Awaannisni tokkichi akkamiin balaa akka itti ta'u

Hoomaan awaannisaa jalqaba bara kanaatti Baha Afriikaa fi isaan keessa tatamsa'aa ture, amma ilbiisni kun wal horuun yeroo lammaffaaf wabii nyaataa fi jireenyaa hawaasaa yaaddoo keessa galcheera. Nuusa jaarraa kanaatti weerara ilbiisaa isa hamaadha. Akkamitti hammaataa adeeme?

suuraa awaannisa gammoojjii dabalataan

Awaannisni gammoojjii akkasii kun gosa kuruphisaati- addatti fo'amee jiraata. Hanqaaquurraa ilmoo awaannisaatti guddata. Achii booda ga'eesa ta'ee balali'uu eegala. Wayita haalli jireenyaa isaa ilaalamu salphaa fakkaata.

Gamtaa/hoomaa awaannisaa

Kanaan duras ta'e ammas akkuma baramee awaannisni wayita walitti dhufee hoomaa ta'uun lafa magariisaa xiqqaarra qubatu umama kophaa jiraatu ta'uun isaa hafee 'hoomaa ilbiisaa ta'a.'

Gamtaa haaraa keessatti ilbiisonni kun bifa geeddarachuun gartuu hoomaa ilbiisotaa beela'e soorata barbaacha gamtaan yaa'u uumuu

Hoomaan awaannisaa akkasii guddaadha. Hoomaan tokkichi awaannisa hanga biliyoona 10 qabachuu kan danda'uu fi lafa Kiiloomeetira dhibbaan lakka'amurra haguuga. Lafa hamma 200km (maayila 120) guyyatti haguuguu danda'a.Kanaafis soorata barbaaduu fi wal horuuf jecha jireenya baadiyyaa mancaasa.

Hoomaan awaannisaa giddu galeessi tokko midhaan namoota 2,500 waggatti sooruu danda'u mancaasaa jedha Dhaabbata Biyyoota Gamtomaniitti jaarmiyaan Qonnaa fi Nyaataa (FAO).

Baay'inni hoomaa awaannisaa bara 2003-05 dhiha Afrikatti kallattiin dabaluun midhaan sassabamuu qabu $bil 2.5 tti tilmamamu balleesse jedha gabaasni UN.

Bara 1930 , 1940 fi 1950 keessas akkasuma hoomaan awaannisaa guddaan miidhaan qaqqabsiseera. Hoomaan ilbiisa kanaa muraasni lafa bal'aa kan haguugee fi 'weerara' jedhamurra labsamurra qaqqabee ture.

FAO'n awaannisni gammoojjii dacheerratti jiruu namoota 10 keesssaa nama tokkoo akka miidhu-addunyaa ilbiisa hamaa gamtaan godaanu dhuunfate uuma.

Awaannisni gammoojjii akkasii kun gosa kuruphisaati- addatti fo'amee jiraata. Hanqaaquurraa ilmoo awaannisaatti guddata. Achii booda ga'eesa ta'ee balali'uu eegala. Wayita haalli jireenyaa isaa ilaalamu salphaa fakkaata.

Kanaan duras ta'e ammas akkuma baramee awaannisni wayita walitti dhufee hoomaa ta'uun lafa magariisaa xiqqaarra qubatu umama kophaa jiraatu ta'uun isaa hafee 'hoomaa ilbiisaa ta'a.'

Gamtaa haaraa keessatti ilbiisonni kun bifa geeddarachuun gartuu hoomaa ilbiisotaa beela'e soorata barbaacha gamtaan yaa'u uumuu

Hoomaan awaannisaa akkasii guddaadha. Hoomaan tokkichi awaannisa hanga biliyoona 10 qabachuu kan danda'uu fi lafa Kiiloomeetira dhibbaan lakka'amurra haguuga. Lafa hamma 200km (maayila 120) guyyatti haguuguu danda'a.Kanaafis soorata barbaaduu fi wal horuuf jecha jireenya baadiyyaa mancaasa.

Hoomaan awaannisaa giddu galeessi tokko midhaan namoota 2,500 waggatti sooruu danda'u mancaasaa jedha Dhaabbata Biyyoota Gamtomaniitti jaarmiyaan Qonnaa fi Nyaataa (FAO).

Baay'inni hoomaa awaannisaa bara 2003-05 dhiha Afrikatti kallattiin dabaluun midhaan sassabamuu qabu $bil 2.5 tti tilmamamu balleesse jedha gabaasni UN.

