Egeree bishaan Afrikaa: Bishaan magaalaafi biyya keessanii hangam amansiisaadha?
Baayyinni ummata addunyaa guddataa yoo deemuu fedhii bishaan qulqulluufi rakasaa faayidaa adda addaaf ooluu dabalaa jira. Kunis dhiyeessa amma jirurratti dhiibbaa olaanaafi ''hir'ina bishaanii'' geessisaa jira.
Dhabbanni Fayyaa Addunyaa akka jedhuutti, bara 2025tti ummanni addunyaa keenyaa wallakkaan naannawa hir'nni bishaanii jiruu kan jiraatu ta'a.
Fedhii dhiyeessa bishaan qulqulluu amma jiru fedhii idil-addunyaa dabalaa jiru waliin wal qixaan deemuu hin dandeenye. Bishaan addunyaarra jiru haala wal madaaluun waan hin argamneef, bishaan tajaajilaaf oolu baasuufi geejjibuun cimaadha.
Guddachuun baayyina ummataa, bal'inni magaalootaafi jijjiramni qilleensaa hanqiina bishaaniifi faalama hordofsiisuun rakkoo jiru caalaa wal xaxaa taasiseera.

Afriikaarratti yoo xiyyeeffannuu
Dhaabbanni Walta'insa Dinagdee fi Misoomaa akka raageetti, waggoota 30n dhufaniitti ummanni afriikaa dachaan guddachuun biiliyoona 2.5 ni ta'a.
Ummanni Aftiikaa walakkaan magaalaa keessa kan jiraatu yoo ta'u, isaan keessaas walakkaa ol bakka hiyyummaan miidhaman magaaloota keessatti argaman keessa jiraatu.
Tarkaanfiiwwan yoo hin fudhatamnes ummanni magaaloota keessa jiraatan miliyoona dhiibbaa ol ta'an hanqinni bishaanii yeroo dheeraa mudachuu akka danda'u oggeessoonni akeekkachiisaniiru.
Addunyaarratti bakka haala qilleensaa gammoojjii qaban

Maddi: Koppen-Geiger Climate Classification
Afriikaan ardii addunyaa haala qilleensa gammoojjii keessatti argaman keessaa tokko. Bal'inashee harka sadii keessaa lama ykn irra caalaan gammoojjiidha.
Bakka haala qilleensaa gammoojjii qaban

Maddi: Koppen-Geiger Climate Classification
Ummanni Sahaaraa-gad jiraatu harka sadii keessaa tokko bakka hanqinni bishaanii jiru jiraatudha.
Sadarkaa hanqina bishaanii biyyoota Afriikaa (2019)

Maddi: OECD 2021
Ertiraafi Botiswaanaan biyyoota Afriikaa hanqinni bishaanii olaanaan keessatti argamu keessaati.
Rakkoolee wabii bishaanii cimaa
Jijjiramni qilleensaa hongeefi lolaa dabalatee haala qilleensaa hin yaadamane biraa fida. Bakkeewwan hedduutti qulqullinni bishaan lafa jalaa hirateera.
Sababii dhukkuba hanqiina ykn qulqulina gadaanaa bishaanitiin qaqabaa jiruutiin hojiiwwanii fi qorannoon guyyoota miliyoonootaa bara baraan badaa jira.
Magaalaatti dhiyeessa bishaan qulqulluu, ujummoofi haalaa to'atameen argachuu
Waggoota digdaman darbanitti, Afriikaa guutuutti bishaan qulqulluufi ujuummoo akka walgahu gochuuf foyya'insii guddaan ta'eera.
Haata'u malee rakkoolee cimaatu jira
WHO fi UNICEF akka jedhuutti, bishaan haalaa gaariin to'atamee kan argamu, dhiyaachuu kan danda'uufi tuxxuqqaarraa bilisa. Afriikaa keessatti hangi ummata bishaan akkasii argataa jiru Laabeeriyaatti %9 hanga Afriikaa Kibbaatti %90 ta'a.


SDG 6: Rakkoo bishaan qulqulluufi qulqullinaa hundaaf
Yaa'iin Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii bara 2015 keessa ''bulchiinsa bishaanii walitti fufaafi qulqullina hundaaf argamsiisuu mirkanneessuu'' akka Galmawwan Misooma Walitti Fufaa (SDGs) 17 keessaa tokkootti kaa'ee ture.
Kunis akka SDG-6tti beekama.
Jabutii, Morookoo, Namiibiyaafi Masriin biyyoota hir'inni bishaanii cimaan akka mudatu raagame keessaati.
Ammoo biyyoonni Afrikaa hundinuu SDG-6 fiixaan baasuurratti rokkoolee cimaatu mudata.
Xiinxala 2019 keessa gaggeefameen biyyoonni muraasni haala gaariin adeemaa kan jiran yoo ta'u, walakkaa kan ta'an fooyyee hin agarsiifne.
Tarkaanfiiwwan dhimmoota sadiirratti xiyyeeffate:bishaan xuraa'aa qull'qulleessuufi deebiisanii fayyadamuu; bu'a-qabeessummaa qonnaa dabaluu, akkasumas pirojaktoota injinariingii gosa garaa garaarratti invasti gochuudha.





