo kun erga balaa xiyyaaraa 2017 as isa hamaadha jedhameera

    Madda suuraa, EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, Balaan xiyyaaraa Sa'oo Pawuloo kun erga balaa xiyyaaraa 2017 as isa hamaadha jedhameera

    Balaa xiyyaara Biraazil naannoo Sa’oo Pawulootti Jimaata qaqqabeen namoonni xiyyaaricha keessa turan hundi du’uu qondaalonni biyyattii mirkaneessuun, reeffi hundasaanii argamuu ibsan.

    Xiyyaarichi kan daandii qilleensaa Vooyi paas jedhamuu yoo ta’u magaalaa Vinhedoo jedhamutti kufee balaa qaqqabsiise.

    Xiyyaarri ATR 72-500 jedhamtu imaltoota 57 fi hojjattoota xiyyaarichaa afur baattee imalarraa akka ture daandiin xiyyaarichaa kan beeksise ture yoo ta’u, Sambata darbe lakkoofsi namoota balaa kanaan miidhamanii 62 ta’uu ibsee ture.

    Eenyummaan namoota balaa sanaan du’anii gartuun qorattoota adda baasaa jiraachuun eerameera.

    Viidiyoon miidiyaa hawaasaarratti qoodama ture wayita balaa sun qaqqabu xiyyaarichi samiirraa asii gadi konkolaachaa turuu mul'iseera.

    Xiyyaarichi naannoo manneen jireenyatti kan kufe ta’ullee namoota lafarra turan balaa kanaan hin miidhamne.

  16. Taphatoota lama Jarman irraa kan mallatteessise Maan Yunaayitid jifataa Biraayitanis fudhachuu danda’a

    Fargusan

    Madda suuraa, Reuters

    Tapha waancaa Koominiitii Shiildiin kaleessa Maanchiisatar Siitiidhaan kan mo’ame Maanchiistar Yunaayitiid, jifataa Biraayitan Evaan Fargusan malleessifachuu danda’a jedhame.

    Gaazexaan ‘Daily Star’ har’a akka gabaasetti, Yunaayitid jifataa Biraayitan paawondii miiliyoona 50tiin fudhachuuf filmaatawwan ilaalaa jira.

    Cheelsiinis Evaan Fargusan barbaadaa jiraachuu gaazexaan kun dabaluun kaaseera.

    Kun osoo kanaan jiru, Yunaayitid Baayar Muuniik irraa Maatiiyaas De Liikti fi Nuuseer Maaziraawii fudhachuudhaaf waliigalusaa BBC maddeen isaa irraa mirkanneeffateera.

    Maanchester Yunaayitid jifattoota kanneen lamaaniif paawundii miiliyoona 50 kanfala.

    Maanchester taphataasaa gama sarara mirgaan taphatu Aaroon Waan-Bisaakaa Paawondii miliyoona 5.6n West Haamitti gurguruu Macnhester Evening News gabaaseera.

    Taphataan sarara gidduu Maan Yunaayitd Kasemiiroon gara Sa'ud Arabiyaa deemuu mala jechuun kan gabaase ammoo Metiroodha. Leeniisaa Eeriik Teen Haag lammii Biraazil kan umuriin wagga 32 fi taphataa sarara jidduu haa turu jedhulleen, Kaasemiiroon tibba tapha kanaatti Yunaayiti irraa gargar bahuu danda’a jedhameera.

    Kilabiin Liigii Piriimiiyarii Ingiliz kan biraa Aston Viilaan lammii Poorchuugaal Jaa’oo Feeliiks Atiileetiikoo Maadiiriid irraa fiduuf fedhii qaba jedhameera.

    Miirar gabaasa isaatiin akka jedhetti, Atileetikoo Maadiriik injifataa umuriin waggaa 24 kana dabarse kan kennu yoo kanfaltii olaanaa Viilaa irraa gaafatu argate qofaadha jedheera.

    Peediroo Neetooniin paawundii miiliyoona 54tti kan gurguran Woolvaasoonni, Faabiiyoo Siilvaan akkasuma paawundii miiliyoona 17tti gurguruudhaaf qophiirra jiraachu gabaaseera.

