Darbiin Landan: Cheelsii 1- 1 Arsenaal, Arteettaan qabxii sadii dhabuutti gadduu hime

Piriimer Liigii: Maanchister Yuunaayitid 2-1 Kiristaal Paalaas mo'achuun jahaffaa gale. Cheelsii 1- 1 Arsenaal, Arteettaan qabxii sadii dhabuutti gadduu hime

Guduunfaa

  • Darbii Landan Cheelsii 0-0 Arsenaal
  • Liiverpuul galchii Aleeksaander Isaakii fi Gaakpoon West Haamiin 2-0 mo'ate
  • Aston Viilaan galchii 1-0 Woolvis mo'achuun sadarkaa arfaffaa iira gale
  • Kiristaal Paalaas 1- 2 Maanchister Yuunaayitid
  • Liisaandiroo Maartinez miidhama yeroo dheeraa booda deebi'uun jijjiiramee gale
  • Maanchister Yuunaayitid erga bara 2019 as yeroo jalqabaaf dirree K. Paalaas irratti injifannoo argate
  • Mohaammad Saalaa tapha West Haam irratti filannoo taphattoota jalqabaan ala tahe
  • Odeessa tamsaasa kallattii ipsoortiin ala jiran dubbisuuf: Yukireen taankaroota boba'aa Raashiyaa haleeluun dubbii hammeesse

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

Zelalem Tadesse Duressa

  1. Dorgommii Piriimer Liigii torban 13ffaa kileboonni gurguddoo mo'atan

    Cheelsii 1-1 Arsenaal

    Kiristaal Paalaas 1-2 Maanchister Yuunaayitid

    Maanchister Siitii 1-1 Liidsi Yunaayitid

    West Haam 0-2 Liiverpuul

    Nootingihaam Foorest 0-2 Biraayitan

    Aston Viilaa 1- 0 Woolvis

    Sanderlaand 3-2 Boornimooz

    Bireentfoord 3-1 Baarnilee

    Everteen 1- 4 Niwkasil

    Tootenhaam 1- 2 Fuulham

  2. Mikeel Arteettaa mo'achuu dhabuu isaanii fi cimina Cheelsii irratti yaada kenne

    "Tapha baay’ee ulfaataa ture. Gareen lamaan saffisa guddaa fi kutannoon taphataa turan. Balleessaa wal irratti hojjetan hunda irraa hubachuu dandeessa. Ulfaataadha.

    Erga kaardii diimaan kennamee tapgichi xinnoo tasgabbaa’e. Nuyis akka tasgabbaa’ee itti yaaduun taphannu barbaannee ture.

    Garuu galchiin nurratti lakkaa’ame. Balleessanis nurratti hojjetame. Garee ciccimoo lamaan waancaa Piriimer Liigiif falmatan irraa waanuma eegamudha.

    Taphattoonni keenya afur kaardii akeekkachiisaa waan qabaniif isaan irratti xiyyeeffachuun taphataa turan. Galchii bareedaa lakkoofsifnee carraa galchii lama sadii tahus argannee ture.

    Dhugumatti garee baay’ee jabaadha isaan. Koornaa irraa galchii torba bara kana lakkoofsisaniiru. Nuyi ammo saddet galchine jedhe.

    Kaardii Diimaa Moses Kaayisedoo irratti: Taphichi saffisa waan qabuuf hubachuuf rakkisa. Miira nama hundaa gaafan ilaalu garuu dhumateeraaf jechaa turan. Akkasuma taha. Kaardii diimaa. Murtoo sirrii natti fakkaata.

    Tapha Baayern booda boqoachuuf guyyaa tokko qofa qabna ture. Isaan guyyaa tokko nu caalaa argataniru. Yeroo hundaa mo’achuu barbaanna ture.

    Torban kun xiin-sammuudhaanis qaamaanis yeroo ulfaataa fi barbaachisaas ture jedhe Mikeel Arteettaan.

    Taphattoota 10 morkannee qabxii sdaii dhabuu keenyatti gaddeera jedhe.

    Amma Roobii dhufu morkattoota jajjaboo qabna. Bireentifoord. Isaaniin mo’achuuf ammumaan qophaa’uu qabna. Itti aansuun ammo Aston Viilaadha. Morkattoota jajjaboo qabna jedhe Mikeel Arteettaa taphaan booda ibsa kenneen.

  3. Riis Jeemsi: 'Qabxii sadii dhabuu keenyatti gaddineerra'

    Boqoannaa dura taphataa tokko kaardii diimaan waan dhabneef haalichi akka ulfaatu godhe.

