Kirkira lafaa cimaa Miyaanmaariitti namoota 1,7000 galaafateen booda jiraattoonni maal jedhu?

Ibsa waa'ee viidiyoo, Kirkira lafaa cimaa Miyaanmaariitti namoota 1,7000 galaafateen booda jiraattoonni kan jedhan
Kirkira lafaa cimaa Miyaanmaariitti namoota 1,7000 galaafateen booda jiraattoonni maal jedhu?

Kirkira lafaa Miyaanmaaritti mudateen namoonni gara 1,700 kan du'anii, kanneen 300 ta'an ammoo achi buuteen isaanii dhabamusaanii Hogganaan waraanaa biyyattii kaleesa beeksiisanii ture.

Kana malees hoganaan waraanaa kun, namoonni gara 3,400 ta'an miidhaan qaamaa irra qaqabuu fi kanneen hanga ammaatti achi buuteensaanii dhabame barbaadaa jiraachuu dabaluun himanii ture.

Kirkira lafaa cimaa badii olaanaa qaqabsiiseen alatti kirkirri lafaa sa'aatii lamaa sadiin sababii dhagahamuuf ummanni manni jalaa hin miidhamne illeen tasgabbaa'anii mana keessa buluu akka hin dandeenye ibsu.

Jiraattoonni akka himaniitti, goodaa keessaa bulaafi nyaata gahaa malee akka jiran BBCtti himan.

Waan jiraattoonni dubbatan kunoo viidiyoo kana dowwadhaa.