Bara 1930 , 1940 fi 1950 keessas akkasuma hoomaan awaannisaa guddaan miidhaan qaqqabsiseera. Hoomaan ilbiisa kanaa muraasni lafa bal'aa kan haguugee fi 'weerara' jedhamurra labsamurra qaqqabee ture.

FAO'n awaannisni gammoojjii dacheerratti jiruu namoota 10 keesssaa nama tokkoo akka miidhu-addunyaa ilbiisa hamaa gamtaan godaanu dhuunfate uuma.

Biyyoota hedduutu bara 1926-2019 hoomaa awaannisaa gabaase
BaraGadi hir'achuuOl dabaluu ykn gadi xiqqachuuhoomaa ilbiisaa
20190180
2018000
2017000
2016500
2015200
2014700
20131000
2012900
2011700
2010400
2009500
2008800
20071300
2006100
20050200
20040230
2003500
2002000
2001000
2000200
1999400
1998700
19971200
19961500
19951500
19941300
19932000
1992500
1991000
1990300
19890150
19880026
19871500
19861200
1985200
1984000
1983700
1982500
1981500
1980600
1979040
19780150
1977300
1976900
1975700
19741100
1973700
1972500
1971400
1970700
19690110
19680250
1967700
1966200
1965400
1964600
19630100
19620290
19610290
19600044
19590047
19580041
19570037
19560035
19550043
19540040
19530043
19520027
19510410
19500330
1949900
19481200
19470290
19460360
19450042
19440047
19430043
19420035
19410240
1940060
1939500
1938300
1937600
1936600
1935600
1934090
19330180
19320027
19310035
19300045
19290041
19280034
19270220
1926080
Maddi;FAO
Hubachiisa;Gadi hir'ateera kan jedhamu awaannisni haphate yeroo socho'u; dabaleera kan jedhamummoo awwaannisni bifa weeraratiin wal hore yeroo mul'atu. Hoomaadha kan jedhamu immoo gamtaa ilbiisaa lafa bal'aa uffisee waggaa tokkoo oliif yoo mul'ate. Weerarri kun goolabamuutu hir'ateera jedhama.

Hoomaan awaannisaa haaraan babalataa jira.

Jalqaba bara kanarrattis, weerarri awaannisaa gammoojji hamaan kan waggoota kurnan darban caala hamaan baha Afrikaa fi isaan alattii midhaa minaan irraan gaheen, naannicha keessatti wabii nyaataa miidhaa jira.

Hoomaan ilbisaa kun Itoophiyaa, Keeniyaafi Somaaliyaa dabalate biyyoota baha Afrikaa akkasumas naannoo Paakistaaniitti Amajjiifi Guraandhala keessa safisaan babalate. Weerarri kunis Keeniyaatti waggoota 70'n asitti-Somaaliyaa fi Itoophiyaa keessatti ammoo waggoota 25 as weerara isa hammaatadha.

AmmasFAO'n qilleensi qabanaa'aan baatii Biteetessaa dambalii weerara awwaanisaa yeroo lammaffaa umuun naannicha keessatti jiruu ummataatiif ''balaa hinyaadamne'' akka hinqabaannee sodaataa jira.

Tarkaanfiiwwan to'annoo hojiirra kannhinolfamne yoo ta'e malee ilakoofsi ilbisootaa yeroo 20n guddachu danda'u jechuu akkeekachiisa FAO'n.

Biyyoonni hedduun weerara awaannisaaf yadda'aa jiru

Kaartaarratti weerarri awaannisaa gaanfa Afrikaatti mul'ate karaa Galaanaa Diimaa fi Daangaa Paakistaan-Indiyaa mul'iseera. Hoomaan kunis Itoophiyaa fi Keeniyaa keessa qaxxamuruun gara biyyoota birootti qaxxaamura.Maddi: FAO, Guraandhala 2020

Kunis naannoo baha Afriikaa kan sababii walitti bu'iinsa, gogiinsaa fi lolaadhaan wabiin nyaataa balliinaa keessatti mullatuutti, baayyee balaa ta'u mala. Akkasumas, haalli kunis Iraan fi Yemen keessa bakka weerarri awwaanisaa itti mullateettis yaachisaa ta'u, hima FAO'n.

Baha Afriikaa keessatti miidhaanii fi margi dheedumsaa heektaara kuma kudhan ta'u awwaanisaa barbadaa'eera.

FAO'n akka jedhutti, jalaqaba barakanaatti wayita baayyatee tureetti hoomaan awaannisaa biqiltoota toonii mil. 1.8 lafa heektara iskee Kiloomeetira 350 irraa jiru soorata.