    Bara kana gahumsa akkamii akka qabnu namni kamiyyuu waanuma argaa jirudha. Akkan yaadutti har’a ergaa guddaa tokko dabarsineerra.

    Mo’achuuf turre. Akkasis tahee garuu waan gaarii baay’ee agarsiifneerra jedhe taphaan booda yaada kenneen.

    Boqonnaa irratti maal mari’attan yoo jedhamu Jeemsi, leenjisaan xiqqoo taaktika taphaa jijjiireera.

    Waan lakkoofsi keenya hir’uu taheef kubba baay’ee argachuu akka dhiisnu hubanneerra.

    Akka isaan dhiibbaa keessa galan goonee deebisnee jifachuuf galle. Nuuf hojjeteera jedhe. Jeemsi Deklan Raayis, Zuubimandii fi Eezzee waliin sarara gidduu wal’aansoo qabee milkaa’eera.

  4. Arsenaal qabxii shaniin qofa Piriimer Liigii dursa

    Arsenaal qabxii shaniin qofa Maanchister Siitii caala. Arsenaal qabxii 30, Maanchister Siitii qabxii 25niin itti aana.

    Cheelsiin qabxii 24 qaba. Garaagarummaan Arsenaal, Maanchister Siitii, Cheelsii fi Aston Viilaa tapha lama qofa.

    Kun hagam akka walitti dhiyaachuun dorgommicha jabeessan agarsiisa.

    Arsenaal Darbii Landan torban darbee Tootenhaamiin 4-1 mo'ate. Baayern Munikiin 3-1 mo'ate.

    Cheelsiinis Baarseloonaa mo'ate. Lameenuu imala gaarii irra jiru. Garuu Cheelsiin osoo Kaayiseedoo hin dhabne tahe carraa injifachuu qaba ture.

  5. Cheelsii 1-1 Arsenaal

    Cheelsiin gootummaa guddaa Darbii Landan irratti agarsiise. Bir-qabaan taphataan isaanii cimaa fi utubaa sarara gidduu jedhamu Moses Kaayisedoon daqiiqaa 38 irratti kaardii diimaan bahe.

    Cheelsiin kana sodaachuun ittisatti hin deebine. Inumaayyuu galchii lakkoofsisan.

    Mikel Merinoo galchii wal qixxeessituu Arsenaaliif lakkoofsise.

    Darbiin Lnadan qixa xumurame. Kileboonni lameen tokkoffaa fi lammaffaa tahuun taphichaaf gahan. Amma Arsenaal qabxii gate. Galchiinis irratti lakkaa'ame.

  6. Cheelsiin tapha bareedaa taphataa jiru

    Cheelsiin tapha bareedaa taphataa jiru. garuu qabxii kana eegsisanii bahuu isa jedhu murteessa.

    Qaawwaa Kaayiseedoo akak hin mul'annetti Riis Jeesmi sarara gidduu Eenzoo waliin taphataa jira.

    Cheelsiin lakkoofsa taphataan caalamneerra jedhee ittisatti hin deebine.

    Carraa argataniin deddeebi'anii gara karra Arsenaal gahaa turan.

  7. Cheelsii 1-1 Arsenaal

    Mikeel Arteettaan taphataan isaanii Meerinoon dandeettii galchii lakkoofsisuu gaarii akka qabu tapga dura dubbatee ture.

    Meerinoon akksuma Arsenaaliin wal qixxeesse.

    Amma Arsenaal taphataa sarara duraa Viiktar Giyookeres gara dirree galcheera.

    Daqiiqota 15 hafan keessatti kamtu milkaa'a? Nu hordofaa.

  8. Cheelsii 1-1 Arsenaal: Gaanaachoon seenaa haaraa ofiif galmeesse

    Cheelsiin kubba koornaa irra rukutan Chaaloobaan lakkoofsisuun Arsenaaliin dursaa jiru.

    Wiiliyaam saalibaa fi Maagalesh kan dhabe Arsenaal caalmaa taphattootaa qabaatus Cheeslii hedduu qoraa hin jiru.

    Estevayoo baahuun Gaanachoon dirree galeera. Gaanachoon taphataa Ameerikaa Kibbaa jalqabaa umurii xiqqaan taphoota Piriimer Liigii 100 taphatan jalqabaa tahe.

    Gaanaachoon umurii isaa 21'n sadarkaa kanarra gahe. Maanchister Yuunaayitidii Cheelsii kan gale Gaanachoon boqonnaa booda jijjiiramee gale.