    Marsariitiin Tiimtook jedhamus, kilaboonni Ispaanyool, Vaalnshiiyaa fi Woolfsbarg fa’is kanneen lammii Poorchugaal kan umuriin waggaa 22 barbaadan keessaayi.

    Boornmaz seenaa kilabichaatti maallaqa olaanaa ta’en injifataasaa Soolaankeen kilabii Kaaba Landan kan ta’e Totanahaamiitti gurgureera.

    Saparsi paawundii miiliyoona 65'n Soolaankeen waliigaltee wagga jahaa mallatteesiseera.

    Taphataan Liivarpuul Faabii’oo Kaarvaalaah ammo kilabii Landan Bireentifooriitti makamuuf xumurarra gaheera.

    Gaazexessaan Ispoortii lammii Xaaliyaanii Faabriiziiyo Roomaanoo taphataa sarara jidduu kan ta’es Bireentfoorditti makamuuf waliigaltee raawwachu ibsee, Liivarpuul ammoo paawundii miiliyoona 20 ni argata jedheera.

  17. Xayyaarri Itoophiyaa shaakalarra ture rakkoo teeknikaan mudateen Aarsitti qubatee daa'ima tokkorraan miidhaa geessise

    Asxaa Yuunivarsii Aviyeeshinii Itoohiyaa

    Madda suuraa, Ethiopia Airlines

    Xayyaarri Itoophiyaa paayileetonni ittiin leenji'aa turan rakkoo teeknikaa mudateen naannoo Arsii Nagelletti qubachuuf dirqamee daa'ima tokkorraan miidhaa geessise.

    Xayyaarri leenjii Dimond DA40NG jedhamtu barattoonni Yuunivarsiitii Aviyeeshinii damee Hawaasatti baratan ittiin shaakalarra turan osoo qilleensarra jiranuu rakkoo mudateen naannoo Arsii Nageelleetti nagaan qubatanis daa'ima lafa turte tokkorra miidhaan gahuu Daandiin Qilleensa Itoophiyaa fuula miidiyaa hawaasaa isaa irratti beeksise.

    "Leenjisaafi barataan xayyaara barattoonni ittiin leenji'an keessa turan xayyaarattiin bifa balaa hin geessifneen qubachiisuuf tattaaffii godhaniiru," kan jedhe daandin qilleensichaa daa'ima tokkorra miidhan gahuu ibse.

    Haa ta'u garuu miidhaa cimaafi salphaa ta'uusaa ifa hin goone daandin qilleensichaa.

    Rakkoo mudateef sababni maal akka ta'e qaamolee dhimmi ilaallatuun qorannoon gaggeeffamaa akka jirus beeksise.

  18. Biraaziilitti xayyaarri kufee caccabee namoonni 61 du'an

    Bakka xayyaarri itti kufee caccabe

    Madda suuraa, EPA

    Xayyaarri namoota fe'ee imalaa ture Biraaziil bulchiinsa Sa'ooppooloo keessatti kufee caccabuun namoonni 61 du'an.

    Xayyaarri bulchiinsa Kibba Biraaziil Kaskaavel irraa ka'uun gara magaala Vinhedo jedhamtu imalaa ture kufee caccabuuni namoonni xayyaaricharra turan hunduu kan du'an.

    Viidiyoon miidiyaa hawaasaa irratti qoodamaa ture yeroo xayyaarri samiirraa gaggaragalaa lafa dhahu agarsiisa.

    Xayyaarri ATR 72-500 kuftee caccabde kun imaltoota 57 fi balaliistotaafi keessummeessittoota feetee turte.

    Kanneen xayyaaricha irra turan keessaa kan lubbuun hafes hin jiru.

    Pirezidaantin Biraazil Luulaa Daasilvaa gadda itti dhagahame ibsuun maatii namoota du'aniif jajjabina hawwaniiru.

    Bulchiinsa Sa'ooppooloo, bakka xayyaarri itti kufee caccabe kanatti, gaddi guyyaa sadii labsamee jira.

    Xayyaarrichi kan kufee caccabe bakka namoonni jiraatanitti ta'us, jiraattootarra miidhan qaqqabe akka hin jirre himame.

    Abbaan taayitaa sivil aviyeeshinii Biraazil gamasaan xayyaarri kufee caccabe kun bara 2010 kan omishameefi haala gaarirra akka ture beeksise.