Hoomaan tokkichi Keeniyaatti lafa bal'ina 40km (Maayila 25-40) uffisaa jedha jaarmiyaan kun

Awaannisni hangam soorachu danda'aa?

Awaannisni gammoojji tokko guyyatti amma ulfaatinasaati-2g soorataGiraafiin odeeffannoo kennu kuni amma awaannisni gammoojjii ga'eessi tokko muli'sa. Awaannisni tokko amma ulfaatinasaati 2g soorata. Hoomaan awaannisa lafa iskeer Kiiloomeetira tokkorra qubatemmoo amma namoonni 35,000 sorachuu danda'an soorata jechuudha.Madda: FAO

Damabaliin awwaanisaa marsaa lammaaffaa Itoophiyaafi Keeniyaatti mudate kan nama yaachisu yoo ta'u, irra caalaa yeroon inni itti mudatee dhimma caalaa rakkiisaa gochu danda'udha, jedhan ogeessi raaga awaannisaa olaanaa FAO Keeyith Kirismaan.

'Amma biyyoota kanneen keessatti waqtii roobaa fi yeroo itti ashaakiltiin dhaabamuudha. lafa bal'aa haguuge jiraachuun hunda caala nu yaaddessaa'' jedhan ogeessi raaga awaannisaa olaanaa FAO Keeyith Kirismaan.

Awwansi amma guddataa jiruus qillee buusuun dhaloota gara biraa godhachuun tibba waqxii omishaatti gahuu danda'u, jedha Mr Kirismaan..

Suuraa midhaan Alii Bilaa Waaqoo awwaanisni jalaa balleesse

Weerarri awwaanisaa kunis kan mudate wayita biyyoonni dhimma koronaavaayirasii dabalaa jiruu to'achuuf uggura sochii ka'aniittiidha.

Alii Bila Waaqoo , qonnaan bulaan ganna 68 Kaaba dhiya Keeniyaatti hojirra jiru rooba goginsa hamtuu booda roobeen booda waqtii kanatti callaa fooyyeen argatdha jedhetu abdata ture.

Awaannisni garuu, oomisha boqolloo fi baaqellaa isaas guutummaatti jalaa mancaasera.

'Miidhaan keenya harka caalu kan gogellee otoo hin hafiin nu jalaa nyaate'' jedhe.''Kuni baay'ee nu miidhe. midhaan ijaan argine nyaachuuf garuu hin carromne'' jedhe.

Obbo Waaqoon weerara awaannisaa bara 1960 keessa ture samii gurraachessee jechuun yaadatan.

'Waan dukkanee'eefuu, biiftuullee arguu hindandeessuu'' jedhan.

Haalli qilleensaa rakkoo kana ittu hammeesseera jedhu.

Hoomaan awaannisaa tibbana roobaafi bubbee hamaa bara 2018-19 mudatee walqabata .

Awaaannisni gammoojji iddoo goginsi jiru biyyootsa 30 Dhiyaa Afrikaa fi Indiyaa - lafa km iskuurii mil 16 ta'u tti ni argama

Garuu qilleensi qabbanaa'aan Biyyoota Arabaa kanneen qarqara galaanaatti argaman keessa waggaa lama dura ture qacceen awaannisaa osoo rakkoon isa hin mudatin dhaloota sadi walitti fufiinsaan akka jiraatu haala mijataa uumeera.

Hoomaan awaannisaa bara 2018 irraa eegalee baay'inaan dabale

Danaa akkaataa hoomaan awaannisaa biyyoota Arabaa galaanatti marsanii argaman irraa gara gaanfa Afriikaa fi daangaa Indiyaa fi Paakistaanitti itti tatamsa'u agarsiisu.Maddi: FAO, Amajjii 2020

Jalqaba bara 2019 hoomaan awaannisaa jalqabaa gara Yaman, Sa'uudii Arabiyaa fi Iraan seene. Gara biyyoota Baha Afrrikatti osoo hin godaanin baay'ee walhore.

Hoomaan awaannisaa heddummaachuun xumura bara darbeerratti gara Eertiraa, Keeniyaa fi Jibuutii godaanuun weerare.

Danaa weerara hoomaa awaannisaa Keeniyaa naannawa Samburuu

Homaan awwaanisaa tiba kanatti wal horuudhaan baatiiwwan itti aanan keessa Baha Afriikaa, Yemaniifi Kibba Iraan keessatti caalaa babalataa jira.