  9. GOOOl: Cheelsii taphattoota 10niin osoo taphatuu galchii lakkoofsise

    Cheelsiin boqonnaa dura Kaayisedoo kaardii diimaan dhabus dursuu jalqabeera. Chaaloobaan galchii lakkoofsise.

    Cheelsii 1- 0 Arsenaal

  10. Kaardii Diimaa: Moosis Kaayiseedoo kaardii diimaan bahe

    Moosis Kaayiseedoo balleessaa Mikeel Meerinoo irratti hojjeteen kaardii diimaan dirree keessaa bahe.

  11. Cheelsii 0-0 Arsenaal

    Tapha of eeggannoon guutedha. Lameenuu sarara gidduu irratti caalmaa fudhachuuuf falmii gochaa jiru.

    Deklaan Raayisii fi Kaayiseedoon utubaa gidduu lameen wal morkatanidha.

    Zuubimandiin daqiiqaa shan irratti kaardii akeekkachiisaa [keelloo] fudhateera. Falmii Landan jabaa, leenjistoota Gaardiyoolaa irraa baratan lamaan gidduutti gaggeeffamaa jirudha.

  12. Odeeffannoo Ispoortii kallattiin argachuuf Chaanaalii WhatsApp keenya 'follow' tolchaa

    WhatsApp

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Chaanaalii BBC Afaan Oromoo seenaaa

    Oduuwwan ispoortiifi kaan jala jalaan karaa Chaanaaliii WhatsApp keenya gadhiisuu eegalleerra.

    Ammumma asiin seenaa 'follow' tolchaa.

  13. Mikeel Arteettaan tapha kanaaf haalaan qophoofneerra jedhe

    Mikeel Arteettaan tapha kanaaf haalaan qophoofneerra jedhe

    Tapha baay’ee guddaadha. Darbii Lanadan cimaadha. Cheelsiin gahumsa ajaa’ibaa irra jiru. Rakkoolee qabnuu fi carraa injifannoo qabnu sirriitti adda baasneerra.

    Mo’achuuf qophiidha jedhe.

    Eenzoo Maareshkaa waa’ee waancaaf morkachuu yoo gaafataman: Yeroon isaa ammallee ganamadha.

    Garuu akka bara darbee miti. Isaan olitti nu eegaa. Taphattoonnikoo ijoollee waan tahaniif muuxannoo argataa deemu.

    Dhiibbaa keessa isaan galchuu hin barbaadu jedhe.

  14. Arteettaa miidhama Wiiliyaam Saaliibaa irratti yaada kenneera

    Kaleessa yeroo shaakala hojjennu miirri gaariin itti dhagahamaa hin turre. Maaltu akka isa mudate sichi adda baasna. Garuu tapha har’aaf waan gahu hin turre.

    Miidha guddaa natti hin fakkaatu. Dhugaan jiru garuu tapha har’aaf akka hin geenye qofaadha jedhe.

    Tiroosaadis miidhama guddaa tahuu baatus har’aaf gahuu hin dandeenye. Yeroo jalqabaaf bakka Maagaleshii fi Saaliibaan hin jirretti barana Hinkaappee fi Mooskuweeraan waliin ittisa gidduu irra taphatu.

    Arsenaal taphattoota cicimoo baay’isee bituun filannoo akkasii yeroo rakkisaa akka kanaatti argachuuf isa gargaare.

  15. Wiiliyaam saalibaa miidhamuun har’a hin taphatu

    Wiiliyaam saalibaa miidhamuun har’a hin taphatu.

    Gabri’eel Magalesh bakka hin jirretti Saalibaan sarara ittisaa cimsuun taphataa ture.

    Sarara ittisaa irra Cinaa lamaaniin Tiimberii fi Kaalafiyoorii, ittisa gudduu Hinkaappee fi Mooskuweeraan taphatu.

    Sarara gidduu irra Ebereche Eezzee, Zuubimandii fi Deklaan Raayis yoo taphatan, sarara duraa ammo Meerinoo, Saakaa fi Maartineeliin dursu.

    Guustoo fi Kukurellaan ittisa cinaa lamaanii irra taphatu. Wesilii Fofanaa fi Caalobaan ittisa gidduu yoo taphatan, Sarara gidduu ammoo Riis Jeemsi, Moses Kaayiseedoo taphatu.

    Isaan fuuldura ammoo Estivayoo, Eenzoo Fernaandezii fi Peedroo Neetoon taphatu. Sara fuula duraa lakkoofsa sagal kan dursu Jaayoo Peedroodha.