  19. 'Ani miidhanmee hafus atileetonni keenya akka milkaa’anin hawwa' – Atileet Sisaay

    Atileet Siisaay Lammaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Atileetota Itoophiyaa maaraatooniin biyya bakka bu’uuf filatamaniifi guddaa abadataman keessaa tokko kan ta’e Sisaay Lammaa, sababa miidhamaan keessaa baheera.

    Bakka isaa atileetiin Shaampiyoonaan Atileetiksii Yuujinitti shaampiyoonaa ture Taammiraat Tolaatu seene.

    Waltajji guddaa kanarratti yeroo xumuraa kan hanqate atileetiin kuni waa’ee miidhama isaa yoo dubbatu ''dogongora shaakalaa'' na hojjechiisan jedheen isa qunname.

    Miidhamni isaa kunis Olompikiin Paaris maaraatooniin dorgomamuu torban sadii duradha.

    ''Bokkaan dhufe daddafaa jedhame deemnee hamma deebinutti recovery [bayyanannaa] idduutti jiru daqiiqaa tokko gadi waan ta’ef balaa saniin nan butame [miidhame],'' jechuun BBC’tti hime.

    Erga qorannoo fayyaa garagaraa taasise booda miidhama isaa kanas Koree Olompikii Itoophiyaafi Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaaf xalayaan beeksise.

    ''Balaa tasaa lukakoorraa waan gaheef biyyakoo bakka bu’uu dadhabuu kiyyaaf dogongora shaakalaatiin wanta uumameef doktarootaan erga ilaalsise boodaa keessaa bahuu,'' xalayaan ibse.

    Sisaay barana maaraatoonii Vaalensiyaafi Boostan ga’umsa guddaan injifate.

    Garee maaraatoonii Itoophiyaa keessaa yeroo saffisaa kan qabu Sisaay ture. Kunis, 2:01:48 dha.

    Yeroo Vaalensiyaatti inni mo’ate, Qananiisaan afraffaan xumure.

    Silaa Paarisitti ''morkataan akka addunyaatti tokkoffaa ta’e argamuun kan jiru tokko ana ture,'' jechuun gaabbiin dubbata.

    Osoo rakkoon fakkaa isa hin qunnamne ta’e ''Warqii fida jedheen yaada,'' jechuun hime.

    Haa ta’u malee, sababa miidhamaan waan kana milkeessuu hin danda’u.

    ''Ani miidhame, biyyimmoo miidhamuu itti hin jiru kanaan waliigallee innillee [Taammiraat Tolaa] akka seenu ta’e,'' jechuun dorgommii dura BBC’tti dubbate.

    Innis hafu atileetota Itoophiyaa ''Rabbi akka gargaaru abdii guddaa qaba.’’

    Gareen maaraatoonii Itoophiyaa bakka bu’uun Qananiisaa Baqqalaa, Dheeressaa Galataafi Taammiraat Tolaa ni dorgomu.

  20. Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa dhiyeenya magaalaa Bishooftuutti buufata xiyyaaraa ijaaruuf hojii dizaayinii eegale

    Waliigaltee hojii dizaayinii buufata xiyyaaraa

    Madda suuraa, FBC

    Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa buufata xiyyaaraa idil-addunyaa haaraa dhiyeenya magaalaa Bishooftuutti ijaaruuf dhaabbatni biyya UAE, Dar jedhamu hojii dizaayinii akka hojjetuuf waliigaltee mallatteesse.

    Hojiin dizaayinaa kun meeqa akka baasisu hin ibsamne. Ammoo buufata xiyyaaraa lafa isquweer Kilomeetirii 35 irratti ijaaramu kanaaf bajatni doolaara biliyoona 6 ta'u ramadamuun gabaafameera.

    Hojiin ijaarsa buufata kanaa marsaan jalqabaa yoo xumuramu waggaatti imaltoota miliyoona 100 keessummeessuu danda'a.

    Yeroo tokkottis xiyyaarota afur qubsiisuu ykn balaliif kaasuu danda'a.

    Daandiin xiyyaaraa idila-addunyaa Boolee yeroo ammaa gahumsa waggaatti imaltoota miliyoona 5 tajajilu qaba.