Awaannisi kun bakka guddaa waan qabateef weerara kana dhaabsisuun akkaan cimaa ta'uu kan dubbatan qondaalli FAO Obbo Cressman garuu weerara kana qolachuuf hojiin dursee hojjetamu qabu tureera jedhan.

'Weerara kana qolachuuf osoo iddoowwan awaannisi itti mul'ate keessatti hojiin kutannoo fi jabinaan hojjetameera ta'ee silaa yoona hir'isuun ni danda'ama ture'' jedhan.

Namoonni weerara hoomaa awaannisaa ofirraa qolachuuf ifaaju.

Weeraraa fi badii awaannisi qaqqabsiisu dabalaa jiraatus biyyoonni garuu ittisa isaarratti wal ta'aa hin jiran.

Weerara awaannisaa ittisuun waan lama irratti hundaa'a- Hordofii fi to'annoo cimaa gochuudha.

FAO jalatti tajaajila odeeffannoo kan kennu Dhaabbati 'The Desert Locust Information Service' jedhamu odeeffannoo raaga haala hoomaa awaannisaa, of eggannoo godhamuu fi qophiin taasifamuu qabu maal akka ta'e dabarsa.

Uuummanni haala yaaddessaa keessa seennaan garuu gama baay'ina awaannisaa hir'isuutiin akkasumas akka wal hin horee fi hin tatamsaane gochuuf tarkaanfiin hatattamaa fudhatamuu qaba.

Hoomaan awaannisaa akkamiin akka qolatamu

Odeeffannoo akkaataa ittiin hoomaa awaannisaatti qoricha biifuun qolachuun danda'amu danaadhana deggeruun mul'isu.Madda: FAO

Maloota ittisa awaannisaa naannoorratti dhiibbaa hin uumne fayyadamuun eegalamaa jiraatullee, ammaaf garuu qoricha farra ilbiisotaatu biifamaa jira.

Paampii harkaa, konkolaataa yookiin xiyyaaraan qoricha itti biifuudhaan hoomaa awaannisaa yeroo gabaabaa keessatti balleessuun ni danda'ama.

Sababii kanaaf jecha FAO'n wayita ammaatti motummoota waliin ta'uun xiyyaaraan farra ilbisootaa biifaa jira.

Hanga ammaattis biyyoota 10 keessatti heektaara 240,000 biifamuun, namoonni dhibba hedduus akka hojiicha raawwataniif leenjii'aniiru.

Dulli ammaa kuni kan jalqaba bara kanaa keessa ture caalaa bu'a qabeessaadha, kan jedhan Mr Kresemaan, uiggurri sochii kornovaayirasiif kaa'ame hojiicha irratti hangas baayyee dhiibbaa iakka hintaasifne dubbatan..

Suuraa midhaan Alii Bilaa Waaqoo awwanisinni miidhe

Garuu ammoo baayyina ilbisootaa hangas baayyatu bakkeewwan baadiyaa, fi ballaa keesstti to'achuu takkoo lojistikaa jiruudha. Dhugaattis baayyina awwannisaa parsantaa hangamii sirriin akka xiyyeeffatte gonkumaa hinbeektu jechuun ibsu Mr Kresmaan.

Garuu tarkaanfiin amma fudhatame ittansee maala akka ta'u murteessa. Weerarri amma jiru kun daangaa biyyootaa yoo ce'ee fi miidhaan irratti balleessaa guddaa geessise akka "weeraraatti" labsama.

Sababii kanaan ''waliin ta'uufi ogummaafi beekumsa waliin qooduun'' haalli caalaa akka hinhammaanne ittisuuf burteessaadh jedheera, Mr Krisimaan dabaluun.

Ganaa, qonnaan bulaa Keeniyaa obbo Alii Bilaa Waaqoo, tarkaanfiin kun kan barfatedha.Wanni isaan gochuu danda'an tokko yeroo ilbisonni kunneen dhufan jaarkaanii fidhanii sagalee uumuuf rukutuudha.

Ammas waan mudate kanarratti falaasama mataasaa dubbachuu itti fufe.

"Akka fedha Rabbiiti.Kun waraana isaati," jedha.

Qooda fudhattoota

Barreessuu fi qindeessuudhaan Luusii Roojers, Hojii dirree Joo'i Iinwuud, dizaayinii Zoo'i Baartoolomew fi Miili Waachiriyaa, kan fooyyessan Beekii Raash, Kaatiroonaa Moorisan fi Piiyuritii Biriir.Suuraalee awwaanisaa Iswiidbeer R Ott f Isteefan Roogers fi Getty Images. Suuraalee ooyiruu qonnaa Keeniyaa BBC'dhaan.


Odeessa dabalataa