  16. Isaak galchii Piriimer Liigii jalqabaa Liiverpuuliif lakkoofsise

    Yeroo kudhan yaalee galchii tokko Liiverpuuliif kan lakkoofsise Aleeksaander Isaak aara galfii isaaf taati.

    Garuu yoo mo'atanii bahanidha. Bakka Mohaammad Saalaa hin taphannetti Isaak galchii lakkoofsisuun ofitti amanamummaa isaaf gaariidha.

  17. Amma nu gahe, Viiktar Giyookeresii fi Kool Paalmer tapha har'aaf deebi'aniiru

    Viiktar Guyookeres

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Viiktar Giyookeres

    Kool Paalmerii fi Viiktar Giyookeres tapha har’aaf deebi’aniiru. Garuu taa’umsa jijjiirraa irra taa’an.

    Gabri’eel Yesusu akkasuma taa’umsa jijjiirraa irra jira. Arteettaan leenjisaa Arsenaal tahee tapha lammaffaa isaa irratti Cheelsiidhaan mo’ame.

    Kun bara 2019 yoo tahe ergasii Arsenaal Cheelsii irratti ol aantummaa guddaa qaba.

    Taphoota 11 keessaa Arsenaal torba mo’achuun sadii qixa bahee, tokko qofa mo’ame.

  18. Arteettaan tapha Cheelsii dursee waa’ee taphattoota har’a hiriiranii fi kaan dubbate

    Arteettaan tapha Cheelsii dursee waa’ee taphattoota har’a hiriiranii fi kaan dubbate.

    • Li’ndiroo Tiroosaad tapha Baayern Muunik irratti miidhamee jijjiiramee baheera. Ergasii tapha har’aa al tahuu dursee beekamuu baatus Arteettaan miidhama guddaa hin fakkaatu. Har’a taphachuu mala jedhe. Kun ibsa Jimaata kenne irrattidha.
    • Gabri’eel Yesus tapha michummaa cufaatti Kmaisa gaggeeffame irratti taphateera. Miidhama yeroo dheeraa booda deebi’aa jira.
    • Etaan Nawaneeriis akkasuma taphachuu danda’a.
    • Viiktar Giyookeresii fi Kaayi Haavert ilaalchisee: gaafa Jimaataa waan dubbate ammas yeroo qabna. Mee ni ilaalla jedhee abdii kenneera.
    • Giyookeres tapha har’aaf tarii hiriiruu danda’a. Haavert miidhama yeroo dheeraa irra waan tureef carraa jalqaba hiriiruu waan qabu miti.
    • Gabri’eel Maagalesh dafee deebi’uuf waan danda’e hundaa gochaa jira. Qorannoo gaggeessinee yeroo isaa adda baasna jedhe Arteettaan.
    • Meeriinoo akka taphataa sarara duraatti fayyadamuu irratti: Meeriinoon taphataa kubba miilaaf qaroo addaa qbaudha. Akkaataan sochii isaa, akkaataan carraa galchii itti uumuu fi dhamaatiin isaa baay’ee guddaadha. Akka gareetti haala taphaa addaa akka hordofnu taphataa nu taasisedha.
    • Baayern Muunik irratti carraa galchii qulqulluu lama argatee ture. Garee faallaaf taphataa yaaddoo tahedha jedhe Arteettaan
  19. West Haam 0-0 Liiverpuul

    Aleeksaander Isaak Liiverpuuliif kisaaraa taheera. Taphataan Niwkaasil keessatti galchii lakkoofsisuun beeknu barana homaa taphataa jabaa tahuu isaa agarsiisaa hin jiru.

    Arne Isloot bakka Mohaammad Saalaa, Doominik Sooboslaayi taphachiisan.

    Sooboslaayiif bakka isaa sirrii miti. Filooriyaan Wiirz ammoo bakka duraan Sooboslaayi taphataa ture lakkoofsa 10 taphachiisaa jiru. Gaakpoon taphataa biraa sarara duraa Isaak waliin dursaa jirudha.

    Kamtu mo'ata?

  20. Mohaammad Saalaa filannoon ala tahe

    Liiverpuul amma West Haamiin keessummeessa. Kun erga taphoota 11 keessaa sagal mo’ameeti.

    Arnee Isloot obsa Saalaaf qabu waan fixate fakkaata.

    Barana Mohaammad Saalaa bara darbee arguun hin danda’amne. Dhugaadha! Bara dorgommii darbe yeroo Liiverpuul Shaampiyoonaa tahu Mo Saalaan galchii fi kubba galchiif tahu kennuun wlaiigala 51 galmeessee ture.

    Taphataa Ballon d’Or irratti dorgomaa jabaa ture barana maaltu argate?